GAAFFILEE NAMOOTA CUUPHAMUU BARBAADANIIF DHIHAATAN
Kutaa 2: Jireenya Kiristiyaanaa
Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼattu, wanta Yihowaan si irraa barbaaduu fi ulaagaalee inni qajeelummaadhaaf baase eegdee jiraachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baratteetta. Wanta baratte hojii irra oolchuuf, amala kee fi ilaalcha jireenyaaf qabdu irratti sirreeffama hedduu gooteetta taʼa. Kanaafuu, amma ulaagaa Yihowaan qajeelummaadhaaf baase wajjin haala wal simuun jiraachuuf murtoo gochuu keetiin, tajaajilaa misiraachichaa taʼuudhaan tajaajila Yihowaa biratti fudhatama qabu dhiheessuuf qophoofteetta jechuu dha.
Gaaffiiwwan kanaa gaditti ibsaman irra deebitee ilaaluun kee, ulaagaalee Yihowaan qajeelummaadhaaf baase akka gaariitti yaadachuuf kan si gargaaru taʼuu isaa irra iyyuu, tajaajiltoota isaa warra isa biratti fudhatama argatan keessaa tokko taʼuuf wantoota gochuu qabdu tokko tokko si yaadachiisa. Yaanni as irratti dhihaate wanta hundumaa qalbii qulqulluudhaan, akkasumas karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduun raawwachuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubattu si gargaara.—2 Qor. 1:12; 1 Xim. 1:19; 1 Phe. 3:16, 21.
Qoʼannaa keetiin sadarkaa kana irra gaʼuun keetiin kan kaʼe, bulchiinsa Yihowaatiif bitamuu fi kutaa jaarmiyaa isaa taʼuuf akka hawwitu hin shakkisiisu. Gaaffiiwwanii fi caqasoonni kun gumii keessattis taʼe maatii keessatti ykn sirna siyaasaa addunyaa kanaa wajjin haala wal qabateen qophii Yihowaan godheef bitamuu ilaalchisee hubannaa qabdu qoruuf si gargaara. Qophii Yihowaan saba isaa karaa hafuuraa barsiisuu fi amantii isaanii cimsuuf godheef dinqisiifannaan qabdu akka dabale hin shakkisiisu. Kunis walgaʼiiwwan gumii hamma haalli kee siif heyyametti irratti argamuu fi irratti hirmaachuu barbaaddu kan dabalatu dha.
Kana malees, kutaan kun hojii waaʼee Mootummichaa lallabuu irratti yeroo hunda hirmaachuun, namoonni waaʼee Yihowaa fi wanta inni ilmaan namootaatiif gochaa jiru akka beekan gargaaruun barbaachisaa taʼuu isaa ibsa. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Dhuma irrattis Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuun kee dhimma salphaa akka hin taane hubachuuf si gargaara. Yihowaan gaarummaa guddaa inni sitti argisiiseef deebii ati garaadhaa kennitu akka dinqisiifatu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.
Gaaʼela ilaalchisee ulaagaan Kiristiyaanonni hordofan isa kami? Ragaan Kitaaba Qulqulluu wal hiikuuf buʼuura taʼu isa kam qofa dha?
“Waaqayyo jalqabumaa kaasee dhiiraa fi dubartii godhee akka isaan uume hin dubbisnee? ‘Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa; haadha manaa isaattis ni maxxana; lamaanuu foon tokko ni taʼu’ akka jedhe hoo hin dubbisnee? Kanaaf, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin. . . . Namni utuu ishiin halalummaa hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi ejja raawwata.”—Mat. 19:4-6, 9.
Namoonni utuu wal hin fuudhin waliin jiraatan seeraan gaaʼela godhachuu kan qaban maaliifi? Gaaʼela godhatteetta yoo taʼe gaaʼelli keessan seera qabeessaa fi mootummaa biratti kan beekamudhaa?
Maatii keessatti gaʼeen kee maali?
“Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhagaʼi, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin.”—Fak. 1:8.
“Akkuma Kiristoos gumichaaf mataa taʼe, abbaan manaas mataa haadha manaa ti . . . Abbootii manaa nana, akkuma Kiristoos gumii jaallate . . . haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa.”—Efe. 5:23, 25.
“Abbootii nana, ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa; kanaa mannaa, leenjii fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa.”—Efe. 6:4.
“Isinis yaa ijoolle, kun Gooftaa kan gammachiisu waan taʼeef, waan hundumaan warra keessaniif ajajamaa.”—Qol. 3:20.
“Isin haadhotiin manaas . . . abbootii manaa keessaniif bitamaa.”—1 Phe. 3:1.
Jireenyaaf kabaja argisiisuu kan qabnu maaliifi?
“Namoota hundaatiif jireenyaa fi hafuura, akkasumas wantoota hunda kan kennu [Waaqayyo dha] . . . nuti jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani.”—HoE. 17:25, 28.
Daaʼima hin dhalanne dabalatee nama kam iyyuu ajjeesuu kan hin qabne maaliifi?
“Namoonni utuu waldhaansoo wal qabanii dubartii ulfa taate yoo miidhan, . . . Namni duʼe jira taanaan . . . bakka lubbuu lubbuu [kaffaluu qabda].”—Bau. 21:22, 23, NW.
“Nama taʼuun koo utuu hin beekamin iji kee na arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaaʼamuu utuu hin jalqabin, guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman.”—Far. 139:16.
“Waaqayyo . . . harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu [ni jibba].”—Fak. 6:16, 17.
Waaqayyo dhiiga ilaalchisee ajaja akkamii kenne?
“Dhiiga irraa, [akkasumas] foon horii hudhamee duʼe irraa . . . guutummaatti yoo fagaattan gaarii isiniif taʼa.”—HoE. 15:29.
Obbolootaa fi obboleettota keenya Kiristiyaanota taʼan jaalachuu kan qabnu maaliifi?
“Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraan isiniif kenna; akkuma ani isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”—Yoh. 13:34, 35.
Dhukkuba namatti darbuu fi nama ajjeesuu dandaʼu warra kaanitti akka hin dabarsineef (a) Namni dhukkuba akkasiitiin qabame tokko warra kaan hammachuu fi dhungachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Obboloonni tokko tokko mana isaaniitti isa affeeruu yoo dhiisan mufachuu kan hin qabne maaliifi? (c) Namni dhukkuba namatti darbuu dandaʼuuf saaxilamee ture tokko gaaʼelaaf wal qorachuu jalqabuu isaa dura fedhii isaatiin qorannaa dhiigaa gochuu kan qabu maaliifi? (d) Namni dhukkuba namatti darbuu dandaʼu qabu cuuphamuu isaa dura qindeessaa qaama jaarsoliitti himuu kan qabu maaliifi?
“Wal jaallachuu malee idaan eenyuu illee isin irra hin jiraatin. . . . ‘Nama akka ofii keetti jaalladhu.’ . . . Jaalalli wanta hamaa nama irratti hin hojjetu.”—Rom. 13:8-10.
“Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filp. 2:4.
Yihowaan warra kaaniif dhiifama akka goonu kan nu irraa eegu maaliifi?
“Namni tokko sababii isa kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise isinis tola waliif dhiisuu qabdu.”—Qol. 3:13.
Obboleessi tokko maqaa kee yoo balleesse ykn yoo si gowwoomse maal gochuu qabda?
“Obboleessi kee cubbuu yoo si irratti hojjete dhaqiitii bakka atii fi inni qofti jirtanitti dogoggora isaa ifatti itti himi. Yoo si dhaggeeffate, obboleessa kee deebistee argatte jechuu dha. Yoo si dhaggeeffachuu dide garuu, wanti hundinuu ragoota lama yookiin sadiin waan mirkaneeffamuuf, nama tokko yookiin nama lama fudhadhuu dhaqi. Isaaniin dhaggeeffachuu yoo dide immoo gumiitti himi. Gumichas dhaggeeffachuu yoo dide, akka nama Waaqayyotti hin amannee fi akka nama qaraxa sassaabuutti isa ilaali.”—Mat. 18:15-17.
Yihowaan cubbuuwwan kanatti aananii jiraniif ilaalcha akkamii qaba?
▪ Halalummaa
▪ Waaqeffannaadhaaf fakkiiwwanitti fayyadamuu
▪ Saalqunnamtii saala walfakkaatu gidduutti raawwatamu
▪ Hanna
▪ Qumaara
▪ Machii
“Hin gowwoominaa. Warri halaleen, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan, ejjitoonni, warri gadhaaʼan, warri nama gadhoomsan, hattoonni, sassattoonni, warri machaaʼan, warri nama arrabsanii fi nama saaman Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.”—1 Qor. 6:9, 10.
Halalummaa isa gochawwan saalqunnamtii gaaʼelaan alatti raawwataman garaa garaa dabalatu ilaalchisee maal gochuuf murteessiteetta?
“Halalummaa irraa baqadhaa!”—1 Qor. 6:18.
Yaalii fayyaatiif yoo taʼe malee, qorichawwan araada nama qabsiisan ykn sammuu namaa hadoochan fudhachuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
“Qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu gootanii akka dhiheessitan gara laafina Waaqayyootiin isin nan kadhadha; kunis tajaajila qulqulluu dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtanii dhiheessitani dha. Kana malees wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ofuma keessanii mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.”—Rom. 12:1, 2.
Gochawwan jinniiwwanii Waaqayyo dhorke keessaa tokko tokko maal faʼi?
“Namni . . . hooda dubbatu, namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin! Namni nama dawweessu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun yookiis namni warra duʼan waamu si keessatti hin argamin!”—Kes. 18:10, 11.
Namni tokko cubbuu cimaa yoo hojjetee fi deebisee Yihowaa biratti fudhatama argachuu yoo barbaade yeruma sana maal gochuu qaba?
“Yommus ani cubbuu koo sitti nan himadhe, yakka koos ani hin dhoksine; ani, ‘Irra-daddarbaa koo Waaqayyotti nan himadha’ nan jedhe.”—Far. 32:5.
“Isin gidduudhaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii gumii ofitti haa waammatu; isaanis maqaa Yihowaatiin zayitii dibanii isaaf haa kadhatan. Kadhannaan amantiidhaan dhihaate isa dhukkubsate sana ni fayyisa, Yihowaanis isa ni kaasa. Cubbuu hojjeteera yoo taʼes isaaf ni dhiifama.”—Yaq. 5:14, 15.
Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo beekte maal gochuu qabda?
“Namni tokko kaksiifamee yommuu gaafatamu wanta argee fi wanta beeku dhugaa baʼuu diduu isaatiin cubbuu yoo hojjete, yakka isaatti in gaafatama.”—Lew. 5:1.
Namni tokko kana booda Dhugaa Baatuu Yihowaa akka hin taane beeksisni yoo himame maal gochuu qabna?
“Nama obboleessa utuu ofiin jedhuu, halalummaatti jiraatu yookiin sassattuu taʼe yookiin waaqolii tolfamoo waaqeffatu yookiin nama arrabsu yookiin machooftuu yookiin saamtuu taʼee wajjin michummaa qabdan akka dhiistaniifi; nama akkanaa wajjin nyaata illee hin nyaatinaa.”—1 Qor. 5:11.
“Namni kam iyyuu gara keessan yoo dhufee fi barumsa kana yoo fiduu baate, mana keessanitti isa hin simatinaa yookiin nagaa isa hin gaafatinaa.”—2 Yoh. 10.
Michoonni kee namoota Yihowaa jaalatan taʼuu kan qaban maaliifi?
“Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa; miiltoon gowwootaa garuu in bada.”—Fak. 13:20.
“Hin gowwoominaa. Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa.”—1 Qor. 15:33.
Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa kan hin galle maaliifi?
“Akkuma ani [Yesuus] kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa miti.”—Yoh. 17:16.
Mootummaadhaaf ajajamuu kan qabdu maaliifi?
“Waaqayyo biraa yoo taʼe malee aangoon waan hin argamneef, namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu; abbootiin taayitaa amma jiran aangoo isaanii isa daangaa qabu kan argatan Waaqayyo biraa ti.”—Rom. 13:1.
Seerri namootaa tokko seera Waaqayyoo wajjin yommuu wal faallessu maal goota?
“Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu qabna.”—HoE. 5:29.
Hojii tokko yommuu filattu caqasoonni addunyaa irraa adda baatee jiraachuuf si gargaaran kam faʼi?
Bashannanni ati filattu kan akkamiiti? Kan irraa fagaattu hoo kan akkamiiti?
“Waaqayyo . . . isa humnaan nama irratti kaʼuu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba.”—Far. 11:5.
“Wanta hamaa taʼe jibbaa; wanta gaarii taʼetti maxxanaa.”—Rom. 12:9.
“Wanta dhugaa taʼe hunda, wanta ulfina qabu hunda, wanta qajeelaa taʼe hunda, wanta qulqulluu taʼe hunda, wanta jaallatamaa taʼe hunda, wanta maqaa gaarii qabu hunda, wanta gaarii taʼe hunda, wanta galateeffamu hunda, wantoota kana yaaduu keessan itti fufaa.”—Filp. 4:8.
Dhugaa Baatonni Yihowaa gareewwan amantii kan biroo wajjin kan hin waaqeffanne maaliifi?
“‘Maaddii Yihowaa’ fi maaddii jinniiwwanii irraa nyaachuu hin dandeessan.”—1 Qor. 10:21.
“‘Adda of baasaa’ jedha Yihowaan, ‘wanta xuraaʼaa hin tuqinaa’; ‘anis isin nan simadha.’”—2 Qor. 6:17.
Dhugaawwan buʼuuraa ayyaana tokko irratti hirmaachuu fi dhiisuuf akka murteessitu si gargaaran kam faʼi?
“Saba lafa irraa wajjin wal makan, waan isaan hojjetanis hojjechuu in baran. Waaqayyolii tolfamoo isaaniif in hojjetan, kunis kiyyoo isaanitti taʼe.”—Far. 106:35, 36.
“Warri duʼan . . . waan tokko iyyuu hin beekan.”—Lal. 9:5.
“Akkuma ani kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa miti.”—Yoh. 17:16.
“Yeroon duraa inni isin addaggummaadhaan, kajeellaa toʼannaa hin qabneen, akka malee dhuguudhaan, gadhiisiidhaan, dorgommiidhaan hedduu dhuguu fi waaqolii tolfamoo jibbisiisaa taʼan waaqeffachuudhaan fedhii namoota addunyaa raawwachaa itti turtan ni gaʼa.”—1 Phe. 4:3.
Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman guyyaa dhalootaa kabajuu fi dhiisuuf akka murteessitu kan si gargaaran akkamitti?
“Guyyaan sadaffaan guyyaa mootiin Gibxii dhalachuu isaa ayyaaneffatu waan tureef, hojjetoota isaa hundumaaf nyaachisa guddaa godhe; inni eegduu warra dhugaatii dhiʼeessanii, eegduu warra buddeena tolchaniis hojjetoota isaa gidduutti ol in waamsise. Innis eegduu warra dhugaatii dhiʼeessanii sana hojii dhugaatii dhiʼeessuu isaatti isa deebise; . . . eegduun warra buddeena tolchanii immoo akka rarraafamu godhe.”—Uma. 40:20-22.
“Yeroo guyyaan dhalootaa Heroodis kabajamutti garuu, intalli Herodiyaas keessummoota sana duratti sirbitee guddaa isa gammachiiste; innis wanta ishiin gaafatte hunda akka ishiidhaaf kennu kakatee waadaa galeef. Intalattiinis haadha ishiitiin gorfamtee, ‘Mataa Yohaannis Cuuphaa ammuma saaniitti anaaf kenni’ jetteen. Achiis, mana hidhaatti namoota ergee mataa Yohaannis irraa kuchisiise.”—Mat. 14:6-8, 10.
Qajeelfama jaarsolii hordofuu kan barbaaddu maaliifi?
“Akka warra herrega buusuuf jiraniitti dhimmanii waan isin eeganiif, warra gidduu keessanitti geggeessitoota taʼaniif ajajamaa, akkasumas bitamaa; kanas kan gootan hojii isaanii gaddaan utuu hin taʼin gammachuudhaan akka hojjetaniifi; kun taʼuu baannaan garuu hojii isaanii gaddaan hojjetu, kun immoo isin miidha.”—Ibr. 13:17.
Atii fi maatiin kee yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf yeroo ramaduun keessan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
“Qooda kanaa isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waaʼee seera Waaqayyoo in yaada. Inni akka muka isa bishaan yaaʼaa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.”—Far. 1:2, 3.
Walgaʼiiwwan irratti argamuu fi hirmaachuun kan si gammachiisu maaliifi?
“Ani immoo maqaa kee obboloota kootti nan labsa, walgaʼii keessattis sin jajadha!”—Far. 22:22.
“Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, guyyoonni sun dhihaachaa dhufuu isaanii yommuu arginu caalaatti wal haa jajjabeessinu.”—Ibr. 10:24, 25.
Hojiin baayʼee barbaachisaa taʼee fi Yesuus akka hojjennuuf nuu kenne isa kami?
“Dhaqaatii . . . isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.”—Mat. 28:19, 20.
Hojii Mootummichaatiif buusii yommuu goonu ykn obbolootaa fi obboleettota keenya yommuu gargaarru ilaalcha akkamii qabaachuutu Yihowaa gammachiisa?
“Qabeenya keetiin . . . Waaqayyoof ulfina kenni!”—Fak. 3:9.
“Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu.”—2 Qor. 9:7.
Kiristiyaanonni haalawwan rakkisaa taʼan akkamii akka isaan irra gaʼan eegu?
“Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti. Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan, isin ariʼatanii fi sobaan wanta hamaa hundumaa isin irratti dubbatan gammadaa. Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas; isaan raajota isin dura turan iyyuu akkanuma ariʼataniiru.”—Mat. 5:10-12.
Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼanii cuuphamuun mirga addaa kan taʼe maaliifi?
“Yaa Yihowaa . . . maqaa keetiin waanan waamameef, dubbiin kee wanta garaa kootiif gammachuu fi ilillee argamsiisu naaf taʼeera.”—Er. 15:16, NW.