LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 16 ful. 44-ful. 45 key. 4
  • Iyyoob Eenyu Ture?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Iyyoob Eenyu Ture?
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Iyoob Maqaa Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kenneera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • “Yihowaa Abdadhu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • “Balleessaa Malee Jiraachuu Koo Irraa hin Deebiʼu!”
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
  • Iyoob Waaqayyoof Amanamaa Ture
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 16 ful. 44-ful. 45 key. 4
Namoonni sadii Iyyoob isa guutummaan qaama isaa madaaʼe gaafachuu yommuu dhufan

BARUMSA 16

Iyyoob Eenyu Ture?

Namni Yihowaa Waaqeffatu tokko biyya Uuz keessa jiraachaa ture. Maqaan isaa Iyyoob jedhama. Nama baayʼee sooressa taʼee fi maatii balʼaa qabu ture. Inni arjaa, akkasumas hiyyeessota, dubartoota abbaan manaa irraa duʼee fi ijoollee haadhaas taʼe abbaa hin qabne kan gargaaru ture. Iyyoob nama wanta sirrii taʼe hojjechaa ture waan taʼeef, rakkinni tokko iyyuu isa irra hin gaʼuu jechuu dhaa?

Seexana

Iyyoob beekuu baatus, Seexanni inni Diyaabilos jedhame isa ilaalaa ture. Yihowaan Seexanaan akkana jedhe: ‘Tajaajilaa koo Iyyoobiin argiteettaa? Namni akka isaa lafa irra hin jiru. Inni anaaf ni ajajama; wanta gaariis ni hojjeta.’ Seexannis deebisee akkana jedhe: ‘Dhugaa dha, Iyyoob siif ni ajajama. Ati isa ni eegda; isa ebbisteettas. Lafaa fi horii isaaf kenniteetta. Mee wantoota kana jalaa fudhadhu; inni si waaqeffachuu ni dhiisa.’ Yihowaanis, ‘Iyyoobiin qoruu dandeessa. Akka isa ajjeestu garuu siif hin heyyamu’ jedhe. Yihowaan, Seexanni Iyyoobiin akka qoru kan heyyame maaliifi? Iyyoob amanamaa akka taʼu mirkanaaʼaa waan taʼeefi dha.

Seexanni rakkina hedduu Iyyoobitti fiduudhaan isa qoruu jalqabe. Jalqaba irratti namoonni Saabaa saawwanii fi harroota isaa akka hatan erge. Achiis, ibiddi hoolota Iyyoob hunda fixe. Warri Kaldootaa immoo gaalota isaa hatan. Tajaajiltoonni isaa horiiwwan kana eegaa turanis ni ajjeefaman. Itti aansee immoo, wanta kana caalutu isa mudate. Ijoolleen Iyyoob hundi mana tokko keessatti utuu nyaachaa fi dhugaa jiranii manichi isaan irratti jigee isaan ajjeese. Iyyoob wanta kanatti baayʼee kan gadde taʼus, Yihowaa tajaajiluu isaa hin dhiisne.

Seexanni rakkinni kana caalu Iyyoob irra akka gaʼu waan barbaadeef, guutummaan qaama isaa akka madaaʼu taasise. Madaan kun baayʼee isa dhiphisa ture. Iyyoob rakkinni kun hundi maaliif akka isa irra gaʼe hin beeku ture. Taʼus, Yihowaa waaqeffachuu isaa itti fufe. Waaqayyo wantoota kana hunda kan arge siʼa taʼu, Iyyoobitti baayʼee gammade.

Achiis, Seexanni akka isa qoraniif namoota sadii Iyyoobitti erge. Isaanis, ‘Cubbuu hojjettee dhoksuuf yaalaa jirtu qabda. Kanaaf, Waaqayyo si adabaa jira’ isaan jedhan. Iyyoob garuu, ‘Ani wantan balleesse hin qabu’ jedhe. Sana booda Iyyoob rakkoowwan kana Waaqayyo akka isatti fidee fi Waaqayyo akka garaa isatti jabaate yaaduu jalqabe.

Yeroo kanatti dargaggeessi Eliihuu jedhamu callisee maree isaanii dhaggeeffachaa ture. Dhuma irrattis akkana jedhe: ‘Wanti hundi keessan dubbattan dogoggora dha. Yihowaan hubannaa keenya caalaa guddaa dha. Inni matumaa wanta hamaa hin raawwatu. Inni wanta hunda ni arga; namoota rakkatanis ni gargaara.’

Iyyoobii fi haati manaa isaa mucaa isaanii wajjin

Sana booda Yihowaan Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhe: ‘Samii fi lafa yeroon uume ati eessa turte? Inni qajeelaa miti maaliif naan jetta? Wantoonni kun maaliif akka si irra gaʼan kan hin beekne taʼus ni dubbatta.’ Iyyoob balleessaa isaa amanuudhaan akkana jedhe: ‘Ani dogoggoreera. Waaʼee kee dhagaʼeen ture; amma garuu sirriitti si beekeera. Siif wanti hin dandaʼamne hin jiru. Wantan dubbadheef dhiifama naa godhi.’

Qorumsi isa irra gaʼu yeroo xumurametti Yihowaan Iyyoob akka fayyu taasise; qabeenya isa duraanii irra baayʼee caalus isaaf kenne. Sana booda, Iyyoob umurii dheeraa fi jireenya gammachiisaa jiraate. Yihowaan, Iyyoob haala rakkisaa keessatti illee waan isaaf ajajameef isa eebbise. Ati hoo akkuma Iyyoob wanti akkamii iyyuu yoo si irra gaʼe, Yihowaa waaqeffachuu kee itti fuftaa?

“Iyyoob jabaatee akka dhaabbate dhageessaniittu; wanta Yihowaan isaaf godhes argitaniittu.”—Yaaqoob 5:11

Gaaffii: Seexanni Iyyoobiin kan qore akkamitti? Yihowaan, Iyyoobiin kan eebbise akkamitti?

Iyyoob 1:1–3:26; 4:7; 32:1-5; 34:5, 21; 35:2; 36:15, 26; 38:1-7; 40:8; 42:1-17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi