LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es19 ful. 7-17
  • Amajjii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kibxata, Amajjii 1
  • Roobii, Amajjii 2
  • Kamisa, Amajjii 3
  • Jimaata, Amajjii 4
  • Sanbadduraa, Amajjii 5
  • Dilbata, Amajjii 6
  • Wiixata, Amajjii 7
  • Kibxata, Amajjii 8
  • Roobii, Amajjii 9
  • Kamisa, Amajjii 10
  • Jimaata, Amajjii 11
  • Sanbadduraa, Amajjii 12
  • Dilbata, Amajjii 13
  • Wiixata, Amajjii 14
  • Kibxata, Amajjii 15
  • Roobii, Amajjii 16
  • Kamisa, Amajjii 17
  • Jimaata, Amajjii 18
  • Sanbadduraa, Amajjii 19
  • Dilbata, Amajjii 20
  • Wiixata, Amajjii 21
  • Kibxata, Amajjii 22
  • Roobii, Amajjii 23
  • Kamisa, Amajjii 24
  • Jimaata, Amajjii 25
  • Sanbadduraa, Amajjii 26
  • Dilbata, Amajjii 27
  • Wiixata, Amajjii 28
  • Kibxata, Amajjii 29
  • Roobii, Amajjii 30
  • Kamisa, Amajjii 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
es19 ful. 7-17

Amajjii

Kibxata, Amajjii 1

Namoonni hamoonni firdii dhugaa hin hubatan.—Fak. 28:5.

Dhumni guyyoota dhumaa yeroo dhihaachaa dhufutti, namoonni hamoon ‘akka margaa biqiluu’ isaanii itti fufu. (Far. 92:7) Kanaaf, ulaagaaleen amalaa dagatamuun isaanii homaa nama hin dinqisiisu. Addunyaa akkasii keessatti, ‘wanta hamaadhaaf daaʼimman taanee’ garuu immoo ‘hubannaa keenyaan gaʼeessota taʼuu’ kan dandeenyu akkamitti? (1 Qor. 14:20) Deebiin isaa caqasa guyyaa harʼaa irratti argama; caqasichi, “Warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu, wanta hundumaa [jechuunis, wanta isa gammachiisuuf barbaachisu hundumaa] in hubatu” yaada jedhu qabateera. Yaanni wal fakkaatu Fakkeenya 2:7, 9 irratti ni argama; caqasichi, Yihowaan ‘nama yaadni isaa qajeelaa ta’eef ogummaa akka kennu’ dubbata. Kun immoo, namni qajeelaan kun ‘wanta qajeelaa taʼee fi firdii dhugaa, amanamummaa fi wanta baʼeessa taʼe hundumaas hubachuu’ akka dandaʼu godha. Noh, Daaniʼelii fi Iyoob ogummaa akkasii qabu turan. (His. 14:14) Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaatti argamanis ogummaa qabu. Waaʼee kee hoo maal jechuutu dandaʼama? ‘Wantoota’ Yihowaa gammachiisuuf barbaachisan ‘hundumaa ni hubattaa?’ Kanaaf wanti barbaachisu waaʼee Yihowaa beekumsa sirrii qabaachuu dha. w18.02 8 key. 1-3

Roobii, Amajjii 2

[Isaanis] maqaa Gooftaa Yesuusiin cuuphaman.—HoE. 19:5.

Namni kam iyyuu warri isaa, barsiisaan Kitaaba Qulqulluu isaa ykn namni gumii keessa jiru kan biraan akka cuuphamu dhiibbaa isa irratti gochuu hin qabu. Yihowaan eenyuun keenya iyyuu akka isa tajaajillu nu hin dirqisiisu. (1 Yoh. 4:8) Kanaa mannaa, namoota akkasii yommuu barsiisnu, Yihowaa wajjin dhuunfaatti hariiroo uumuun barbaachisaa taʼuu isaa akka gaariitti isaaniif ibsuu qabna. Wanti baratichi akka cuuphamuuf isa kakaasu, dinqisiifannaa guddaa inni dhugaadhaaf qabuu fi fedhii inni waanjoo barataa Kiristoos yommuu taʼu baachuuf qabu dha. (2 Qor. 5:14, 15) Umuriin namni tokko itti cuuphamuu qabu hin daangeffamne. Barattoonni hundi kan guddatanii fi kan bilchaatan qixxee miti. Guyyaan namni tokko itti cuuphamu guyyaa baayʼee nama gammachiisu dha. Akkasumas guyyaa hubannaadhaan irratti yaadamuu qabu dha. Murtoo of murteessuuf goonee wajjin haala wal simuun jiraachuun carraaqqii guddaa gaafata. Yesuus duuka buutota isaa taʼuu waanjootti kan fakkeesse kanaafi. Barattoonni Yesuus, ‘isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef malee, kana booda ofii isaaniitiif jiraachuu’ hin qaban.—2 Qor. 5:15; Mat. 16:24. w18.03 6-7 key. 14-17

Kamisa, Amajjii 3

Keessummoota simachuu hin dagatinaa; sababiin isaas, namoonni tokko tokko karaa kanaan utuu hin beekin maleekota simataniiru.—Ibr. 13:2.

Yeroon keessummoota simachuu irraa itti of qusattan isin mudatee beekaa? Taanaan, carraawwan yeroo gaarii fi michummaa yeroo dheeraadhaaf turu uumuuf qabdan dhabdaniittu jechuu dha. Keessummoota simachuun kophummaadhaaf furmaata hunda caalu dha. Haa taʼu malee, ‘Namoonni keessummoota simachuu irraa kan of qusatan maaliifi?’ jettanii gaafattu taʼa. Sababiiwwan hedduun jiraachuu dandaʼu. Sababiin inni tokko tajaajiltoonni Yihowaa hojii baayʼee fi itti gaafatamummaa hedduu qabu. Obboloonni tokko tokko yeroo fi humna keessummoota ittiin simatan akka hin qabne isaanitti dhagaʼama taʼa. Isinis akkas isinitti dhagaʼama yoo taʼe, sagantaa keessan gamaaggamuu isin barbaachisa taʼa. Yeroo fi humna keessummoota simachuuf isin dandeessisu argachuuf sirreeffama tokko tokko gochuu dandeessuu? Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni keessummoota akka simatan gorsa. Wanta kanaaf yeroo ramaduun dogoggora miti; kanaa mannaa kun wanta sirrii gochuu qabnu dha. Dhugaa dha, wantoota baayʼee barbaachisaa hin taane tokko tokko dhiisuuf fedhii qabaachuu isin barbaachisa taʼa. w18.03 16-17 key. 13-14

Jimaata, Amajjii 4

Ani kanaaf waanan ergameef, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba.—Luq. 4:43.

Namoota hanga ammaatti jiraatan keessaa, nama hafuuraa taʼuudhaan fakkeenya hundumaa caalu kan nuuf taʼu eenyu? Yesuus akka taʼe homaa hin shakkisiisu. Yesuus guutummaa jireenyaa fi tajaajila isaa keessatti fakkeenya Yihowaa hordofuu akka barbaadu argisiiseera. Yaadni isaa, miirri isaa fi gochi isaa kan Yihowaa wajjin tokko ture; akkasumas fedhii fi ulaagaawwan Waaqayyoo wajjin haala wal simuun jiraateera. (Yoh. 8:29; 14:9; 15:10) Fakkeenyaaf, Isaayaas raajichi gara laafina Yihowaan qabu akkamitti akka ibse hubadhu; achiis wanta barreessaa Wangeelaa kan taʼe Maarqos waaʼee miira Yesuus dubbatee wajjin wal bira qabi. (Isa. 63:9; Mar. 6:34) Nuti hoo yommuu namoonni gargaarsa barbaadan nu mudatan hundumaatti akka Yesuus gara laafina argisiisuuf qophaaʼoo dhaa? Kana malees, Yesuus hojii misiraachicha lallabuu fi barsiisuutiin qabamee ture. Miirawwanii fi gochawwan akkanaa hundi nama hafuuraa adda baasanii kan beeksisani dha. w18.02 21 key. 12

Sanbadduraa, Amajjii 5

[Ijoollee keessan] leenjii fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa.—Efe. 6:4.

Ijoollee guddisuun keessumaa addunyaa yeroo harʼaa keessatti ulfaataa dha. (2 Xim. 3:1-5) Dhugaa dha, ijoolleen yeroo dhalatanitti wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee beekumsa hin qaban. Uumamaan qalbii wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf isaan dandeessisu kan qaban taʼus, qalbiin isaanii barumsa ykn adaba argachuun isa barbaachisa. (Rom. 2:14, 15) Kitaabni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko jechi Afaan Giriikii “adaba” jedhamee hiikame “guddina ijoollee” jedhamee hiikamuu akka dandaʼu ibseera. Ijoolleen jaalalaan adabni isaaniif kennamu yeroo baayʼee eegumsa akka qaban isaanitti dhagaʼama. Bilisummaan isaaniif kennamu daangaa akka qabu, akkasumas murtoon isaan godhanis taʼe amalli isaan argisiisan buʼaa gaarii ykn miidhaa akka qabu ni baratu. Kanaaf, warri Kiristiyaana taʼan qajeelfama argachuuf gara Yihowaatti garagaluun isaanii barbaachisaa dha. Akkaataan ijoolleen itti guddifaman aadaa garaa garaa keessattii fi dhalootaa gara dhalootaatti adda adda akka taʼe hin dagatinaa. Warri Waaqayyoon dhaggeeffatan, ijoollee kan guddisan tilmaamaan, muuxannoo isaanii irratti ykn ilaalcha namootaa irratti hundaaʼanii miti. w18.03 30 key. 8-9

Dilbata, Amajjii 6

Sodaa fi romʼaan fayyina keessan mirkaneessuuf carraaqqii cimaa gochuu keessan itti fufaa.—Filp. 2:12.

Dargaggeessa cuuphamte waan taateef, warra kee jala kan jirtu yoo taʼe illee, fayyina keetiif sumatu itti gaafatamummaa fudhata. Kana yaadachuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas yeroo dargaggeessa taatu miirrii fi dhiibbaan haaraan akka si mudatu hin shakkisiisu. Intalli waggaa 18 takka akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee mucaan tokko ayyaana dhalootaa mana barumsaatti kabajame tokko irratti muraa keekii waan dhabeef Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu isaatti hin gaabbu. Haa taʼu malee, waggoota muraasa booda saalqunnamtii akka raawwatu yeroo dhiibbaa cimaan isa irra gaʼutti, seerawwan Yihowaatiif ajajamuun yeroo hunda gaarii akka taʼe isa amansiisuun barabaachisaa taʼa.” Namoonni gaʼeessota taʼanii cuuphaman illee qorumsi amantii hin eegamne isaan mudachuu dandaʼa. Qorumsawwan kun gaaʼela, fayyaa ykn hojii wajjin kan wal qabatan taʼuu dandaʼu. Dhuguma iyyuu, namni tokko umuriin isaa hammam iyyuu yoo taʼe, haalli Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu gaafatu isa mudachuu ni dandaʼa.—Yaq. 1:12-14. w17.12 24 key. 4-5

Wiixata, Amajjii 7

Dheekkamaa, garuu cubbuu hin hojjetinaa.—Efe. 4:26.

Jalʼinni Daawit irratti raawwatame namoota baayʼee irra hin geenye. Taʼus, namni michuu Waaqayyoo taʼe kun haaloo qabachuun akka isa miidhu hin heyyamne. Kanaa mannaa, “Dheekkamuu irraa of dhowwi, banbanuus dhiisi, inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!” jechuudhaan barreesseera. (Far. 37:8) Dheekkamsa irraa ‘of dhowwuuf’ sababiin inni guddaan, Yihowaa isa ‘akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin hojjenne’ fakkaachuu kan barbaannu taʼuu isaa ti. (Far. 103:10) Dheekkamsa irraa ‘of dhowwuun’ faayidaawwan kan biraas qaba. Dheekkamuun, dhiibbaan dhiigaa akka ol kaʼu, sirni hargansuu keenya akka dhibamuu gochuu fi rakkoowwan kana fakkaatan fiduu dandaʼa. Tiruu fi rajiijii miidhuu akkasumas nyaanni garaacha keessatti akka hin daakamne gochuu dandaʼa. Yeroo aarru hundatti sirriitti yaaduu hin dandeenyu. Yeroo tokko tokko immoo baayʼee kan aarru yoo taʼe, dhiphinni sammuu yeroo dheeraadhaaf turu nu qabuu dandaʼa. Karaa biraatiin immoo Kitaabni Qulqulluun, “Yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya in kenna” jedha. (Fak. 14:30) Yeroo miirri keenya miidhamutti maal gochuu dandeenya? Obboloota keenya deebisnee argachuu kan dandeenyu akkamitti? Gorsa Kitaaba Qulqulluu ogummaa irratti hundaaʼe hojii irra yoo oolchine kana gochuun nuu milkaaʼuu dandaʼa. w18.01 10 key. 14-15

Kibxata, Amajjii 8

Ati iddoo lafa jalaatti ana hin laattu, isa siif of kennes ijaan iyyuu qilee akka argu hin gootu.—Far. 16:10.

