Ijoollee; Dargaggoota
Ilaalcha Waaqayyo ijoolleef qabu
Yihowaan ijoollee fi dargaggootaaf iddoo guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?
Kes 6:6, 7; 14:28, 29; Fr 110:3; 127:3-5; 128:3, 4; Yaq 1:27
Dabalataanis Iyo 29:12; Fr 27:10; Fak 17:6 ilaali
Dabalataanis “Maatii” isa jedhu ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 1:27, 28—Yihowaan, namoonni ijoollee godhatanii lafa akka guutan barbaadee ture
Uma 9:1—Ijoollee guddisuun, ajaja Waaqayyo bishaan badiisaa booda lafti namootaan akka guutamtu kenne raawwachuu keessatti gaʼee guddaa qaba
Uma 33:5—Yaaqoob inni abbaa amantii taʼe ijoolleesaa akka kennaa Waaqayyootti ilaala ture
Mar 10:13-16—Yesuus jaalala abbaan isaa ijoolleedhaaf qabu argisiiseera
Yihowaan namoota ijoollee miidhan ykn isaanitti fayyadamuu barbaadaniif ilaalcha akkamii qaba?
Seerri buʼuuraa hojii namni guddaan hojjetu ijoolleen akka hojjetan isaanirraa eeguun sirrii akka hin taane ibsu isa kami?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 33:12-14—Yaaqoob, ijoolleen akka nama guddaatti deemuu akka hin dandeenye waan hubateef suuta deemaa ture
Miidhaa addunyaa kana keessatti ijoolleerra gaʼuuf Waaqayyotu itti gaafatamaa?
Yihowaan rakkinni ijoolleerras taʼe nama guddaarra gaʼu akka hafu kan nuuf mirkaneesse akkamitti?
Warri keenya fakkeenya gaarii nuuf taʼuu dhiisuun isaanii ykn sirriitti nu guddisuu dhiisuun isaanii namaa gadi nu gochuu ykn dogoggoruma isaan hojjetan hojjechuuf sababii taʼuu dandaʼaa?
Dabalataanis Kes 30:15, 16 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Mo 18:1-7; 2Se 28:1-4—Abbaan Hisqiyaas nama hamaa ijoolleesaa keessaa muraasasaanii aarsaa godhe taʼus, Hisqiyaas mootii gaarii Yihowaadhaaf ajajamu taʼeera
2Mo 21:19-26; 22:1, 2—Yosiyaas, abbaan isaa Amoon mootii hamaa taʼus, inni garuu mootii gaarii taʼuu dandaʼeera
1Qo 10:11, 12—Phaawulos ergamaan, dogoggora warra kaaniirraa barachuudhaan irra deebiʼuu dhiisuu akka dandeenyu ibseera
Flp 2:12, 13—Phaawulos ergamaan fayyina argachuuf carraaqqii gochuu akka qabnu ibseera
Itti gaafatamummaa ijoollee fi dargaggoonni qaban
Yihowaan ijoollee abbaa ykn haati isaanii qofti Yihowaa waaqeffataniif ilaalcha akkamii qaba?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 19:12, 15—Wantoota maleekonni intaloota Looxiif eegumsa akka godhan taasisan keessaa tokko abbaan isaanii qajeelaa taʼuu isaati
Ijoolleen, warri isaanii Yihowaa waan waaqeffataniif qofa, isaanis isa duratti fudhatama argachuu akka dandaʼanitti yaaduu qabuu?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Lew 10:1-3, 8, 9—Ilmaan Aaron isa luba olaanaa taʼee kan ajjeefaman waan machaaʼaniif taʼuu hin oolu
1Sa 8:1-5—Saamuʼel raajii qajeelaa taʼus, ijoolleen isaa amanamoo hin turre
Ijoolleen Waaqayyo duratti fudhatama argachuu barbaadan maal gochuu qabu?
Ijoolleen walgaʼii gumii irratti argamuu kan qaban maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Mat 15:32-38—Namoota Yesuusiin dhaggeeffachaa turan keessa ijoolleenis jiru turan
Yihowaan ijoolleen akka isa tajaajilan akka barbaadu akkamitti beekna?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 17:4, 8-10, 41, 42, 45-51—Yihowaan, Daawit yeroo ijoollee turetti nama guddaa hamaa taʼe akka injifatu gochuudhaan maqaa isaatiif falmeera
2Mo 5:1-15—Yihowaan shamarree Israaʼel ishii xinnoo taatetti fayyadamee hogganaan loltootaa lammii Israaʼel hin taane tokko waaʼeesaa akka beeku godheera
Mat 21:15, 16—Yesuus carraaqqii ijoolleen Masiihichaaf ulfina kennuuf godhaniif iddoo guddaa kenneera
Yihowaan ijoollee warra Dhugaa Baatota hin taane qabaniif ilaalcha akkamii qaba?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Lak 16:25, 26, 32, 33—Yihowaan namoota Musee fi Aaron isa Luba Olaanaa taʼerratti fincilan tokko tokko maatiisaanii wajjin adabeera
Lak 26:10, 11—Yihowaan Qoraa isa fincile kan ajjeese taʼus ilmaansaa oolcheera, kana kan godhes isaan namoota amanamoo waan turaniif taʼuu hin oolu
Ijoolleen yeroo harʼaatti argaman michootasaanii ogummaadhaan filachuu kan qaban maaliifi?
Dabalataanis 2Xi 3:1-5 ilaali