LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 8 ful. 24-ful. 25 key. 5
  • Bulchaa Hamaa Taʼe Jalaa Baqatan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bulchaa Hamaa Taʼe Jalaa Baqatan
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Itti Gaafatamummaasaa Hunda Raawwateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Maatiisaa Eegeera, Kunuunseera, Itti Gaafatamummaasaa Baʼeera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Namoota Urjiidhaan Geggeeffaman
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 8 ful. 24-ful. 25 key. 5
Heroodis Mootichi ijoollee dhiiraa Beetaliheem keessa jiran hunda akka ajjeesan yommuu ajaju

BOQONNAA 8

Bulchaa Hamaa Taʼe Jalaa Baqatan

MAATEWOS 2:13-23

  • MAATIIN YESUUS ISA FUDHATANII GIBXIITTI BAQATAN

  • YOSEEFII FI MAATIIN ISAA NAAZIREETITTI GALAN

Yoseef ergaa ariifachiisaa ishiitti himuuf Maariyaamiin dammaqse. Maleekaan Yihowaa abjuudhaan isatti mulʼatee, “Kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii gara Gibxiitti baqadhu; Heroodis mucicha ajjeesuu waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi” isaan jedhee ture.—Maatewos 2:13.

Kanaaf, Yoseefii fi Maariyaam mucaa isaanii wajjin yeruma sana baqatanii baʼan. Heroodis namoonni urjii lakkaaʼan sun akka isa gowwoomsan waan baree tureef dafanii baqachuun isaanii sirrii dha. Deebiʼanii waaʼee mucichaa akka isatti himan isaan ajajee ture. Isaan garuu utuu isatti hin himin biyyichaa baʼanii deeman. Yeroo kanatti Heroodis baayʼee aare. Yesuusiin ajjeesuu waan barbaadeef ijoolleen dhiiraa Beetaliheemii fi naannoo ishii keessa jiran, akkasumas waggaa lamaa fi isaa gadi taʼan akka ajjeefaman ajaje. Ijoolleen umurii kana keessa jiran akka ajjeefaman kan ajaje wanta namoota urjii lakkaaʼanii fi Baha Biiftuutii dhufan irraa dhagaʼee ture irratti hundaaʼee waan shallageefi dha.

Loltuu dubartii tokko harkaa ilma ishii butuuf jedhu

Ajjeechaan ijoollee kana irratti raawwatame suukanneessaa dha! Ijoolleen hammamii akka ajjeefaman beekuu hin dandeenyu; taʼus booʼichii fi iyyi haadholiin yeroo sanatti dhageessisan raajiin Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuu fi Ermiyaas inni raajii Waaqayyoo taʼe dubbate raawwii isaa akka argatu taasise.—Ermiyaas 31:15.

Yeroo kanatti Yoseefii fi maatiin isaa gara Gibxiitti baqatanii achi jiraachuu jalqabanii turan. Achiis guyyaa tokko maleekaan Yihowaa abjuudhaan Yoseefitti mulʼatee, “Warri lubbuu mucichaa balleessuu barbaadan waan duʼaniif, kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii gara biyya Israaʼel dhaqi” isaan jedhe. (Maatewos 2:20) Kanaaf, Yoseef maatii isaa wajjin gara biyya isaatti deebiʼuu akka dandaʼu hubate. Kun immoo raajiin Kitaaba Qulqulluu Ilmi Waaqayyoo biyya Gibxiitii akka waamamu dubbatu raawwii isaa akka argatu taasise.—Hoseʼaa 11:1.

Jalqaba irratti Yoseef maatii isaa wajjin biyya gara Gibxiitti baqachuu isaanii dura keessa jiraachaa turan, jechuunis Yihudaa keessa, tarii naannoo magaalaa Beetaliheem buufachuuf yaadee waan ture fakkaata. Haa taʼu malee, Arkelaawos ilmi Heroodis inni hamaan mootii Yihudaa akka taʼe dhagaʼe. Waaqayyo ammas abjuudhaan waaʼee haala balaadhaaf isaan saaxiluu dandaʼu kanaa Yoseefitti hime. Kanaaf, Yoseefii fi maatiin isaa gara kaabaatti fagaatanii deemuudhaan Naazireet ishii bulchiinsa Galiilaa jala jirtuu fi Yerusaalem ishii handhuura amantii Yihudii taate irraa fagaattee jirtu keessa jiraachuu eegalan. Yesuus kan guddate hawaasa kana keessatti siʼa taʼu, kunis raajiin, “Naaziricha jedhamee waamama” jedhu raawwii isaa akka argatu taasise.—Maatewos 2:23.

  • Namoonni urjii lakkaaʼan gara isaatti yommuu deebiʼuu dhiisan, Heroodis Mootichi maal godhe?Yesuus isa daaʼima tureef eegumsa akkamiitu godhame?

  • Yoseefii fi maatiin isaa Gibxiitii yommuu deebiʼan gara Beetaliheem kan hin deemne maaliifi?

  • Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yeroo kana keessatti raawwii isaanii argatan kam faʼi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi