Gadda
Seenaan Kitaaba Qulqulluu, namni tokko yeroo duʼu gadduun dogoggora akka hin taane argisiisu isa kami?
Uma 23:2; 24:67; 37:34, 35; 42:36; Yoh 11:19, 31, 33-36
Dabalataanis 2Sa 1:17-27; HoE 9:36-39 ilaali
Yihowaan warra gaddan jajjabeessuu akka barbaadu wanti argisiisu maalidha?
Haala namoonni duʼan keessa jiran beekuun keenya jajjabina akkamii nuuf argamsiisa?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Luq 20:37, 38—Yesuus duʼaa kaʼuun baayʼee amansiisaa waan taʼeef, namoonni duʼan Waaqayyo duratti akkuma waan lubbuudhaan jiraniitti akka ilaalaman ibseera
Yoh 11:5, 6, 11-14—Yesuus michuunsaa Alaazaar yeroo duʼetti, duʼa hirribatti fakkeesseera
Ibr 2:14, 15—Phaawulos ergamaan, namoonni hedduun duʼa baayʼee akka sodaatan, nutti garuu sodaa duʼaatiif garboota taʼuu akka hin qabne ibseera
Namni tokko yeroo dhalatu caalaa yeroo duʼutti Waaqayyo duratti maqaa gaarii kan qabaatu maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun duʼa akkamitti ibsa? Waaqayyo duʼa maal godha?
Gara fuulduraatti duʼaa kaʼuun akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
Isa 26:19; Yoh 5:28, 29; HoE 24:15
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Kitaaba Qulqulluu keessatti namoonni sagal duʼaa akka kaʼan ibsameera, isaan keessaa saddeet duʼaa kan kaʼan lafarra jiraachuufi. Seenaawwan kun namoota warra jaallatan duʼaan dhabaniif jajjabinaa fi abdii kennu
1Mo 17:17-24—Eeliyaas ilma dubartii Saraaptaa abbaan manaa irraa duʼe tokkoo duʼaa kaaseera, Saraaptaan Siidoon keessatti argamti
2Mo 4:32-37—Elsaaʼi raajichi magaalaa Shunaamitti mucaa tokko duʼaa kaasuudhaan warra isaatiif deebisee kenneera
2Mo 13:20, 21—Namni erga duʼee baayʼee hin turre tokko reeffisaa lafee Elsaaʼi raajichaa yommuu tuqu duʼaa kaʼeera
Luq 7:11-15—Yesuus, ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼe tokkoo utuu awwaaluuf reeffasaa baatanii deemanii, magaalaa Naayin biratti duʼaa isa kaaseera
Luq 8:41, 42, 49-56—Yesuus intala Yaayiros isa geggeessaa mana sagadaa taʼee duʼaa kaaseera
Yoh 11:38-44—Yesuus michuusaa Alaazaariin duʼaa kaasuudhaan, Maartaa fi Maariyaam warra obboleettotasaa taʼaniif isa kenneera
HoE 9:36-42—Pheexiros Kiristiyaana jaallatamtuu Dorqaa jedhamtuu fi gaarummaa isheetiin beekamtu duʼaa kaaseera
HoE 20:7-12—Phaawulos dargaggeessa Awuxikos jedhamuu fi foddaarraa kufee duʼe tokko duʼaa kaaseera
Yesuus qaama hafuuraa duʼuu hin dandeenye taʼee duʼaa kaafameera, kunimmoo abdiin keenya akka raawwatamu wabii nuuf taʼa
Yesuus jireenya samiitiif duʼaa kaʼuu fi jireenya hin duune argachuurratti isa jalqabaati, garuu isa dhumaa miti; duuka buutonnisaa warri dibamoon 144,000 taʼanis abdii akkasii qabu