LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es19 ful. 118-128
  • Muddee

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Muddee
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Dilbata, Muddee 1
  • Wiixata, Muddee 2
  • Kibxata, Muddee 3
  • Roobii, Muddee 4
  • Kamisa, Muddee 5
  • Jimaata, Muddee 6
  • Sanbadduraa, Muddee 7
  • Dilbata, Muddee 8
  • Wiixata, Muddee 9
  • Kibxata, Muddee 10
  • Roobii, Muddee 11
  • Kamisa, Muddee 12
  • Jimaata, Muddee 13
  • Sanbadduraa, Muddee 14
  • Dilbata, Muddee 15
  • Wiixata, Muddee 16
  • Kibxata, Muddee 17
  • Roobii, Muddee 18
  • Kamisa, Muddee 19
  • Jimaata, Muddee 20
  • Sanbadduraa, Muddee 21
  • Dilbata, Muddee 22
  • Wiixata, Muddee 23
  • Kibxata, Muddee 24
  • Roobii, Muddee 25
  • Kamisa, Muddee 26
  • Jimaata, Muddee 27
  • Sanbadduraa, Muddee 28
  • Dilbata, Muddee 29
  • Wiixata, Muddee 30
  • Kibxata, Muddee 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
es19 ful. 118-128

Muddee

Dilbata, Muddee 1

Gungummii malee keessummummaa wal simadhaa.—1 Phe. 4:9.

Bara duriitti keessummaa simachuun mana ofii keessatti nyaata afeeruu dabalata ture. (Uma. 18:1-8; Abo. 13:15; Luq. 24:28-30) Nama tokko wajjin nyaata nyaachuuf afeeruun nama sanaa wajjin michoomuu fi nagaa qabaachuu akka barbaadan argisiisa ture. Adda durummaadhaan keessummoota keenya taʼuu kan qaban eenyufaʼi? Namoota yeroo hunda waliin jiraannu, jechuunis obbolootaa fi obboleettota keenya gumii keessa jirani dha. Yeroo rakkinni nu mudatutti, kan nu cinaa dhaabbatan isaan mitii? Michoota amanamoo taʼan qabaachuu fi hunduma faana nagaa qabaachuun nu barbaachisa. Ilaaltonni ol aanaa aanaa, barattoonni manneen barumsaa tiʼookraasii fi obboloonni fedhiidhaan hojii ijaarsaa irratti hirmaatanis bakki buufatan isaan barbaachisa taʼa. Balaan uumamaa maatiiwwan tokko tokko mana isaanii akka dhaban gochuu fi hamma manni isaanii deebiʼee ijaaramuufitti bakki buufatan isaan barbaachisa taʼa. Namoota mana balʼaa qaban qofatu gargaaruu dandaʼa jennee yaaduu hin qabnu; isaan yeroo baayʼee kana godhanii taʼuu dandaʼa. Manni keessan dhiphaa taʼus, namoonni kun mana keessan akka buufatan gochuu ni dandeessuu? w18.03 15 key. 6; 16 key. 9

Wiixata, Muddee 2

Namni qajeelaan siʼa torba utuma kufee iyyuu, deebiʼee in kaʼa.—Fak. 24:16.

Namni tokko milkaaʼina akka argatu kan isa gargaaru maali dha? Murtoo cimaa gochuu isaa qofa utuu hin taʼin, hafuura Waaqayyoo argachuu isaa ti. (Filp. 4:13) Firiin hafuura kanaa of toʼachuu isa of adabuu wajjin walitti dhufeenya cimaa qabus kan dabalatu dha. Kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi xiinxaluunis barbaachisaa dha. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuun yoo ulfaataa sitti taʼe hoo? Tarii nama qoʼannaa jaallatu akka taatetti of hin ilaaltu taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan yoo isa gaafatte akka si gargaaru yaadadhu. Inni Dubbii isaa akka ‘dharraatu’ si gargaaruu dandaʼa. (1 Phe. 2:2) Jalqaba, Dubbii isaa qoʼachuuf amala of adabuu si barbaachisu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. Achiis, qoʼannaadhaaf yeroo gabaabaa ramaduudhaan tarkaanfii kadhannaa kee wajjin wal simu fudhadhu. Yeroo booda, qoʼannaan siif salphata, akkasumas caalaatti si gammachiisa! Dhuma irrattis, yeroo yaadawwan Yihowaa warra gatii guddaa qaban irratti xiinxaluuf ramadduuf iddoo guddaa ni kennita.—1 Xim. 4:15. w18.03 29 key. 5-6

Kibxata, Muddee 3

Cuuphaan . . . amma isin fayyisaa jira.—1 Phe. 3:21.

Barataan tokko cuuphamuu isaa dura, waaʼee Waaqayyoo, waaʼee kaayyoo isaa fi qophii inni fayyinaaf godhe ilaalchisee amantii beekumsa sirrii irratti hundaaʼe qabaachuu qaba. (1 Xim. 2:3-6) Amantiin akkasii immoo, baratichi amalawwan Waaqayyoon hin gammachiisne irraa akka fagaatuu fi ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo wajjin wal simee akka jiraatu isa kakaasa. (HoE. 3:19) Namni tokko amalawwan gadhee Mootummicha akka hin dhaalle isa taasisu utuu hin dhiisin, karaa fudhatama qabuun Waaqayyoof of murteessuu akka hin dandeenye beekamaa dha. (1 Qor. 6:9, 10) Taʼus, ulaagaalee naamusaa Yihowaa warra ol aanaa taʼanii wajjin haala wal simuun jiraachuu caalaa wanti barbaachisu jira. Namni qajeelina hordofaa jiru tokko walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu, hojii lallabaa fi barattoota gochuu isa lubbuu namootaa baraaru irratti akka gaariitti hirmaachuu qaba. (HoE. 1:8) Barataa haaraan tokko tarkaanfii kana yoo fudhate qofa karaa fudhatama qabuun kadhannaa dhuunfaatiin Yihowaadhaaf of murteessuu, achiis namoota duratti cuuphamuudhaan ifatti argisiisuu dandaʼa. w18.03 6 key. 12

Roobii, Muddee 4

[Maariyaam] wantoota jedhaman kana hunda garaa ishiitti qabatti turte.—Luq. 2:51.

