Bitootessa
Jimaata, Bitootessa 1
Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.
Gumii keessan keessa namni isin aarsu tokko jiraa? Miirri nama kanaaf qabdan jalqaba irratti gaarii taʼuu dhiisuu dandaʼa; miirri kun jijjiiramuu baannaanis yeroo dheeraadhaaf turuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, diinota keenya dabalatee hariiroo namoota kaanii wajjin qabnu fooyyessuuf keessummummaa simachuun gaarii akka taʼe dubbata. (Rom. 12:20) Nama tokko keessummeessuun wal dhabiinsa hirʼisuu fi miira miidhame fayyisuu dandaʼa. Amalawwan gaarii Yihowaan yeroo gara dhugaatti isa harkise ilaale hubachuu jalqabdu taʼa. (Yoh. 6:44) Afeerraan jaalala irratti hundaaʼee fi utuu hin eegamin dhihaate, hariiroon kanaan dura ture guutummaatti akka jijjiiramu gochuu dandaʼa. Jaalalaan kakaatee akka afeerte mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Karaan kana itti gochuu dandeenyu inni tokko gorsa caqasa guyyaa harʼaa irratti kenname hordofuudhaani. Obboloonni keenya karaa taʼe tokkoon akka nu caalan, jechuunis amantii, jabaatanii dhaabachuu, ija jabina ykn amalawwan gaarii kaaniin akka nu caalan yaaduun keenya, jaalalli isaaniif qabnu akka dabaluu fi keessummummaa isaan simachuun akka nutti salphatu godha. w18.03 17 key. 18-19
Sanbadduraa, Bitootessa 2
[Yihowaan] namni tokko illee akka badu [hin barbaadu].—2 Phe. 3:9.
Warri tokko tokko ajajamuun baayʼee kan isaanitti ulfaatu yeroo mucaan isaanii gumiidhaa baafamu dha. Mee haadha intalli ishii gumiidhaa baafamtee fi mana dhiistee baate takka akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Haati ishii, “Intala tiyyaa fi intala intala tiyyaa wajjin yeroo dabarsuu akkan dandaʼuuf wanta sababa naaf taʼu barreeffamoota keenya irraa argachuuf nan yaalan ture” jechuudhaan ifatti dubbatteetti. Itti dabaluudhaanis, “Abbaan manaa koo garuu intalli teenya harka keenya keessaa akka baatee fi nuti dhimma kana gidduu galuu akka hin qabne akkan hubadhu gaarummaadhaan na gargaareera” jetteetti. Waggoota muraasa booda, intalli isaanii gara gumiitti deebite. Haati ishii, “Akka nuti Waaqayyoof ajajamne waan beektuuf, anaa fi abbaa manaa koo garaadhaa kabajji” jetteetti. Mucaa gumiidhaa baafame yoo qabaattan, ‘hubannaa ofii keessanitti hirkachuu’ mannaa, ‘garaa keessan guutuu Waaqayyoon ni amanattuu?’ (Fak. 3:5, 6) Adabaa fi qajeelfama Yihowaa irratti amantii qabaadhaa. Hammam illee yoo isinitti ulfaate wanta Yihowaan akka gootan isin ajaje raawwadhaa. Eeyyee, adaba Waaqayyoo mormuu mannaa, adaba isaa fudhadhaa. w18.03 31 key. 12-13
Dilbata, Bitootessa 3
Dhaqaatii . . . namoota barattoota godhaa.—Mat. 28:19.
Kitaabni Qulqulluun umurii namni tokko itti cuuphamuu qabu hin caqasu. Jechi Afaan Giriikii Maatewos 28:19 irratti ‘barattoota gochuu’ jedhamee hiikame, barattoota akka taʼan yaadatti qabatanii barsiisuu yaada jedhu of keessaa qaba. Barataa jechuun nama barumsa Yesuus baratuu fi hubatu, akkasumas barumsa kana eeguuf kan murteesse jechuu akka taʼe argisiisa. Kanaaf, warri Kiristiyaanota taʼan hundi, ijoolleen isaanii barattoota Kiristoos cuuphaman akka taʼan galma godhatanii yaaduudhaan daaʼimummaa isaaniitii kaasanii isaan barsiisuu qabu. Daaʼimman cuuphamuuf gaʼumsa akka hin qabne beekamaa dha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ijoolleen hamma tokko xixinnoo taʼan illee, dhugaa Kitaaba Qulqulluu hubachuu fi dinqisiifachuu akka dandaʼan ibsa. Fakkeenyaaf, Ximotewos, barataa ijoollummaa isaatti dhugaa kan mataa isaa godhate ture. Inni amantii cimaa qabaachuu dandaʼeera. (2 Xim. 1:5; 3:14, 15) Umuriin isaa dhuma waggoota kurnanii ykn jalqaba waggoota 20mmanii yeroo ture, barataa Kiristoos gumii keessatti mirgoota addaa qabachuu dandaʼu taʼee ture.—HoE. 16:1-3. w18.03 9 key. 4-5
Wiixata, Bitootessa 4
Humna sammuu keessan hojjechiisuunis haareffamuu keessan itti fufaa.—Efe. 4:23.
Yommuu tajaajiltoota Waaqayyoo taanu jijjiirama gooneerra. Jijjiiramni kunis jireenya keenya hundumaa tuqeera. Taʼus yommuu cuuphamnutti jijjiirama gochuu keenya xumurreerra jechuu miti. Hundi keenya iyyuu cubbuu waan dhaalleef, jijjiirama gochuu keenya itti fufuu qabna. (Filp. 3:12, 13) Dargaggoonnis taane maanguddoonni akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Jijjiirama gara namummaa hafuuraatti guddachaa akkan jiru argisiisu of irratti ilaalaan jiraa? Namummaan koo kan Kiristoos fakkaachaa jiraa? Ilaalchii fi amalli ani walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argisiisu karaa hafuuraa sadarkaa akkamii irra akkan jiru argisiisa? Wantin namootaa wajjin haasaʼu fedhii akkamii akkan qabu ibsa? Barsiifanni gama qoʼannaatiin qabu, akkaataan uffannaa fi miidhaginaa koo ykn deebiin yommuu gorsi naaf kennamu kennu waaʼee koo maal argisiisa? Yommuu qorumsi na mudatu tarkaanfii akkamiin fudhadha? Akkuma Kiristoos bilchina guutuu bira gaʼuuf guddina gochaan jiraa?’ (Efe. 4:13) Deebii gaaffiiwwan kanaaf kenninu irratti yaaduun keenya karaa hafuuraa sadarkaa akkamii irra akka jirru madaaluuf nu gargaara. w18.02 24 key. 4-5
Kibxata, Bitootessa 5
Sabni [“Yihowaan,” NW] Waaqayyo isaa taʼeef haa gammadu!—Far. 144:15.
Seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroo adda taʼe keessa jiraanna. Akkuma Kitaabni Qulqulluun raajiidhaan dubbate, Yihowaan “tuuta uummataa guddaa . . . saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan” walitti qabaa jira. Warri walitti qabaman kun, “saba humna qabeessa” namoota gammadoo miliyoona saddeetii ol qabate taʼaniiru; akkasumas ‘halkanii fi guyyaa tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessu.’ (Mul. 7:9, 15; Isa. 60:22, NW) Namoonni Waaqayyoonis taʼe namoota kaan jaallatan akka yeroo kanaatti baayʼatanii hin beekan. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaa kana jaalalli sirrii hin taane, jechuunis jaalalli ofittummaa irratti hundaaʼe namoota Waaqayyo irraa fagaatanii jiraatan irratti akka mulʼatu raajii dubbateera. Phaawulos ergamaan, “Guyyoota dhumaatti . . . namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, . . . Waaqayyoon jaallachuu caalaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu” jechuudhaan barreesseera. (2 Xim. 3:1-4) Jaalalli ofittummaa irratti hundaaʼe kun jaalala Kiristiyaanotaa wajjin tokko miti; siruma iyyuu faallaa isaa ti. Jaalalli akkanaa, ofittummaa waan babalʼisuuf jireenyi ulfaataa akka taʼu godha. w18.01 22 key. 1-2
Roobii, Bitootessa 6
Warri Waaqayyoon barbaaddatan . . . wanta hundumaa in hubatu.—Fak. 28:5.
Beekumsi sirriin Noh argate, amantii fi ogummaa akka argatu gochuudhaan, miidhaa irraa keessumaa immoo miidhaa karaa hafuuraa isa irra gaʼu irraa isa eegeera. Fakkeenyaaf, Noh ‘karaa Waaqayyoo irra waan deddeebiʼeef’ namoota Waaqayyo irratti amantii hin qabne wajjin hin deddeebine ykn isaan wajjin hin michoomne. Namoota kana irraa haala adda taʼeen, Noh maleekota hamoo foon uffataniin hin gowwoomfamne. Namoonni yeroo sanaa garuu humna namaa olii jinniiwwan kun qaban dinqisiifachuu irra iyyuu darbanii, tarii isaan waaqeffachuuf yaalanii taʼuu dandaʼa. (Uma. 6:1-4, 9) Kana malees, Noh ilmaan namootaa wal horanii lafa akka guutan akka isaanitti himame beeka ture. (Uma. 1:27, 28) Kanaafuu, saalqunnamtiin qaamota hafuuraa foon uffatanii fi dubartoota gidduutti godhamu wanta uumamaa ala taʼee fi dogoggora taʼuu isaa beeka ture. Ijoolleen walitti dhufeenya akkasiitiin dhalatan namoota kaan irraa adda taʼuun isaanii yommuu beekamu, yaanni Noh sirrii taʼuun isaa mirkanaaʼee taʼuu qaba. Yeroo booda, Waaqayyo lafa kana bishaaniin akka balleessu Nohiin akeekkachiisee ture. Amantiin Noh akeekkachiisa sana irratti qabu maatii isaa oolchuuf doonii akka hojjetu isa kakaaseera.—Ibr. 11:7. w18.02 9 key. 8
Kamisa, Bitootessa 7
Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin ani wantan amma taʼe kana taʼeera.—1 Qor. 15:10.
Cubbuu guddaa yoo hojjette, Yihowaan haala kee duriitti akka deebitu si gargaaruuf qophaaʼaa dha. Haa taʼu malee, gargaarsa inni karaa gumii qopheesse fudhachuu qabda. (Fak. 24:16; Yaq. 5:13-15) Jireenya bara baraa argachuun kee kana irratti waan hundaaʼuuf kana gochuuf duubatti hin jedhin! Haa taʼu malee, dhiifama erga argattee yeroo dheeraa booda iyyuu cubbuu darbe sanaaf sammuun kee si ceephaʼuu isaa yoo itti fufe hoo? Phaawulos ergamaanis dogoggorri sanaan dura hojjete isa dhiphisee akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. “Ani gumii Waaqayyoo ariʼachaa waanan tureef, nama ergamoota hundumaatii gad taʼee fi ergamaa jedhamee waamamuun anaaf hin malle dha” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. (1 Qor. 15:9) Yihowaan Phaawulosiin eenyummaa isaa wajjin kan isa simate siʼa taʼu, Phaawulosis kana akka hubatu isa irraa barbaada ture. Cubbuu kanaan dura hojjetteef garaadhaa qalbii yoo jijjiirrattee fi cubbuu cimaa taanaan jaarsoliitti yoo himatte, Yihowaan dhiifama akka siif godhe hin shakkin. Yihowaan waadaa gale akka eegu amani, dhiifama isaas fudhadhu!—Isa. 55:6, 7. w18.01 11 key. 17-18
Jimaata, Bitootessa 8
Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.—Yaq. 4:8.
Michuu Yihowaa taʼuun qunnamtii gama lamaa, jechuunis dhaggeeffachuu fi dubbachuu kan dabalatu dha. Karaan inni guddaan Yihowaa itti dhaggeeffannu, dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu dha. Kun immoo Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan beekumsa argachuu dabalata. Yeroo kana gootutti, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun beekumsa sammuu kuufachuu qofa akka hin taane yaadadhu. Qormaata mana barumsaa darbuuf jecha waan tokko sammuutti qabachuu wajjin wal fakkaachuu hin qabu. Qoʼannaan buʼa qabeessa taʼe, adeemsa gammachiisaa amalawwan Yihowaa caalaatti beekuuf godhamu wajjin wal fakkaata. Kana gochuun kee caalaatti Waaqayyotti akka dhihaattuu fi innis akka sitti dhihaatu godha. Jaarmiyaan Yihowaa meeshaalee qoʼannaa gaarii gochuuf si gargaaran hedduu qopheesseera. Fakkeenyaaf, jw.org irratti barreeffamni qoʼannaa kitaaba, “Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?” jedhamuuf qophaaʼe, amantii kee cimsachuuf si gargaaruu dandaʼa.—Far. 119:105. w17.12 25 key. 8-9
Sanbadduraa, Bitootessa 9
Tulluu koo isa qulqullaaʼaa irrattis nama kan miidhu, yookiis waa kan balleessu hin jiru.—Isa. 11:9.
Haalli tasgabbaaʼaan kun kan babalʼatu, ‘akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin waan guutamtuuf’ akka taʼe hubadhu. Bineensonni waaʼee Yihowaa barachuu waan hin dandeenyeef, raajiin kun karaa hafuuraa namoota irratti raawwatama. (Isa. 11:6, 7) Namoonni kanaan dura akkuma yeeyyii gara jabeeyyii turan hedduun, amma garuu warra kaan wajjin nagaadhaan jiraatu. Muuxannoowwan kana keessaa tokko tokko mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhuu fi jw.org. irratti walitti aansee baʼu irraa dubbisuu dandeessu. Namoonni kanaan dura gara jabeeyyii turan “namummaa haaraa isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame [uffataniiru].” (Efe. 4:23, 24) Namoonni waaʼee Waaqayyoo yeroo baratan, qajeelfama isaa wajjin wal simanii jiraachuun barbaachisaa taʼuu isaa hubatu. Achiis, amantii, ilaalchaa fi amala isaanii irratti jijjiirama gochuuf kakaʼu. Jijjiirama akkanaa gochuun salphaa taʼuu baatus, hafuurri Waaqayyoo namoota fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadan waan gargaaruuf jijjiirama gochuun ni dandaʼama. w18.01 31 key. 15-16
Dilbata, Bitootessa 10
Hundi isaanii dabaree isaaniitiin jireenya argatu.—1 Qor. 15:23.
Kitaabni Qulqulluun, namoota duʼaa kaʼanii samii irra jiraatan ilaalchisee, “hundi isaanii dabaree isaaniitiin” akka duʼaa kaʼan dubbata. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni duʼaa kaʼanii lafa irra jiraatanis duraa duubaan akka kaʼan amanuu dandeenya. Kun haala nama gammachiisu dha. Namoonni dhiheenya kana duʼan, gara jalqaba Bulchiinsa Kiristoos Isa Waggaa Kumaatti duʼaa kaʼanii namoota isaan jaallatanii fi isaan beekaniin simatamuu laata? Dhiironni amanamoon bara durii turanii fi geggeessuuf dandeettii qaban dursanii duʼaa kaʼuudhaan, addunyaa haaraa keessatti saba Waaqayyoo gurmeessuuf gargaaruu laata? Namoonni tajaajiltoota Yihowaa hin turre hoo, yoomii fi eessatti duʼaa kaʼu? Gaaffiiwwan hedduun kaʼuu dandaʼu. Garuu gaaffiiwwan kana irratti amma yaaduun keenya barbaachisaa dhaa? Callisnee eeguu fi wanta Yihowaan godhu ilaaluu hin wayyuu? Hammasitti garuu, Yihowaa isa namoonni yaadannoo isaa keessa jiran duʼaa akka kaʼan karaa Yesuusiin nuu mirkaneesse irratti amantii qabnu cimsachuu qabna.—Yoh. 5:28, 29; 11:23. w17.12 12 key. 20-21
Wiixata, Bitootessa 11
Isin haadhotiin manaa, Gooftaa duratti fudhatama waan qabuuf abbootii manaa keessaniif bitamaa. Isin abbootiin manaa, haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa; akka malees isaanitti hin dheekkaminaa. Isinis yaa ijoolle, . . . waan hundumaan warra keessaniif ajajamaa.—Qol. 3:18-20.
Gorsa Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin barreesse hojii irra oolchuun abbootii manaa, haadhotii manaa fi ijoollee yeroo harʼaa jiranis kan gargaaru taʼuu isaa irratti akka walii galtan hin shakkisiisu. Abbootii manaatiif gorsi, “Haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa; akka malees isaanitti hin dheekkaminaa” jedhu isaaniif kennameera. Abbaan manaa jaalala qabu tokko yaada haati manaa isaa kennitu dhaggeeffachuu fi wanta ishiin jettuuf iddoo guddaa akka kennu ishiidhaaf mirkaneessuudhaan ishii kabaja. (1 Phe. 3:7) Yeroo hundumaa wanta ishiin gaafattu raawwachuu baatus, ishii wajjin mariʼachuudhaan murtoo qajeelaa gochuu dandaʼa. (Fak. 15:22) Abbaan manaa jaalala qabu tokko haati manaa isaa kabaja akka isaaf kennitu gaafachuu mannaa, hojii isaa ilaaltee akka isa kabajju gochuuf yaala. Abbaan manaa haadha manaa isaa fi ijoollee isaa jaallatu tokko maatii gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu fi badhaasa jireenyaa argatu qabaachuu dandaʼa. w17.11 28 key. 12; 29 key. 15
Kibxata, Bitootessa 12
Namni kam iyyuu . . . falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee akka isin hin fudhanne of eeggadhaa.—Qol. 2:8.
Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Qolosaayis keessa jiraniif xalayaa isaa isa jalqabaa kan barreesse, Roomaa keessatti yeroo jalqabaatiif hidhamee yeroo turetti, jechuunis Dh.K.B. naannoo bara 60-61tti akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Xalayaa kana irratti ‘hubannaa hafuuraatiin guutamuun’ barbaachisaa taʼuu isaa isaaniif ibseera. (Qol. 1:9) Phaawulos itti dabaluudhaan, “Kana kanan jedhu, namni kam iyyuu sossobee akka isin hin gowwoomsineefi. Namni kam iyyuu, akka Kiristoositti utuu hin taʼin, akka aadaa namootaatti, akka wantoota buʼuuraa addunyaatti, falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee akka isin hin fudhanne of eeggadhaa” jedheera. (Qol. 2:4, 8) Itti fufuudhaan immoo, yaadawwan beekamoon tokko tokko maaliif dogoggora akka taʼanii fi ilaalchi addunyaa namoota cubbamoo taʼan kan hawwatu maaliif akka taʼe ibseera. Fakkeenyaaf, namni tokko ogeessa akka taʼee fi warra kaan akka caalu akka isatti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Xalayaan kun obboloonni ilaalcha addunyaa fi gochawwan dogoggoraa akka of irraa fageessan gargaaruuf yaadamee kan barreeffame ture.—Qol. 2:16, 17, 23. w17.11 20 key. 1
Roobii, Bitootessa 13
Harki kee yookiin miilli kee yoo si gufachiise of irraa kutii gati.—Mat. 18:8.
Kiristiyaanni tokko araara Waaqayyoo argachuu isaa itti fufuuf maal gochuu dhiisuu qaba? Wanti inni jaallatu tokko cubbuu raawwachuuf kan isa saaxilu yoo taʼe, wanta sana dhiisuuf murteessuu qaba. (Mat. 18:9) Michoonni kee tokko tokko wanta Yihowaa gaddisiisu akka raawwattu dhiibbaa kan sirraan geessisan yoo taʼe, walitti dhufeenya isaanii wajjin qabdu ni dhaabdaa? Dhugaatii alkoolii irratti madaallii kee eeguun kan si rakkisu yoo taʼe, haalawwan garmalee dhuguuf akka qoramtu si taasisan irraa fagaachuuf fedhii qabdaa? Hawwii saalqunnamtii sirrii hin taanee wajjin qabsoo gochaa jirta yoo taʼe immoo, fiilmii, weeb saayitii ykn sochiiwwan yaanni xuraaʼaan kun akka si keessatti uumamu godhan kam irraa iyyuu ni fagaattaa? Amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu eegnee jiraachuuf aarsaan kaffallu kam iyyuu kan gaabbisiisu akka hin taane yaadadhu. Yihowaan akka nu dhiise nutti dhagaʼamuu caalaa wanti ulfaatu hin jiru. Karaa biraatiin immoo, akka inni “jaalala bara baraa” nuuf qabu beekuu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru.—Isa. 54:7, 8. w17.11 11 key. 12
Kamisa, Bitootessa 14
Kun abaarsa . . . dhufu sana dha; sababiin isaas namni hatu hundi . . . hin adabamne.—Zak. 5:3, NW.
Zakaariyaas 5:4 irratti, ‘abaarsi mana isa hatu sanaa akka lixu, mana isaa keessatti hafees akka balleessu’ dubbachuu isaa hubattanii? Murtiin adabaa Yihowaa danqaraa fi cufaadhaan dhoowwamuu hin dandaʼu. Murtiin kun dogoggora saba Yihowaa gidduu jiru kam iyyuu ifatti baasuuf bakka dhokataa kam iyyuu seenuu ni dandaʼa. Namni tokko hanna, abbootii taayitaa, hojjechiistota, jaarsolii ykn warra jalaa dhoksuu yoo dandaʼe iyyuu, Waaqayyo isa hanna kam iyyuu ifatti baasuuf mirkaneesse jalaa dhoksuu hin dandaʼu. (Ibr. 4:13) Namoota yeroo hunda “waan hundumaan” amanamoo taʼuuf dammaqoo taʼanii wajjin tokkummaa qabaachuun baayʼee nama gammachiisa! (Ibr. 13:18) Hanni kam iyyuu Yihowaa biratti jibbamaa dha. Gocha karaa kamiin iyyuu maqaa Yihowaa irratti arrabsoo fidu irraa fagaachuudhaan ulaagaa naamusaa Yihowaa isa sadarkaa guddaa qabu eegnee jiraachuu keenya akka ulfinaatti ilaalla. Akkas gochuudhaan murtii Yihowaan warra taʼe jedhanii seera isaa cabsan irratti fidu jalaa ooluu dandeenya. w17.10 22 key. 6-7
Jimaata, Bitootessa 15
Hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii cimaa godhaa.—Efe. 4:3.
Yeroo dogoggoraan akka hubatamne ykn miidhaan akka nu irra gaʼe nutti dhagaʼamu illee, obboloota keenyaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. (Rom. 12:17, 18) Dhiifama gaafachuun miidhaa miiraa fayyisuu dandaʼa; garuu garaadhaa kan madde taʼuu qaba. Keessumaa gaaʼela keessatti nagaan baayʼee barbaachisaa dha. Haati manaa fi abbaan manaa namoota duratti kan wal jaallatan fakkaatanii, kophaatti immoo kan waliin oodan, dubbii hamaa kan walitti dubbatan ykn kan wal reeban taʼuu hin qaban. Akkasumas tola dhiifama gochuuf qophaaʼoo taʼuu qabna. Aarii keenya of keessaa baasnee nama nu mufachiise tokkotti araaramuudhaan dhiifama gochuu dandeenya. Dhiifama kan goone garaadhaa akka taʼuuf, ‘miidhaa nu irra gaʼe galmeessinee qabachuu dhiisuuf’ yaada keenya toʼachuu qabna. (1 Qor. 13:4, 5) Haaloo ykn xiiqii yoo qabanne hariiroo obboloota keenyaa wajjin qabnu qofa utuu hin taʼin, hariiroo Yihowaa wajjin qabnus akka hin deebine goonee balleessina.—Mat. 6:14, 15. w17.10 10 key. 14-15
Sanbadduraa, Bitootessa 16
Isin yommus Waaqayyo gooftaan maccaa gara keessanitti akka na erge in beektu.—Zak. 6:15.
Ergaan Zakaariyaas Yihudoota bara isaa turan irratti dhiibbaa akkamii geessisee ture? Yihowaan hojii isaaniitiif tasgabbii fi eegumsa akka godhu wabii kenneera. Manni qulqullummaa akka ijaaramu mirkaneessuun isaa hamileen isaanii inni cabe deebiʼee abdii akka qabaatu godhee taʼuu qaba. Haa taʼu malee, namoonni muraasni hojii kana hunda akkamitti hojjechuu dandaʼu? Wanti Zakaariyaas itti aansee dubbate sodaa fi shakkii qaban hunda balleesseera. Deggersa namoonni amanamoon akka Heldaayi, Xobiiyaa fi Yedaaʼiyaa jiran kennan malees, Waaqayyo namoonni kaan hedduun ‘dhufanii mana qulqullummaa akka ijaaran’ dubbateera. Mootiin warra Faares isaan dhorkus, Yihudoonni deggersa Waaqayyoo akka qaban amanuudhaan yeruma sana hojii ijaarsaa isaanii deebiʼanii itti fufuuf tarkaanfii fudhatan. Utuma baayʼee hin turin, Yihowaan dhorkaa mootummaa akka tulluu guddaa gufuu isaanitti taʼe balleessuudhaan ijaarsi mana qulqullummaa Dh.K.D. bara 515 akka xumuramu godhe. (Iz. 6:22; Zak. 4:6, 7) Haa taʼu malee, wanti Yihowaan dubbate wantoota kana caalanii fi bara keenyatti raawwatamanis ni ibsa. w17.10 29 key. 17
Dilbata, Bitootessa 17
Ija jabaadhuu hojjedhu!—1 Sen. 28:20.
Solomoon hojii ijaarsaa mana qulqullummaa guddaa Yerusaalemitti ijaaramu akka toʼatu ajajamee ture. Ijaarsi kun ‘baayʼee guddaa waan taʼuuf, maqaan isaa fi miidhaginni isaa saba lafa irraa hundumaa biratti kan beekamu taʼa.’ Hunda caalaa immoo, manni qulqullummaa kun ‘mana Waaqayyoo’ taʼa. Yihowaan, Solomoon ol aantummaadhaan hojii kana akka toʼatu ajaja kennee ture. (1 Sen. 22:1, 5, 9-11) Daawit Mootichi, Solomoon “mucaa wallaalaa” taʼus, deggersa Waaqayyoo akka argatu amanannaa qaba ture. Solomoon hoo hojii mana qulqullummaa ijaaruu kana fudhachuuf ija jabina qabaataa laata? Moo mucaa wallaalaa taʼuun isaa gufuu isatti taʼa? Solomoon gama kanaan milkaaʼina argachuuf, ija jabaachuu fi hojii sana hojjechuu qaba. Solomoon utuu ija jabeessa taʼuu baatee, sodaan humna isa dhabsiisuu fi hojii hojjechuu irraa duubatti akka jedhu isa gochuu dandaʼa ture; hojicha hojjechuu dhiisuun immoo kana caalaa hammaata; kanaa mannaa immoo hojicha jalqabee utuu isaaf hin milkaaʼin hafuu wayya. Akkuma Solomoon, ija jabeeyyii taʼuu fi hojicha raawwachuuf gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa. w17.09 28 key. 1-2; 29 key. 4-5
Wiixata, Bitootessa 18
Dubbiin Waaqayyo keenyaa . . . bara baraan dhaabatee in hafa.—Isa. 40:8.
Kitaabni Qulqulluun utuu hin jiru taʼee, jireenyi kee maal fakkaachuu akka dandaʼu yaaddee beektaa? Gorsa amansiisaa guyyaa hundumaa si fayyadu argachuu hin dandeessu. Akkasumas gaaffii Waaqayyoon, jireenyaa fi waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee qabduuf deebii quubsaa hin argattu. Kana malees, maatii ilmaan namootaa kanaan dura turanii wajjin haala wal qabateen wanta Yihowaan raawwate beekuu hin dandeessu turte. Kan nama gammachiisu garuu, nuti haala gaddisiisaa akkasii keessa hin jirru. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe nuuf kenneera. Kana malees, ergaan achi keessa jiru bara baraaf jabaatee akka dhaabatu nuuf mirkaneesseera. Pheexiros ergamaan Isaayaas 40:8 irraa caqaseera. Caqasni kun kallattiidhaan waaʼee Kitaaba Qulqulluu kan hin dubbanne taʼus, jechoonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun ergaa Kitaaba Qulqulluu argisiisuufis ni hojjetu. (1 Phe. 1:24, 25) Namoonni garaa qulqulluu qaban kana gochuun yeroo hunda salphaa isaaniif taʼuu baatus, Kitaaba Qulqulluu hiikuu fi raabsuu irratti jaarraawwan hedduudhaaf jabaatanii hojjetaniiru. Hawwiin isaanii fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun, “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe akka argatan” gochuu ture.—1 Xim. 2:3, 4. w17.09 18 key. 1-2
Kibxata, Bitootessa 19
Ati immoo haadha manaa isaa ti; egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?—Uma. 39:9.
Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan hedduun qorumsi akka Yoseef isaan mudata. (Uma. 39:7) Fakkeenya Kiimberlii haa ilaallu. Ijoolleen ishii wajjin kutaa tokkotti baratan saalqunnamtii dhuma torbaniitti raawwatan dubbachuudhaan of jaju turan. Kiimberliin garuu muuxannoo akkasii hin qabdu turte. Warra kaan irraa adda taʼuun ishii yeroo tokko tokko, “akka hin barbaadamnee fi kophaa akka taate” akka ishiitti dhagaʼamu gochuu isaa ifatti dubbatteetti; jaalallee waa hin qabneef hiriyoonni ishii gowwaa akka taatetti ishii ilaalu turan. Taʼus, Kiimberliin yeroo dargaggummaatti saalqunnamtii raawwachuun qorumsa guddaa taʼuu akka dandaʼu hubattee turte. (2 Xim. 2:22) Ijoolleen ishii wajjin baratan yeroo baayʼee amma iyyuu durba taʼuuf dhiisuu ishii ishii gaafatu turan. Kunis sababii saalqunnamtii itti hin raawwanne ibsuuf carraa ishiidhaaf baneera. Dargaggoota Kiristiyaanaa dhiibbaa ejja akka raawwatan isaan irra gaʼu moʼuuf kutatanitti ni boonna, Yihowaanis isaanitti ni boona! w17.09 4 key. 8; 5 key. 10
Roobii, Bitootessa 20
Hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!—Far. 37:8.
Namoonni dafanii aaran yeroo baayʼee aarii isaanii arrabsoodhaan ibsu. Amalli akkasii garuu gammachuu maatiitiif gumaacha akka hin goone ifa dha. Kitaabni Qulqulluun aarii, iyyaa fi arrabsoo irraa akka fagaannu nu akeekkachiisuuf sababii gaʼaa qaba. (Efe. 4:31) Kan nama gaddisiisu, amalli akkasii yeroo baayʼee lola itti caalchisa. Addunyaan aariin amala fudhatama qabu akka taʼetti kan ilaalu taʼu iyyuu, aariin Uumaa keenyaaf ulfina hin fidu. Namoonni hedduun namummaa haaraa uffachuuf amalawwan miidhaa fidan kana of irraa baasanii gatuun isaan barbaachiseera. (Qol. 3:8-10) Sobuun amala namummaa moofaa argisiisu dha. Fakkeenyaaf, namoonni qaraxa kaffaluu irratti sobuun isaanii ykn balleessaa isaaniitti akka itti hin gaafatamneef sobuun isaanii baramaa dha. Faallaa kanaatiin immoo, Yihowaan ‘Waaqa amanamaa’ dha. (Far. 31:5) Kanaaf, warri isa waaqeffannu “tokkoon tokkoon” keenya, ‘dhugaa akka walitti dubbannuu’ fi akka ‘wal hin sobne’ nu irraa eega. (Efe. 4:25; Qol. 3:9) Kanaafuu, kan nu qaanessu ykn kan nutti hin tolle taʼu illee dhugaa dubbachuu qabna.—Fak. 6:16-19. w17.08 18 key. 3, 5; 20 key. 12-13, 15
Kamisa, Bitootessa 21
Dubbiin isaa [in ariifata].—Far. 147:15.
Yihowaan yeroo harʼaatti, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼetti fayyadamee nu qajeelcha. ‘Dubbii isaa isa ariifatuun’ yeroo nu barbaachisutti qajeelfama hafuuraa nuuf kennuuf qophaaʼaa dha. Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, barreeffamoota “garbichi amanamaanii fi ogeessi” qopheesse qoruudhaan, JW Biroodkaastingii ilaaluudhaan, weeb saayitii jw.org daawwachuudhaan, jaarsolii wajjin mariʼachuudhaan, akkasumas Kiristiyaanota obboloota kee taʼanitti michoomuudhaan buʼaa akkamii akka argatte mee yaadi. (Mat. 24:45) Atumti iyyuu Yihowaan ariitiidhaan qajeelfama isaa akka sii kennu hin arginee ree? Faarfatichi sabni Waaqayyoo warra durii isa duratti akkamitti fudhatama akka argatan beeka ture. Sabni ‘dubbiin’ Waaqayyoo, ‘seerranni isaa fi wanti isa duratti qajeelaa taʼee fudhatame’ kennameef saba kana qofa dha. (Far. 147:19, 20) Yeroo ammaatti, namoota lafa irraa keessaa maqaa Waaqayyootiin kan waamamu nu qofa taʼuu keenyaan eebbifamneerra. Yihowaa beekuunii fi Dubbii isaa isa jireenya keenya keessatti hojjetaa jiru qabaachuu keenyaan, isaa wajjin hariiroo uumuuf mirga arganneerra. Akkuma barreessaa Faarfannaa 147 (NW), sagalee keenya guddisnee “Yaahiin jajadhaa!” jechuu fi warri kaanis akkasuma akka godhan isaan jajjabeessuuf sababii gaarii hedduu qabda mitii ree? w17.07 20 key. 15-16; 21 key. 18
Jimaata, Bitootessa 22
Namni loltuu taʼee tajaajilu kam iyyuu isa loltuu godhee isa galmeesse biratti fudhatama argachuu waan barbaaduuf, buʼaa argachuuf jedhee hojii daldalaa keessa hin seenu.—2 Xim. 2:4.
Tajaajiltoota yeroo guutuu miliyoona tokkoo ol taʼan dabalatee, duuka buutonni Yesuus yeroo harʼaatti argaman hamma haalli isaanii isaaniif heyyame gorsa Phaawulos olitti ibsame hojii irra oolchu. Dhiibbaa beeksisa daldalaa fi addunyaa naannoo isaanii mormuudhaan, dhugaa buʼuuraa, “Inni liqeeffatu . . . abbaa liqiitiif hojjetaa [“garba,” NW] dha” jedhu yaadatu. (Fak. 22:7) Seexanni yeroo keenyaa fi humna keenya hunda daldala addunyaatiif garboota taanee akka balleessinu gochuu caalaa waan barbaadu hin qabu. Murtoowwan tokko tokko waggoota hedduudhaaf idaadhaan akka hidhamnu nu gochuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko idaa manaa kaffaluuf, konkolaataa bitachuuf, barumsa barachuu fi cidha guddaa qopheessuuf jedhanii liqii guddaa keessa seenu. Jireenya keenya salphaa yoo goone, idaa fi baasii keenyas yoo hirʼisne ogummaa akka qabnu argisiisna. Karaa kanaan sirna daldalaa yeroo harʼaatti jiruuf garboota taʼuu mannaa, Waaqayyoon tajaajiluuf bilisa of goona.—1 Xim. 6:10. w17.07 10 key. 13
Sanbadduraa, Bitootessa 23
Ajaji kee hundinuu qajeelaa taʼuu isaa ani nan fudhadha, karaa sobaa hundumaas nan jibba.—Far. 119:128.
Yihowaan uumama cufa bulchuuf mirga qaba. Yihowaan aangoo isaa haqa guutuudhaan itti fayyadama. Akkana jedheera: ‘Ani Waaqayyo lafa irratti gaarummaa, qajeelummaa fi firdii qajeelaa nan godha! Ani wanta akkasii kanatti nan gammada.’ (Er. 9:24) Inni wanta haqaa fi sirrii taʼe murteessuuf, seera ilmaan namootaa mudaa qaban baasan kam iyyuu ilaaluun isa hin barbaachisu. Haqni guutuun inni argisiisu eenyummaa isaa irraa kan maddu siʼa taʼu, isa irratti hundaaʼee ilmaan namootaatiif seerawwan barreeffaman kenneera. ‘Teessoon isaa qajeelummaa fi dhugaa irra waan dhaabateef,’ seerawwan, qajeelfamawwan isaa fi murtoowwan isaa qajeeloo akka taʼan amanannaa qabaachuu dandeenya. (Far. 89:14) Faallaa kanaatiin immoo, Seexanni ol aantummaan Yihowaa hirʼina akka qabu gaaffii kaasus, addunyaa yeroo hunda haqni keessatti dagaage argamsiisuu hin dandeenye. w17.06 28 key. 5
Dilbata, Bitootessa 24
Yaa Waaqayyo gooftaa! . . . dubbiin kee amanamaa dha.—2 Sam. 7:28.
Yihowaan Waaqa dhugaa ti. (Far. 31:5) Akkasumas, Abbaa arjaa waan taʼeef, dhugaa isaa namoota isa sodaataniif ni ibsa. Guyyaa dhugaa itti dhageenyee jalqabee, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe keessaa, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan keessaa, akkasumas walgaʼiiwwan guguddaa fi walgaʼiiwwan gumii irraa arganne kuufachuuf carraa arganneerra. Yeroo boodas, isa Yesuus “mana kuusaa” dhugaa moofaa fi dhugaa haaraa jedhee ibse qabaanna. (Mat. 13:52) Dhugaawwan kana akka qabeenya dhokfameetti kan barbaannu yoo taʼe, Yihowaan dhugaawwan gatii guddaa qaban kana “mana kuusaa” keenya keessatti akka walitti qabannu nu gargaara. (Fak. 2:4-7) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Qoʼannaa dhuunfaa gaarii gochuu amaleeffachuu, akkasumas of eeggannoodhaan Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota keenya irratti hundoofnee qorannaa gochuu qabna. Kun immoo dhugaawwan “haaraa” kanaan dura hin beekne barachuuf nu gargaara. (Iya. 1:8, 9; Far. 1:2, 3) Eeyyee, mana kuusaa keenya dhugaawwan Waaqayyo biraa argamaniin guuttachuuf fedhii guddaa qabaachuu qabna. w17.06 12 key. 13-14
Wiixata, Bitootessa 25
Isin gara kootti deebitanii maqaa koo waammattanii ana in kadhattu, anis isiniif nan dhagaʼa.—Er. 29:12.
Obboleessi qeenteen Eeduwaardoo jedhamu tokko, jaarsa gumii gaaʼela qabuu fi Isteefan jedhamutti wanta isa yaaddesse himate. Eeduwaardoon wanta 1 Qorontos 7:28 irratti “Warri [gaaʼela godhatan] foon isaanii irratti rakkina fidu” jedhamee barreeffame irratti yaadaa ture. Akkana jedhee gaafate: “Wanti ‘rakkina’ jedhame kun maali dha? Yoon gaaʼela godhadhe hoo rakkina kana damdamachuu kanan dandaʼu akkamitti?” Isteefan gaaffii kanaaf deebii kennuu isaa dura, Eeduwaardoon wanta kan biraa Phaawulos barreesse, jechuunis Yihowaan ‘Waaqa jajjabina hundaa akka taʼee fi rakkina keenya hunda keessatti kan nu jajjabeessu’ taʼuu isaa irratti akka yaadu isa gaafate. (2 Qor. 1:3, 4) Yihowaan dhuguma iyyuu Abbaa jaalala qabeessa siʼa taʼu, yommuu rakkinni nu mudatus nu jajjabeessa. Isinumti iyyuu muuxannoo Waaqayyo yeroo baayʼee karaa Dubbii isaa deggersaa fi qajeelfama akka isiniif kenne ibsu qabdu taʼa. Yihowaan akkuma tajaajiltoota isaa bara duriitti turaniif godhe, wanta caalaatti gaarii nuuf taʼu akka nuuf hawwu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Er. 29:11. w17.06 4 key. 1-2
Kibxata, Bitootessa 26
Waaqayyo galaa biyya ormaa in eega.—Far. 146:9.
Obboloota keenya warra godaantota taʼaniif nyaataa fi uffata caalaa wanti isaan barbaachisu jira. Deggersa miiraa fi Kitaaba Qulqulluu irraa yaada nama jajjabeessu argachuu barbaadu. (Mat. 4:4) Jaarsoliin, barreeffamoota qooqa isaaniitiin jiran akka argatanii fi obboloota qooqa isaanii dubbatanii wajjin akka wal argan gochuudhaan isaan gargaaruu dandaʼu. Godaantonni hedduun firoota, hawaasaa fi gumii isaanii irraa guutummaatti gargar citaniiru. Kanaaf, Kiristiyaanonni hidhata amantii isaanii taʼan jaalalaa fi gara laafina Yihowaa akka isaanitti argisiisan barbaadu. Taʼuu baannaan garuu, gara firoota isaanii Dhugaa Baatota hin taanetti ykn namoota aadaa fi muuxannoo walfakkaataa qabanitti harkifamuu dandaʼu. (1 Qor. 15:33) Gumii keessatti guutummaatti akka simataman akka isaanitti dhagaʼamu gochuudhaan, Yihowaa isa ‘galaa biyya ormaa eeguu’ wajjin hojjechuuf mirga arganna. Godaantonni warri isaan cunqursan hamma aangoo irra jiranitti gara biyya dhalootaa isaaniitti deebiʼuuf carraa hin qaban taʼa. Kana malees, baayʼeen isaanii miidhaa haalli isaan mudate isaan irra geessisee wajjin qabsaaʼu. ‘Ani bakka isaanii utuun taʼee, maal akka naaf godhamun barbaada?’ jedhaa of gaafadhaa.—Mat. 7:12. w17.05 6-7 key. 15-16
Roobii, Bitootessa 27
Jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa.—Mat. 24:12.
Abdii kutachuun, amantiin keenya akka laafuu fi jaalalli Waaqayyoof qabnu akka qabbanaaʼu gochuu dandaʼa. Sirna hamaa Seexanni toʼatu kana keessatti, hundi keenya yeroo tokko tokko haalawwan abdii nama kutachiisan nu mudachuu dandaʼu. (1 Yoh. 5:19) Tarii yeroo harʼaatti dulluma, dhibee fayyaa ykn rakkina dinagdee wajjin qabsaaʼaa jirra taʼa. Yookiin miira gaʼumsa akka hin qabne nutti dhagaʼamu, wanti abdanne utuu hin raawwatamin hafee ykn dogoggora raawwanne wajjin walʼaansoo gochaa jirra taʼa. Taʼus, haalli ykn miirri akkasii Yihowaan akka nu gate akka nu amansiisu matumaa heyyamuu hin qabnu. Kanaa mannaa, jechoota jaalalli Yihowaa yoom iyyuu akka hin qabbanoofne nuuf mirkaneessan irratti xiinxaluu qabna. Yaanni Faarfannaa 136:23 irratti, “Yeroo gad deebii keenyaatti isatu nu yaadate; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata” jechuudhaan ibsame jechoota nama jajjabeessan akkasii kan qabate dha. Dhuguma iyyuu, jaalalli amanamaan Yihowaan tajaajiltoota isaatiif qabu yoom iyyuu hin jijjiiramu. Kanaaf, Yihowaan ‘himata keenya dhagaʼee’ deebii akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 116:1; 136:24-26. w17.05 19 key. 8
Kamisa, Bitootessa 28
Cubbuu namoonni isin irratti hojjetaniif dhiifama isaaniif hin gootan taanaan . . . Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.—Mat. 6:15.
Galaatiyaan 2:11-14, Pheexiros kiyyoo sodaa namaatiin qabamee akka ture argisiisa. (Fak. 29:25) Ilaalcha Yihowaan dhimma kana irratti qabu jalqaba kan beeke Pheexiros taʼus, ilaalchi Yihudoonni dhagna qabatanii fi miseensota gumii Yerusaalem keessa turanii dhiibbaa isa irratti godhee ture. Phaawulos ergamaan Pheexirositti kan dheekkame siʼa taʼu, fakkeessitummaa isaa saaxileera. (HoE. 15:12) Pheexiros, gorsa Phaawulos isaaf kenne gad of qabuudhaan akka fudhate haala isaa irra hubachuun ni dandaʼama. Mirgawwan qabu dhabuu isaa ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu irratti wanti ibsame hin jiru. Yeroo booda iyyuu Pheexiros geggeessaa hafuuraatiin xalayaawwan yeroo booda kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼan lama barreesseera. Yesuus inni mataa gumii taʼe Pheexirositti fayyadamuu isaa itti fufeera. (Efe. 1:22) Kanaaf, miseensonni gumii Kiristiyaanaa sun dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yesuusii fi Abbaa isaa hordofuuf carraa argatanii turan. Namni dogoggora namichi mudaa qabu kun raawwateen gufate akka hin jirre ni abdanna. w17.04 27 key. 16-18
Jimaata, Bitootessa 29
[Waaqayyo] wantoota gara fuulduraatti namoota Waaqayyoon hin sodaanne irra gaʼaniif fakkeenya akka taʼuuf, magaalota Sodoomii fi Gomoraa daaraa gochuudhaan isaanitti murteesse.—2 Phe. 2:6.
Yihowaan biyyicha guutummaatti yommuu balleessu, gocha achitti raawwatamaa ture balleessuu malees waan raawwate qaba ture. Kana kan godhe, “wantoota gara fuulduraatti namoota Waaqayyoon hin sodaanne irra gaʼaniif fakkeenya akka taʼuuf” ture. Yihowaan gocha addaggummaa yeroo sanatti ture hunda akkuma balleesse, sirna kana yommuu balleessu gocha dogoggoraa walfakkaataa yeroo ammaatti raawwatamaa jirus ni balleessa. Wantoonni gochawwan dogoggoraa bakka buʼan maal faʼi? Lafti Jannata taate hojii gammachuu argamsiisuun guutamti. Waaʼee hojii gammachiisaa lafa kana gara jannataatti jijjiiruu ykn ofii keenyaafis taʼe michoota keenyaaf mana ijaaruu yaaduu dandeessu. Namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi duʼaa kaafaman simachuudhaan waaʼee karaawwan Yihowaa, akkasumas wanta inni ilmaan namootaatiif godhe isaan barsiisuu yaaduu dandeessu. (Isa. 65:21, 22; HoE. 24:15) Jireenyi keenya hojiiwwan gammachuu nuuf argamsiisanii fi Yihowaadhaaf ulfina fidaniin guutama! w17.04 12 key. 11-12
Sanbadduraa, Bitootessa 30
Waanuma duraan dursee . . . balbala mana koo keessaa gad baʼu siif nan kenna.—Abo. 11:31.
Yiftaan yommuu waadaa akkasii galu, namoota mana isaatii isa simachuuf baʼan keessaa intalli isaas tokko taʼuu akka dandeessu akka gaariitti beeka ture. Taʼus, haalli kun abbaadhaafis taʼe intalaaf karaa miiraatiin ulfaataa ture, jechuunis aarsaa guddaa isaan gaafata ture. Yiftaan yommuu ishii argu “uffata isaa tarsaase,” akkasumas baayʼee akka gadde dubbate. Intalli isaas “durbummaa isheetiin karaadhaa deebiʼuu isheetiif in boosse.” Maaliif? Yiftaan ilma hin qabu ture; intalli isaa ishii tokkittiin kun sana booda matumaa heerumuu fi ijoollee godhachuu hin dandeessu turte. Kana malees, maqaanii fi dhaalli maatichaa akka itti fufu gochuun hin dandaʼamu. Haa taʼu malee, kun wanta bakki guddaan kennamuuf hin turre. Yiftaan, “Ani Waaqayyo duratti afaan kootiin waanan dubbadhe qaba; isa dhiisuus hin dandaʼu” jedhe. Intalli isaas deebistee, “Akkuma dubbii keetiitti ana irratti raawwadhu!” jetteen. (Abo. 11:35-39) Namoonni kun waadaan isaan galan aarsaa kan isaan kaffalchiisu taʼu illee, waadaa Waaqayyo Isa Hundumaa Gararraa jiruuf galan amanamummaadhaan raawwataniiru.—Kes. 23:21, 23; Far. 15:4. w17.04 4 key. 5-6
Dilbata, Bitootessa 31
Obsaan nan eeggadha.—Mik. 7:7, NW.
Yoseef jalʼinni haqaa guddaan isa irratti raawwatamee ture. Jalqaba irratti, yommuu umuriin isaa gara waggaa 17 taʼu obboloonni isaa garbummaatti isa gurguran. Achiis haadha manaa gooftaa isaa gudeeduuf yaalii akka godhe sobaan himatamee, funyoo sibiilaatiin hidhamee mana hidhaa seene. (Uma. 39:11-20; Far. 105:17, 18) Tarkaanfii sirrii fudhachuu isaatiin eebbifamuu mannaa waan adabame fakkaata ture. Waggaa 13 booda garuu, wanti hundi takkumatti jijjiirame. Mana hidhaatii kan gadhiifame taʼuu isaa irra iyyuu, Gibxii keessatti mootichatti aanee bulchaa lammaffaa taʼee muudame. (Uma. 41:14, 37-43; HoE. 7:9, 10) Jalʼinni haqaa isa irratti raawwatamuun isaa Yoseefiin baayʼee aarsee turee? Amanannaa Waaqa isaa Yihowaa irratti qabu hoo dhabee turee? Lakki. Wanti Yoseef obsaan akka eeggatu isa gargaare maal ture? Amantii Yihowaa irratti qabu dha. Yoseef Yihowaan dhimmoota hunda toʼachaa akka ture hubateera. Kun wanta inni obboloota isaatti dubbate irratti akkamitti akka mulʼate hubadhaa: “Isin hamaa ana irratti akeektan, Waaqayyo garuu gaariidhaaf isa yaade; inni lubbuu namoota baayʼee oolchuudhaaf, akka amma taʼee jiru kana godhe.” (Uma. 50:19, 20) Dhuma irratti, Yoseef Yihowaa biraa eebba argachuuf eeguun isaa buʼaa guddaa akka isaaf argamsiise hubateera. w17.08 4 key. 6; 6 key. 12-13