SEENSA
Gorsa Gaarii Eessaan Argachuu Dandaʼa?
Shamarraniif
Waaʼee gurbaa bareedaa dhiheenya kana gara daree keessanii dhufee yeroo hunda yaadda. ‘Inni jiraachuu kooyyuu hin beeku; maarree, waaʼee isaa yaaduun rakkina maalii qaba?’ jettee yaadda. Kana malees, waaʼee isaa kan yaadu si qofa miti. Shamarran hundatu isa barbaada. Kana beekuu kan dandeesse yeroo hunda waaʼee isaa waan haasaʼaniifi.
Akkuma tasaa ijji keessan walirra buʼe. Yeroo si ilaalee seequ sitti tole. Kanaafuu, atis ni seeqxe. Achiis gara kee dhufe.
Innis qaqqaanaʼaa, “Akkam?” siin jedhe.
Atis, “Nagaadhaa?” isaan jette.
“Daawitin jedhama” siin jedhe.
Atis yeruma sana, “Dhiheenya kana dhufte mitii?” isaan jette.
Innis, “Maatiin koo naannoo kanatti kan galan dhiheenya kanadha” siin jedhe.
Ammayyuu si haasofsiisaa kan jiru Daawit taʼuu isaa hin amanne!
Itti fufuudhaanis, “Ilaa, harʼa galgala mana kootti paartii qopheesseera. Dhufuu barbaaddaa?” siin jedhe.
Achiis sitti siqe.
Akkana siin jedhe: “Iccitii tokkon sitti hima. Warri koo mana hin jiran; dhugaatiinis jira. Maarree, hin dhuftuu?”
Daawit deebii kee eegaa jira. Shamarran si wajjin baratan utuu bakka kee taʼanii yeruma sana tole jedhu!
Atoo maal jetta?
Dhiirotaaf
Ijoolleen si wajjin baratan lama gara kee dhufaa jiru. Torbanuma kana keessa akka sijaaraa xuuxxu siʼa lama dhiibbaa sirratti waan godhaniif baayʼee sodaatteetta. Amma siʼa sadaffaadhaaf yaalaa jiru.
Mucaan inni jalqabaa, “Harʼas kophaa jirtaa? Mee hiriyaa keenya tokko wajjinan wal si barsiisa” siin jedhe. Yommuu “hiriyaa” jedhu maal jechuu isaa akka taʼe ifa sii gochuuf ija isaatiin mallattoo siif kenne; achiis kiisii isaa keessaa waa baasee sitti qabe.
Harka isaa keessatti wanta sijaaraa fakkaatu argite. Wanti kun maal akka taʼe waan beektuuf caalaatti dhiphatte.
Atis, “Dhiifama. Sijaaraa xuuxuu akkan hin barbaanne sitti himeeraam” isaan jette.
Achiis mucaan inni lammaffaan gidduu galee, “Amantaa keetiin kan kaʼedha mitii? Wanta si gammachiisu gochuu hin dandeessu jechuudhaa?” siin jedhe.
Mucaan inni jalqabaammoo, “Moo ni sodaatte?” jedhee sitti qoose.
Atis akkuma taʼetti onnattee, “Lakki, ani hin sodaadhu!” jette.
Achiis mucaan inni lammaffaan harka isaa gateettii keerra kaaʼee suuta jedhee, “Fudhadhukaa” siin jedhe.
Mucaan jalqabaa wanta adii tokko sitti qabe; achiis sagalee isaa gadi qabee, “Eenyuttiyyuu hin himnu. Eenyuyyuu sirratti hin beeku” siin jedhe.
Maal gootaree?
HAALLI akkasii addunyaa maratti guyyaa guyyaadhaan dargaggoota mudata. Dargaggoonni tokko tokko warra kaan caalaa haala akkasii dandamachuuf qophaaʼoodha. Mucaan tokko sijaaraa akka xuuxu yeroo dhiibbaan isarratti godhamu, ‘Dhiibbaa isaaniitiin moʼamuu hin barbaadu; kana caalaa garuu dandamachuu hin dandaʼu. Akkuma ijoollee kaanii akkan taʼe maaliifan isaanitti hin argisiisu?’ jedhee yaada taʼa. Shamarreen dhiirri tokko jaalallee isaa akka taatu ishii gaafatemmoo, ‘Baayʼee bareedaadha. Siʼuma tokko qofa tole yoon jedhe rakkina qabaa?’ jettee yaaddi taʼa.
Karaa kan biraatiinimmoo, dargaggoonni hedduun wanta itti amananiif ejjennoo cimaa akka qabaatan leenjiʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, wanta dogoggora taʼe akka raawwataniif dhiibbaan isaanirra gaʼu baayʼee akka isaanitti hin ulfaanne isaanitti dhagaʼama. Ati akka dargaggoota kanaa taʼuu barbaaddaa? Kan nama gammachiisu, atis akka isaanii taʼuu ni dandeessa! Akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun rakkina dargaggummaa keetti si mudatu akka dandamattu si gargaara. Kan barreeffame geggeessaa hafuura Waaqayyootiin waan taʼeef gorsa hundarra caalu qabateera. (2 Ximotewos 3:16, 17) Kitaabni Qulqulluun dhimmoota akkamiirratti si gargaara? Mee dhimmoota armaan gaditti tarreeffaman ilaaliitii isa caalaatti xiyyeeffannaa kee harkiserratti mallattoo ✔ godhi.
□ Hariiroon saala faallaa wajjin qabu
□ Jijjiirama qaama koorratti mulʼatu
□ Dhiibbaa mana barumsaa dandamachuu
□ Warra koo wajjin walii galuu
□ Filannaa bashannanaa koo qoruu
Akkuma fuula 4 fi 5 irratti ibsametti, dhimmoonni olitti tarreeffaman kutaalee saglan kitaaba kana keessatti ibsaman wajjin wal fakkaatu. Ati isa kamirratti mallattoo goote? Tarii jalqaba kutaalee kana ilaaluu barbaadda taʼa. Kallattiiwwan jireenyaa kanneenirratti qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu si gargaaruu dandaʼu. Kitaabni dubbisaa jirtu kun kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe beekuuf si gargaara.a
Kitaabni kun yaada kee akka ibsitus carraa siif bana. Fakkeenyaaf, boqonnaa hundumaa gara dhumaarratti saanduqni, “Wantan Gochuu Yaade” jedhu jira. Achirratti wanta dubbiste hojiirra oolchuuf kan yaadde akkamitti akka taʼe akka barreessitu affeeramteetta. Gilgaalawwan kanneen akka, “Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuuf” (fuula 132 fi 133) jedhuu jiran rakkoowwan si mudatanirratti akka yaadduu fi furmaata akka barbaaddattu si gargaaru. Kana malees, kutaaleen kitaaba kanaa hundi xumurarratti mata duree, “Yaadannoo Dhuunfaa” jedhu qabu; achirratti wanta dubbiste keessaa barumsa hojiirra oolchuuf yaadde barreeffachuu dandeessa. Kitaabicha keessatti fuulawwan mata duree, “Nama Fakkeenya Taʼu” jedhu qaban sagal jiru. Mata dureewwan kana jalatti namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamanii fi fakkeenya isaanii hordofuu dandeessu garaa garaa ibsamaniiru.
Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Ogummaa argadhu, hubannaas argadhu” jedhu siif kenna. (Fakkeenya 4:5) Jechoonni “ogummaa” fi “hubannaa” jedhan wanta sirrii fi dogoggora taʼe beekuu caalaa wanta argisiisan qabu. Wantoota dhimmicha wajjin wal qabatan hunda xiyyeeffannaa keessa galchuu gaafata. Fakkeenyaaf, miidhaa wanta dogoggora taʼe raawwachuun geessisuu fi faayidaa wanta sirrii taʼe raawwachuun argamsiisu beekuun kee dhiibbaa hiriyaa ofitti amanannaa fi ija jabinaan dandamachuuf si gargaara.
Rakkoowwan si mudatan humna keetii ol fakkaatanis, rakkinni akkasii kan mudatu si qofa akka hin taane yaadadhu. Warri kaanis rakkoowwan akkasii milkaaʼinaan dandamataniiru. Atis gama kanaan milkaaʼina argachuu ni dandeessa! Kitaaba Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa akka gaariitti itti fayyadami. Kitaabni kun Kitaabni Qulqulluun gorsa hundarra caalu akka qabate siif mirkaneessa.
[Miiljalee]
a Mata dureewwan kitaaba kana keessatti argaman garri caalaan isaanii mata dureewwan barruu Dammaqaa! irratti walitti aansanii baʼanii fi “Gaaffii Dargaggootaa” jedhamanirraa kan fudhatamanidha; barruu kana kan qopheessan Dhugaa Baatota Yihowaati.