Yihowaan haadha Yesuus akka taatu Maariyaamiin kan filate maaliifi? Nama hafuuraa waan turteef akka taʼe ifa dha. Wanti ishiin yommuu Zakkaariyaasii fi Elsaabex warra firoota ishii taʼan gaafachuuf deemtetti Waaqayyoon jajachuuf dubbatte nama hafuuraa taʼuu ishii ifatti argisiisa. (Luq. 1:46-55) Wanti Maariyaam dubbatte Dubbii Waaqayyootiif jaalala cimaa akka qabduu fi Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa akka gaaritti akka beektu argisiisa. (Uma. 30:13; 1 Sam. 2:1-10; Mil. 3:12) Maariyaamii fi Yoseef hiriyoota gaaʼelaa haaraa kan turan taʼus, hamma Yesuus dhalatutti saalqunnamtii raawwachuu irraa of qusataniiru. Kun lamaan isaanii iyyuu fedhii dhuunfaa isaanii guuttachuu mannaa, fedhii Yihowaa raawwachuu irratti akka xiyyeeffatan argisiisa. (Mat. 1:25) Yeroon darbaa yommuu deemu, Maariyaam wanta jireenya Yesuus keessatti raawwatamu hubatteetti; dubbii ogummaa inni dubbatuufis xiyyeeffannaa kenniteetti. Kaayyoo Waaqayyo Masiihicha ilaalchisee qabuuf xiyyeeffannaa ni kenniti turte. Fakkeenyi Maariyaam, jireenya keenya keessatti fedhii Waaqayyootiif dursa kennuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe yaaduuf nu hin gargaaruu? w18.02 21 key. 11

Kamisa, Muddee 5

[Iyoob] hirʼina kan hin qabne, nama qajeelaa [dha].—Iyo. 1:8.

Amantii qabaachuu fi ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Iyoob hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Haala akkamii keessa iyyuu yoo jiraanne, guutummaatti isatti amanamuudhaanii fi garaa guutuudhaan isaaf ajajamuudhaan yeroo hunda Yihowaan jireenya keenya keessatti iddoo guddaa akka qabaatu haa goonu. Akkana gochuuf Iyoob caalaa sababii guddaa qabna! Mee kana yaadaa: Waaʼee Seexanaa fi tooftaa isaa wanta hedduu beekna. (2 Qor. 2:11) Kitaaba Iyoobiif galanni haa taʼuutii, Waaqni rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyame beekuu dandeenyeerra. Mootummaan Waaqayyoo mootummaa addunyaa Yesuus jalatti bulu taʼuu isaas raajii Daaniʼel irraa hubanneera. (Dan. 7:13, 14) Akkasumas, Mootummaan kun dhiheenyatti rakkoowwan hunda bara baraaf akka balleessu beekna. Wanta Iyoob irra gaʼe irraa, obboloota nu wajjin waaqeffatanii fi rakkina hedduu dandamachaa jiraniif garaa laafuu akka qabnu baranna. Tarii yeroo tokko tokko obboloonni tokko tokko akkuma Iyoob wanta sirrii hin taane dubbatu taʼa. (Lal. 7:7, hiika bara 1899) Isaanitti murteessuu mannaa, hubannaa akka qabnuu fi akka isaaniif garaa laafnu haa argisiisnu. Akkana gochuudhaan Abbaa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessaa fi araara qabeessa taʼe fakkaachuu dandeenya.—Far. 103:8. w18.02 6 key. 16; 7 key. 19-20

Jimaata, Muddee 6

Anatti gad dhiʼaachuun kees na guddise.—Far. 18:35.

Namoonni tokko tokko bareedina, beekamtii, dandeettii muuziqaa, cimina qaamaa ykn iddoo guddaa qabaachuu isaaniitiin koorri itti dhagaʼama. Daawit wantoota kana keessaa tokko qofa utuu hin taʼin hunda isaanii qaba ture; taʼus jireenya isaa guutuu kan gad of qabu taʼee jiraateera. Daawit, Goliyaadiin erga ajjeesee booda intalli Saaʼol Mootichaa yeroo isaaf kennamtu akkana jedhee ture: “Intala mootii kanan fuudhu, ani eenyu?” (1 Sam. 18:18) Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis akkuma Daawit kan gad of qaban taʼuuf carraaqqii godhu. Yihowaan inni uumama cufa keessatti Qaama hundaa olii taʼe kan gad of qabu taʼuun isaa baayʼee nu ajaaʼiba. Gorsa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi akkana jedhu hojii irra oolchina: “Gara laafina garaadhaa madde, gaarummaa, gad of qabuu, garraamummaa fi obsa uffadhaa.” (Qol. 3:12) Akkasumas, jaalalli ‘akka of hin jajnee fi akka of hin bokoksine’ beekna. (1 Qor. 13:4) Gad of qabuun keenya, namoonni gara Yihowaa akka dhufan gochuu dandaʼa. w18.01 28 key. 6-7

Sanbadduraa, Muddee 7

Isaan mirga gaarummaadhaan kennuu . . . irratti hirmaachuuf . . . cimsanii nu kadhatu turan.—2 Qor. 8:4.

Kaayyoo adda taʼe tokkoof buusii akka goonu gaafatamna taʼa. (HoE. 4:34, 35; 1 Qor. 16:2) Fakkeenyaaf, gumii keessaniif galma haaraa ijaaruuf karoorfameeraa? Walgaʼii guddaa irratti argamnu tokko geggeessuuf ykn obboloota balaan uumamaa irra gaʼe gargaaruuf qarshiin akka barbaachisu dhageenyeerra taʼa. Obboloota waajjira muummee keessattis taʼe waajjiroota damee guutummaa lafaa irratti argaman keessatti hojjetan deggeruufis buusii ni goona. Buusiin nuti goonu misiyoonota, qajeelchitoota addaa fi obboloota hojii daawwannaa hojjetan deggeruuf oola. Hundi keenya iyyuu hojii Yihowaan bara dhumaa kanatti raawwachaa jiru deggeruu ni dandeenya. Buusiin goonu hedduun namootatti kan mulʼatu miti. Saanduqoota buusii Galma Walgaʼii keessa jiran keessa dhoksaatti buusii goona taʼa ykn karaa weebsaayitii jw.org intarneetiidhaan buusii goona taʼa. Buusii xinnoon nuti goonu gatii guddaa akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, buusiiwwan argaman garri caalaan kennaawwan guguddaa muraasa irraa utuu hin taʼin kennaawwan xixinnoo hedduu irraa kan argamani dha. w18.01 19 key. 10-11

Dilbata, Muddee 8

Cuuphaan . . . amma isin fayyisaa jira.—1 Phe. 3:21.

Cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanota irraa eegamu taʼuu isaa irra iyyuu, fayyina argachuuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe dha. (Mat. 28:19, 20) Cuuphamuun kee akka of murteessite argisiisa. Waadaa guddaa Yihowaa jaallachuu fi waan hunda irra fedha isaa caalchisuuf galte dha. Yihowaatti of kennuun kee yoom iyyuu dogoggora taʼuu hin dandaʼu. Filannoon kan biraan maal akka taʼe yaadi! Namni Yihowaa irraa addaan baʼee jiraatu, toʼannaa Seexanaa jala jiraata. Diyaabilos akka ati fayyina argattu hin barbaadu. Siruma iyyuu, isa maddii dhaabbachuuf jecha ol aantummaa Yihowaa deggeruu diduudhaan jireenya bara baraa dhabuun kee isa gammachiisa. Seexana deggeruu irraa haala faallaa taʼeen, Kiristiyaana of murteessitee fi cuuphamte taʼuun eebbawwan akkamii akka siif argamsiisu haa ilaallu. Amma Yihowaadhaaf waan of kenniteef ofitti amanamummaa guddaadhaan, “Waaqayyo gara koo erga taʼee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu dandaʼa?” jechuu dandeessa. (Far. 118:6) Waaqayyo maddii dhaabbachuu fi isa duratti fudhatama argachuu caalaa jireenya kee keessatti mirgi argattu kan biraan hin jiru. w17.12 23-24 key. 1-3

Wiixata, Muddee 9

Hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!—Far. 37:8.

Yeroo tokko tokko namoonni hidhata amantii keenya taʼan dubbii ykn gocha keenyaan aaruu dandaʼu ykn nuti dubbii ykn gocha isaaniitiin aaruu dandeenya. Kun qorumsa guddaa taʼuu dandaʼa. Yihowaan qorumsawwan kan biraan yommuu nu irra gaʼan amanamummaa keenya akka argisiisnu barbaada. Yeroo kanattis, obboloota keenya warra cubbuu qabaatan iyyuu inni isaan jaallatu wajjin tokkummaadhaan hojjechuudhaan amanamummaa keenya akka argisiisnu barbaada. Yihowaan tajaajiltoota isaa irraa qorumsa akka hin dhowwine seenaa Yoseef irraa hubachuu dandeenya. Yoseef dargaggeessa yeroo turetti obboloonni isaa isatti hinaafan garbummaadhaaf waan isa gurguraniif gara Gibxiitti geeffamee ture. (Uma. 37:28) Yihowaan wanta raawwatame kan arge taʼuu isaa irra iyyuu, Yoseef michuun isaa inni qajeelaan wanti sirrii hin taane yeroo isa irratti raawwatamu baayʼee akka gadde hin shakkisiisu. Taʼu iyyuu, dhimma isaa keessa galee tarkaanfii hin fudhanne. Boodas, Yoseef haadha manaa Phoxiifaar gudeeduuf yaaleera jedhamee himatamuudhaan mana hidhaa yeroo galetti Yihowaan dhimma isaa keessa hin galle. Kana jechuun, Yihowaan Yoseefiin dhiisee ture jechuu dhaa? Matumaa isa hin dhiisne, kanaa mannaa ‘waanuma inni hojjetu isaaf wal qixxeessee ture.’—Uma. 39:21-23. w18.01 9-10 key. 12-14

Kibxata, Muddee 10

Duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru taanaan, Kiristoos duʼaa hin kaafamne jechuu dha.—1 Qor. 15:13.

Barumsawwan buʼuuraa amantii keetii maalfaa dha? Yihowaan Uumaa akka taʼee fi jireenya akka kenne akka caqastu hin shakkisiisu. Yesuus Kiristoos isa furii nuu taʼe irratti amantii qabdus ni caqasta taʼa. Akkasumas, dhiheenyatti lafti jannata akka taatuu fi sabni Waaqayyoo bara baraaf akka irra jiraatan gammachuudhaan ibsita. Haa taʼu malee, duʼaa kaʼuun abdiiwwan dinqisiifattu keessaa tokko akka taʼetti ni caqastaa? Dhuunfaatti rakkina guddaa ceenee lafa irra bara baraaf jiraachuuf kan abdannu yoo taʼe illee, duʼaa kaʼuun barumsa iddoo guddaa qabu taʼuu isaa ibsuun keenya barbaachisaa dha. Duʼaa kaʼuun buʼuura amantii keenyaa ti. Kiristoos duʼaa hin kaane utuu taʼee, Mootii keenya isa nu bulchu hin taʼu ture; akkasumas barumsi waaʼee bulchiinsa Kiristoos dubbatu gatii hin qabaatu ture. (1 Qor. 15:12-19) Haa taʼu malee, Yesuus duʼaa kaʼuu isaa beekna; akkasumas duʼaa kaʼuutti cimsinee amanna.—Mar. 12:18; HoE. 4:2, 3; 17:32; 23:6-8. w17.12 8 key. 1-2

Roobii, Muddee 11

Wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman, jechuunis haqa [akkasumas] gara laafina . . . akka laayyootti ilaaltu.—Mat. 23:23.

Fariisonni keessa nama tokkoo irratti utuu hin taʼin, wanta namichi godhe qofa irratti xiyyeeffatu turan. Fariisonni Yesuus mana Maatewositti afeeramee yommuu argan, “Barsiisaan keessan maaliif warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan. Yesuusis, “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu. Kanaaf dhaqaa, ‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafina nan barbaada’ jechuun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Sababiin isaas ani namoota qajeeloo utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe” jedhee isaaniif deebise. (Mat. 9:9-13) Yesuus yeroo akkana jedhu dogoggora cimaa akka laayyootti ilaaluu isaa turee? Matumaa. Dhugaa dubbachuuf ergaan Yesuus inni guddaan cubbamoonni yaada akka geddaratan waamuu kan dabalatu ture. (Mat. 4:17) Taʼus Yesuus, yoo xinnaate ‘namoota qaraxa sassaabanii fi cubbamoota’ kana keessaa tokko tokko jijjiiramuu akka barbaadan akka gaariitti hubatee ture. Namoonni kun mana Maatewos kan dhaqan nyaachuudhaaf qofa hin turre. Kanaa mannaa, “Isaan keessaa hedduun isaanii duuka buutota [Yesuus] taʼanii turan.” (Mar. 2:15) Kan nama gaddisiisu garuu, Fariisota keessaa baayʼeen isaanii wanta Yesuus namoota kana keessatti arge utuu hin argin hafaniiru. w17.11 13 key. 2; 16 key. 15

Kamisa, Muddee 12

Jaalala uffadhaa; sababiin isaas jaalalli mudaa kan hin qabne godhee tokkummaadhaan nama walitti hidha.—Qol. 3:14.

Miseensa gumii Kiristiyaanaa taʼuun eebba taʼuu isaa hundi keenya irratti walii galla. Walgaʼiiwwan keenya irratti Dubbii Waaqayyoo qoʼachuun akkasumas gaarummaa fi jaalalaan wal deggeruun keenya badhaasicha irratti xiyyeeffachuuf nu gargaara. Taʼus, yeroo tokko tokko dogoggoraan wal hubachuun miseensota gumii gidduutti wal dhabiinsi akka uumamu gochuu dandaʼa. Rakkoowwan akkasiitiif furmaata kennuu yoo dhiisne, haaloo akka qabannu nu gochuu dandaʼu. (1 Phe. 3:8, 9) Haaloo qabachuun, badhaasicha akka nu hin dhabsiisne gochuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos Kiristiyaanota Qolosaayisiif gorsa akkana jedhu kenneera: “Isin warra Waaqayyoof filatamtan qulqullootaa fi jaallatamoo waan taataniif, gara laafina garaadhaa madde, gaarummaa, gad of qabuu, garraamummaa fi obsa uffadhaa. Namni tokko sababii isa kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise isinis tola waliif dhiisuu qabdu.—Qol. 3:12, 13. w17.11 27 key. 7-8

Jimaata, Muddee 13

Mandaroota sana keessaa gara isa tokkotti [baqachuu qaba].—Iya. 20:4.

Namni tokko utuu hin beekin erga nama ajjeesee booda, jalqaba karra magaalaa kooluu itti galuuf itti baqate sana biratti ‘dhimma isaa jaarsolii mandara sanaatti himachuu’ qaba. Jaarsoliin sunis isa simachuu qabu. Isaaniis yeroo muraasa booda gara jaarsolii magaalaa inni ajjeechaa raawwate sana keessa jiraniitti deebisanii kan isa ergan siʼa taʼu, jaarsoliin sunis dhimmicha irratti murtii kennu. (Lak. 35:24, 25) Namni kun gara magaalaa kooluu itti galan sanaatti deebiʼuu kan dandaʼu, jaarsoliin sun ajjeechaa sana kan raawwate utuu hin beekin taʼuu isaa yoo mirkaneessan qofa dha. Jaarsoliin kun dhimma kana ilaaluu irratti kan hirmaatan maaliifi? Gumiin Israaʼel qulqulluu taʼee akka itti fufu eeguu fi namni utuu hin beekin nama ajjeese sun araara Yihowaa irraa faayidaa akka argatuuf ture. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko namni baqachaa jiru tokko yoo jaarsolii sana bira dhaquu dhiise “qophii Waaqayyo eegumsa akka argatu isaaf qopheessetti waan hin fayyadamneef . . . balaadhaaf of saaxila” jedhaniiru. Magaalota Yihowaan adda baase keessaa isa tokkotti yoo kooluu galuu baate, namni isa ajjeefame sanaaf fira dhihoo taʼe isa ajjeesuuf mirga qaba. w17.11 9 key. 6-7

Sanbadduraa, Muddee 14

Isaan hundi isaanii hafuurota tajaajila qulqulluu dhiheessanii fi warra fayyina dhaaluuf jiran akka tajaajilan ergaman mitii?—Ibr. 1:14.

Yihowaan inni gooftaa raayyaa taʼe, saba isaa eeguu fi jajjabeessuuf maleekotatti ni fayyadama. (Mil. 3:6; Ibr. 1:7) Israaʼel hafuuraa bara 1919⁠tti boojuu Baabilon Guddittii jalaa erga baʼanii kaasee, mormiin wal irraa hin cinne yoo jiraate illee, waaqeffannaa dhugaan akka hin babalʼanne dhaabuun hin dandaʼamne. (Mul. 18:4) Jaarmiyaan Yihowaa eegumsa maleekotaa waan qabnuuf, karaa hafuuraa lammata cunqursaa jala ni gala jennee sodaachuu nu hin barbaachisu. (Far. 34:7) Kanaa mannaa, tajaajiltoonni Waaqayyoo addunyaa maratti argaman karaa hafuuraa dagaaguu isaanii akka itti fufan shakkii hin qabnu. Nuti abbootii fardaa of biraa qabna. Yeroo rakkina guddaa murteessaa taʼe sanatti maleekonni Yihowaa isa gooftaa raayyaa taʼee warri loltoota taʼan saba Waaqayyoo eeguu fi warra ol aantummaa isaa morman balleessuuf tokkummaadhaan dhufu. (2 Tas. 1:7, 8) Dhuguma iyyuu guyyaan sun adda dha! w17.10 28 key. 10-11

Dilbata, Muddee 15

Amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe irratti of [ijaaraa], akkasumas hafuura qulqulluudhaan [geggeeffamaa kadhadhaa].—Yih. 20.

Miseensi maatii kee tokko gumiidhaa yoo baafame ykn gumii irraa yoo adda of baase, akka waan billaan si waraanee sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Dhiphina haalli kun fidu dandamachuu kan dandeessu akkamitti? Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha. Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaatiif qophaaʼuu fi irratti argamuudhaan, tajaajila irratti hirmaachuudhaan, akkasumas jabaattee dhaabachuuf kadhachuudhaan of cimsi. (Yih. 21) Haa taʼu malee, yaada kee sassaabbattee hojii kee irratti xiyyeeffachuu yoo dadhabde, jechuunis yaada malee sochoʼaa akka jirtu yoo sitti dhagaʼame hoo? Abdii hin kutatin! Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffachuun kee, yaada kee fi miira kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa. Muuxannoo nama Faarfannaa 73⁠ffaa barreessee ilaali. Barreessaan kun ilaalchi dogoggoraa keessa isaatti waan uumameef baayʼee jeeqamee ture; iddoo waaqeffannaa Waaqayyootti yommuu seenu garuu ilaalcha isaa sirreesseera. (Far. 73:16, 17) Atis amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuun kee akkas gochuuf si gargaaruu dandaʼa. w17.10 16 key. 17-18

Wiixata, Muddee 16

Jaalalli keessan fakkeessaa kan hin qabne haa taʼu.—Rom. 12:9.

Seexanni dhaaba Eeden keessatti waan Hewwaaniif yaadu fakkeessee kan ture taʼus, gochi isaa ofittoo fi fakkeessituu taʼuu isaa argisiisa. (Uma. 3:4, 5) Bara Daawititti, Ahiitofel michoomni inni mootichaa wajjin qabu soba akka ture mirkaneesseera. Ahiitofel faayidaa akka argatu yommuu isatti dhagaʼamutti gantuu taʼeera. (2 Sam. 15:31) Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, gantoonnii fi namoonni kaan gumii keessatti wal qoqqooduu uuman, jaalala waan qaban fakkeessuuf ‘arraba laafaa fi dubbii sobaatti’ fayyadamu. Kaayyoon isaanii inni dhugaan garuu ofittummaa dha. (Rom. 16:17, 18) Jaalalli fakkeessaa qabu, jaalala dhugaa isa fedhii ofii aarsaa godhu irraa faallaa waan taʼeef baayʼee qaanessaa dha. Fakkeessaan akkasii namoota yoo taʼe malee, Yihowaa gowwoomsuu hin dandaʼu. Yesuus namoonni fakkeessitoota taʼan, “adaba guddaa” akka adabaman dubbateera. (Mat. 24:51) Kanaaf, akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Jaalalli koo dhugaa dha moo, ani ofittoo fi gowwoomsituu dha?’ w17.10 8 key. 6-8

Kibxata, Muddee 17

Beekumsa sirrii taʼe irratti kan hundaaʼe taʼuu baatus, isaan Waaqayyoof [ni hinaafu].—Rom. 10:2.

Tajaajila keenya irratti kallattiidhaan Dubbii Waaqayyoo irraa yommuu dubbisnu, Yihowaan nama sanatti akka dubbatuuf carraa isaaf kennaa jirra. Caqasni itti yaadamee filatame tokko wanta jechuu dandeenyu kam iyyuu caalaa humna qabeessa dha. (1 Tas. 2:13) Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Namootan misiraachoo itti himutti Dubbii Waaqayyoo irraa yaada tokko isaaniif hiruuf carraan argadhe hundatti nan fayyadamaa?’ Dhugaa dha, namoota haasofsiisnuuf caqasa Kitaaba Qulqulluu dubbisuun qofti gaʼaa miti. Maaliif? Sababiin isaas namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu hin hubatan ykn hubannaa xinnoo qabu. Haalli akkasii jaarraa jalqabaatti jira ture; yeroo harʼaattis jira. Kanaaf, waan caqasa tokko dubbisneef qofa namni sun yaada caqasa sanaa ni hubata jennee yaaduu hin qabnu. Yeroo fudhannee caqasa sana keessaa, tarii jechoota ijoo taʼan dubbisuu fi hiika isaanii ibsuu qabna. Akkas gochuun keenya, ergaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru sammuu fi garaa namoota nu dhaggeeffatanii akka tuqu gochuuf gargaara.—Luq. 24:32. w17.09 25 key. 7-8

Roobii, Muddee 18

Gara laafina qabaadhaa.—1 Phe. 3:8.

Namoonni Yesuusiin fakkaachuuf carraaqan namoota kaanittis taʼe obboloota isaaniitti gara laafina argisiisuun isaanii hunda caalaa barbaachisaa dha. (Yoh. 13:34, 35) Hiika gara laafinni qabu keessaa tokko, “walii wajjin dhiphachuu” jechuu dha. Namni gara laafina argisiisu tokko, tarii namoonni rakkina isaanii keessaa akka baʼan isaan gargaaruudhaan isaan boqochiisuuf kakaʼa. Isinis carraawwan akkas gochuuf isin gargaaran barbaadaa! Rakkinni namoonni balaan isaan irra gaʼe keessa jiran, namoonni hedduun gara laafina akka argisiisan isaan kakaasa. Sabni Yihowaa yeroo gargaarsi akkasii barbaachisutti dursanii gaʼuudhaan beekamu. (1 Phe. 2:17) Obboleettiin lammii Jaappaan taate tokko, bara 2011⁠tti bakka kirkira lafaa fi sunaamiidhaan barbadaaʼe keessa jiraatti turte. Obboleettiin kun carraaqqii obboloonni hedduun manneen balaadhaan miidhaman sana suphuuf Jaappaan keessaa fi biyya alaatii dhufan godhan arguun ishii ‘baayʼee akka ishii jajjabeesse’ dubbatteetti. Obboleettiin kun akkana jettee barreessiteetti: “Muuxannoon kun Yihowaan akka nuuf yaadu hubachuuf na gargaareera. Dhugaa Baatonni kaanis waliif ni yaadu. Akkasumas obboloonni addunyaa mara irra jiran hedduun waaʼee keenya ni kadhatu.” w17.09 11 key. 12-13

Kamisa, Muddee 19

Firiin hafuuraa . . . of toʼachuu dha.—Gal. 5:22, 23.

Amala of toʼachuu horachuudhaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qabdu maaliifi? Sababiiwwan barbaachisoo lama ilaali. Tokkoffaa, namoonni miira isaanii toʼachuu dandaʼan yeroo baayʼee rakkinni guddaan isaan hin mudatu. Warra kaan caalaa miirri isaanii tasgabbaaʼaa dha, walitti dhufeenya gaarii uumuu dandaʼu, akkasumas namoota miiraan gaggeeffaman irraa haala adda taʼeen dafanii kan hin aarree fi kan hin dhiphanne dha. Lammaffaa, qorumsa dandamachuu fi miira ofii toʼachuun Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf murteessaa dha. Addaamii fi Hewaan kana utuu hin godhin hafuun isaanii, kun dhugaa taʼuu isaa argisiisa. (Uma. 3:6) Akkasumas wanta gaddisiisaa sanyiiwwan isaanii amala barbaachisaa taʼe kana horachuu dhiisan irra gaʼe yaadi. Namni cubbuu dhaale kam iyyuu guutummaatti of toʼachuu hin dandaʼu. Yihowaan walʼaansoo tajaajiltoonni isaa gama kanaan godhan ni hubata; amala cubbuu akka hojjetan dhiibbaa isaan irratti godhu kana akka toʼatan isaan gargaaruus ni barbaada.—1 Mot. 8:46-50. w17.09 3-4 key. 3-4

Jimaata, Muddee 20

Namummaa haaraa [uffadhaa].—Qol. 3:10.

