Maallaqa
Maallaqaa jaallachuun balaa akkamii qaba?
“Qabeenya Jaallachuu” isa jedhu ilaali
Kitaabni Qulqulluun, qarshii ittiin maatii ofii gargaaran argachuuf hojjechuun dogoggora akka hin taane kan ibsu akkamitti?
Lal 7:12; 10:19; Efe 4:28; 2Ta 3:10; 1Xi 5:8, 18
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 31:38-42—Yaaqoob wanta maatiisaatiif barbaachisu argachuuf abbiyyuu isaa Laabaan isa jalʼina isarratti raawwatuuf haqaan hojjeteera; Yihowaanis carraaqqii inni wanta maatii isaatiif barbaachisu argachuuf godhe isaaf eebbiseera
Luq 19:12, 13, 15-23—Yesuus, bara inni jiraatetti maallaqa dabalataa argachuuf, maallaqa baasii gochuun baramaa akka ture fakkeenya argisiisu tokko dubbateera
Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu maallaqa liqeeffachuu fi liqeessuu ilaalchisee qajeelfama nuu taʼan kamfaʼi?
Qarshii hedduu liqeeffachuu dhiisuun gaarii kan taʼe maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Nah 5:2-8—Israaʼeloonni bara Nahimiyaatti turan tokko tokko namoota maallaqa isaanirraa liqeeffatanitti garaa jabaatu turan
Mat 18:23-25—Yesuus fakkeenya tokkotti fayyadamuudhaan namni tokko wanta liqeeffate utuu hin kaffalin yoo hafe adabamuu akka dandaʼu ibseera
Namni tokko nama hin amanne, nama dhugaa baatuu taʼe ykn fira isaa wajjinillee daldala jalqabuu isaa dura of eeggannoo akkamii gochuu qaba?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 23:14-20—Abrahaam maasii fi holqa Saaraa keessatti awwaale bituu isaa akka mirkaneessan ragaa baatota fayyadameera; kana kan godhe dogoggoraan wal hubachuu fi walitti buʼiinsa booda uumamuu dandaʼu hambisuuf taʼuu hin oolu
Er 32:9-12—Ermiyaas raajichi ilma wasiila isaarraa lafa yeroo bitetti, waliigaltee bittaa barreesseera, achiis koppii isaa qopheesseera, akkasumas maallaqasaa ragaa baatota duratti kaffaleera
Of eeggannoodhaan baajata qopheeffachuun gaarii kan taʼe maaliifi?
Kiristiyaanonni walitti buʼiinsi sababa maallaqaatiin dhufu gumii keessatti wal qoqqoodinsa akka uumu gochuu kan hin qabne maaliifi?
Dabalataanis Rom 12:18; 2Xi 2:24 ilaali