Of Murteessuu
Sababiin sirriin Yihowaadhaaf akka of murteessinu nu kakaasuu qabu maalidha?
Kes 6:5; Luq 10:25-28; Mul 4:11
Dabalataanis Bau 20:5 ilaali
Waaqayyoon tajaajiluu yoo barbaanne Kitaaba Qulqulluuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
Fr 119:105; 1Ta 2:13; 2Xi 3:16
Dabalataanis Yoh 17:17; Ibr 4:12 ilaali
Waaqayyoo cubbuu keenyarraa bilisa nu gochuuf karaa inni qopheesse ilaalchisee maal hubachuu qabna?
Cubbuu kanaan dura raawwanneerraa yaada geddarachuun maalfaa dabalata?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Luq 19:1-10—Zakkewoos inni geggeessaa warra qaraxa sassaabanii taʼe, duraan amanamaa hin turre, booda garuu yaada geddarateera, akkasumas maallaqa namootarraa fudhate deebiseera
1Xi 1:12-16—Phaawulos ergamaan daandii cubbuurra deddeebiʼuu akkamitti akka dhiisee fi gara laafina Waaqayyoo fi Kiristoosiin akkamitti dhiifama akka argate ibseera
Gocha dogoggoraa raawwachuu keenya dhaabuu malees maal gochuu qabna?
Karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun isa tajaajiluuf ulaagaa akkamiidhaan jiraachuu qabna?
1Qo 6:9-11; Qol 3:5-9; 1Ph 1:14, 15; 4:3, 4
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Qo 5:1-13—Phaawulos ergamaan, obboloonni gumii Qorontos nama halalummaa raawwate tokko gidduu isaaniitii akka baasan ajajee ture
2Xi 2:16-19—Phaawulos ergamaan yaada gantootaa isa akka gaangiriiniitti babalʼatu irraa akka of eeggatu Ximotewosiin akeekkachiisee ture
Tajaajiltoonni Waaqayyoo dhimmoota addunyaa kanaa ilaalchisee ejjennoo akkamii qabaachuu qabu?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Yoh 6:10-15—Yesuus dinqiidhaan namoota erga sooree booda namoonni sun mootii isa gochuu barbaadanii turan, taʼus Yesuus isaan dhiisee deemeera
Yoh 18:33-36—Yesuus Mootummaansaa siyaasa addunyaa kanaa wajjin walitti dhufeenya akka hin qabne ibseera
Hafuurri qulqulluun Waaqayyoon yeroo tajaajillutti kan nu gargaaru akkamitti?
Dabalataanis HoE 20:28; Efe 5:18 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
HoE 15:28, 29—Qaamni olaanaan Yerusaalem ture dhaqna qabaa ilaalchisee yeroo murtoo guddaa godhetti hafuura qulqulluudhaan geggeeffameera
Akkaataa Yesuus Waaqayyoon itti tajaajile hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
Kiristiyaanni of murteesse tokko cuuphamuu kan qabu maaliifi?
Mat 28:19, 20; HoE 2:40, 41; 8:12; 1Ph 3:21
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Mat 3:13-17—Yesuus fedha abbaasaa raawwachuuf of dhiheessee ture, kanas cuuphamuudhaan argisiiseera
HoE 8:26-39—Qondaalli Itoophiyaa amantaa Yihudii fudhatee ture tokko Yesuus Kiristoosiin ilaalchisee dhugaa jiru yommuu baru cuuphamuuf of dhiheesseera