Yeroo tokko, Dhugaa Baatonni adii fi gurraachi Afriikaa Kibbaa keessa jiran, bilisaan waliin taʼuu hin dandaʼan turan. Haa taʼu malee, Dilbata, Muddee 18, 2011⁠tti, obboloonni keenya sanyii adda addaa qaban, Afriikaa Kibbaa fi biyyoota ollaa keessatti argamanii fi 78,000 ol taʼan, istaadiyomii guddaa magaalaa Johaanisbargi keessatti sagantaa hafuuraa irratti walii wajjin argamuun isaanii nama dinqisiisa ture. Hoggantoota istaadiyomii sanaa keessaa tokko akkana jedheera: “Namoonni kun namootan hanga ammaatti istaadiyomii kana keessatti arge keessaa amala gaarii hunda caalu kan qabani dha. Hundumtuu uffata qulqulluu uffataniiru. Istaadiyomii kanas akka gaariitti qulqulleessitaniittu. Hunda caalaa immoo, isin dhuguma iyyuu sanyii adda addaa keessaa kan dhuftani dha.” Yaanni namoonni Dhugaa Baatota hin taane kennan akkasii, ‘waldaan obbolummaa’ addunyaa maraa keenya dhuguma iyyuu adda taʼuu isaa argisiisa. (1 Phe. 5:9) Haa taʼu malee, wanti jaarmiyaalee kaan irraa adda nu taasisu maali dha? Gargaarsa Dubbii Waaqayyoo fi hafuura qulqulluutiin, ‘namummaa moofaa of irraa baasnee gatuuf’ carraaqqii guddaa gochuu keenya dha. Namummaa moofaa of irraa baasnee, ‘namummaa haaraa uffanna.’—Qol. 3:9. w17.08 17-18 key. 2-3

Sanbadduraa, Muddee 21

Isinis akkasuma obsaa.—Yaq. 5:8.

Kitaabni Qulqulluun obsi firii hafuura qulqulluu akka taʼe dubbata; gargaarsa Waaqayyoo malee, namoonni mudaa qaban hamma isaan irraa barbaadamu obsa qabaachuu hin dandaʼan. Obsi kennaa Waaqayyoo siʼa taʼu, obsa qabaachuun karaa guddaa jaalala isaaf qabnu itti argisiisnu dha. Akkasumas, obsi jaalala namootaaf qabnu karaa itti argisiisnu keessaa tokko dha. Obsa hin qabnu yoo taʼe, jaalalli nu gidduu jiru ni laafa. (1 Qor. 13:4; Gal. 5:22) Obsi amaloota barbaachisoo Kiristiyaanonni qabaachuu qaban hedduu dabalata. Fakkeenyaaf, jabaatanii dhaabachuu wajjin hariiroo cimaa kan qabu siʼa taʼu, amalli kun immoo haalawwan rakkisoo taʼan yeroo nu mudatan ilaalcha gaarii qabaachuuf nu gargaara. (Qol. 1:11; Yaq. 1:3, 4) Obsi, rakkinni yeroo nu irra gaʼu haaloo baʼuu dhiisuu fi wanti akkamii iyyuu yoo nu mudate jabaannee dhaabachuu kan dabalatu dha. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun fedhiidhaan eeggachuun hammam barbaachisaa akka taʼe amannee akka fudhannu nu gorsa. Obsi akkasii Yaaqoob 5:7, 8 irratti ibsameera. w17.08 4 key. 4

Dilbata, Muddee 22

Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras.—Isa. 41:10.

Dargaggootaa, adeemsa tokko jalqabuu keessan dura bakka deemtan murteessuu akka qabdan beekamaa dha. Jireenyi adeemsaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa; eessa deemuu akka barbaaddan kan murteessitan immoo dargaggummaa keessanitti dha. Karoora baafachuun salphaa akka hin taane beekamaa dha. Taʼus hin sodaatinaa. Wanta Yihowaan caqasa guyyaa harʼaa irratti dubbate qalbeeffadhaa. Yihowaan jireenya keessan gara fuulduraa ilaalchisee karoora gaarii akka baafattan isin jajjabeessa. (Lal. 12:1; Mat. 6:20) Gammadoo akka taatan barbaada. Wantoota ilaallu, dhageenyuu fi dhamdhamannu gammachiisaa godhee uumuun isaa kanaaf ragaa taʼa. Kana malees, hangam akka nuuf yaaduu fi jireenya hunda irra wayyu jiraachuuf maal gochuu akka qabnu akka nu barsiisus yaadadhaa. Namoota gorsa isaa fudhachuu didan ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: ‘Wanta ana hin gammachiifne gootan. Kunoo garboonni koo in gammadu, isin garuu in yeellaasifamtu! Kunoo, garboonni koo garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu.’ (Isa. 65:12-14) Sabni isaa jireenya isaanii keessatti filannoo gaarii yoo godhan Yihowaan kabaja argata.—Fak. 27:11. w17.07 22 key. 1-2

Wiixata, Muddee 23

[Waaqayyo urjoota] hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama.—Far. 147:4.

Waaqayyo inni urjoonni hundi tokkoon tokkoon isaanii eessa akka jiran beeku, siinis eenyummaa kee ni beeka, jechuunis eessa akka jirtu, maal akka sitti dhagaʼamuu fi wanta yeroo sanaaf si barbaachisu sirriitti beeka! Yihowaan dhuunfaatti kan siif yaadu taʼuu isaa irra iyyuu, rakkina jireenya keessatti si mudatu akka dandamattu si gargaaruuf humnaa fi gara laafina qaba. (Far. 147:5) Haalli keessa jirtu baayʼee rakkisaa fi humna keetii ol akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Waaqayyo humna kee ni hubata, ‘biyyoo taʼuu kees ni yaadata.’ (Far. 103:14) Mudaa waan qabnuuf, dogoggora tokko irruma deddeebinee raawwanna. Akkuma tasaa wanta dogoggoraa dubbachuu keenyaan, fedhiin dogoggoraa waan nutti dhagaʼameef ykn wantoota warri kaan qabanitti goomachuu keenyaan akkam gaabbina! Yihowaan hirʼina akkasii kan hin qabne taʼus, hubannaan inni uumama keenya ilaalchisee qabu hammana kan hin jedhamee fi qoramee kan bira hin gaʼamne dha! (Isa. 40:28) Yihowaan qorumsa tokko tokko akka dandamattu irree isaa isa cimaadhaan akkamitti akka si gargaare ofuma keetii iyyuu argiteetta taʼa.—Isa. 41:10, 13. w17.07 18-19 key. 6-8

Kibxata, Muddee 24

Namni arjaan eebbifamaa in taʼa.—Fak. 22:9.

Obboleessi lammii Sirii Laankaa yeroo ammaatti biyya alaa jiraatu tokko, gamoo isaa biyya isaa jiru walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaadhaaf, akkasumas tajaajiltoonni yeroo guutuu akka keessa jiraataniif kenneera. Kun qarshii hedduu aarsaa gochuu kan isa gaafatu taʼus, babalʼistoota biyya keessaa qarshii hin qabneef gargaarsa guddaa dha. Biyyoota hojichi itti daangeffametti, obboloonni mana isaanii akka Galma Walgaʼiitti itti fayyadamu. Kun immoo qajeelchitoonnii fi obboloonni qarshii muraasa qaban bakka walgaʼii baasii hedduu hin gaafanne akka argatan taasiseera. Obboleettiin yeroo hunda hojii Mootummichaaf buusii gootu eebba argatte yommuu dubbattu akkana jetteetti: “Qabeenya arjoomuun koo, waggoota dheeraadhaaf keessa kootti gammachuun kanaan dura argadhee hin beekne naaf argamsiiseera. Caalaatti arjoomaa yommuun deemu, ilaalchi ani namootaaf qabu caalaatti fooyyaʼaa akka adeeme hubadheera. Caalaatti namoota kan biraatiif dhiifama gochuu fi obsuu, akkasumas yommuu namoonni na mufachiisan dhiisuu fi gorsa fudhachuu akkan dandaʼu na gargaareera.” w17.07 9 key. 9-10

Roobii, Muddee 25

Waaqayyo immoo Seexanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundinuu harka kee keessa jira” [jedhe].—Iyo. 1:12.

Iyoob rakkinni kun hundi maaliif akka isa irra gaʼe yeroo booda akka gaariitti kan hubate taʼus, darbee darbee hamma kana qoramuun maaliif akka isa barbaachise yaaduun isaa hin oolu. Wanti inni yaade maal iyyuu yoo taʼe, gorsa Waaqayyo isaaf kenne irratti xiinxaluu dandaʼa ture. Kana gochuun isaa ilaalcha sirrii akka qabaatuu fi jajjabina akka argatu isa gargaara. Nutis taanaan seenaa Iyoob irraa ilaalcha sirrii qabaachuu ilaalchisee barumsa gaarii arganna; akkasumas jajjabina argachuu dandeenya. Hunda caalaa immoo, Yihowaan seenaan kun akka nuuf barreeffamu kan godhe, ‘jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuu fi barumsa akka irraa argannuufi.’ (Rom. 15:4) Kana irraa maal baranna? Barumsi guddaan argannu kana dha: Xiyyeeffannaa dhimma isa guddaa irratti, jechuunis ol aantummaan Yihowaa mirkaneeffamuu isaa irratti qabnu akka hin dhabneef, jireenya keenya irratti gar malee xiyyeeffachuu hin qabnu. Akkasumas, akkuma Iyoob rakkina keessatti illee jabaannee dhaabachuun keenya dhimma guddaa kana keessatti shoora ol aanaa qaba. w17.06 24 key. 9; 25 key. 13-14

Kamisa, Muddee 26

Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokko haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa.—Mar. 6:31.

Yesuus darbee darbee boqochuun barbaachisaa akka taʼe hubatee ture. Duula tajaajilaa tokko irratti erga hinaaffaadhaan hirmaatanii booda, Yesuus barattoota isaatti yaada armaan olii dubbate. Dhuguma iyyuu, bohaartiin barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, yeroo gaariin akkasii jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qabaachuun isaa balaa qaba. Namoonni jaarraa jalqabaatti turan hedduun, ilaalcha “bor waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnus” jedhu qabu turan. (1 Qor. 15:32) Yeroo harʼaattis ilaalchi kun addunyaa keessatti babalʼateera. Bashannanaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu keenya akkamitti beekuu dandeenya? Torban tokko filannee saʼaatii sochiiwwan hafuuraa irratti dabarsine galmeessuu dandeenya. Achiis saʼaatii torbanuma sana keessatti bashannana irratti, jechuunis ispoortii, hojii yeroo boqonnaatti hojjennu, televizyiinii ilaaluu fi taphawwan viidiyoo taphachuu irratti dabarsinuu wajjin wal bira qabnee ilaaluu dandeenya. Jijjiirama gochuu nu barbaachisaa laata?—Efe. 5:15, 16. w17.05 24-25 key. 11-13

Jimaata, Muddee 27

Mootummaan samii daldalaa calleewwan baʼeessa taʼan barbaacha deemuu wajjin wal fakkaata.—Mat. 13:45.

Daldalaan fakkeenya Yesuus dubbate irratti ibsame callee baayʼee baʼeessa taʼe argateera. Callee kana bituun garuu wanta qabu hunda gurguruu isa gaafata ture. Calleen sun isaaf gatii guddaa hammamii akka qabu tilmaamuu dandeessaa? Dhugaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu akkuma callee gatiidhaan hin shallagamne kanaa ti. Hamma daldalaan sun callee sana jaallate nutis Mootummicha yoo jaallanne, lammii Mootummichaa taanee jiraachuuf jecha, wanta qabnu hunda dhiisuuf fedhii qabaanna. (Mar. 10:28-30) Fakkeenyaaf, Zakkewoos namoota irraa qarshii saamuudhaan sooressa taʼee ture. (Luq. 19:1-9) Namichi cubbamaan kun Yesuus waaʼee Mootummichaa yommuu lallabu ennaa dhagaʼu garuu, wanti inni dhagaʼaa jiru gatii guddaa akka qabu hubachuudhaan battaluma sanatti tarkaanfii fudhate. Akkana jedhe: “Yaa Gooftaa kunoo, qabeenya koo keessaa walakkaa isaa hiyyeeyyiidhaaf nan kenna; ani eenyu irraa iyyuu saamee kanan fudhadhe hundumaas dachaa afur godhee nan deebisa.” Qabeenya karaa sirrii hin taaneen kuufate gammachuudhaan deebisee kennuu isaa irra iyyuu, qabeenyaaf sassatuu isaa ni dhiise. w17.06 10 key. 3-5

Sanbadduraa, Muddee 28

Ijoolleen koo dhugaadhaan deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa anaaf argamsiisu hin jiru.—3 Yoh. 4.

