Gabaasa Labsitoota Mootummichaa
Amma Jireenyi Kaayyoo Akka Qabu Hubatteetti
YESUUS hoolota isaa akka beeku dubbateera. (Yohaannis 10:14) Namni garaa qajeelaa qabu, nagaa fi qajeelina jaallatu duuka buutuu Yesuus taʼuun isaa hin oolu. Namni akkasii akkuma dubartii Beeljiyam keessa jiraattu tokkoo jireenya kaayyoo qabu argata. Kun seenaa ishii ti:
“Yommuu Dhugaa Baatonni Yihowaa mana koo rurrukutan, baayʼee dhiphadhee waanan tureef of ajjeesuuf yaadaan ture. Yaanni Dhugaa Baatonni Yihowaa rakkina addunyaa kana keessa jiruuf wanta furmaata taʼu /ilaalchisee wanti dubbatan kan natti tole taʼus, gargaarsi Waaqayyoo akka nu barbaachisu dubbachuun isaanii garuu na hin gammachiisne. Fakkeessaa waldaa keessa jiru waanan jibbuuf gara waldaa deemuu kanan dhaabe waggaa saddeet dura ture. Haa taʼu malee, wanti Dhugaa Baatonni Yihowaa barsiisan dhugaa akka taʼee fi Waaqayyo malee jiraachuun baayʼee ulfaataa akka taʼe nan hubadhe.
“Kan nama gaddisiisu yeroo muraasaaf erga deddeebiʼanii na gaafatanii booda Dhugaa Baatota sanaa wajjin wal arguu hin dandeenye. Baayʼeen ofitti gadde. Guyyaatti sigaaraa paakkeettii laman xuuxa, qoricha sammuu hadoochus fudhachuun jalqabe. Akaakayyuu koo duʼe haasofsiisuu waanan barbaadeef, gocha hafuurota hamoo irratti hirmaachuun jalqabe. Yommuun halkan kophaa koo taʼutti baayʼee waanan sodaadhuuf jinniiwwan miidhaa na irraan geessisu turan! Haalli kun jiʼootaaf na irra tureera. Halkan halkan kophaa waanan taʼuuf nan birʼadha.
“Achiis guyyaa tokko utuman karaa irra miillaan deemuu, karaa ani irra deemaa ture irraa adda taʼe tokko irra deemuun jalqabe; achiis naannoo ijaarsi guddaan tokko jirun gaʼe. Achittis namoota hedduu arguun koo baayʼee na dinqisiise. Yommuun itti dhihaadhe ilaalu, Dhugaa Baatota Yihowaa Galma Walgaʼii ijaaran turan. Dhugaa Baatonni Yihowaa mana koo dhufanii akka turan nan yaadadhe; namni hundi akka isaaniitti utuu jiraatee haalli jiru baayʼee gaarii akka taʼun yaade.
“Dhugaa Baatonni Yihowaa sun mana koo deebiʼanii akka dhufanin barbaade, kanaafuu namoota achii hojjetan muraasattin hime. Waaqayyoon nan kadhadhe, achiis guyyaa kudhan booda namni jalqaba na haasofsiisee ture mana koo dhufe. Innis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo itti fufu akkan dandaʼu natti hime, anis gammachuudhaan yaada isaa irrattin walii gale. Achiis, walgaʼii Galma Walgaʼiitti godhamu irratti akkan argamu na affeere. Anis affeerraa isaa nan fudhadhe. Matumaa waan akkasii argee hin beeku! Yeroo dheeraadhaaf namoota wal jaallatanii fi gammachuu qaban argachuuf carraaqaan ture. Amma garuu isaan argadheera!
“Sana booda walgaʼiiwwan hunda irratti argamuun jalqabe. Gara torbee sadii booda xuuxuun dhaabe. Kitaabawwan waaʼee urjii lakkaaʼuu dubbatan, akkasumas muuziqaa hojii Seexanaa wajjin walitti dhufeenya qabu nan gate; kanaan kan kaʼes jinniiwwan sun na irraa fagaatan. Akka qajeelfama Kitaaba Qulqulluutti jiraachuun jalqabe, achiis jiʼa sadii booda misiraachicha labsuun jalqabe. Jiʼa jaʼa booda immoo nan cuuphame. Ergan cuuphamee guyyaa lama booda immoo qajeelchituu gargaaraan taʼe.
“Yihowaan wantoota gaggaarii naaf godhe hundaaf baayʼeen isa galateeffadha. Dhuma irrattis jireenya kaayyoo qabu argadheera. Maqaa Yihowaa isa masaraa cimaa taʼe jalatti daʼoo fi eegumsa argadheera. (Fakkeenya 18:10) Akkuma faarfataa isa Faarfannaa 84:10 irratti, ‘Guyyaa kuma bakka kan biraa jiraachuu irra guyyuma tokko mooraa kee keessa ooluu wayya! Dunkaanota hamminaa keessa jiraachuu mannaa, gubanii balbala mana Waaqa kootii bira dhaabbachuun filadha’ jechuun barreessee natti dhagaʼama.”
Dubartiin garaa qajeelaa qabdu kun jireenya kaayyoo qabu argatteetti. Kanaafuu namni garaa qulqulluudhaan Yihowaa barbaadu kam iyyuu jireenya akkasii argachuu dandaʼa.