Daawit yeroo akkas jedhu, matumaa akka hin duune ykn awwaala keessa akka hin seenne dubbachuu isaa hin turre. Dubbiin Waaqayyoo, Daawit dulloomee akka ture ifatti dubbata. Boodas, “akkuma abboota isaatii duʼee, mandara isaa isa ‘Mandara Daawit’ jedhamee beekame keessatti in awwaalame.” (1 Mot. 2:1, 10) Faarfannaan 16:10 maal jechaa jira ree? Yesuus erga duʼee fi duʼaa kaʼee torban muraasa booda, Pheexiros namoota kumaatama Yihudoota taʼanii fi amantii Yihudii fudhatanitti waaʼee Faarfannaa 16:10 ibsa kennee ture. (HoE. 2:29-32) Pheexiros, Daawit akka duʼee fi akka awwaalame ibse. Namoonni isa dhaggeeffachaa turan kana beeku turan. Kana malees, Pheexiros, Daawit Masiihichi inni dhufu ‘duʼaa kaʼuu isaa dursee akka argee fi akka dubbate’ yeroo ibsu isaan keessaa tokko illee akka isa morme hin caqasamne. Pheexiros yaada Daawit Faarfannaa 110:1 irratti dubbate caqasuudhaan ragaa dabalataa dhiheesseera. (HoE. 2:33-36) Ragaan Pheexiros Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee dhiheesse, Yesuus “Gooftaas Kiristoosis” taʼuu isaa namoota hedduu sana amansiisuu dandaʼeera. Kana malees, namoonni sun raajiin Faarfannaa 16:10 irra jiru kan raawwatame yeroo Yesuus duʼaa kaʼetti taʼuu isaa amananii fudhataniiru. w17.12 10 key. 10-12

Roobii, Amajjii 9

Wanti hundinuu lakkaaʼamee miijanamee, akkuma miijanameenis guutummaatti in caafame.—Iz. 8:34.

Qaamni Ol Aanaan buusiiwwan argaman amanamummaadhaan hojii irra oolchuuf carraaqqii kadhannaa dabalatu godha. (Mat. 24:45) Buusiiwwan argaman sirriitti qoqqoodamanii hojii irra oolfamu. (Luq. 14:28) Phaawulos ergamaanis obboloota Yihudaa keessa jiran gargaaruuf buusii sassaabeera. Namoonni buusii sana hojii irra oolchan, ‘Yihowaa duratti qofa utuu hin taʼin, namoota durattis waan hundumaa amanamummaadhaan akka hojjetan’ godheera. (2 Qor. 8:18-21) Yeroo harʼaattis jaarmiyaan keenya fakkeenya Izraa fi Phaawulos hordofuudhaan, buusiiwwan argaman karaa sirrii taʼeen hojii irra oolchuuf of eeggannoo guddaa godha. (Iz. 8:24-33) Waggoota dhihoodhaa asitti sochiiwwan nama gammachiisan baayʼeen godhamaa jiru. Jaarmiyichi buusii arjummaadhaan gootan karaa caalaatti gaarii taʼeen fayyadamuuf jecha karaa itti baasii hirʼisuu fi hojicha salphisu barbaada. w18.01 19-20 key. 12-13

Kamisa, Amajjii 10

Nagaan Kiristoos garaa keessan keessatti haa moʼu.—Qol. 3:15.

Jaalallii fi gaarummaan walii keenyaaf dhiifama akka goonu nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, jechi ykn gochi Kiristiyaana tokkoo yoo nu miidhe, nutis yeroo dubbii warra kaan miidhu itti dubbanne ykn wanta warra kaan miidhu itti hojjenne yaadachuuf yaaluu dandeenya. Jaalalaa fi gaarummaa obboloonni keenya dogoggora raawwanne irra nuu darbuudhaan nutti argisiisan hin dinqisiifannuu? (Lal. 7:21, 22) Keessumaa gaarummaa Kiristoos isa waaqeffattoota dhugaa walitti qabee tokko godheef guddaa galateeffanna. Hundi keenya Waaqa tokko jaallanna, ergaa tokko lallabna, akkasumas rakkoowwan wal fakkaatan nu mudatu. Gaarummaa fi jaalalaan dhiifama waliif gochuudhaan, tokkummaa Kiristiyaanaatiif gumaacha goona, akkasumas badhaasa jireenyaa keenya irratti xiyyeeffanna. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu akeekkachiisa taʼan, hinaafuun badhaasicha nu dhabsiisuu akka dandaʼu nu yaadachiisu. Fakkeenyaaf, Qaayin obboleessa isaa Abeelitti hinaafee isa ajjeeseera. Qoraahi, Daataanii fi Abiiram Museetti hinaafuudhaan isa mormanii turan. Saaʼol Mootichis Daawit milkaaʼina waan argateef isatti hinaafee isa ajjeesuuf yaalee ture. w17.11 27 key. 9-10

Jimaata, Amajjii 11

Iyyaafadhaa, qoraa, baʼeessa godhaa gaafadhaa!—Kes. 13:14.

Jaarsoliin koree murtii keessa galanii yommuu tajaajilan, Kiristiyaanni cubbuu cimaa raawwate tokko yaada geddarachuu fi dhiisuu isaa akka gaariitti hubachuu qabu. Yaada geddarachuun ykn geddarachuu dhiisuun yeroo hunda ifatti mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Yaada geddarachuun ilaalcha, amalaa fi haala garaa nama sanaa kan dabalatu dha. (Mul. 3:3) Cubbamaan tokko dhiifama argachuuf yaada geddarachuu qaba. Yihowaa fi Yesuus irraa haala adda taʼeen, jaarsoliin garaa namaa dubbisuu hin dandaʼan. Jaarsa yoo taate, namni tokko garaadhaa yaada geddarachuu isaa hubachuu irratti haala rakkisaa si mudatuuf furmaata kennuu kan dandeessu akkamitti? Jalqaba ogummaa fi hubannaa argachuuf kadhadhu. (1 Mot. 3:9) Lammaffaa, “akka addunyaatti gadduu” “karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduu” irraa addaan baasuuf akka si gargaaruuf, Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota garbichi ogeessii fi amanamaan qopheesse qori. (2 Qor. 7:10, 11) Kitaabni Qulqulluun namoota yaada geddaratanii fi hin geddaranne akkamitti akka ibsu ilaali. Kitaabni Qulqulluun miira isaanii, ilaalcha isaanii fi amala isaanii akkamitti ibsa? w17.11 17 key. 16-17

Sanbadduraa, Amajjii 12

[Ijoolleen] warra isaaniitiif kan hin ajajamne [taʼu].—2 Xim. 3:2.

Yeroo harʼaatti amalli kun kitaabota, fiilmiiwwanii fi sagantaawwan televijiinii irratti fudhatama kan qabu, siruma iyyuu kan jajjabeeffamu taʼus, ajajamuu diduun maatii laaffisa, kun immoo hawaasa irratti dhiibbaa gadhee geessisa. Kun dhugaa taʼuun isaa erga beekamee yeroo dheeraan darbeera. Kan nama dinqisiisu, Giriik durii keessatti namni tokko warra isaa yoo rukute, mirga namummaa isaa hunda ni dhaba ture; akka seera Roomaatti immoo abbaa ofii rukutuun ajjeesuu wajjin tokko akka taʼetti ilaalama ture. Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaas taʼan Afaan Giriikii, ijoolleen warra isaanii akka kabajan ajaju. (Bau. 20:12; Efe. 6:1-3) Ijoolleen wanta warri isaanii isaaniif godhan irratti yaaduun isaanii, ajajamuu diduu irraa isaan eeguu dandaʼa. Galateeffannaan isaaniif qabanii fi Waaqayyo inni Abbaa hunda keenyaa taʼe kana akka godhan akka isaan irraa eegu hubachuun isaanii gaarii dha. Dargaggoonni waaʼee warra isaanii waan gaarii dubbachuudhaan, dargaggoonni kaanis warra ofii isaaniitiif ilaalcha gaarii akka qabaatan gargaaruu dandaʼu. w18.01 29 key. 8-9

Dilbata, Amajjii 13

Tokkon tokkon isaanii akka iddoo qilleensa jabaa jalaa itti baqatanii, akka daʼoo bubbee jalaa itti baqatanii, akka bishaan lafa gogaa keessa yaaʼuu, akka gaaddisa kattaa guddaa isa lafa dheebotaa keessa jiruus in taʼu.—Isa. 32:2.

Yeroo harʼaatti Kiristiyaanni cubbuu cimaa raawwate tokko bayyanachuuf gargaarsa jaarsolii gumii gaafachuun isa barbaachisa. Akkas gochuun isaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Tokkoffaa, akkuma Dubbii isaa keessatti barreeffame jaarsoliin cubbuu cimaa akka ilaalan qophii kan godhe Yihowaa dha. (Yaq. 5:14-16) Lammaffaa, qophiin kun cubbamoonni yaada geddaratan eegumsa Waaqayyoo keessa akka jiraatanii fi cubbuu hojjechuu akka hin amaleeffanne isaan gargaara. (Gal. 6:1; Ibr. 12:11) Sadaffaa, jaarsoliin cubbamoota yaada geddaratan jajjabeessuu fi miira balleessaa akka raawwatan isaanitti dhagaʼamu salphisuuf akka isaan gargaaran muudamaniiru, akkasumas leenjifamaniiru. Yihowaan, jaarsoliin kun “daʼoo bubbee jalaa itti baqatan” akka taʼan dubbateera. (Isa. 32:2) Qophiin kun araara Waaqayyoo kan argisiisu mitii? Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun, gargaarsa jaarsolii gaafachuu fi argachuun boqonnaa guddaa akka argamsiisu hubataniiru. w17.11 10 key. 8-9

Wiixata, Amajjii 14

Adabni . . . kan gaddisiisu [dha].—Ibr. 12:11.

Kana gochuun kan nu dhiphisu yoo taʼe illee, miseensa maatii gumiidhaa baafame tokkoo wajjin bilbilaan, ergaa moobaayiliitiin, xalayaadhaan, iimeeliidhaan ykn intarneetiidhaan wal arguu irraa fagaachuu qabna. Taʼus abdii hin kutatinaa. Jaalalli, namoonni Yihowaa dhiisan gara isaatti akka deebiʼan dabalatee, “waan hundumaa abdata.” (1 Qor. 13:7) Miseensi maatii tokko garaa geddarachaa akka jiru ragaa argisiisu yoo hubatte, Kitaaba Qulqulluu irraa jabina akka argatuu fi waamicha Yihowaan “gara kootti deebiʼi!” jechuudhaan dhiheesse akka fudhatu isaaf kadhachuu dandeessa. (Isa. 44:22) Yesuus isa caalaa nama kamiif iyyuu iddoo guddaa yoo kennine nuti isaaf akka hin taane dubbateera. Taʼus, Yesuus barattoonni isaa mormiin maatii yoo isaan irra gaʼe iyyuu, amanamummaa isaanii eeganii itti fufuuf ija jabina akka qabaatan amanannaa qaba ture. Yesuus duukaa buʼuun kee maatii kee keessatti “goraadee” fideera yoo taʼe, rakkina kana akka gaariitti moʼuuf akka si gargaaru Yihowaatti amanami. (Isa. 41:10, 13) Yihowaa fi Yesuus akka sitti gammadanii fi amanamummaadhaan deddeebiʼuu keetiif akka si badhaasan beekuudhaan gammadi. w17.10 16 key. 19-21

Kibxata, Amajjii 15

Gara laafina garaadhaa madde . . . uffadhaa.—Qol. 3:12.

Namoonni kaan wanta cubbuun Addaam fideen yeroo rakkatan yommuu arginu, gara laafina argisiisuun keenya barbaachiisaa dha. Yeroo dhukkubnii fi dullumni itti hafu hawwiidhaan eegganna. Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu ni kadhanna. Hammasitti garuu, namoota gargaarsi barbaachisu gargaaruuf wanta dandeenyu hunda haa goonu. Barreessaan Jaan Boon jedhamu wanta haadha isaa ishii dhukkuba Alzaayimeriitiin dhiphattu ilaalchisee barreesse ilaalaa. Gaaf tokko, uffata ishii of irratti balleessite. Qulqulleessuuf utuu yaalaa jirtuu balballi ishii ni rurrukutame. Kan dhufan obboleettota yeroo hunda deddeebii gaaffii ishiidhaaf godhan lama turan. Obboleettonni kun wanti ishii gargaaruu dandaʼan jiraachuu isaa ishii gaafatan. “Kan nama qaanessu taʼus, eeyyee jira” jettee isaaniif deebiste. Isaaniis qulqulleessuudhaan ishii gargaaran. Achiis shaayii ishiidhaaf danfisanii ishii wajjin haasaʼuu jalqaban. Ilmi dubartii kanaa baayʼee isaan galateeffate. Achiis, “Dhugaa Baatonni kun waanuma lallaban hojii irra waan oolchaniif isaanan dinqisiifadha” jedhee barreesseera. Gara laafinni namoota dhukkubsatanii fi dulloomaniif qabdu, rakkina isaanii salphisuuf wanta gochuu dandeessu hunda gochuuf si kakaasaa?—Filp. 2:3, 4. w17.09 9 key. 5; 12 key. 14

Roobii, Amajjii 16

Dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan wal jaallachuu qabna.—1 Yoh. 3:18.

Gocha jaalalaa obboloota keenyaaf gochuuf waadaa galle tokko dandaʼamnaan “dhoksaatti” ykn utuu namni nu hin argin gochuu qabna. (Mat. 6:1-4) Wal kabajuuf dursa fudhadhaa. (Rom. 12:10) Yesuus hojii baayʼee tuffatamaa taʼe hojjechuudhaan, warra kaaniif ulfina kennuu irratti fakkeenya taʼeera. (Yoh. 13:3-5, 12-15) Karaa kanaan namoota kaan kabajuuf, amala gad of qabuu guddifachuuf carraaqqii guddaa gochuu nu barbaachisa taʼa. Ergamoonni Yesuus illee hanga hafuura qulqulluu argatanitti wanta Yesuus raawwachaa ture guutummaatti hubachuu hin dandeenye turan. (Yoh. 13:7) Waaʼee sadarkaa barumsaa keenya, qabeenyaa keenya ykn mirga tajaajila Yihowaa keessatti qabnu baayʼee yaaduu dhiisuudhaan warra kaan akka kabajnu argisiisuu dandeenya. (Rom. 12:3) Nuti akkuma isaanii galateeffamuu ykn wanta raawwatame tokko irratti gaʼee akka qabnu yoo nutti dhagaʼame illee, namoota galata argatanitti hinaafuu mannaa isaanii wajjin ni gammanna. w17.10 9 key. 9-10

Kamisa, Amajjii 17

Misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf, misiraachichaaf jedhee waan hundumaa nan godha.—1 Qor. 9:23.

Obboloonni hedduun Dubbii Waaqayyoo tajaajila irratti fayyadamuun isaanii, namoota isaaniif lallaban irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka dandaʼu hubataniiru. Fakkeenya tokko haa ilaallu. Obboleessi tokko maanguddoo waggoota dheeraadhaaf barreeffamoota keenya dubbisaa turaniif deddeebii gaaffii gochaa ture. Obboleessi kun Masaraa Eegumsaa haaraa tokko akkasumaan isaaniif kennuu mannaa, caqasa barruu sana keessa jiru tokko isaaniif dubbisuuf murteesse. Yaada 2 Qorontos 1:3, 4 irra jiruu fi ‘Abbaan gara laafinaa fi Waaqni jajjabina hundaa rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa’ jedhu dubbiseef. Maanguddoon sun caqasa kanatti waan gammadaniif, obboleessi sun caqasicha irra deebiʼee akka isaaniif dubbisu isa gaafatan. Isaanii fi haati manaa isaanii hangam jajjabinni isaan barbaachisee akka ture kan dubbatan siʼa taʼu, yeroo kanatti ergaa Kitaaba Qulqulluutiif fedhii argisiisan. Maarree Dubbiin Waaqayyoo tajaajila keenya irratti humna qaba jedhamuun isaa sirrii sitti hin fakkaatuu?—HoE. 19:20. w17.09 26 key. 9-10

Jimaata, Amajjii 18

Lafee isaa fi foon isaa rukuti! Inni iyyuu mulʼinatti si arrabsa.—Iyo. 2:5.

Mormiin Seexanni kaase uumamawwan samii Waaqayyoof amanamoo taʼan aarsee akkasumas isaan gaddisiisee akka ture hin shakkisiisu. Taʼus, Yihowaan ariitiidhaan tarkaanfii hin fudhanne. Murtoon inni godhe sirrii ture. Yihowaan fincila Seexanni kaaseef furmaata kennuu irratti aariitti suuta jedhaa fi haqa qabeessa akka taʼe argisiiseera. (Bau. 34:6; Iyo. 2:2-6) Maaliif? Yihowaan namoonni “hundumtuu yaada akka geddaratan malee,” namni tokko illee akka badu waan hin barbaanneef yeroon akka darbu heyyameera. (2 Phe. 3:9) Amalli of toʼachuu Yihowaan argisiise, nutis dubbii fi tarkaanfii keenya qoruu akka qabnu nu barsiisa; ariifannee wanta tokko gochuu hin qabnu. Dhimmi guddaan tokko yeroo si mudatu, ogummaadhaan tarkaanfii fudhachuuf yeroo fudhattee irratti yaaduu qabda. Ogummaa wanta sirrii taʼe dubbachuu ykn raawwachuuf si gargaaru argachuuf kadhadhu. (Far. 141:3) Yeroo aarru salphaadhumatti miiraan kakaanee tarkaanfii fudhachuu dandeenya. Baayʼeen keenya wanta ariitiidhaan dubbanneen ykn raawwanneen kan kaʼe yeroo baayʼee ni gaabbina!—Fak. 14:29; 15:28; 19:2. w17.09 4 key. 6-7

Sanbadduraa, Amajjii 19

[Gonficha] mataa Iyaasuu angafa lubaa ilma Yozaadaaq irra kaaʼi!—Zak. 6:11.

Iyaasuu inni Luba Ol Aanaa taʼe gonfoon mataa isaa irra kaaʼamuun isaa mootii isa godheeraa? Lakki, Iyaasuun hidda dhalootaa mootummaa Daawit keessaa waan hin taaneef, mootii taʼuu hin dandaʼu. Gonfoon mataa isaa irra kaaʼamuun isaa mootii fi lubni bara baraa tokko gara fuulduraatti akka dhufu raajii argisiisu dha. Lubni ol aanaan mootii taʼu kun maqaan isaa Latii jedhameera. Kitaabni Qulqulluun Latiin kun, Yesuus Kiristoos akka taʼe argisiisa. (Isa. 11:1; Mat. 2:23, milj.) Yesuus Mootii fi Luba Ol Aanaa waan taʼeef, raayyaa Yihowaa isa samii kan geggeessu isa dha. Kanaafuu, sabni Waaqayyoo hundi addunyaa isaan jibbu keessa yoo jiraatan iyyuu, nagaadhaan akka jiraatan dhimmee hojjeta. (Er. 23:5, 6) Dhiheenyatti Kiristoos ol aantummaa Waaqayyoo deggeruu fi saba Yihowaa eeguudhaan saboota injifachuu irratti dursa fudhata. (Mul. 17:12-14; 19:11, 14, 15) Haa taʼu malee, Latiin murtii raawwachuu isaa dura hojii guddaa raawwatu tokko qaba. w17.10 29 key. 12-14

Dilbata, Amajjii 20

Namummaa moofaa gochawwan isaa hundumaa wajjin of irraa baasaa gataa.—Qol. 3:9.

