LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • scl ful. 5-31
  • Ayyaanota

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ayyaanota
  • Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
scl ful. 5-31

Ayyaanota

Ayyaanota Kiristiyaanonni kabajan

Ayyaanni Kiristiyaanonni akka kabajan isaan irraa eegamu isa kam qofadha?

Luq 22:19; 1Qo 11:23-26

Sabni Waaqayyoo waaqeffannaadhaaf walitti qabamuun isaan gammachiisa

Kes 31:12; Ibr 10:24, 25

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 30:1, 6, 13, 14, 18-27 —Hisqiyaas Mootichi ayyaanni Faasiikaa adda taʼe tokko akka kabajamu qophii godhee ture

Ayyaanota Kiristiyaanonni hin kabajne

Ayyaanota amantaa sobaatiin faalaman irratti hirmaachuun dogoggora kan taʼe maaliifi?

1Qo 10:21; 2Qo 6:14-18; Efe 5:10, 11

Dabalataanis “Amantaa Walitti Makuu” isa jedhu ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Bau 32:1-10—Yihowaan yommuu Israaʼeloonni waaqeffannaa dhugaa fi sobaa walitti makuuf yaalanitti isaanitti aareera

    • Lak 25:1-9—Yihowaan sabni isaa ayyaanota amantaa sobaarratti waan hirmaatanii fi ejja waan raawwataniif isaan adabeera

Kiristiyaanonni Ayyaana Qillee kabajuu qabuu?

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Luq 2:1-5—Yesuus kan dhalate yeroo warri Roomaa uummata galmeessanitti ture; warri Roomaa waqtii qorraa fi roobaa kanatti Yihudoonni finciltoota taʼanii fi bulchiinsa isaanii jala jiran kaayyoo akkasiitiif bakka biraa akka deeman akka hin gaafanne beekamaadha

    • Luq 2:8, 12—Yeroo Yesuus dhalatetti, tiksitoonni ala bulaa turan, jiʼa Muddee isa baayʼee qorru keessammoo akkas gochuu hin dandaʼan

Kiristiyaanonni guyyaa dhalootaa kabajuu qabuu?

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 40:20-22—Faraʼoon inni waaqolii sobaa waaqeffatu guyyaa dhalootaasaa kabajeera, guyyaa kanattis nama ajjeesiseera

    • Mat 14:6-11—Heroodis Mootichi inni hamaa taʼee fi duuka buutota Kiristoos mormu, guyyaa dhalootaasaa kabajeera, guyyaa kanattis Yohaannis Cuuphaa ajjeesiseera

Ayyaanota Seera Musee keessatti ibsaman

Seerri Musee inni ayyaanota adda addaa kabajuu ajaju Kiristiyaanotarratti ni hojjetaa?

Rom 10:4; Efe 2:15

Dabalataanis Gal 4:4, 5, 9-11; Ibr 8:7-13; 9:1-3, 9, 10, 24 ilaali

Kiristiyaanonni sanbata torbanii kabajuu qabuu?

Qol 2:16, 17

Dabalataanis Bau 31:16, 17 ilaali

Ayyaanota biyyaa wajjin wal qabatan

Kiristiyaanonni ayyaanota seenaa siyaasaa saba tokkoo yaadachuuf kabajaman kabajuu qabuu?

Yoh 15:19; 18:36; Yaq 4:4

Dabalataanis “Mootummoota—Kiristiyaanonni Walaba Taʼanii Jiraatu” isa jedhu ilaali

Kiristiyaanonni ayyaana injifannoo kabajuu qabuu?

Fr 11:5; Isa 2:4

Dabalataanis “Mootummoota—Kiristiyaanonni Walaba Taʼanii Jiraatu” isa jedhuu fi “Waraana” isa jedhu ilaali

Kiristiyaanonni qophii addaa, kabaja Waaqayyoof malu namoota beekamoo taʼaniif kennuuf qophaaʼurratti argamuu qabuu?

Bau 20:5; Rom 1:25

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 12:21-23—Heroodis Agriiphaa tokkoffaan kabaja waaqeffannaa wajjin wal gitu fudhachuusaatti Waaqayyo isa adabeera

    • HoE 14:11-15—Phaawulosii fi Barnaabaas kabaja sirrii hin taanee fi waaqeffannaa wajjin wal gitu fudhachuu didaniiru

    • Mul 22:8, 9—Maleekaan Yihowaa tokko kabaja waaqeffannaa wajjin wal gitu fudhachuu dideera

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi