LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 49 ful. 118-ful. 119 key. 2
  • Mootuu Hamtuun Tokko ni Adabamte

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootuu Hamtuun Tokko ni Adabamte
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootii Hamtuu Kan Taate Iizaabel
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Yehuun Waaqeffannaa Dhugaa Hinaaffaadhaan Deggereera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Tarkaanfii Murteessaa Fudhachuuf Yeroonsaa Ammadha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Ilaalcha Yihowaan Haqaaf Qabu Qabdaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 49 ful. 118-ful. 119 key. 2
Tajaajiltoonni ishii Iizaabeliin karaa foddaa yommuu gad darbatan

BARUMSA 49

Mootuu Hamtuun Tokko ni Adabamte

Ahaab Mootichi karaa foddaa masaraa mootummaa isaa isa Yezriʼel jiruun yommuu ilaalu maasii wayinii nama Naabot jedhamu tokkoo arguu dandaʼa. Ahaab maasii wayinii kana waan barbaadeef Naabot irraa bitachuuf gaafate. Naabot garuu lafa dhaalaa isaa gurguruun Seera Yihowaa wajjin waan wal faallessuuf itti gurguruu dide. Ahaab, Naabot wanta sirrii taʼe gochuu isaatiin isa kabajeera? Lakki. Ahaab baayʼee aare. Kanaaf gara mana isaatti deebiʼee siree isaa irra ciise, midhaanis ni lagate.

Iizaabel Mootittiin, haati manaa Ahaab ishiin hamtuun akkana isaan jette: ‘Ati Mootii Israaʼeli. Wanta barbaaddu hunda argachuu ni dandeessa. Ani lafa sana akka ati fudhattu nan godha.’ Achiis jaarsolii magaalattiitti xalayaa barreessitee Naabot Waaqayyoon arrabseera jedhanii himata sobaa akka isa irratti dhiheessanii fi dhagaadhaan rukutanii akka isa ajjeesan isaanitti himte. Jaarsoliin sunis wanta Iizaabel isaanitti himte ni raawwatan; achiis Iizaabel Ahaabiin akkana jette: ‘Naabot duʼeera. Amma maasiin waynichaa kan kee taʼeera!’

Iizaabel, namoota balleessaa hin qabne kan akka Naabot hedduu ajjeesisteetti. Namoota Yihowaa jaallatan hedduu ajjeesteetti. Waaqolii tolfamoo waan waaqeffattuuf wantoota gadhee taʼan kan biroos raawwatteetti. Yihowaan, wantoota gadhee Iizaabel hojjette hunda argeera. Tarkaanfii akkamii ishii irratti fudhate ree?

Ahaab erga duʼee booda, ilmi isaa Yoraam mootii taʼe. Yihowaan, Iizaabelii fi maatii ishii adabuuf nama Yehuu jedhamu erge.

Yehuun gaarii fardaatiin Yezriʼel bakka Iizaabel jiraattu dhaqe. Yooraam gaarii fardaatiin Yehuu simachuu baʼee, ‘Naguma dhuftee?’ jedhee isa gaafate. Yehuunis akkana jedhe: ‘Wantoota gadhee haati kee Iizaabel raawwattu utuu jiruu nagaa maaliitu jira?’ Kanaaf, Yoraam gaarii fardaa isaa naanneffatee isa jalaa baqachuuf yaale. Yehuun garuu xiyya isaa itti gadhiisee isa waraane, innis ni duʼe.

Yehuun Iizaabeliin akka gad darbatan yommuu ajaju

Achiis Yehuun gara masaraa mootummaa Iizaabel dhaqe. Iizaabel Yehuun dhufaa akka jiru yommuu dhageessu, ija ishee kuullattee, rifeensa ishii tottolfattee foddaa manaa ishii isa irra keessaa irra dhaabattee isa eegdi turte. Yommuu Yehuun achi gaʼu tuffiidhaan nagaa isa gaafatte. Innis tajaajiltoota ishii warra ishii bira dhaabataniin sagalee isaa guddisee, “Gad ishii darbadhaa!” jedhe. Isaanis Iizaabeliin karaa foddaa gad ishii darbatan, ishiinis lafa dhooftee duute.

Sana booda, Yehuun ilmaan Ahaab 70n ajjeesuudhaan biyyattii waaqeffannaa Baʼal irraa ni qulqulleesse. Yihowaan wanta hunda akka beekuu fi yeroo sirrii taʼetti namoota wanta gadhee raawwatan akka adabu hubattee?

“Dhaalli jalqaba irratti sassataan argame dhuma irratti eebba hin taʼu.”—Fakkeenya 20:21

Gaaffii: Iizaabel maasii wayinii Naabot argachuuf maal goote? Yihowaan Iizaabeliin kan adabe maaliifi?

1 Mootota 21:1-29; 2 Mootota 9:1–10:30

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi