Gorsa
Gorsa dhagaʼuu
Gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe argachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?
Fr 32:8; Fak 15:22; 19:20; 20:18
Dabalataanis Fak 11:14; Isa 28:29; Er 32:19 ilaali
Gocha keenyaaf sababa dhiheessuu mannaa gorsa nuuf kennamu dhaggeeffachuu wayya kan jennu maaliifi?
Dabalataanis Fak 1:23-31; 15:31 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 15:3, 9-23—Saamuʼel raajichi yommuu Saaʼoliif sirreeffama kennetti Saaʼol sababa dhihessuudhaan gorsicha fudhachuu dide, kanaan kan kaʼes Yihowaa biratti fudhatama dhabe
2Se 25:14-16, 27—Amaaziyaa Mootichi cubbuu raawwate, achiis sirreeffama raajiin Yihowaa isaaf kenne fudhachuu dide, kanaan kan kaʼes surraa fi eegumsa Yihowaa dhabe
Ilaaltota olaanoo gorsa nuu kennan kabajuu kan qabnu maaliifi?
1Ta 5:12; 1Xi 5:17; Ibr 13:7, 17
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
3Yo 9, 10—Diyooxiraaxis obboloota gumii keessatti dursa fudhatanii geggeessan waan hin kabajneef Yohaannis maanguddichi isa balaaleffateera
Maanguddoota dhaggeeffachuu kan qabnu maaliifi?
Dabalataanis Iyo 12:12; 32:7; Tit 2:3-5 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 23:16-18—Daawit Mootichi, gorsa Yonaataan inni gara waggaa 30 isa caalu isaaf kenne dhaggeeffateera, akkasumas jajjabina irraa argateera
1Mo 12:1-17—Rooboʼaam Mootichi gorsa gaarii maanguddoonni isaaf kennan fudhachuu dhiisee gorsa hamaa hiriyoonni isaa isaaf kennan dhaggeeffateera, kunis miidhaa guddaa isarraan geessiseera
Dubartoonni amanamoonii fi dargaggoonni Yihowaa tajaajilan gorsa gaarii kennuu akka dandaʼan wanti argisiisu maalidha?
Iyo 32:6, 9, 10; Fak 31:1, 10, 26; Lal 4:13
Dabalataanis Fr 119:100 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 25:14-35—Abigaayil, Daawit mootichaaf gorsa gaarii lubbuu namoota hedduu oolchee fi dhiiga dhangalaasuudhaan akka itti hin gaafatamne isa gargaare isaaf kenniteetti
2Sa 20:15-22—Dubartii ogeettiin magaalaa Abeel keessa jiraattu tokko, gorsa kenniteen guutummaa magaalichaa badiisarraa oolchiteetti
2Mo 5:1-14—Intalli xinnoon lammii Israaʼel taate tokko loltuu cimaan tokko dhukkuba nadaayii irraa akkamitti fayyuu akka dandaʼu isatti himteetti
Gorsa namoonni Yihowaa ykn Dubbiisaa hin kabajne nuuf kennan dhaggeeffachuu kan hin qabne maaliifi?
Dabalataanis Luq 6:39 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Se 10:13, 14—Saaʼol Mootichi Yihowaa dhiisee eker dubbistuu gorsa gaafateera; haala kanaan Yihowaadhaaf waan hin ajajamneef duʼeera
2Se 22:2-5, 9—Akaaziyaan Mootichi gorsitoota hamoo filateera; kunis duʼa isarraan geessiseera
Iyo 21:7, 14-16—Iyyoob yaada namoota Yihowaa hin kabajnee fudhachuu dideera
Gorsuu
Gorsuu keenya dura, odeeffannoo guutuu argachuunii fi gama lamaaniinuu namoota dhimmisaa ilaallatu dhaggeeffachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Dabalataanis Fak 25:8 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 1:9-16—Eelii lubni olaanaan haala Haannaa hubachuusaa dura, dubartiin amanamtuun kun akka machoofte yaaduudhaan gorsa cimaa ishiif kenneera
Mat 16:21-23—Pheexiros odeeffannoo guutuu utuu hin argatin, wanta Yihowaan barbaadu utuu hin taʼin, wanta Seexanni barbaadu akka raawwatu Yesuusiin gorseera
Gorsa kennuu keenya dura Yihowaan akka nu qajeelchu kadhachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Fr 32:8; 73:23, 24; Fak 3:5, 6
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Bau 3:13-18—Museen gaaffii Israaʼeloonni gaafachuu dandaʼaniif deebii gaarii akkamii kennuu akka dandaʼu Yihowaa gaafateera
1Mo 3:5-12—Solomoon Mootichi inni dargaggeessa ture, ofitti amanamuu mannaa Yihowaan ogummaa akka isaaf kennu gaafateera; kunimmoo eebba Yihowaa isaaf argamsiiseera
Yommuu Gorsa kenninuu fi gaaffii gaafatamneef deebii yommuu kenninu dubbii Waaqayyoorratti hundaaʼuu kan qabnu maaliifi?
Fr 119:24, 105; Fak 19:21; 2Xi 3:16, 17
Dabalataanis Kes 17:18-20 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Mat 4:1-11—Yesuus qorumsa Seexanaatiif deebii kan kenne, ogummaa mataasaatiin utuu hin taʼin, dubbii Waaqayyoo irratti hundaaʼeeti
Yoh 12:49, 50—Yesuus wanti inni barsiisu hundi wanta abbaansaa isa barsiise irratti akka hundaaʼe ibseera; kunimmoo fakkeenya gaarii nuuf taʼa
Yeroo gorsa kenninutti garraamii taʼuuf carraaquu, darbees yoo dandaʼame yommuu gorsa kenninu nama sana galateeffachuu kan qabnu maaliifi?
Dabalataanis Isa 9:6; 42:1-3; Mat 11:28, 29 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Se 19:2, 3—Yihowaan raajiisaatti fayyadamee Yoshaafaax Mooticha kan sirreesse taʼus, wanta gaarii inni raawwateef isa galateeffateera
Mul 2:1-4, 8, 9, 12-14, 18-20—Yesuus gumiiwwan hedduudhaaf gorsa kennuusaa dura isaan galateeffateera
Kiristiyaanni tokko obboleessi kan biraan isa gowwomsuudhaan ykn maqaa balleessuudhaan akka isa miidhe yoo nutti himate, obboleessa sana dhuunfaatti akka haasofsiisu jajjabeessuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?
Dabalataanis Lew 19:17 ilaali
Kiristiyaanni miidhame tokko garaa akka laafu, obsa akka argisiisuu fi dhiifama akka godhu jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?
Mat 18:21, 22; Mar 11:25; Luq 6:36; Efe 4:32; Qol 3:13
Dabalataanis Mat 6:14; 1Qo 6:1-8; 1Ph 3:8, 9 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Mat 18:23-35—Yesuus dhiifama gochuun keenya hammam barbaachisaa akka taʼe ibsuuf fakkeenya baayʼee cimaa taʼe tokkotti fayyadameera
Yeroo gorsa kenninutti ulaagaa qajeelinaa Yihowaa laaffisuu kan hin qabne maaliifi?
Fr 141:5; Fak 17:10; 2Qo 7:8-11
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 15:23-29—Saamuʼel raajichi, Saaʼol Mooticha sodaatee gorsa isaaf kennuu hin dhiisne
1Mo 22:19-28—Mikaayaan raajichi, kan doorsifamee fi jalʼinni kan isarratti raawwatame taʼus, ergaa akeekkachiisaa Ahaab Mootichatti himuu qabu jijjiiree isatti hin himne
Nama tokko karaa hafuuraa utuu hin miidhin gorsa isaaf kennu kan dandeenyu akkamitti?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Luq 22:31-34—Yesuus, Pheexiros dogoggora cimaa kan raawwate taʼus, warra kaan jajjabeessuu akka inni dandaʼu akka amanu isaaf ibseera
Flm 21—Phaawulos, Fiilmoon gorsa waaqayyoo akka fudhatu akka amanu isaaf ibseera