Dhiifama Gochuu
Dhuguma Yihowaan dhiifama nuuf gochuuf fedhii qabaa?
Dabalataanis 2Ph 3:9 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Fr 78:40, 41; 106:36-46—Yihowaan cubbuun sabni isaa raawwatan kan isa gaddisiise taʼus, saba isaa warra didaa taʼaniif irra deddeebiʼee dhiifama godheera
Luq 15:11-32—Yesuus abbaa gara laafessa ilma isaa didaa taʼee fi boodammoo yaada geddarateef dhiifama godhe tokko akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan Yihowaan dhiifama akka godhu ibseera
Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama kan godhu maalirratti hundaaʼeeti?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Ibr 9:22-28—Phaawulos ergamaan Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama kan nuuf godhu, Yesuus lubbuu isaa aarsaa waan nuu godheef akka taʼe ibseera
Mul 7:9, 10, 14, 15—Yohaannis ergamaan, ‘tuutni uummata guddaa’ aarsaa Kiristoos irratti amantii waan qabaataniif Waaqayyo cubbuu isaanii akka isaaniif dhiise mulʼataan argeera
Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu yoo barbaanne, yommuu warri kaan cubbuu nurratti raawwatan maal gochuu qabna?
Mat 6:14, 15; Mar 11:25; Luq 17:3, 4; Yaq 2:13
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Iyo 42:7-10—Yihowaan rakkina Iyyoob balleessuu, akkasumas fayyaa fi badhaadhinasaa isaaf deebisuu isaa dura, michootasaa yaada dogoggoraa qaban sadaniif akka kadhatu isatti himee ture
Mat 18:21-35—Yesuus, dhiifama argachuu yoo barbaanne warra kaaniif dhiifama gochuun barbaachisaa akka taʼe fakkeenyaan ibseera
Cubbuu himachuu fi garaadhaa yaada geddarachuun hammam barbaachisaadha?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Fr 32:1-5; 51:1, 2, 16, 17—Daawit Mootichi cubbuu cimaa waan raawwateef garaansaa cabee fi miirri isaa miidhamee ture, taʼus garaadhaa yaada geddarateera
Yaq 5:14-16—Yaaqoob cubbuu cimaa yoo raawwanne jaarsoliitti himuu akka qabnu ibseera
Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu yoo barbaanne jijjiirama akkamii gochuu qabna?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Mo 21:27-29; 2Se 18:18-22, 33, 34; 19:1, 2—Ahaab Mootichi yeroo isatti murteeffametti waan gad of qabeef, Yihowaan hamma tokko dhiifama isaaf godheera; taʼus garaadhaa yaada akka geddarate waan hin argisiisneef Yihowaan hamaa akka taʼetti isa ilaaleera akkasumas isa ajjeeseera
2Se 33:1-16—Minaasee Mootichi baayʼee hamaa ture, taʼus yommuu yaada geddaratetti Yihowaan dhiifama isaaf godheera. Minaaseen waaqeffannaa sobaa balleessuu fi waaqeffannaa dhugaa babalʼisuudhaan garaadhaa akka jijjiirame argisiiseera
Yihowaan cubbamoota yaada geddarataniif guutummaa guutuutti dhiifama ni godhaa?
Fr 103:10-14; Isa 1:18; 38:17; Er 31:34; Mik 7:19
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Sa 12:13; 24:1; 1Mo 9:4, 5—Daawit cubbuu cimaa kan raawwate taʼus, yaada waan geddarateef Yihowaan dhiifama isaaf godheera; boodas nama amanamaa jedhee isa waameera
Yesuus akkuma Yihowaa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Mat 26:36, 40, 41—Duuka buutonni Yesuus warri isatti dhihaatan yeroo gargaarsi isaanii caalaatti isa barbaachisetti rafanii turan, taʼus Yesuus baayʼee dadhabanii akka turan hubateera
Mat 26:69-75; Luq 24:33, 34; HoE 2:37-41 —Pheexiros ‘Yesuusiin hin beeku’ jedhee siʼa sadii isa ganeera, taʼus Yesuus ergamaa yaada geddarate kanaaf dhiifama godheera; Yesuus erga duʼaa kaʼee booda isatti mulʼateera, boodammoo mirga addaa isaaf kenneera
Yihowaan nama hundumaaf dhiifama akka hin goone akkamitti beekuu dandeenya?
Mat 12:31; Ibr 10:26, 27; 1Yo 5:16, 17
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Mat 23:29-33—Yesuus, barsiisonni seeraa fi Fariisonni akka gareetti badiisni Gahaannam ykn badiisni barabaraa isaanirra akka gaʼu isaan akeekkachiiseera
Yoh 17:12; Mar 14:21—Yesuus Yihudaa Asqorotichaan “ilma badiisaa” jedheera, akkasumas gantuun kun utuu hin dhalanne taʼee akka isaaf wayyu dubbateera