Ajajamuu
Ajajamuun hammam barbaachisa?
Bau 19:5; Kes 10:12, 13; Lal 12:13; Yaq 1:22
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 15:17-23—Saaʼol Mootichi ajaja Yihowaa waan cabseef, Saamuʼel raajichi isatti dheekkameera; achiis ajajamuun hammam barbaachisaa akka taʼe ibseera
Ibr 5:7-10—Yesuus cubbuu irraa bilisa kan ture taʼus, yommuu warri kaan garmalee isa dhiphisan Abbaa isaatiif ajajamuu barateera
Kiristiyaanni tokko ajaja Waaqayyoo akka cabsu namni aangoo qabu tokko yoo isa gaafate maal gochuu qaba?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Dan 3:13-18—Ibroonni amanamoo taʼan sadan siidaa Nebukadnezaar Mootichi dhaabeef sagaduu diduun isaanii isaan ajjeesisuu kan dandaʼu taʼus, akkas gochuu didaniiru
Mat 22:15-22—Yesuus duuka buutonni isaa abbootiin taayitaa Yihowaaf akka hin ajajamne hamma isaan hin gaafannetti, akka isaaniif ajajaman ibseera
HoE 4:18-31—Yeroo abbootiin taayitaa lallabuu isaanii akka dhaaban isaan ajajanitti illee, ergamoonni ija jabinaan lallabaniiru
Yeroo hunda Yihowaaf ajajamuuf maal gochuu qabna?
Kes 6:1-5; Fr 112:1; 1Yo 5:2, 3
Dabalataanis Fr 119:11, 112; Rom 6:17 ilaali
Yihowaa fi Yesuusiif ajajamuuf maaltu nu kakaasuu qaba?
Ajajamuun keenya amantii akka qabnu kan argisiisu akkamitti?
Rom 1:5; 10:16, 17; Yaq 2:20-23
Dabalataanis Kes 9:23 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 6:9-22; Ibr 11:7—Noh akkuma Yihowaan isa ajajetti doonicha hojjechuudhaan amantii akka qabu argisiiseera
Ibr 11:8, 9, 17—Abrahaam ajaja Yihowaan Ur keessaa akka baʼuu fi ilma isaa aarsaa akka godhu isaaf kenneef ajajamuudhaan amantii akka qabu argisiiseera
Yihowaan namoota isaaf ajajaman eebbisuuf waadaa akkamii galeera?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Lew 26:3-6—Yihowaan namoota isaaf ajajaman eebbisuu fi kunuunsuuf waadaa galeera
Lak 13:30, 31; 14:22-24—Kaaleb ajajameera, kanaan kan kaʼes, Yihowaan isa eebbiseera
Ajajamuu diduun maal geessisa?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 2:16, 17; 3:17-19—Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu waan didaniif Jannata keessaa baafamaniiru, cubbamoota taʼaniiru, akkasumas jireenya bara baraa dhabaniiru
Kes 18:18, 19; HoE 3:12, 18, 22, 23—Yihowaan, Raajiin Musee caalu akka dhufuu fi namoonni Raajii kanaaf ajajamuu didan akka adabaman dursee dubbateera
Yih 6, 7—Maleekonni fincilanii fi jiraattonni Sodoomii fi Gomoraa ajajamuu diduu isaaniitiin Yihowaa baayʼee aarsanii turan
Yesuus Kiristoosiif ajajamuu kan qabnu maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Yoh 12:46-48; 14:24—Yesuus, dubbii isaatiif ajajamuu diduun murtii cimaa akka nama irraan geessisu ibseera
Kiristiyaanonni ilaaltota olaanoo gumii keessa jiraniif ajajamuu kan qaban maaliifi?
Haati manaa Kiristiyaana taate tokko abbaa manaa isheetiif bitamuu kan qabdu maaliifi?
Ijoolleen warra isaaniif ajajamuu kan qaban maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 37:3, 4, 8, 11-13, 18—Yoseef inni dargaggeessa ture, obboloonni isaa kan isa jibban taʼus, abbaa isaatiif ajajamuudhaan isaan ilaaluuf deemeera
Luq 2:51—Yesuus cubbuu irraa bilisa kan ture taʼus, Yoseefii fi Maariyaam, warra cubbuu dhaalaniif ni bitama ture