“Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
Karaan si jalaa badee namni tokko kallattiisaa akka sitti argisiisu gaafattee beektaa? Waaqayyo hundi keenyayyuu qajeelfamni akka nu barbaachisu waan beekuuf, Geggeessaa keenya akka taʼuuf Yesuus Kiristoosiin filateera. Yesuus, “Ani tiksee gaarii dha. Ani hoolota koo beeka, hoolonni koos na beeku” jedheera. (Yohaannis 10:14) Atoo Tiksee Gaarii kana jechuunis, amalootasaa, ergaasaa, hojiisaa, hinaaffaasaa fi jaalalasaa beektaa? Kitaabni kun caalaatti Yesuusiin beekuu fi isa duukaa buʼuuf si gargaara.