LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kp ful. 9-11
  • Jireenyi Kee Garamitti Adeemaa Jira?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jireenyi Kee Garamitti Adeemaa Jira?
  • Dammaqinaan Eegaa!
Dammaqinaan Eegaa!
kp ful. 9-11

Jireenyi Kee Garamitti Adeemaa Jira?

• Namoonni baay’een jireenya guyyaa guyyaatiin guutummaatti waan qabamaniif, jireenyisaanii garam akka deemu hin beekan.

• Macaafni Qulqulluun wantoota dinqisiisaa fuulduratti raawwataman akka hubannuuf dursee nu dammaqsa. Badiisa dhaabbata ilmaan namootaa hundarratti dhufaa jiru ilaalchisees akeekkachiisa nuuf kenna. Kanarraa faayidaa argachuufi badiisarraa ooluuf, dafnee tarkaanfii fudhachuun keenya barbaachisaadha.

• Namoonni tokko tokko waan Macaafni Qulqulluun jedhu beeku, hojiirra oolchuufis ni carraaqu, garuu, bu’aa bayiin jireenyaa karaa dogoggoraatti akka isaan geessu heyyamaniiru.

• Akkaataan jireenya kee itti sigammachiisaa? Waa hojjechuuf sagantaa yeroo baastu, wanti kun, karoora dheeraa jireenya keetiif baasterratti dhiibbaa maalii akka fidu ni madaaltaa?

[Saanduqa/Fakkii fuula 9rra jiru]

Siif Wanti Hunda Caalaatti Barbaachisaa Ta’e Maalidha?

Dhimmoota armaan gadiitiif iddoo akkamii kennitaaf? Akka barbaachisummaasaaniitti tartiibaan kaa’i.

Baay’eensaanii jireenya keessatti gahee guddaa qabu, haata’u malee yeroo filattu isa kamiif dursa kennita?

․․․ Bashannana

․․․ Hojii

․․․ Fayyaa koo

․․․ Gammachuu

․․․ Hiriyaa gaa’elaa

․․․ Warra koo

․․․ Ijoollee koo

․․․ Manaafi uffata gaarii

․․․ Waanan hojjedhu hundaan warra kaan caalee argamuu

․․․ Waaqeffannaa

[Fakkii fuula 10,11rra jiru]

Filannoowwan Kee Dhugumaan Gara Barbaaddutti Sigeessaa Jiruu?

GAAFFIIWWAN KANAA GADIIRRATTI YAADI

BASHANNANUU: Bashannanni ani filadhu nahaaromsaa? Dhibee fayyaafi hir’ina qaamaatiif kan nasaaxiludhaa? Gammachuu yeroo xinnootiif jecha wanta yeroo dheeraadhaaf sammuu najeequdhaa? Bashannanni sun gaarii ta’ullee, yeroo dheeraa waan fudhatuuf, wanta barbaachisaa ta’e akkan hin hojjenne kan yeroo nadhabsiisudhaa?

HOJII: Hojiin koo, wantoota jireenyaaf barbaachisaa ta’an kanan itti argadhudhamoo, garbicha nagodhateera? Hojiin ani hojjedhu humna guddaafi yeroo baay’ee kan gaafatu ta’uusaatiin fayyaan koo balaarra bu’eeraa? Qarshii dabalataa argachuuf yeroo dheeraa hojiirratti dabarsuumoo, hiriyaa gaa’elaa ykn ijoollee koo wajjini? Namni naqacare, hojii sammuu namaa jeequ ykn sochii hafuuraarraa nama dhowwu akkan hojjedhu utuu na ajajee, hojii akkan hin dhabneef jedhee itti fufuun fedhaa?

FAYYAA KOO: Fayyaa kootiif dhimma hin qabumoo ofeeggannoo nan godha? Yeroo hundumaa waa’ee fayyaakootiin dubbadhaa? Ofeeggannoon ani fayyaa kootiif godhu akkan maatii kootiif yaadu ni argisiisaa?

GAMMACHUU: Gammachuun dhuunfaa wantan dursa kennuufidhaa? Gammachuu hiriyaa gaa’elaafi maatii koo caalaattan gammachuu kootiif dursa kennaa? Akkaataan ani gammachuu itti barbaadu, Waaqa dhugaa waaqeffachuu koo akkan itti fufu kan nadandeessisudhaa?

HIRIYAA GAA’ELAA: Hiriyaa gaa’elaa koo yeruma natti tolu qofaan akka hiriyaa kootti ilaalaa? Akka nama kabajaan qabamuu qabu tokkoottin hiriyaa gaa’elaa koo qabaa? Waaqayyotti amanuun koo karaan hiriyaa gaa’elaa koo itti qaburratti jijjiirama fideeraa?

WARRA KOO: Ijoollee yoon ta’e, kabajaan deebii deebisuudhaan, hojii naaf kenname hojjechuudhaan, sa’aatii warri koo barbaadanitti manatti galuudhaan, akkasumas filannoo hiriyaa ykn hojii ilaalchisee akeekkachiisa warri koo naakennaniif nan ajajamaa? Ga’eessa yoon ta’emmoo, wanta isaan barbaachisuun gargaaruudhaan warra koo kabajaan nandhaggeeffadhaa? Akkaataan itti isaan qabu, karaa natti toluunimoo, karaa gorsa Sagalee Waaqayyoorratti argamuunidha?

IJOOLLEE KOO: Amala gaarii argisiisuun faayidaa maalii akka qabu mana barumsaatii akka baratanin eegamoo, kana gochuun itti gaafatama koo akka ta’e natti dhaga’ama? Ijoolleen koo meeshaa ittiin taphataniin, Televiijiinii ilaaluudhaanfi compiitraan akka yeroonsaanii qabamu heeyyamaafmoo isaanii wajjinan yeroo dabarsa? Ijoolleen koo akeekkachiisa Waaqayyoo yeroo cabsan hundaan adabamoo, keessumaa yeroo wanta na aarsu hojjetan qofan isaan adabaa?

MANAAFI UFFATA GAARII: Qabeenyaafi akkaataa uffannaa kootiif xiyyeeffannaa akkamiin kenna? Dinqisiifannaa ollaawwan kootii ittiin argachuufan barbaadaa? Wantoota kanaaf ilaalchi ani qabu akkan maatii kootiif yaadu ni argisiisaa? Akkan Waaqayyoon waaqeffadhu ni argisiisaa?

WAANAN HOJJEDHU HUNDAAN WARRA KAAN CAALEE ARGAMUU: Akka gaariitti hojii hojjechuun barbaachisaa akka ta’e natti dhaga’amaa? Warra kaan caaluuf nan carraaqaa? Namni garabiraan yeroo akka gaariitti waa hojjetu nan aaraa?

WAAQEFFANNAA: Hiriyaa gaa’elaa koo, ijoollee koo, warra koo, ykn warra naqacaran caalaatti, Waaqayyo biratti fudhatama qabaachuu nan barbaadaa? Jireenya mijaa’aa jiraachuuf jecha, tajaajilan Waaqayyoof dhiheessu sadarkaa lammaffaarran kaa’aa?

GORSA MACAAFA QULQULLUU KANAAN GADII SIRRIITTI HUBADHU

Waaqayyo jireenya kee keessatti iddoo akkamii qaba?

Lallaba 12:​13: “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama; xumurri dubbii dhageenye kana hundumaas isa kana.”

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU: Ilaalchi ani wantootaaf qabu caqasa armaan olitti ibsamee wajjin kan wal simu ta’uusaa jireenyi koo ni argisiisaa? Ajaja Waaqayyootiif abboomamuun koo itti gaafatamummaa ani mana keessatti, bakka hojiittiifi mana barumsaatti qaburratti jijjiirama fidaa jiramoo, wantoonni garabiraan ykn dhiibbaan jireenyaa yeroon waaqeffannaadhaaf ramadu akka najalaa murteessan gochaan jira?

Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya akkamiiqabda?

Fakkeenya 3:​5,6: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha”

Maatewos 4:​10: “Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!”

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU: Waa’ee Waaqayyoo akka armaan olitti ibsametti natti dhaga’amaa? Sochiin koo guyyaa guyyaafi haalli ani rakkinaaf furmaata itti barbaadu, isatti amanamuu koofi isaaf of dhiheessuu koo ni argisiisaa?

Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qorachuun siif hammam faayidaa qabeessadha?

Yohannis 17:​3: “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”

AKKAS JEHDII OF GAAFADHU: Ilaalchi ani Sagalee Waaqayyoo dubbisuufi irratti xiinxaluuf qabu, akkan Macaafa Qulqulluutti amanu kan argisiisudhaa?

Walga’iiwwan gumiirratti argamuu akkamitti ilaalta?

Ibroota 10:24, 25: “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu ... guyyaan gooftaa dhi’aachaa akka adeemu in argitu.”

Faarfannaa 122:​1: “‘Gara mana Waaqayyoo dhaqna!’ yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade.”

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU: Akkaataan jireenya kootii, qajeelfama Sagalee Waaqayyoorratti argamu kana, akkan dinqisiifadhu ni argisiisaa? Ji’a darbe, wanta garabiraa dursuu kootiin walga’iiwwan Kristiyaanaa utuun irratti hin hirmaatin hafe qabaa?

Waa’ee Waaqayyoofi kaayyoowwansaa warra kaaniif hiruurratti hinaaffaadhaan hirmaachaa jirtaa?

Maatewos 24:​14: “Akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.”

Maatewos 28:​19, 20: “Egaa dhaqaa, ... saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa!”

Faarfannaa 96:​2: “Waaqayyoon faarfadhaa, maqaa isaas eebbisaa, fayyisuu isaas guyyuma guyyaatti labsaa!”

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU: Jireenya koo keessatti sochiiwwan akkasii kun bakka argachuu qaban argataniiruu? Sochii kanaaf carraaqqii ani godhu, yeroon keessa jirruu kun ariifachiisaa ta’uusaa akkan amanu ni argisiisaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi