Qajeelummaa
Wanta qajeelaa ykn sirrii taʼe murteessuuf aangoo kan qabu eenyu qofadha?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 18:23-33—Yihowaan Abbaa Murtii qajeelaa taʼuu isaa Abrahaamitti argisiiseera
Fr 72:1-4, 12-14—Faarfannaan geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kun Masiihii Mooticha isa akkuma Yihowaa qajeelaa taʼe jajata
Ulaagaawwan Yihowaa warra qajeeloo eegnee jiraachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?
Fr 37:25, 29; Yaq 5:16; 1Ph 3:12
Dabalataanis Fr 35:24; Isa 26:9; Rom 1:17 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Iyo 37:22-24—Eliihuun qajeelummaa Yihowaa isa tajaajiltoonni Isaa garaadhaa akka isa dinqisiifatan godhuuf isa jajateera
Fr 89:13-17—Faarfatichi Yihowaan bulchiinsa Isaa qajeelummaa irratti hundeessuu isaatiif isa jajateera
Qajeelummaa Waaqayyoo barbaaduu jechuun maal jechuudha?
His 18:25-31; Mat 6:33; Rom 12:1, 2; Efe 4:23, 24
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 6:9, 22; 7:1—Noh wanta Yihowaan isa ajaje hunda sirriitti hojjechuudhaan qajeelaa taʼuusaa argisiiseera
Rom 4:1-3, 9—Yihowaan, Abrahaam amantii cimaa akka isarratti qabu waan argisiiseef qajeelaa akka taʼetti Isa ilaaleera
Wanta qajeelaa kan raawwannu namoota ajaaʼibsiisuuf jennee utuu hin taʼin, jaalala Yihowaadhaaf qabnuun kakaanee taʼuu kan qabu maaliifi?
Mat 6:1; 23:27, 28; Luq 16:14, 15; Rom 10:10
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Mat 5:20; 15:7-9—Yesuus namoonni qajeelota taʼuu akka qaban dubbateera; garuu akka ulaagaa barsiisota seeraa fi Fariisotaa warra fakkeessitoota taʼanitti taʼuu akka hin qabne ibseera
Luq 18:9-14—Yesuus namoota warra kaan caalaa qajeelota of fakkeessuu barbaadan sirreessuuf, fakkeenya tokko dubbateera
Nama gaarii taʼuun nama qajeelaa taʼuu irrallee kan caalu maaliifi?
Dabalataanis Luq 6:33-36; HoE 14:16, 17; Rom 12:20, 21; 1Ta 5:15 ilaali