Uffanni keessan yoo xuraaʼe, tarii immoo foolii gadhee yoo qabaate maal gootu? Uffata xuraaʼe sana hamma dandaʼametti ariitiidhaan of irraa baastu. Haaluma wal fakkaatuun, ajaja amalawwan gadhee Waaqayyoon hin gammachiisne ariitiidhaan baasnee akka gannu kennameef ajajamuu qabna. Ajaja ifaa Phaawulos Kiristiyaanota bara isaatti turaniif, namummaa moofaa “hundumaa of irraa fageessaa” jedhee kenne hordofuu barbaanna. Cubbuu Phaawulos ibse keessaa inni tokko, halalummaa dha. (Qol. 3:5-9) Afaan Kitaabni Qulqulluun jalqaba ittiin barreeffame keessatti, jechi “halalummaa” jedhamee hiikame, saalqunnamtii namoota seeraan gaaʼela hin godhanne gidduutti raawwatamuu fi saalqunnamtii saala wal fakkaataa gidduutti godhamu kan dabalatu dha. Phaawulos Kiristiyaanota hidhata isaa taʼan, ‘kutaawwan qaama isaanii akka ajjeesan,’ jechuunis fedhii “halalummaa” kam iyyuu akka of irraa fageessan isaan gorseera. Jechi Phaawulos itti fayyadame fedhiiwwan gadhee akkasii of irraa fageessuuf tarkaanfii cimaa fudhachuun akka barbaachisu argisiisa. Taʼus, qabsoo fedhiiwwan gadhee kanaa wajjin goonu moʼuu ni dandeenya. w17.08 18 key. 5-6

Wiixata, Amajjii 21

Waaqayyo koo isa ana fayyisu nan eeggadha.—Mik. 7:7.

Haalawwan yeroo harʼaatti nu mudatan, haalawwan bara Miikiyaas raajichaatti turanii wajjin wal fakkaatu. Miikiyaas kan jiraate, yeroo Ahaaz Mootichi inni hamaan bulchaa turettii fi malaanmaltummaa hedduun itti babalʼatetti ture. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun namoonni bara sanatti turan ‘waan hamaa hojjechuu baʼeessa godhanii akka beekan’ dubbata. (Mik. 7:1-3) Miikiyaas ofii isaatiin haalawwan kana jijjiiruu akka hin dandeenye hubatee ture. Amantii akka Miikiyaas kan qabnu yoo taʼe, fedhiidhaan Yihowaa eeggachuuf kakaana. Haalli keenya hidhamaa seeraa duuti itti murteeffamee fi yeroo itti ajjeeffamu eegaa jiruu wajjin tokko miti. Namni kun guyyaa kana kan eegu waan dirqameef malee fedhiidhaan miti. Haalli keenya garuu kana irraa baayʼee adda dha! Yihowaan abdii jireenya bara baraa nuu kennuuf gale yeroo sirrii fi gaarii taʼetti akka raawwatu waan beeknuuf isa eeggachuuf fedhii qabaanna! Kanaafuu, ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaannee dhaabachuu’ qabna. (Qol. 1:11, 12) Faallaa kanaatiin garuu, Yihowaan dafee tarkaanfii waan hin fudhanneef mufachaa ykn gungumaa kan isa eeggannu yoo taʼe, Waaqa keenya gaddisiisuu dandaʼa.—Qol. 3:12. w17.08 4 key. 6-7

Kibxata, Amajjii 22

Waaqayyo, warra gad deebiʼan ol in qaba.—Far. 147:6.

Gargaarsa Yihowaan nuuf godhu irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Isaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu qabna. Kana qabaachuuf immoo, garraamummaa horachuun nu barbaachisa. (Sef. 2:3) Namoonni garraamota taʼan gocha dogoggoraa kam iyyuu akka qajeelchuu fi miidhaa isaan irra gaʼe akka balleessuuf Waaqayyoon obsaan eeggatu. Yihowaan namoonni akkasii isa duratti fudhatama akka qabaatan godha. Karaa biraatiin immoo, Waaqayyo “warra jalʼoota . . . lafatti in dabala.” (Far. 147:6b) Kun akka nu irra gaʼu hin barbaannu! Jaalala Yihowaa isa amanamaa irraa fayyadamuu fi dheekkamsa isaa jalaa ooluuf, wantoota inni jibbu jibbuu qabna. (Far. 97:10) Fakkeenyaaf, halalummaa jibbuu qabna. Kana jechuun poornoogiraafii dabalatee, wantoota gara gochawwan dogoggoraa akkasiitti nu geessan kam irraa iyyuu of eeggachuu qabna jechuu dha. (Far. 119:37; Mat. 5:28) Kun qabsoo cimaa gochuu kan gaafatu taʼu iyyuu, eebba Yihowaa argachuuf carraaqqii barbaachisaa taʼe hunda gochuun kan nu gaabbisiisu miti. Qabsoo kana irratti, ofitti utuu hin taʼin Yihowaatti amanamuu qaba. Gargaarsa isaa kadhachuudhaan gara Yihowaatti dhihaachuu qabna. w17.07 19-20 key. 11-13

Roobii, Amajjii 23

Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti.—Fak. 19:17.

Qabeenya keenya hojii Mootummichaa babalʼisuuf itti fayyadamuun, qabeenya keenyatti fayyadamnee namoota kaan akka gargaarru nu taasisa. Namoonni qabeenya addunyaa kanaa qabanii fi tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuu ykn biyya alaa deemanii tajaajiluu hin dandeenye, qarshiin isaan buusii godhan obboloonni kaan akka tajaajilan kan gargaaru taʼuu isaa beekuun isaanii isaan gammachiisa. Buusiin fedhiidhaan godhamu, namoonni barreeffama akka argatan, akkasumas hojii lallabaa biyyoota gar malee hiyyeeyyii taʼan garuu immoo gama hafuuraatiin guddina argisiisaa jiran ni gargaara. Waggoota hedduudhaaf biyyoota akka Koongoo, Maadaagaaskaarii fi Ruwaandaa keessatti, obboloonni yeroo baayʼee maatii isaaniitiif nyaata bituu ykn Kitaaba Qulqulluu bitachuu keessaa tokko filachuu qabu turan; gatiin Kitaaba Qulqulluu immoo yeroo tokko tokko miindaa torban tokkoo ykn jiʼa tokkoo wajjin qixxee dha. Yeroo ammaatti, jaarmiyaan Yihowaa buusii namoonni hedduun godhan, ‘wal qixxummaadhaan’ hojii irra oolchuuf yaalii gochuudhaan miseensota maatichaa hundaafis taʼe, barattoota Kitaaba Qulqulluu karaa hafuuraa dheebotaniif Kitaabni Qulqulluun akka hiikamuu fi akka raabsamu gochaa jira.—2 Qor. 8:13-15. w17.07 9 key. 11

Kamisa, Amajjii 24

Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!—Fak. 27:11.

Gatii guddaa amanamoo taʼuun keenya qabu irratti xiinxaluun keenya kan nu jajjabeessu maaliifi? Qorumsi nu irra gaʼu kaayyoo tokko waan qabuufi. Qorumsi kun Yihowaan nutti gadduu isaa kan argisiisu utuu hin taʼin, ol aantummaa Waaqayyoo akka deggerru argisiisuuf carraa nuu bana. Jabaannee dhaabachuun keenya “ejjennoo Waaqayyo duratti fudhatama qabu” nuuf argamsiisa; akkasumas abdii keenya nuuf jabeessa. (Rom. 5:3-5) Seenaan Iyoob jabaatee dhaabachuu isaa ibsu “Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa” taʼuu isaa argisiisa. (Yaq. 5:11) Kanaafuu, Yihowaan nuunis taʼe namoota ol aantummaa isaa deggeran hunda akka eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kana beekuun keenya ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaannee dhaabachuuf’ nu gargaara. (Qol. 1:11) Ol aantummaan Yihowaa mirkanaaʼuu isaa irratti xiyyeeffachuun nutti ulfaachuu akka dandaʼu beekamaa dha. Kanaafuu, yeroo haalawwan rakkisoo taʼan nu mudatan, barbaachisummaa ol aantummaa Waaqayyoo deggeruun qabu of yaadachiisuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. w17.06 25-26 key. 15-16

Jimaata, Amajjii 25

Sassata hundumaa irraa of eegaa.—Luq. 12:15.

Yeroo harʼaatti namoonni hedduun faashinoota, meeshaalee elektirooniksii fi wantoota kana fakkaatan ilaalchisee wantoota ammayyaa qabaachuu irratti xiyyeeffatu. Kanaaf, Kiristiyaanonni hundi gaaffiiwwan armaan gadiitiin yeroo hunda fedhii isaanii qoruu qabu: ‘Walgaʼii gumiitiif qophaaʼuu mannaa, konkolaataawwan haaraa ykn uffatawwan faashinii taʼan irratti qorannaa gochuu fi yaaduudhaan saʼaatii dheeraan dabarsaa? Sochiiwwan jireenya guyyaa guyyaatiin baayʼee waanan muddameef, kadhachuuf ykn Kitaaba Qulqulluu dubbisuu irratti yeroo xinnoon dabarsaa?’ Jaalalli qabeenyaaf qabnu jaalala Kiristoosiif qabnu irra akka caalu yoo hubanne, wanta Yesuus caqasa guyyaa harʼaa irratti dubbate irratti yaaduu qabna. Yesuus, “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼee bitamuu dandaʼu hin jiru” jedheera. Itti dabaluudhaan, “Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan” jedheera. Kun kan taʼe ‘gooftoliin’ lamaanuu xiyyeeffannaa guutuu akka isaaniif kenninu waan barbaadaniifi dha. (Mat. 6:24) Namoota mudaa qabnu waan taaneef, hundi keenya qabeenya jaallachuu dabalatee “fedhii foonii . . . keenyaa” wajjin qabsoo gochuu keenya itti fufuu qabna.—Efe. 2:3. w17.05 25-26 key. 15-16

Sanbadduraa, Amajjii 26

Misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf, misiraachichaaf jedhee waan hundumaa nan godha.—1 Qor. 9:23.

Dadhaboota akka qodaa suphee yoo taane iyyuu, ergaan nuti lallabnu nuufis taʼe namoota nu dhaggeeffataniif jireenya bara baraa argamsiisuu dandaʼa. Jaalalli Phaawulos ergamaan tajaajilaaf qabu hojii barattoota gochuu irratti hinaaffaadhaan akka hirmaatu isa kakaaseera. (Rom. 1:14, 15; 2 Xim. 4:2) Kunis mormii cimaa isa irra gaʼe damdamachuuf isa gargaareera. (1 Tas. 2:2) Nuti hoo, tajaajilaaf jaalala akkasii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaa Phaawulos tajaajila isaatiif dinqisiifannaa akka qabu itti argisiise keessaa tokko, carraa namoota kaanitti dubbachuuf argate hundatti fayyadamuuf dammaqaa taʼuu isaa ti. Akkuma ergamootaa fi Kiristiyaanota bara duriitti turanii, karaa alidilee taʼeen, bakka namoonni hedduun jiranittii fi manaa gara manaatti ni lallabna. (HoE. 5:42; 20:20) Hamma haalli keenya nuuf heyyametti, tarii qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa yeroo hundaa taʼuudhaan karaa itti tajaajila keenya balʼifannu barbaanna. Kana malees qooqa kan biraa barachuu, biyyuma keenya keessatti bakka kan biraa dhaquu ykn biyya alaa deemuu dandeenya taʼa.—HoE. 16:9, 10. w17.06 10-11 key. 8-9

Dilbata, Amajjii 27

Gaaronni hundii fi odoolawwan hundis iddoo isaaniitii buqqifaman.—Mul. 6:14.

Wanti hamaan yeroo ammaatti addunyaa kana irratti hojjetamaa jiru baayʼeen isaa dhuunfaadhaan utuu hin taʼin dhaabbileedhaan raawwatama. Dhaabbileen amantii waaʼee Waaqayyoo, Kitaabni Qulqulluun kan amanamu taʼuu isaa, akkasumas abdii laftis taʼe ilmaan namootaa qaban dabalatee waaʼee wantoota kan biraa hedduu ilaalchisee namoota miliyoonaan lakkaaʼaman gowwoomsaa jiru. Yookiin waaʼee mootummoota waraanaa fi walitti buʼiinsa sanyii babalʼisan, hiyyeessotaa fi namoota gargaarsa hin qabne hacuucan, mattaʼaa fudhatanii fi loogiidhaan murteessanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Dhaabbileen sassatoota taʼanii fi qilleensa naannoo faalan, qabeenya uumamaa balleessanii fi daldaltoonni namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman hiyyummaa wajjin utuu qabsaaʼanii maamiltoota isaanii saamuudhaan gowwoomsaadhaan qabeenya horatanis jiru. Dubbiin Waaqayyoo mootummoota addunyaa moofaa taʼe kanaa fi dhaabbileen isaan jala jiran, hundee isaanii irraa akka buqqifamanii fi namoota Mootummaa Waaqayyoo mormuudhaan isaan deggeran hunda balleessuudhaan akka xumuramu raajii dubbateera.—Er. 25:31-33. w17.04 11 key. 7-8

Wiixata, Amajjii 28

Wanta hamaa isa ‘Ani isa irratti nan fida’ jedhe sana bara isaa keessa [hin fidu].—1 Mot. 21:29.

Yihowaan ‘inni garaa namaa qoru’ hamma tokko Ahaabiif dhiifama godheera. (Fak. 17:3) Namoonni yakka cimaa Ahaab raawwate beekan murtoo kana yommuu argan maaltu isaanitti dhagaʼame? Murtoon kun amantiin firootaa fi maatii Naabot akka qoramu godhee taʼuu dandaʼa. Taʼus, gad of qabuun isaanii, Waaqni isaanii jalʼina akka hin hojjenne mirkanaaʼoo taʼanii amanamummaadhaan isa waaqeffachuu isaanii akka itti fufan isaan kakaasuudhaan eegumsa isaaniif godheera. (Kes. 32:3, 4) Naabot, ijoolleen isaa fi maatiin isaa yeroo Yihowaan qajeelota duʼaa kaasutti haqa guutuu taʼe argatu. (Iyo. 14:14, 15; Yoh. 5:28, 29) Kana malees, namni gad of qabu ‘Waaqayyo hojii hundumaa, gaariis taʼe hamaa wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaaf firdii akka kennu’ hin dagatu. (Lal. 12:14) Eeyyee, Yihowaan wantoota nuti hin beekne tilmaama keessa galchuudhaan murtoo kenna. Kanaaf, gad of qabuun namoonni qajeeloo taʼan karaa hafuuraa balaa irra akka hin buune godha. w17.04 24 key. 8-9

Kibxata, Amajjii 29

Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa.—Fak. 17:17, NW.

Haala addunyaa yeroo ammaatti jiruun kan kaʼe obboloonni keenya hedduun godaantota taʼaniiru. Yeroon ceʼumsaa kun baayʼee rakkisaa isaanitti taʼuu dandaʼa. Qooqa haaraa barachuu fi seera haaraatti baruu, akkasumas naamusa, yeroo eeguu, qaraxa, miʼa bitaniif kaffaluu, mana barumsaa dhaquu fi ijoollee adabuu ilaalchisee wanta isaan irraa eegamu yeruma tokkotti raawwachuuf yaaluun hammam ulfaataa akka taʼe yaadaa! Ati hoo obboloota kee rakkina akkanaa keessa jiran obsaa fi kabajaan isaan gargaaruu ni dandeessaa? (Filp. 2:3, 4) Kana malees, abbootiin taayitaa yeroo tokko tokko obboloonni kun gumii wajjin wal arguun rakkisaa akka isaanitti taʼu godhu. Dhaabbileen tokko tokko obboloonni keenya hojii walgaʼii irraa akka hafan isaan taasisu hojjechuu yommuu didanitti gargaarsa ykn hirkattummaa akka isaan dhowwatan isaan doorsisu. Obboloonni muraasni doorsisa kanaaf moʼamuudhaan harka kennaniiru. Kanaaf, hamma dandaʼametti akkuma isaan dhufaniin obboloota keenya godaantota taʼan simachuu qabna. Akka isaaniif yaannu arguu qabu. Isaaniif garaa laafuunii fi gargaarsa qabatamaa isaaniif gochuun keenya amantii isaanii cimsuu dandaʼa.—Fak. 12:25. w17.05 5 key. 9-10

Roobii, Amajjii 30

Jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa.—Mat. 24:12.

Mallattoo Yesuus “dhuma sirna kanaa” ilaalchisee kenne keessaa tokko, “jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa” kan jedhudha. (Mat. 24:3) Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan, saba Waaqayyoo akka taʼanitti dubbachaa kan turan taʼanis, jaalalli Waaqayyoof qaban akka qabbanaaʼu heyyamanii turan. Gama biraatiin immoo, Kiristiyaanonni yeroo sanatti turan hedduun ‘misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu lallabuu’ irratti hinaaffaadhaan hirmaachaa, akkasumas jaalala Waaqayyoof, namoota hidhata amantii isaanii taʼanii fi namoota Kiristiyaanota hin taaneef qaban argisiisaa turan. (HoE. 2:44-47; 5:42) Haa taʼu malee, duuka buutonni Yesuus jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko, jaalalli isaanii akka qabbanaaʼu heyyamanii turan. Yesuus Kiristoos inni duʼaa kaafame, Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti Efesoon keessa jiraachaa turan ilaalchisee, “Waanan itti si komadhu tokko qaba, jaalala isa jalqaba irratti qabdu sana dhiisteetta” jedheera. (Mul. 2:4) Wanti kanaaf sababii taʼe tokko maal taʼuu dandaʼa? Barattoonni Kiristoos jalqabaa ilaalchi foonii addunyaan qabu dhiibbaa waan isaan irratti geessiseef taʼuu dandaʼa.—Efe. 2:2, 3. w17.05 17 key. 1-3

Kamisa, Amajjii 31

Waadaa Yihowaadhaaf galte raawwadhu.—Mat. 5:33.

Inni geggeessaa cimaa ture; ishiin haadha manaa abbaa manaa ishiitiif bitamtu turte. Inni loltuu ija jabeessa ture; ishiin haadha manaa gad of qabduu fi mana ishiis taʼe maatii ishii akka gaariitti kunuunsitu turte. Abbaa Firdii kan taʼe Yiftaanii fi Haannaa ishiin haadha manaa Elqaanaa taate Waaqa tokko kan waaqeffatan taʼuu isaanii malees, wanti wal isaan fakkeessu maal taʼuu dandaʼa? Lamaanuu Waaqayyoof waadaa galanii turan; waadaa galanis amanamummaadhaan raawwataniiru. Dhiirotaa fi dubartoota yeroo harʼaatti Yihowaadhaaf waadaa galuu filataniif fakkeenya gaarii taʼu. Akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, wareegni waadaa cimaa Waaqayyoof galamu dha. Namni tokko wanta tokko gochuuf, kennaa tokko kennuuf, tajaajila taʼe tokko jalqabuuf ykn wantoota tokko tokko irraa of qusachuuf waadaa galuu isaa argisiisa. Namni tokko waadaa kan galu fedhii isaatiin, jechuunis jaalalaan kakaʼee ti. Namni kam iyyuu dirqamaan waadaa akka galu hin taasifamu. Haa taʼu malee, namni tokko waadaa yoo gale, Yihowaan waadaa gale akka raawwatu isa irraa eega. Kitaaba Qulqulluu keessatti waadaa galuun akkuma kakaa iddoo guddaa kan qabu dha. Kakaan wanta namni tokko raawwachuuf ykn raawwachuu dhiisuuf kakatu dha.—Uma. 14:22, 23; Ibr. 6:16, 17. w17.04 3 key. 1-2

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi