Waaqeffannaa
Waaqeffatamuu kan qabu eenyu qofadha?
Bau 34:14; Kes 5:8-10; Isa 42:8
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Mat 4:8-10—Seexanni Yesuus yeruma tokko qofa yoo isa waaqeffate, mootummoota addunyaa hunda akka isaaf kennu dubbatee ture; Yesuus garuu kennaasaa kana fudhachuu diduudhaan Yihowaa qofa waaqeffachuuf murteesseera
Mul 19:9, 10—Maleekaan humna guddaa qabu tokko Yohaannis ergamaan akka isa hin waaqeffanne dhorkeera
Yihowaan akkamitti akka isa waaqeffannu barbaada?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Isa 1:10-17—Yihowaan waaqeffannaa fakkeessaa namoonni ulaagaa isaatiin hin jiraanne isaaf dhiheessan hin fudhatu, akkasumas ni balfa
Mat 15:1-11—Wanti Yesuus dubbate Yihowaan, waaqeffannaan keenya aadaa namootaa irratti kan hundaaʼe utuu hin taʼin, seera Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe akka taʼu akka barbaadu argisiisa
Hamma nuuf dandaʼametti, eenyufaa wajjin Yihowaa waaqeffachuu qabna?
Dabalataanis Fr 133:1-3 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
HoE 2:40-42—Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni kadhachuuf, waliin taʼuu fi barumsawwan geggeessaa hafuuraatiin qophaaʼan qoʼachuuf walgaʼu turan
1Qo 14:26-40—Phaawulos ergamaan namoonni hundi barumsa darbaa jiru barachuu fi hubachuu akka dandaʼaniif, walgaʼiiwwan gumii karaa nama jajjabeessuu fi qindoomina qabuun geggeeffamuu akka qaban qajeelfama kenneera
Waaqeffannaan keenya Yihowaa duratti fudhatama akka argatuuf maal gochuu qabna?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Ibr 11:6—Phaawulos ergamaan karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuu yoo barbaanne amantiin barbaachisaa taʼuusaa ibseera
Yaq 2:14-17, 24-26—Yaaqoob inni karaa haadhaa obboleessa Yesuus taʼe amantiin keenya hojiidhaan deggeramuu akka qabu ibseera; amantiin hojiidhaaf nu kakaasa