Garaa
Kitaabni Qulqulluun garaa inni fakkeenyaan ibsame yaada, karoora, amalaa fi miira dabalatee keessa nama tokkoo akka argisiisu kan ibsu akkamitti?
Fr 49:3; Fak 16:9; Luq 5:22; HoE 2:26
Dabalataanis Kes 15:7; Fr 19:8 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Luq 9:46-48—Yesuus ergamoonnisaa aangoo argachuuf fedhii cimaa akka qaban garaasaanii keessatti waan argeef isaan sirreesseera
Garaa keenya eeggachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 6:5-7—Hammeenyi garaa namootaa keessa jiru jalʼina akka raawwatan godheera. Kunimmoo Waaqayyo Bishaan Badiisaa akka fidu isa kakaaseera
1Mo 11:1-10—Solomoon Mootichi dubartoota biyya ormaa garaansaa Yihowaarra akka fagaatu godhan fuudhuudhaan garaasaa utuu hin eeggatin hafeera
Mar 7:18-23—Yesuus garaan wantoota namni tokko Waaqayyo duratti xuraaʼaa akka taʼu godhan hundumaatiin akka guutame ibseera
Garaa keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?
Fr 19:14; Fak 3:3-6; Luq 21:34; Flp 4:8
Dabalataanis Iz 7:8-10; Fr 119:11 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Efe 6:14-18; 1Ta 5:8—Phaawulos meeshaawwan waraanaa hafuuraa yommuu ibsu, akkuma uffanni qomaa onnee nama tokkoo eegu, qajeelummaan, amantii fi jaalalli garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame eeguu akka dandaʼu ibseera
Garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame keessa rakkinni jiraachuu fi dhiisuu isaa akkamitti beekna?
Dabalataanis Fak 6:12-14 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Se 25:1, 2, 17-27—Amaaziyaa Mootichi yeroo muraasaaf wanta Waaqayyo duratti sirrii taʼe raawwateera, taʼus garaa guutuudhaan hin raawwanne; kanaafuu yeroo booda of tuulaa waan taʼee fi amanamaa utuu hin taʼin waan hafeef miidhaan isarra gaʼeera
Mat 7:17-20—Yesuus akkuma mukti gaarii hin taane firii gaarii hin taane godhatu, garaan wanta hamaadhaan guutames gocha gadhee raawwachuutti akka nama geessu ibseera
Garaa gaarii qabaachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
Dabalataanis Fr 119:97, 104; Rom 12:9-16; 1Xi 1:5 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Mo 20:1-6—Hisqiyaas Mootichi yeroo duʼuuf jedhetti, garaa guutuudhaan akka tajaajile ibsuudhaan Yihowaan gara laafina akka isatti argisiisu kadhateera
Mat 21:28-32—Yesuus, haalli garaa nama tokkoo caalaatti kan mulʼatu wanta inni akka raawwatu dubbatuun utuu hin taʼin, gocha isaatiin akka taʼe fakkeenya tokkoon ibseera
Yihowaan wanta garaa keenya keessa jiru akka argu beekuun kan nu jajjabeessu maaliifi?
Dabalataanis 1Sa 2:3 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 16:1-13—Saamuʼel raajichi wanti alaan mulʼatu Yihowaarratti dhiibbaa akka hin goone hubateera; kanaa mannaa inni garaa namaa ilaala
2Se 6:28-31—Kadhannaan Solomoon Mootichi yeroo manni qulqullummaa Yihowaadhaaf murteeffametti dhiheesse, Waaqayyo wanta garaa keenya keessa jiru gara laafinaan, akkasumas sirriitti akka ilaalu argisiisa