Hagayya
Kamisa, Hagayya 1
Akka fedhii koo utuu hin taʼin, akka fedhii kee haa taʼu.—Mat. 26:39.
Barsiistota gaarii taʼuuf, jalqaba barattoota gaarii taʼuu qabna. (1 Xim. 4:15, 16) Haaluma wal fakkaatuun, warri Waaqayyo adaba akka kennan muude, fedhiidhaan qajeelfama Yihowaatiif bitamuu isaanii itti fufuu qabu. Akka kanaan gad of qabanii bitamuun isaanii, warri kaan akka isaan kabajan, akkasumas yommuu leenjii fi sirreeffama kennan bilisummaadhaan dubbachuuf isaan dandeessisa. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Yesuus ajajamuun baayʼee ulfaataa yeroo taʼutti illee, Abbaa isaa yeroo hundumaa ni dhagaʼa ture. Barumsi inni barsiisuu fi ogummaan inni qabu Abbaa isaa biraa kan argame akka taʼe dubbateera. (Yoh. 5:19, 30) Yesuus kan gad of qabuu fi kan ajajamu taʼuun isaa namoonni garaa qajeelaa qaban akka isatti dhihaatan godheera; barsiisaa gara laafessaa fi gaarii akka taʼus isa gargaareera. (Mat. 11:29) Dubbiin gaariin inni dubbate warra akka shomboqqoo buruqfamee ykn akka foʼaa ibsaa dhaamuuf jedhuu taʼan jajjabeesseera. (Mat. 12:20) Yesuus yommuu wanti obsa isaa qoru isa mudatetti illee, gaarii fi jaalala qabeessa taʼuu isaa itti fufeera. Kunis yommuu ergamoonni isaa fedhii ofittummaa argisiisanittii fi wal morkatanitti adaba isaaniif kenne irratti mulʼateera.—Mar. 9:33-37; Luq. 22:24-27. w18.03 26-27 key. 15-16
Jimaata, Hagayya 2
Cuuphaan inni kanaa wajjin wal fakkaatus, amma isin fayyisaa jira.—1 Phe. 3:21.
Pheexiros as irratti Nohi doonii ijaaruu isaa caqasaa jira. Doonichi, Nohi fedha Waaqayyoo raawwachuuf kan of kenne taʼuu isaatiif ragaa ture. Nohi hojii Yihowaan isaaf kenne amanamummaadhaan raawwateera. Eeyyee, amantiin hojiidhaan mulʼate, Nohii fi maatiin isaa Bishaan Badiisaa irraa akka oolan taasiseera. Akkuma doonichi Nohi amantii qabaachuu isaatiif ragaa taʼu, namoota duratti cuuphamuunis ragaa mulʼatu dha. Barataan Kiristiyaana taʼe sun Kiristoositti amanuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuu isaa argisiisa. Akkuma Nohi barattoonni of murteessanis, hojii Waaqayyo akka hojjetan isaaniif kenne hojjechuu isaanii itti fufu. Nohi akkuma Bishaan Badiisaa irraa oole, namoonni amanamoon cuuphamanis badiisa addunyaa hamaa kanatti dhufu irraa ni oolu. (Mar. 13:10; Mul. 7:9, 10) Wanti of murteessuu fi cuuphamuu baayʼee barbaachisaa taasisu kana dha. Namni sababii tokko malee cuuphamuu irraa duubatti jedhu, abdii bara baraaf jiraachuuf qabu balaadhaaf saaxilaa jira. w18.03 4 key. 3-4
Sanbadduraa, Hagayya 3
Wallaalumni yaada mucaatti qabamee jira.—Fak. 22:15.
Warri tokko tokko, ‘Mucaan koo hamma hin cuuphamnetti gumiidhaa baafamuu hin dandaʼu’ jedhanii yaadu taʼa. Kun yaada gowwummaa irratti hundaaʼe kan taʼe maaliifi? (Yaq. 1:22) Warri Kiristiyaana taʼan, ijoolleen isaanii bilchina isa karaa fudhatama qabuun of murteessuuf isaan gargaaru irra utuu hin gaʼin akka cuuphaman kan hin barbaanne taʼuun isaanii sirrii dha. Haa taʼu malee, mucaan tokko cuuphamuu baannaan balleessaa hojjeteef Yihowaa duratti itti hin gaafatamu jedhanii yaaduun dogoggora dha. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaa duratti itti gaafatamuun cuuphamuu fi dhiisuu irratti kan hundaaʼe miti. Kanaa mannaa, mucaan tokko wanta ija Yihowaa duratti sirrii fi dogoggora taʼe hamma beeketti Waaqayyo duratti itti gaafatama. (Yaq. 4:17) Kanaaf, warri ogeeyyii taʼan ijoolleen isaanii akka hin cuuphamne dhowwuu mannaa, ofii isaaniitii fakkeenya gaarii isaaniif taʼuuf carraaqqii guddaa gochuu qabu. Ijoolleen isaanii daaʼimummaa isaaniitii kaasanii, ulaagaalee naamusaa Yihowaa warra ol aanaa taʼaniif dinqisiifannaa guddaa akka qabaatan gochuu barbaadu. (Luq. 6:40) Dinqisiifannaan akkasii immoo, ijoolleen keessan karaa Yihowaa isa qajeelaa irra akka buʼan waan isaan kakaasuuf eegumsa guddaa isaaniif godha.—Isa. 35:8. w18.03 11 key. 12-13
Dilbata, Hagayya 4
[Noh] karaa Waaqayyoo irra deddeebiʼuudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate.—Uma. 6:9.
Noh Bishaan Badiisaa booda waggoota 350f akkas gochuu isaa itti fufeera. (Uma. 9:28) Amantii qabaachuu fi ajajamuu irratti fakkeenya gaarii nuu taʼa. Amantii qabaachuu fi ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Noh hordofuu kan dandeenyu qajeelummaa Waaqayyoo deggeruudhaan, kutaa addunyaa Seexanaa taʼuu dhiisuudhaan, akkasumas Mootummichaaf dursa kennuudhaani. (Mat. 6:33; Yoh. 15:19) Akkaataan jireenyaa keenya namoota addunyaa biratti fudhatama akka hin qabne beekamaa dha. Fakkeenyaaf, saalqunnamtii fi gaaʼela ilaalchisee seerawwan Waaqayyo baase waan hordofnuuf, namoonnii sabqunnamtii irratti waaʼee keenya wanta sirrii hin taane dubbatu taʼa. (Mil. 3:17, 18) Taʼus akkuma Noh, nama utuu hin taʼin Yihowaa sodaanna. Jireenya bara baraa kan kennu isa qofa akka taʼe beekna. (Luq. 12:4, 5) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Warri kaan yoo natti qoosan ykn na ceephaʼan illee wanta Waaqayyo duratti sirrii taʼe hojjechuu koo ittan fufaa? Wanta ittiin jiraatan argachuun rakkisaa yeroo taʼutti illee Yihowaan maatii kootiif wanta barbaachisu akka kennu isatti nan amanamaa?’ Amantii qabaachuu fi ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Noh kan hordoftu yoo taʼe, Yihowaan akka si kunuunsu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Filp. 4:6, 7. w18.02 4 key. 4, 8; 5 key. 9-10
Wiixata, Hagayya 5
[Namni foonii] wantoota hafuura Waaqayyoo irraa dhufan hin fudhatu.—1 Qor. 2:14.
Namni foonii ilaalcha addunyaa kanaa isa fedhii ofittummaa irratti xiyyeeffatu qaba. Phaawulos ilaalchi kun, “hafuura isa amma ilmaan hin ajajamne irratti hojjechaa jiru” akka taʼe ibseera. (Efe. 2:2) Namoonni hedduun dhiibbaan hafuurri kun isaan irratti geessisu ilaalcha, ‘Akkasumatti namoota baayʼee hordofi’ jedhu akka qabaatan isaan godheera. Kanaan kan kaʼes, isaan keessaa hedduun isaanii ulaagaawwan Waaqayyoo eeguuf carraaqqii gochuu mannaa wanta sirrii akka taʼetti isaanitti dhagaʼamu godhu. Namni foonii, yeroo baayʼee ulfinaa fi qabeenya argachuun garmalee isa yaaddessa ykn wanta hundumaa caalaa mirgi isaa akka isaaf kabajamu barbaada. Namoonni “hojiiwwan foonii” kam irratti iyyuu hirmaatan garee kana keessatti ramadamu. (Gal. 5:19-21) Amalawwan namoonni ilaalcha foonii qaban ittiin beekaman wantoota armaan gadii dabalata. Isaanis: Wal qoqqoodiinsa uumuu, garee uumuu, wal morkachuu, mana murtiitti wal dhiheessuu, aangoo matummaa kabajuu dhiisuu, akkasumas nyaachuu fi dhuguu irratti fedhii ofii qofa hordofuu dha. Namni foonii yommuu qorumsi isa mudatu laafee harka kenna.—Fak. 7:21, 22. w18.02 19 key. 3-5
Kibxata, Hagayya 6
Namoonni . . . wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu.—2 Xim. 3:2, 4.
Ilaalchi of gammachiisuudhaaf qabnu daangaa isaa darbuu baannaan rakkina hin qabu. Yihowaan akka of cunqursinus taʼe wantoota gaarii nu gammachiisan irraa akka fagaannu hin barbaadu. Kitaabni Qulqulluun namoota tajaajiltoota Waaqayyoo taʼaniin akkana jedha: “Dhaqii buddeena kee gammachuudhaan nyaadhu, daadhii waynii kees garaa qulqulluudhaan dhugi!” (Lal. 9:7) Ximotewos Inni Lammaffaan 3:4 namoonni hamma Waaqayyoon irraanfachuu dandaʼanitti of gammachiisuudhaaf bakka guddaa akka kennan dubbata. Caqasichi namoonni “Waaqayyoon jaallachuu caalaa” wantoota isaan gammachiisan akka jaallatan dubbata; kun garuu, hamma tokko Waaqayyoon akka jaallatan kan argisiisu miti. Hayyuun tokko akkana jedheera: “[Caqasni] kun, hamma tokko Waaqayyos akka jaallatan kan argisiisu akka hin taane hin shakkisiisu. Kanaa mannaa, namoonni kun matumaa Waaqayyoof jaalala akka hin qabne kan argisiisu dha.” Kun namoota of gammachiisuudhaaf bakka guddaa kennaniif akeekkachiisa gaarii dha! Yaanni “wanta isaan gammachiisu kan jaallatan” jedhu, namoota ‘jireenya qananiitiin fudhataman’ argisiisa.—Luq. 8:14. w18.01 25-26 key. 14-15
Roobii, Hagayya 7
Qabeenya keetiin . . . Waaqayyoof ulfina kenni.—Fak. 3:9.
Yihowaan Waaqa arjaa taʼe dha. Wanti qabnu hundi isa irraa kan argame dha. Warqii, meetii fi qabeenyawwan lafaa hundi kan Yihowaa yommuu taʼan, jireenyi akka itti fufu gochuuf wantoota kanatti fayyadama. (Far. 104:13-15; Hag. 2:8) Sabni Israaʼel lafa onaa keessa yeroo turanitti, Yihowaan waggoota 40f mannaa fi bishaan isaaniif kenneera. (Bau. 16:35; Nah. 9:20, 21) Yihowaan Elsaaʼitti fayyadamee zayitii xinnoo dubartii amanamtuun abbaan manaa irraa duʼe takka qabdu karaa dinqii taʼeen baayʼiseera. Kennaan Waaqayyoo kun dubartittiin liqii ishii irra jiru akka kaffaltuu fi sana boodas qarshii ishii fi ilma ishii jiraachisuu dandaʼu akka qabaattu godheera. (2 Mot. 4:1-7) Yesuusis gargaarsa Yihowaatiin, yeroo barbaachisutti karaa dinqii taʼeen nyaatas taʼe qarshii kennuudhaan gargaarsa godhee ture. (Mat. 15:35-38; 17:27) Yihowaan qabeenya uumamawwan isaa lafa irra jiran jiraachisuu dandaʼuu fi hammana hin jedhamne qaba. Taʼu iyyuu, tajaajiltoonni isaa qabeenya isaaniitti fayyadamanii hojii jaarmiyaan isaa hojjetu akka deggeran isaan afeera.—Bau. 36:3-7. w18.01 17-18 key. 1-3
Kamisa, Hagayya 8
Yaa Waaqayyo na ajjeesi!—1 Mot. 19:4.
Kitaabni Qulqulluun, tajaajiltoonni amanamoon bara duriitti turan lubbuudhaan itti fufuu illee akka hin dandeenye itti dhagaʼamee akka ture dubbata. (Iyo. 7:7) Haa taʼu malee, abdii kutachuu mannaa Yihowaan akka isaan jabeessu isa kadhataniiru. Waaqni keenya ‘warra dadhabaniif humna waan kennuuf’ abdii hin kutanne. (Isa. 40:29) Kan nama gaddisiisu, tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran tokko tokko, sochiiwwan Kiristiyaanaa baʼaa akka taʼanitti yaaduudhaan, dhiibbaawwan jireenyaa mooʼuuf malli gaariin yeroodhaaf dhugaa dhiisuu akka taʼe isaanitti dhagaʼameera. Kanaaf, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, gumii irratti argamuu fi tajaajila irratti hirmaachuu dhiisuudhaan wanta Seexanni barbaadu raawwatu. Diyaabilos, sochiiwwan Kiristiyaanaa irratti hirmaannaa guutuu gochuun keenya akka nu jabeessu beeka; akka jabaannu immoo hin barbaadu. Qaamaanis taʼe miiraan baayʼee akka dadhabdan yeroo isinitti dhagaʼamu, Yihowaa irraa hin fagaatinaa. ‘Inni waan isin cimsuu fi isin jabeessuuf’ yeroo kam iyyuu caalaa isatti dhihaadhaa.’—1 Phe. 5:10; Yaq. 4:8. w18.01 7-8 key. 2-3
Jimaata, Hagayya 9
Waaqayyo . . . gara iddoo lafa jalaatti gad in buusa, achi keessaas ol in baasa.—1 Sam. 2:6.
Duʼaa kaʼuu inni lammaffaan Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffame Elsaaʼi raajichaan kan raawwatame dha. Dubartii beekamtuun lammii Israaʼel taatee fi Shuneem keessa jiraattu takka Elsaaʼiif simannaa adda taʼe gooteef. Waaqayyo Elsaaʼitti fayyadamuudhaan, dubartii mucaa hin qabne tanaa fi abbaa manaa ishii maanguddoo taʼeef ilma kennuudhaan isaan kiise. Waggoota muraasa booda mucichi ni duʼe. Haati isaa hammam akka gaddite yaadi. Heyyama abbaa manaa ishiitiin karaa gara kiilomeetira 30 taʼu deemuudhaan, Tulluu Qarmelositti Elsaaʼiin argatte. Raajichi kun hojjetaa isaa Gehaaziin of dura gara Shuneemitti erge. Gehaaz mucicha duʼaa kaasuu hin dandeenye. Achiis haati mucichaa ishiin baayʼee gaddite Elsaaʼi wajjin achi geesse. (2 Mot. 4:8-31) Achitti Elsaaʼi reeffa mucichaa maddiitti kadhannaa dhiheesse. Mucichis haala dinqii taʼeen duʼaa kaʼee haadha isaa wajjin kan wal arge siʼa taʼu, ishiinis baayʼee gammadde! (2 Mot. 4:32-37) Waaqayyo mucaa Shuneem keessa ture sana kallattiidhaan duʼaa kaasuun isaa, duʼaa kaasuuf dandeettii akka qabu ifatti kan mulʼise dha. w17.12 4-5 key. 7-8
Sanbadduraa, Hagayya 10
Wallaalumni yaada mucaatti qabamee jira.—Fak. 22:15.
Ogummaan inni faallaa gowwummaa taʼe bilchina akka qabnu argisiisa. Karaa hafuuraa bilchina qabaachuun keenya adda durummaadhaan kan beekamu, umuriidhaan utuu hin taʼin sodaa Yihowaadhaaf qabnuu fi fedhii ajajawwan isaa hojii irra oolchuuf qabnuuni. (Far. 111:10) Dargaggoonni hamma tokko bilchina qaban, ‘akka waan dambaliidhaan asii fi achi oofamanii’ fedhii isaaniitiin ykn dhiibbaa hiriyoota isaaniitiin ‘asii fi achi hin daddarbataman.’ (Efe. 4:14) Kanaa mannaa, “namoota bilchaatoo warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisan” taʼu. (Ibr. 5:14) Murtoo gaarii gochuudhaan bilchaachaa akka jiran argisiisu. Ogummaan akkanaa fayyina argachuuf baayʼee barbaachisaa dha. (Fak. 24:14) Kanaafuu, ulaagaawwan Kitaaba Qulqulluu iddoo guddaa kennitaniif adda baasaa ijoollee keessanitti himaa. Dubbiidhaanis taʼe fakkeenya isaaniif taʼuudhaan, ulaagaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman hojii irra oolchuu keessan akka beekan godhaa.—Rom. 2:21-23. w17.12 20-21 key. 12-13
Dilbata, Hagayya 11
Warra ala jiran biratti ogummaadhaan deddeebiʼuu keessan itti fufaa. Nama hundaaf akkamitti deebii kennuu akka qabdan [beekaa].—Qol. 4:5, 6.
Ilaalchi addunyaa namoota hedduutti gaarii fakkaatee mulʼachuu kan dandaʼu maaliif? Yaanni kun dhugaa dha utuu taʼee, namni qajeelfamni Waaqayyoo isa hin barbaachisu, akkasumas wanta barbaade gochuu dandaʼa jechuu taʼa. Kana malees, yaanni kun amansiisaa fakkaata; sababiin isaas akka qorannoowwan tokko tokko argisiisanitti waraanni, yakki, dhukkubnii fi hiyyummaan hirʼachaa jiru. Gabaasni tokko, “Jireenyi namootaa caalaatti gaarii kan taʼe namoonni, addunyaa kana iddoo gaarii gochuuf waan murteessaniifi dha” jedheera. Ilaalcha addunyaa amantii keessan balaadhaaf saaxilu yoo dhageessan dhimma sana ilaalchisee wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhu qoraa, akkasumas obboloota muuxannoo qabanii wajjin irratti mariʼadhaa. Yaanni sun gaarii kan fakkaatu maaliif akka taʼe, yaanni akkasii dogoggora kan taʼe maaliif akka taʼee fi akkamitti fashaleessuu akka dandeessan qoraa. Eeyyee, hundi keenya gorsa Phaawulos caqasa guyyaa harʼaa irratti dubbate hordofuudhaan ilaalcha addunyaa irraa of eeguu dandeenya. w17.11 24 key. 14, 17
Wiixata, Hagayya 12
Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii . . . waan hin taaneef sin galateeffadha.—Luq. 18:11.
Fariisonni gara laafina argisiisuuf hamma kana fedhii kan hin qabne maaliifi? Kitaabni Qulqulluun, isaan ‘warra kaan akka tuffatan’ ibsa. (Luq. 18:9-14) Fariisota utuu hin taʼin, fakkeenya Yihowaa hordofi. Gara laafina argisiisi. (Qol. 3:13) Karaan kana gochuu itti dandeessu tokko namoonni kaan dhiifama si gaafachuun akka isaaniif salphatu gochuu dha. (Luq. 17:3, 4) Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Namoota irra deddeebiʼanii na miidhaniif illee dhiifama nan godhaa? Nama na mufachiise ykn na miidhe tokkoo wajjin nagaa buusuuf fedhii cimaa qaba?’ Dhiifama gochuun amala gad of qabuu qabaachuu fi dhiisuu keenya argisiisa. Fariisonni warri kaan isaanii gad akka taʼanitti waan ilaalaniif qorumsa kana kufaniiru. Kiristiyaanota waan taaneef, gad of qabnee, ‘warri kaan akka nu irra caalan’ goonee yaaduudhaan dhiifama isaaniif gochuu qabna. (Filp. 2:3) Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan qorumsa gad of qabuu ni darbitaa? Kan gad of qabnu yoo taʼe warri kaan dhiifama nu gaafachuun isaanitti salphata, nutis dhiifama isaaniif gochuun nutti salphata. Dhiifama gochuuf kan ariifattuu fi mufachuuf immoo suuta kan jettu taʼi.—Lal. 7:8, 9. w17.11 14-15 key. 6-8
Kibxata, Hagayya 13
Waaqayyo keenya jajatanii faarfachuun attam gaarii dha!—Far. 147:1.
Sagalee kee sagalee namoota kaanii wajjin wal bira qabdee yommuu ilaaltu qaanaʼuu dandeessa. Haa taʼu malee, kun itti gaafatamummaa Yihowaa jajachuuf qabdu irratti dhiibbaa gochuu hin qabu. Kanaa mannaa, kitaaba faarfannaa kee ol kaasuudhaan, mataa kee immoo ol qabiitii garaa guutuudhaan faarfadhu! (Iz. 3:11) Yeroo ammaatti, Galma Walgaʼii keenya hedduu keessatti walaloowwan faarfannaa iskiriinii irratti waan mulʼataniif, sagalee keenya ol kaasnee faarfachuu dandeenya. Kana malees, faarfannaan Mootummichaa Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa jaarsoliidhaaf dhihaatutti dabalamuun isaa xiyyeeffannaa namaa harkisa. Kun immoo jaarsoliin gumii walgaʼii keessatti faarfachuu irratti dursa fudhachuun isaanii barbaachisaa akka taʼe argisiisa. Namoonni baayʼeen sagalee isaanii ol kaasanii akka hin faarfanne wanta isaan dhowwu keessaa tokko sodaa dha. Tarii sagalee namoota kaanitti hin tolle nan dhageessisa jedhanii sodaatu taʼa. Haa taʼu malee, hundi keenya yeroo haasofnu, ‘yeroo baayʼee akka gufannu’ yaadatti qabachuu qabna. (Yaq. 3:2) Haa taʼu malee, dubbachuu irraa duubatti hin jennu. Maarree, sagaleen keenya gaarii taʼuu dhiisuun isaa faarfannaadhaan Yihowaa akka hin jajanne akka nu dhowwu maaliif heyyamna? w17.11 4-5 key. 9-10
Roobii, Hagayya 14
Kunis yoo isin guutummaatti sagalee Waaqayyo gooftaa keessaniitiif abboomamtan taʼa.—Zak. 6:15.
Mulʼanni Zakaariyaas inni dhumaa yommuu xumuramu, raajichi wanta irratti yaadu hedduu qaba. Yihowaan gocha hamaa namoonni amanamoo hin taane hojjetaniif akka isaan gaafatu wabii kennee ture. Abdiin kun Zakaariyaasiin jajjabeessee akka ture hin shakkisiisu. Taʼus, wanti jijjiirame tokko illee hin jiru. Amanamummaa dhabuu fi gochawwan hamoo kan biraan amma iyyuu jiru; ijaarsi mana qulqullummaa Yihowaa inni Yerusaalem keessa jiruus amma iyyuu hin xumuramne. Yihudoonni hojii Waaqayyo isaaniif kenne yeruma sana dhiisuu kan dandaʼan akkamitti? Gara biyya isaanitti kan deebiʼan fedhii mataa isaanii qofa raawwachuuf turee? Yihowaan wantoota saba isaatiif barbaachisan beeka. Waaqayyo Yihudoota akka jaallatuu fi hojii isaan hamma yeroo sanaatti hojjetan hunda akka dinqisiifatu mirkaneessuuf, akkasumas gara hojii isaatti yoo deebiʼan eegumsa akka isaaniif godhu isaan hubachiisuuf mulʼata isa xumuraa Zakaariyaasitti argisiise. Mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu wajjin haala wal qabateen Yihowaan jechoota caqasa guyyaa harʼaa irratti caqasaman dubbateera. w17.10 26 key. 1; 27 key. 5
Kamisa, Hagayya 15
Waaqayyo . . . fedha akka qabaattanii fi hojiidhaaf akka kakaataniif humna isiniif kenna.—Filp. 2:13.
Dhiironni ija jabeeyyiin itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf fedhii qaban gumichaaf eebba taʼu. (1 Xim. 3:1) Haa taʼu malee, obboloonni tokko tokko galma kana irra gaʼuuf kutatoo miti. Tarii obboleessi tokko kanaan dura dogoggora waan hojjeteef, amma tajaajilaa ykn jaarsa gumii taʼuuf gaʼumsa akka hin qabaanne isatti dhagaʼama taʼa. Obboleessi kan biraan tokko immoo hojii tokko raawwachuuf gaʼumsa hin qabu jedhee yaada taʼa. Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, Yihowaan ija jabina akka qabaattu si gargaaruu dandaʼa. (Filp. 4:13) Museen yeroo tokko hojii isaaf kennameef gaʼumsa akka hin qabaanne isatti dhagaʼamee akka ture yaadadhaa. (Bau. 3:11) Taʼus, Yihowaan yeroo booda Museen ija jabina hojii isaa raawwachuuf isa dandeessisu akka horatu isa gargaareera. Obboleessi cuuphame tokko kadhannaa garaadhaa maddeen gargaarsa Waaqayyoo gaafachuu fi guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan ija jabina akkasii horachuu dandaʼa. Seenaawwan waaʼee ija jabinaa ibsan irratti xiinxaluunis gargaaruu dandaʼa. Jaarsoliin gumii akka isa leenjisan gad of qabuudhaan gaafachuu fi yeroo barbaachisu hundatti gargaarsa kennuuf of dhiheessuu dandaʼa. w17.09 32 key. 19
Jimaata, Hagayya 16
Dubbiin Waaqayyo keenyaa . . . bara baraan dhaabatee in hafa.—Isa. 40:8.
Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hiikkaan Saptuujantii, Kitaabni Qulqulluun Wikiliif, Kiingi Jamsi Varshin ykn hiikkaawwan kan biraan geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka hojjetaman godhanii yaaduu hin qaban. Taʼus seenaa hiikkaawwan kanaa fi warra kaan hedduu yommuu qorru, akkuma Yihowaan waadaa galee ture Dubbiin isaa jabaatee akka dhaabatu hubanna. Kun waadaawwan Yihowaan gale kaanis akka raawwataman amantii qabdu siif hin cimsuu? (Iya. 23:14) Kitaabni Qulqulluun waggoota hedduudhaaf jabaatee dhaabachuu isaa qoruun keenya amantii keenya cimsuu malees, jaalala Yihowaadhaaf qabnu nuuf guddisa. Hunda caalaa garuu Yihowaan Dubbii isaa kan nuuf kenne maaliifi? Akkasumas eegee tursuuf waadaa kan gale maaliif? Waan nu jaallatuu fi wanta waaʼee nuuf baasu nu barsiisuu waan barbaaduufi. (Isa. 48:17, 18) Ajajawwan isaa hojii irra oolchuudhaan jaalala Yihowaan nutti argisiiseef nutis deebisnee isa jaallachuun keenya waanuma eegamu dha.—1 Yoh. 4:19; 5:3. w17.09 22 key. 13-14
Sanbadduraa, Hagayya 17
Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.—Efe. 6:2.
Hiriyaa gaaʼelaa hin amanne kan qabdu yoo taʼe, keessumaa ijoolleen ajaja kana akka hordofan leenjisuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Hiriyaa gaaʼelaa kee kabajuudhaan fakkeenya isaaniif taʼi. Amalawwan gaggaarii hiriyaan gaaʼelaa kee qabu ykn qabdu irratti xiyyeeffadhu, akkasumas dinqisiifannaa qabdu ibsiif. Ijoollee kee duratti waaʼee hiriyaa gaaʼelaa kee wanta hamaa dubbachuu irraa of qusadhu. Kanaa mannaa, namni kam iyyuu Yihowaa tajaajiluu ykn dhiisuu filachuu akka dandaʼu isaaniif ibsi. Amalli gaariin ijoolleen argisiisan, abbaan ykn haati hin amanne gara waaqeffannaa dhugaatti akka dhufan gochuu dandaʼa. Abbootiin manaa tokko tokko haati manaa isaanii Kiristiyaana taate ijoollee waaʼee Kitaaba Qulqulluu akka hin barsiifne ykn gara walgaʼii gumii fudhattee akka hin deemne dhowwuu dandaʼu. Taʼus, haati manaa Kiristiyaana taate tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu ijoollee barsiisuuf wanta ishiidhaaf dandaʼame hunda gooti. (HoE. 16:1; 2 Xim. 3:14, 15) Murtoo isaa kan kabajju taʼus, carraa yeroo argattu hundatti ijoollee duratti amantii qabdu ibsuudhaan leenjii naamusaa isaanii kennuu fi waaʼee Yihowaa isaan barsiisuu dandeessi.—HoE. 4:19, 20. w17.10 14 key. 9-10
Dilbata, Hagayya 18
Akka ijoollee jaallatamootti Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa.—Efe. 5:1.
Ilmaan namootaa akka bifa Waaqayyootti uumaman. Yihowaan gara laafessa waan taʼeef, namoonni uumama isaaniitiin warra kaaniif ni yaadu. Namoonni Waaqa isa dhugaa hin beekne illee yeroo baayʼee gara laafina ni argisiisu. (Uma. 1:27) Kitaaba Qulqulluu keessatti, seenaawwan namoota gara laafina argisiisan hedduu arganna. Seenaa dubartoota ejjitootaa Solomoon duratti ‘Anatu haadha mucichaa ti’ jedhanii mucaa tokko irratti wal falman lamaa ni yaadattu. Yommuu Solomoon isaan qoruudhaaf mucichi bakka lamatti akka baqaqfamu ajajetti, haati ishiin dhugaan gara laafina akka qabdu argisiisteetti. Gara laafinni ishii hamma mucichi dubartii kaaniif akka kennamu kadhachuutti ishii geessiseera. (1 Mot. 3:23-27) Yookiin immoo intala Faraʼoon ishii lubbuu Musee isa mucaa xinnoo turee oolchite sanaa yaadadhaa. Mucaan sun mucaa Ibrootaa akka taʼee fi ajjeefamuu akka qabu kan beektu taʼu illee, “waan garaa isaaf laafteef,” (NW) akka mucaa ishiitti isa guddisuuf murteessite.—Bau. 2:5, 6. w17.09 8-9 key. 2-3
Wiixata, Hagayya 19
Yihowaan . . . isiniif jedhee ni obsa.—2 Phe. 3:9.
Gad of qabuun waaqeffattoota dhugaa hunda irraa kan barbaadamu siʼa taʼu, badhaasa guddaas ni argamsiisa. (Fak. 22:4) Gad of qabuun keenya nagaa fi tokkummaan gumii keessa akka jiraatu gochuuf nu gargaara. Amala gad of qabuu horachuu fi cimsachuun keenya gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa argachuufis nu gargaara. Pheexiros ergamaan, “Walitti dhufeenya walii wajjin qabdaniin hundi keessan gad of qabuu akka uffataatti uffadhaa; sababiin isaas Waaqayyo warra of tuulan ni morma, warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa ni kenna” jedheera. (1 Phe. 5:5) Addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti, namoonni garraamii taʼanii fi obsa qaban yeroo baayʼee dadhaboo akka taʼanitti ilaalamu. Ilaalchi akkasii dhugaa jiru irraa baayʼee adda dha! Amaloonni gaggaarii taʼan kun qaama uumama cufa keessatti humna guddaa qabu irraa kan maddani dha. Yihowaan garraamummaa fi obsa argisiisuu irratti fakkeenya gaarii taʼa. Yeroo Abrahaamii fi Loox gaaffii isa gaafatanii turanitti akkamitti akka isaaniif deebise ilaalaa. (Uma. 18:22-33; 19:18-21) Kana malees, Yihowaan saba Israaʼel isa mata jabeessa taʼe waggoota 1,500 oliif obseera.—His. 33:11. w17.08 25 key. 13-14
Kibxata, Hagayya 20
Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.—Filp. 4:7.
Kadhadhaa, achiis nagaa Waaqayyoo argattu. Haa taʼu malee, ‘nagaan Waaqayyoo hubannaa hundumaa akka caalu’ hubachuu qabna. Kana jechuun maal jechuu dha? Hiiktonni tokko tokko hima kana “hawwii keenya hunda irra caalu” ykn “karoora namootaa hunda irra caalu” jedhanii hiikaniiru. Phaawulos, “nagaan Waaqayyoo” isa inni tilmaamamu caalaa dinqisiisaa akka taʼe dubbachuu isaa ture. Kanaaf, akka ilaalcha namaatti karaa rakkina keenya keessaa itti baanu beekuu dhiisuu dandeenya taʼa; Yihowaan garuu kan beeku taʼuu isaa irra iyyuu wanta hin eegamne raawwachuu dandaʼa. (2 Phe. 2:9) Utuma rakkina keessa jirruu, ‘nagaa Waaqayyoo’ qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Hariiroo gaarii Waaqa keenya Yihowaa wajjin qabnu eegnee jiraachuudhaani. Hariiroo akkasii qabaachuun kan dandaʼamu, “karaa . . . Yesuus Kiristoos” isa lubbuu isaa aarsaa furii godhee dhiheesseen qofa dha. Qophiin furii kanaas, hojiiwwan dinqisiisoo Abbaan keenya raawwate keessaa tokko dha. Yihowaan furii kanatti fayyadamee cubbuu keenya haguuguudhaan, qalbii qulqulluu akka qabaannuu fi gara isaatti akka dhihaannu nu dandeessisa.—Yoh. 14:6; Yaq. 4:8; 1 Phe. 3:21. w17.08 10 key. 7; 12 key. 15
Roobii, Hagayya 21
Namni hundinuu adduma addaan jireenya isatti hadhaaʼu ofii isaatii in beeka, gammachuu jireenya isaatti argatus ormi biraan hin hirmaatu.—Fak. 14:10.
Yeroo tokko tokko, hangam gadda cimaan akka isatti dhagaʼamu guutummaatti kan hubatu nama namni jalaa duʼe sana qofa dha; miira isatti dhagaʼamus dubbachuun isatti ulfaata taʼa. Namni tokko miira isaa yommuu ibsu illee, wanta inni dubbachuuf yaalii gochaa jiru yeroo hunda hubachuun warra kaaniif salphaa miti. Nama gadda guddaa irra jiru tokko jajjabeessuuf wanta dubbannu beekuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Wanti caalaatti isaan fayyaduu fi isin gochuu dandeessan, ‘warra booʼanii wajjin booʼuu’ dha. (Rom. 12:15) Kallattiidhaan nama sana jajjabeessuun yoo isinitti ulfaate, kaardii, iimeelii ykn bilbilaan ergaa erguu ykn xalayaa erguufii dandeessu. Caqasa nama jajjabeessu tokko caqasuu, amalawwan gaggaarii nama duʼe sanaa dinqisiifattanii fi yaadattan tokko tokko barreessuu ykn yeroo gammachiisaa waliin dabarsitanii fi bakka guddaa kennitaniif barreessuu dandeessu. Kiristiyaana namni jalaa duʼe wajjinis taʼe, waaʼee isaa caqasanii kadhachuun faayidaa inni qabu salphistanii hin ilaalinaa. w17.07 14-16 key. 13-16
Kamisa, Hagayya 22
Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.—Mat. 19:6.
Hiriyoonni gaaʼelaa, gaaʼelli isaanii hamma isaan eegan caalaa rakkisaa yoo isaanitti taʼe hoo? Darbees abdii kan nama kutachiisu kan fakkaatu taʼuu dandaʼa. Takka dhaabannee akkaataa Yihowaan saba Israaʼel itti qabe irratti maaliif hin yaannu. Inni saba Israaʼel duriitiif akka abbaa manaa akka taʼe ibseera. (Isa. 54:5; 62:4) “Gaaʼela” rakkisaa akkamii ture! Taʼus, Yihowaan dafee abdii itti hin kutanne. Irra deddeebiʼee saba sanatti gara laafina argisiiseera; kakuu isaanii wajjin galeefis amanamaa taʼeera. (Far. 106:43-45) Jaalalli amanamaan akkasii caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu hin taasisuu? Haaluma wal fakkaatuun, hiriyoonni gaaʼelaa karaa Yihowaa jaallatan fakkeenya isaa hordofu. Gaaʼela rakkisaa taʼe tokko karaa Kitaabni Qulqulluun hin deggerreen diiguu hin barbaadan. Kan walitti isaan hidhe Yihowaa taʼuu isaa beeku; inni immoo akka isaan walitti ‘maxxanan’ barbaada. Sababiin Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi gaaʼela diiganii kan biraa fuudhuun ykn heerumuun itti dandaʼamu ejji yoo raawwatame qofa dha. (Mat. 19:5, 9) Kiristiyaanonni gaaʼelli isaanii milkaaʼina akka qabaatuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda yoo godhan, ol aantummaa Yihowaa akka deggeran argisiisu. w17.06 31 key. 17-18
Jimaata, Hagayya 23
Iji keessan [ni banama], akkasumas . . . akka Waaqayyoo [ni taatu].—Uma. 3:5.
Seexanni, ol aantummaan Yihowaa qajeelaa taʼuu isaa irratti gaaffiin akka kaʼu godheera. Bulchiinsi Waaqayyoo jalʼaa akka taʼee fi Yihowaan wanta baayʼee gaarii taʼe uumamawwan isaa akka dhowwate dubbachuudhaan mormii kaaseera. Diyaabilos, ilmaan namootaa yoo ofiin of bulchan caalaatti gammachuu argachuu akka dandaʼan dubbachuu isaa ture. (Uma. 3:1-4) Akkasumas Seexanni namni kam iyyuu yoo dhiibbaan isa irra gaʼe bulchiinsa Yihowaa deggeruu dhiisa jechuu isaa ti. (Iyo. 2:4, 5) Yihowaan, jireenyi bulchiinsa Waaqayyoo isa qajeelaadhaa ala taʼe maal akka fakkaatu namoonni ifatti akka hubataniif yeroo isaaniif kenneera. Yihowaan himanni Seexanaa sun soba akka taʼe akka beeku hin shakkisiisu. Maarree, Waaqayyo dhimma kanaaf yeruma sana furmaata kennuu mannaa, Seexanni wanta dubbate akka mirkaneessu kan isaaf heyyame maaliifi? Deebiin gaaffii kanaa uumamawwan yaaduu dandaʼan hunda kan ilaallatu dha. (Far. 83:18) Hiriyoota gaaʼelaa jalqabaa dabalatee namoonni hedduun isaan booda jiran yeroo sanaa kaasee bulchiinsa Yihowaa irratti mormii kaasaniiru. Tarii kun namoonni tokko tokko himanni Diyaabilos dhugaa taʼuu fi dhiisuu isaa akka shakkan godhee taʼuu dandaʼa. w17.06 22-23 key. 3-4
Sanbadduraa, Hagayya 24
Dhaqaatii . . . namoota barattoota godhaa.—Mat. 28:19.
Hojiin barattoota gochuu, hojii gaarii akka amaleeffattu, akkasumas dandeettii walii galuu, ofitti amanamummaa fi mala akka qabaattu si barsiisa. (Fak. 21:5; 2 Xim. 2:24, milj.) Haa taʼu malee, hojiin barattoota gochuu caqasoota Kitaaba Qulqulluu amantiin kee irratti hundaaʼe caalaatti akka beektu waan si gargaaruuf, baayʼee si gammachiisa. Itti dabalees Yihowaa wajjin walitti dhiheenyaan akkamitti akka hojjettu baratta. (1 Qor. 3:9) Naannoo tajaajilaa kee keessa namoonni misiraachicha dhagaʼan muraasa yoo taʼan illee, hojii barattoota gochuu irraa gammachuu argachuu ni dandeessa. Hojiin barattoota gochuu gareedhaan kan hojjetamu dha. Guutummaan gumichaa namoota garaa qajeelaa qaban argachuuf carraaqa. Nama yeroo booda barataa taʼu kan argatan obboleessa ykn obboleettii tokko taʼan illee, barbaacha irratti kan hirmaatan hunda waan taʼaniif gammachuu isaa kan hirmaatan hunda dha. Fakkeenyaaf, qajeelchaan Biraandan jedhamu naannoo tajaajilaa misiraachicha hin fudhanne keessa waggaa sagaliif tajaajileera. Akkana jedheera: “Ani naannoo tajaajilaa kana keessaa nama cuuphame argachuu baadhus warri kan biraan garuu argataniiru. Hojii barattoota gochuu irratti hirmaannaa guutuu gochuuf karoora baafachuu kootti gammachuutu natti dhagaʼama.”—Lal. 11:6. w17.07 23 key. 7; 24 key. 9-10
Dilbata, Hagayya 25
Deebitees nyaara hin guurre.—1 Sam. 1:18.
Masaanuun ishii Phiniinaan ijoollee kan qabdu taʼus, Haannaan garuu dhabduu turte. (1 Sam. 1:4-7) Phiniinaan “waggaadhaa gara waggaatti” Haannaatti gaʼisti turte. Kun immoo Haannaan akka aartuu fi akka gadditu ishii godha ture. Haannaan dhimmicha kadhannaadhaan Yihowaatti himachuudhaan boqonnaa argachuu barbaaddi turte. (1 Sam. 1:12) Yihowaan dhala godhachuu akka dandeessu gochuudhaan ykn karaa taʼe tokkoon wanta ishiitti hirʼate akka guutuuf ni amanti turte. Hamma namoota mudaa qabnu taanettii fi sirna toʼannaa Seexanaa jala jiru kana keessa jiraannetti, qorumsaa fi rakkina irraa walaba taʼuu hin dandeenyu. (1 Yoh. 5:19) Haa taʼu malee, Yihowaan “Waaqa jajjabina hundaa” taʼuu isaa beekuun baayʼee gaarii dha! (2 Qor. 1:3) Yeroo qorumsi ykn rakkinni nu irra gaʼu, karaan gargaarsa argachuu itti dandeenyu inni tokko kadhannaa dha. Haannaan waan garaa ishii keessa jiru Yihowaa duratti dhangalaafteetti. Haaluma wal fakkaatuun, nutis yommuu rakkinni nu irra gaʼu, wanta nutti dhagaʼamu Yihowaatti himuun qofti gaʼaa miti. Wawwaannaa isatti dhiheessuu qabna; eeyyee, cimsinee garaadhaa kadhachuudhaan miira keenya ibsuu qabna.—Filp. 4:6, 7. w17.06 6 key. 10-11
Wiixata, Hagayya 26
Simoon ilma Yohaannis, isaan kana caalaa na jaallattaa?—Yoh. 21:15.
Yesuus inni duʼaa kaafame barattoonni isaa qurxummii tokko illee akka hin qabanne hubateef,“‘Kiyyoo keessan karaa mirga bidirichaatiin darbadhaa, qurxummii ni argattu’ isaaniin jedhe. Isaanis kiyyoo isaanii darbatan; yeroo kanatti qurxummii hedduu waan qabaniif, kiyyoo sana harkisuu dadhaban.” (Yoh. 21:1-6) Ciree erga isaaniif kennee booda, Yesuus gara Simoon Pheexirositti garagalee, yaada caqasa guyyaa harʼaa irraa jiru dubbate. Yesuus waaʼee maalii dubbachuu isaa ture? Pheexiros qurxummii qabuu baayʼee jaallata ture. Kanaaf, Yesuus caalaa maal akka jaallatu gaafachuu isaa taʼuu hin oolu. Pheexiros, Yesuusii fi barumsa inni barsiisu caalaa, qurxummii fi hojii qurxummii qabuu jaallata turee? Pheexiros, “Eeyyee yaa Gooftaa, baayʼee akka ani si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedhee deebise. (Yoh. 21:15) Pheexiros wanta dubbate hojii irra akka oolche beekamaa dha. Guyyaa sanaa kaasee, hojii barattoota gochuu irratti hinaaffaadhaan hirmaachuu fi gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti tureef utubaa taʼuudhaan Kiristoosiif jaalala akka qabu mirkaneesseera. w17.05 22 key. 1-2
Kibxata, Hagayya 27
Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?—Ibr. 13:6.
Phaawulos amanannaa cimaan kunuunsa jaalalaa Yihowaan isaaf godhu irratti qabu, rakkoo jireenya isaa keessatti isa mudate dandamachuuf isa gargaareera. Rakkoowwan isa mudatan akka abdii isa kutachiisan hin heyyamne. Jabina kana gochuuf isa dandeessise kan isaaf kenne maali dha? Yihowaa isa ‘Waaqa jajjabina hundaa taʼee fi rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessutti’ amanamuu isaa ture. (2 Qor. 1:3, 4) Kadhannaadhaan yaada keenya ibsuun, Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa uumuuf buʼuura taʼa. (Far. 86:3; 1 Tas. 5:17; Rom. 12:12) Yeroo gaʼaa ramadnee wanta yaada keenya keessa jiru kan isatti himnuu fi miira keenya kan isaaf ibsinu yoo taʼe, Abbaa keenya isa samii ‘kadhata namaa dhagaʼutti’ caalaatti dhihaanna. (Far. 65:2) Kana malees, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka kenne yommuu hubannu, jaalalli isaaf qabdu ni guddata. Akkasumas yeroo kam iyyuu caalaa, “Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti . . . dhiʼoo” akka taʼe hubanna. (Far. 145:18) Deggersa jaalalaa Yihowaan godhu irratti amanannaa akkasii qabaachuun keenya, qorumsawwan amantii nu mudatan moʼuuf nu gargaara. w17.05 19 key. 9-10
Roobii, Hagayya 28
Waaqayyo garuu [garaa] ilaala.—1 Sam. 16:7.
Jaarsoliin murtoo ati hin hubanne ykn irratti walii hin galle yoo godhan maaltu sitti dhagaʼama? Haalawwan akkasii amantiin nuti Yihowaa irrattii fi qophii jaarmiyaa isaa keessa jiru irratti qabnu akka qoramu gochuu dandaʼu. Qorumsi akkanaa yoo si mudate gad of qabuun eegumsa siif taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Mee karaawwan lama haa ilaallu. Tokkoffaa, gad of qabuun odeeffannoo guutuu akka hin qabne hubachuuf nu gargaara. Dhimma tokko hammam iyyuu yoo beekne, garaa namaa beekuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. Dhugaa ifa taʼe kana beekuun keenya akka gad of qabnu, humna keenya akka beeknuu fi ilaalcha dhimma sanaaf qabnu akka jijjiirru nu kakaasa. Lammaffaa, gad of qabuun akka bitamnuu fi Yihowaan jalʼina haqaa hamma sirreessutti obsaan akka eeggannu nu gargaara. Solomoon akkana jedhee barreesseera: ‘Namni hamaan . . . bara isaa . . . dheereffachuu hin dandaʼu.’ (Lal. 8:12, 13) Dhuguma iyyuu gad of qabuun, nuunis taʼe namoota kaan ni fayyada.—1 Phe. 5:5. w17.04 25-26 key. 10-11
Kamisa, Hagayya 29
Ani biyya Ibrootaa keessaan hatamee dhufe; biyya kanattis immoo mana boollaa kana keessa kan na buusisu, ani waan tokko illee hin hojjenne.—Uma. 40:15.
Yoseef irratti jalʼinni haqaa raawwatamee akka ture beekamaa dha. Kana malees, yakka itti himatamee mana hidhaa itti gale akka hin raawwanne ifatti dubbateera. Kana irraa kaʼuudhaan, eegduun warra dhugaatii dhiheessanii sun waaʼee isaa mootichatti akka dubbatu isatti hime. Maaliif? ‘Mana hidhaa sana keessaa akka isaa baasisuuf’ ture. (Uma. 40:14) Yoseef homaa gochuu akka hin dandeenye yaaduudhaan, harka maratee taaʼeraa? Lakki. Yeroo garaa garaatti jalʼinni haqaa akka isa irratti raawwatame akka gaariitti beeka ture. Wanta isa mudate dhugaatii dhiheessituu isa gargaaruu dandaʼutti himeera. Haa taʼu malee, Yoseef kan isa gurgure obboloota isaa taʼuu isaanii Faraʼooniin illee dabalatee nama tokkotti iyyuu akka hime Kitaabni Qulqulluun akka hin dubbanne hubadhaa. Obboloonni Yoseef isaa wajjin erga araaramanii booda, Faraʼoon isaan simachuudhaan ‘guutummaa biyyattii keessaa isa caalu’ akka filatan godhee Gibxii keessa akka jiraatan isaan afeeree ture.—Uma. 45:16-20. w17.04 20-21 key. 12-13
Jimaata, Hagayya 30
Badhaadhummaan, ogummaanii fi beekumsi Waaqayyoo akkam gad fagoo dha! Murtiin isaa matumaa qoramuu hin dandaʼu, karaan isaas bira gaʼamuu hin dandaʼu!—Rom. 11:33.
Yihowaan beekumsaa fi ogummaa uumama cufa kunuunsuuf isa dandeessisu waan qabuuf uumama cufa bulchuuf mirga qaba. Fakkeenyaaf, Waaqayyo Ilmi isaa dhukkubawwan doktaroonni fayyisuu hin dandeenye akka fayyisu humna isaaf kenneera. (Mat. 4:23, 24; Mar. 5:25-29) Akka ilaalcha Yihowaatti kun dinqii miti. Akkaataa qaamni keenya itti hojjetu ni beeka; miidhaa qaama irra gaʼus iddootti deebisuu ni dandaʼa. Kana malees, namoota duʼan duʼaa kaasuuf dandeettii kan qabu siʼa taʼu, balaawwan uumamaa akka hin geenye gochuu dandaʼa. Addunyaan toʼannaa Seexanaa jala jiru kun amma iyyuu walitti buʼiinsa biyyoota gidduuttii fi addunyaa maratti uumamaa jiruuf furmaata barbaadaa jira. Addunyaan nagaa akka qabaatu gochuuf ogummaa kan qabu Yihowaa qofa dha. (Isa. 2:3, 4; 54:13) Yeroo waaʼee beekumsaa fi ogummaa Yihowaa hubannu, nutis akkuma Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee caqasa guyyaa harʼaa irratti barreesse nutti dhagaʼama. w17.06 28 key. 6-7
Sanbadduraa, Hagayya 31
Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasiin.—Mar. 10:9.
Namoonni hedduun addunyaa kana irra jiran, gaaʼelaaf ilaalcha dogoggoraa qabu. Gaaʼela isaanii keessatti rakkinni yommuu uumamutti, hiriyaa gaaʼelaa isaanii dhiisanii deemuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. Kiristiyaanonni garuu gaaʼelaaf ilaalcha akkasii hin qaban. (1 Qor. 7:27) Waadaa gaaʼelaa cabsuun Waaqayyoon sobuu akka taʼetti ilaalama; Waaqni immoo soba ni jibba! (Lew. 19:12; Fak. 6:16-19) Yihowaan haxxummaadhaan hiriyaa gaaʼelaa hiikuu ni jibba. (Mil. 2:13-16) Yesuus waadaa gaaʼelaa cabsuuf sababiin Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe, hiriyaan gaaʼelaa balleessaa hin qabne, hiriyaa gaaʼelaa ejja raawwateef dhiifama gochuu dhiisuu yoo filate qofa akka taʼe barsiiseera. (Mat. 19:9; Ibr. 13:4) Waaʼee gargar baʼuu hoo maal jechuutu dandaʼama? Kana ilaalchisees Kitaabni Qulqulluun qajeelfama ifa taʼe kenna. (1 Qor. 7:10, 11) Kitaabni Qulqulluun wantoota gargar baʼuuf sababa taʼan hin ibsu. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni tokko tokko haalawwan tokko tokko irratti hundaaʼanii, jechuunis hiriyaa gaaʼelaa miidhaa geessisu ykn Yihowaa dhiisee wajjin jiraachuun jireenya isaaniis taʼe hariiroo Yihowaa wajjin qaban balaa guddaadhaaf kan saaxilu yoo taʼe gargar baʼuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. w17.04 7 key. 14-16