Ergaa Abbaa fi Haadha Kiristiyaanota Taʼaniif Darbe:
Warra waan taataniif ijoolleen keessan Yihowaa akka jaalatanii fi isaaf akka of murteessan gargaaruu barbaaddu. Ijoolleen keessan cuuphamuuf akka qophaaʼan gargaaruuf maal gochuu dandeessu? Tarkaanfii barbaachisaa taʼe kana fudhachuuf qophaaʼoo kan taʼan hoo yoomi?
Yesuus, “Isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa” jechuudhaan duuka buutota isaa ajajeera. (Mat. 28:19) Akka caqasa kanaatti cuuphamuuf wanti barbaachisu inni guddaan duuka buutuu taʼuu dha. Namni duuka buutuu taʼe immoo barumsawwan Kiristoos hubachuu fi amanuu qofa utuu hin taʼin hojii irra oolcha. Kun wanta ijoolleen illee gochuu dandaʼani dha.
Ijoollee keessaniif fakkeenya gaarii taʼaa, akkasumas barumsawwan Yihowaa irra deddeebiʼaa isaan barsiisaa. (Kes. 6:6-9) Kunis odeeffannoowwan kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurra jiranitti fayyadamuudhaan barumsawwan Kitaaba Qulqulluu buʼuura taʼan isaan barsiisuu fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti yaaduu fi ittiin jiraachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisuu dabalata. Ijoolleen keessan wantoota itti amanan jecha mataa isaaniitiin ibsuu akka dandaʼan isaan gargaaraa. (1 Phe. 3:15) Beekumsii fi jajjabinni isaan isin irraa, qoʼannaa dhuunfaa isaanii irraa, waaqeffannaa maatii irraa, walgaʼiiwwan gumii irraa, akkasumas michoota gaarii irraa argatan guddina godhanii akka cuuphamanii fi guddina gochuu isaanii akka itti fufan isaan gargaara. Ijoolleen keessan galmawwan hafuuraa akka baafatan gargaaraa.
Fakkeenyi 20:11: “Mucaan iyyuu qullaaʼaa fi qajeelaa taʼuun isaa, hojii isaatiin in beekama” jedha. Wantoonni mucaan tokko barataa Yesuus Kiristoos akka taʼee fi cuuphamuuf qophaaʼaa akka taʼe argisiisan tokko tokko maal faʼi?
Mucaan cuuphamuuf guddina gochaa jiru tokko warra isaatiif ajajamuu qaba. (HoE. 5:29; Qol. 3:20) Kitaabni Qulqulluun Yesuus yeroo umuriin isaa waggaa 12 turetti, “[Warra isaatiif] bitamuu isaas itti fufe” jedha. (Luq. 2:51) Dhugaa dha, ijoolleen keessan hirʼina kan hin qabne akka taʼan eeguu hin qabdan. Taʼus, mucaan cuuphamuu barbaadu tokko fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii gochuu fi warra isaatiif bitamuudhaan kan beekamu taʼuu qaba.
Kana malees dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barachuuf fedhii akka qabu argisiisuu qaba. (Luq. 2:46) Mucaan keessan walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu fi hirmaannaa gochuuf fedhii qabaa? (Far. 122:1) Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼannaa dhuunfaa gochuuf hoo fedhii qabaa?—Mat. 4:4.
Mucaan cuuphamuuf guddina gochaa jiru tokko fedhii Mootummichaatiif dursa kennuuf carraaqqii godha. (Mat. 6:33) Waaʼee amantii isaa warra kaanitti himuuf itti gaafatamummaa akka qabu ni hubata. Gosoota tajaajilaa adda addaa irratti ni hirmaata, akkasumas Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼe barsiisotaa fi barattoota isa wajjin baratanitti himuuf hin qaanaʼu. Kutaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa irratti isaaf kennamuuf iddoo guddaa kenna.
Michummaa gaarii hin taane irraa fagaachuudhaanis karaa naamusaa qulqulluu taʼee jiraachuuf carraaqqii godha. (Fak. 13:20; 1 Qor. 15:33) Kunis filannaa inni muuziqaa, fiilmii, sagantaalee televijinii, taphawwan viidiyoo fi itti fayyadama intarneetii ilaalchisee godhuun calaqqisiifama.
Ijoollee baayʼeen carraaqqii cimaa warri isaanii godhaniif deebii gaarii kennuudhaan, dhugaa kan mataa isaanii godhachuu fi xinnummaa isaanitti cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuu dandaʼaniiru. Ijoolleen keessan galma guddaa hariiroo isaan Yihowaa wajjin qaban tuqu kana irra akka gaʼan yommuu gargaartanitti Yihowaan akka isin eebbisu ni hawwina.
Ergaa Babalʼistoota hin Cuuphamneef Darbe:
Babalʼisaa hin cuuphamne taʼanii miseensota gumii wajjin tajaajiluun mirga guddaa dha. Guddina karaa hafuuraatiin gooteef galateeffamuu qabda. Dubbii isaa qoʼachuudhaan waaʼee Waaqayyoo beekteetta, akkasumas abdiiwwan inni kenne irratti amantii akka qabdu argisiisteetta.—Yoh. 17:3; Ibr. 11:6.
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu utuu hin jalqabin dura, karaa taʼe tokkoon dhaabbilee amantii adda addaa wajjin walitti dhufeenya qabda taʼa, yookiin immoo miseensa dhaabbata amantii kamii iyyuu hin turre taʼa. Tarii, gochawwan dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessan kan biroo irratti hirmaachaa turte taʼa. Taʼus, amma yaada geeddarachuudhaan, jechuunis gochawwan gadhee kanaan dura hojjechaa turtetti gaabbuudhaan amantii kee hojiidhaan argisiisteetta. Akkasumas deebiʼuudhaan, jechuunis daandii dogoggoraa kanaan dura irra adeemaa turte dhiisuu fi wanta fuula Waaqayyoo duratti sirrii taʼe raawwachuuf murteessuudhaan amantii kee hojiidhaan argisiisteetta.—HoE. 3:19.
Gama biraatiin immoo, “daaʼimummaa keetii jalqabdee” kitaabota qulqulluu baratteetta taʼa. Kunis amala gadhee argisiisuu fi cubbuu guddaa hojjechuu irraa akka fagaattu si gargaaree taʼuu dandaʼa. (2 Xim. 3:15) Dhiibbaa hiriyaa fi dhiibbaawwan kan biroo wanta Yihowaa duratti gadhee taʼe akka raawwattu si taasisan dandamachuu akkamitti akka dandeessu baratteetta. Waaqeffannaa dhugaa deeggaruudhaan, akkasumas waaʼee wantoota itti amantuu warra kaanitti himuudhaan amantii kee hojiidhaan argisiisteetta. Tajaajila Kiristiyaanaa irratti leenjii argatteetta. Kanaafuu amma babalʼisaa hin cuuphamne taatee Yihowaa tajaajiluuf murtoo dhuunfaa gooteetta.
Waaʼee Yihowaa kan baratte erga guddattee boodas taʼe daaʼimummaa keetii jalqabdee, yeroo ammaatti karaa hafuuraa guddina gochuudhaan tarkaanfiiwwan dabalataa lama fudhachuuf jechuunis, Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuuf yaadaa jirta taʼa. Bara baraan isa qofa waaqeffachuuf murtoo goote kadhannaadhaan isaaf ibsuudhaan Yihowaadhaaf of murteessita. (Mat. 16:24) Achiis, murtoo akkasii gochuu kee bishaaniin cuuphamuudhaan argisiista. (Mat. 28:19, 20) Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuudhaan tajaajilaa Yihowaa muudame taata. Kun immoo mirga guddaa dha!
Haa taʼu malee, yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼattu akka hubattetti, rakkoowwan garaa garaa si mudachuu dandaʼu. Yesuus cuuphamee utuu baayʼee hin turin ‘Diyaabilosiin akka qoramuuf hafuuraan gara lafa onaatti geeffamuu’ isaa yaadadhu. (Mat. 4:1) Barataa Kiristoos taʼuudhaan erga cuuphamtee booda, qorumsi dabalataa akka si irra gaʼu eeguu dandeessa. (Yoh. 15:20) Qorumsawwan kun karaa adda addaatiin dhufuu dandaʼu. Maatii kee irraa mormiin si irra gaʼuu dandaʼa. (Mat. 10:36) Namoonni ati wajjin barattuu fi wajjin hojjettu, akkasumas hiriyoonni kee duraanii sitti qoosuu dandaʼu. Taʼus, yeroo hunda wanta Yesuus Maarqos 10:29, 30 irratti akkana jechuudhaan dubbate yaadadhu: “Dhuguman isiniin jedha, namni anaa fi misiraachichaaf jedhee, mana yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin maasii dhiise, yeroo ammaatti ariʼatamaa wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi maasii dachaa 100, sirna dhufu keessatti immoo jireenya bara baraa kan hin arganne hin jiru.” Kanaafuu, Yihowaatti dhihaattee jiraachuu fi ulaagaa inni qajeelummaadhaaf baase eeguuf cimtee hojjechuu kee itti fufi.
Cuuphamuu yoo barbaadde, qindeessaa qaama jaarsoliitti himi. Jaarsoliinis cuuphamuuf gaʼeessa taʼuu fi taʼuu dhiisuu kee murteessuuf gaaffiiwwan ergaa kanatti aananii jiranitti fayyadamanii si wajjin mariʼatu. Kutaa qoʼannaa dhuunfaa kee keessaa akka tokkootti ilaaluudhaan, gaaffiiwwan kana qoʼachuu jalqabuu dandeessa.
Marii jaarsolii wajjin gootuuf qophaaʼuu yeroo jalqabdu, caqasoota kallattiidhaan caqasaman hunda dubbisuu fi irratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Buukleetii kana irratti ykn wanta kan biraa irratti yaadannoo dhuunfaa qabachuu ni dandeessa. Yeroo jaarsolii wajjin mariʼattu, yaadannoo qabattetti fayyadamuu fi buukleetii kee bantee qabachuu ni dandeessa. Wanti ifa siif hin taane yoo jiraate immoo, obboleessi Kitaaba Qulqulluu si qoʼachiisus taʼe jaarsoliin akka si gargaaran gaafachuu irraa duubatti hin jedhin.
Yeroo jaarsolii wajjin mariʼattu, gaaffilee dhihaataniif deebii dheeraa ykn wal xaxaa taʼe deebisuu akka qabdu sitti hin dhagaʼamin. Jecha mataa keetiitiin karaa ifa taʼee fi kallattiidhaan deebisuun kee gaarii dha. Akkasumas, gaaffiiwwan baayʼee yeroo deebistu, caqasawwan Kitaaba Qulqulluu deebii keetiif buʼuura taʼan tokko ykn lama caqasuun kee gaarii dha.
Barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee beekumsa gaʼaa hin arganne yoo taʼe, jaarsoliin gargaarsa akka argattu qophii siif godhu; kun immoo barumsawwan Kitaaba Qulqulluu sirriitti hubattee jecha mataa keetiitiin ibsuu akka dandeessuu fi yeroo booda immoo cuuphamuuf gaʼeessa akka taatu si gargaara.
[Hubachiisa jaarsolii gumiitiif kenname: Marii kaadhimamtoota cuuphaa wajjin taasifamu ilaalchisee qajeelfamoonni kennaman fuula 54-59 irratti argamu.]