Ijoollee isaanii akka isaaniif gargaaraniif obboloonni warri filatan, kabajni ijoolleen sun warra isaaniitiif qaban akka dabalu gargaaruu fi yeroo hunda waaʼee warra isaanii gaarii akka dubbatan isaan jajjabeessuu qabu malee, itti gaafatamummaa warra isaanii fudhachuuf yaaluu hin qaban. Kana malees, obboloonni gargaarsa kennan kun wanta naamusaa wajjin wal qabatee fi warra gumii keessattis taʼe gumiidhaa ala jiranitti gaaffii kaasuu dandaʼu raawwachuu irraa of eeggachuu qabu. (1 Phe. 2:12) Warri, ijoollee isaanii karaa hafuuraa leenjisuuf itti gaafatamummaa qaban, obboloota kaanitti dabarsanii kennuu hin qaban. Warri gargaarsa obboloonni kaan kennan hordofuu, akkasumas ofuma isaaniitiin ijoollee isaanii barsiisuu itti fufuu qabu. Warra kan taatan, Yihowaan akka isin gargaaru kadhadhaa; wanta isiniif dandaʼame hunda gochuuf carraaqaa. (2 Sen. 15:7) Fedhii keessan caalaa hariiroo ijoolleen keessan Yihowaa wajjin qabaniif dursa kennaa. Dubbiin Waaqayyoo garaa ijoollee keessanii akka tuqu gochuuf wanta dandeessan hunda godhaa. Ijoolleen keessan tajaajiltoota Yihowaa taʼuu akka dandaʼan yoom iyyuu amanannaa qabaadhaa. w17.05 12 key. 19-20

Dilbata, Muddee 29

Dhaala abbaa kootii siif kennuu, Waaqayyo ana haa oolchu!—1 Mot. 21:3.

Mee haala kana yaadaan ilaali. Namichi tokko yakka cimaa duʼaaf nama saaxilu akka raawwatetti himatame. Namni kun sobaan kan himatame siʼa taʼu, namoonni gatii hin qabne waan isa irratti ragaa baʼaniif isatti murteeffame; yeroo kanatti maatii fi firoonni isaa akka gaddan beekamaa dha. Namni balleessaa hin qabnee kunii fi ijoolleen isaa yommuu ajjeefaman, namoonni haqa jaallatan baayʼee gaddan. Seenaan kun asoosama miti. Seenaa dhugaa tajaajilaa Yihowaa amanamaa Naabot jedhamuu fi yeroo Ahaab Mootichi Israaʼeliin bulchaa turetti jiraatee ti. (1 Mot. 21:11-13; 2 Mot. 9:26) Yeroo Ahaab mootichi iddoo dhaabaa wayinii isaa akka isatti gurguru ykn bakka isaa iddoo dhaabaa wayinii isa caalu akka fudhatu isa gaafatetti Naabot tole hin jenne. Maaliif? Naabot kan dide seera Yihowaan sabni Israaʼel dhaala sanyii isaanii dabarsanii akka hin gurgurre dhorku hojii irra oolchuuf jedhee ti. (Lew. 25:23; Lak. 36:7) Naabot, ilaalcha Yihowaan wantootaaf qabu qaba ture. w17.04 23 key. 1; 24 key. 4

Wiixata, Muddee 30

Inni jalʼaan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, iddoo inni ture hubattee yoo ilaalte, inni hin jiru.—Far. 37:10.

Namoonni hamoon yommuu balleeffaman eenyutu bakka isaanii buufama? Yihowaan, “Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu [“ni dhaalu,” NW], isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu” jechuudhaan abdii nama gammachiisu kenneera. Kitaabuma faarfannaa kana irratti itti aansuudhaan, “Warri qajeelonni biyya in qabaatu [“lafa ni dhaalu,” NW], yeroo hundumaafis keessa in taaʼu” jedhameera. (Far. 37:11, 29) ‘Garraamotaa’ fi ‘qajeelota’ kan jedhaman eenyu faʼi? Garraamonni, namoota gad of qabuudhaan barumsaa fi qajeelfama Yihowaa fudhatani dha; qajeelonni immoo namoota wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe raawwachuu jaallatani dha. Addunyaa kana keessatti lakkoofsi namoota qajeeloota taʼanii namoota hamoo irra baayʼee muraasa dha. Haa taʼu malee, addunyaa haaraa dhufu keessatti garraamotaa fi qajeelota qofatu jiraata. Eeyyee, namoota akkasiitu lafa kana jannata taasisa! w17.04 10-11 key. 5-6

Kibxata, Muddee 31

Gochuudhaaf utuu dandeessuu, . . . wanta gaarii [namoota] duraa hin hambisin!—Fak. 3:27.

Keessumaa haalli rakkisaan yommuu nu mudatutti, “jaalalli Waaqayyoo” jaalala akka walitti argisiisnu nu dirqisiisa. (1 Yoh. 3:17, 18) Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Yihudaa keessa turan irra beelli cimaan yommuu gaʼetti, gumichi gargaarsa isaaniif qindeessee ture. (HoE. 11:28, 29) Phaawulos ergamaanii fi Pheexiros ergamaanis, Kiristiyaanonni keessummummaa akka wal simatan gorsa isaaniif kennanii turan. (Rom. 12:13; 1 Phe. 4:9) Kiristiyaanonni obboloota bakka biraatii isaan gaafachuu dhufan kan simatan erga taʼee, hidhata amantii isaanii balaadhaaf saaxilaman ykn sababii amantii isaaniitiin ariʼatamni isaan irra gaʼe immoo caalaatti simachuu qabu! Yeroo dhihoodhaa asitti, Dhugaa Baatonni Yihowaa kumaan lakkaaʼaman, walitti buʼiinsaa fi ariʼatama baha Yuukreen ture keessaa baqachuun isaan barbaachisee ture. Isaan keessaa tokko tokko ajjeefamuun isaanii baayʼee nama gaddisiisa. Haa taʼu malee, baayʼeen isaanii obboloota isaanii hafuuraa achuma Yuukreen keessa naannoo biraa jiranii fi Raashiyaa keessa jiraniin simatamaniiru. Isaan “kutaa addunyaa waan hin taaneef” biyyoota lamaan keessatti iyyuu siyaasa keessa utuu hin seenin, hinaaffaadhaan ‘dubbii Waaqayyoo lallabuu’ isaanii itti fufaniiru.—Yoh. 15:19; HoE. 8:4. w17.05 4 key. 6-7

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi