LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w09 10/1 ful. 30
  • Hiyyummaan Eebba Waaqayyoo Dhabuu Argisiisaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hiyyummaan Eebba Waaqayyoo Dhabuu Argisiisaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Lafa Ati Dhaqxu Anis Nan Dhaqa”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • “Dubartii Baʼeettii”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Ruutiifi Naa’omii
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Jaalala Amanamaa Walitti Argisiisuu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
w09 10/1 ful. 30

Hiyyummaan Eebba Waaqayyoo Dhabuu Argisiisaa?

WAAQAYYO, Israa’eloota duriitiin, “Sanyii kee keessatti dhabaan hin argamu” jedhee ture. Sababiinsaa, Seerri Waaqayyo isaanii kenne, hiyyeessota akka gargaaraniifi gatii isaanirra jiru akka isaaniif dhiisan waan ajajuuf ture. (Keessa Deebii 15:1-4, 7-10) Kanaaf, Yihowaan akka isaan eebbisu waadaa waan isaanii galeef, Israa’eloota keessa namni hiyyeessa ta’e hin turre. Israa’eloonni eebba argachuunsaanii, Seerichaaf abboomamuusaaniirratti kan hundaa’e ture; haata’u malee isaan seera kanaaf utuu hin abboomamin hafaniiru.

Kana jechuun garuu, namoonni qabeenya hin qabne eebba Waaqayyoo dhabanii, warri qabeenya qabanimmoo eebbasaa argatanii turan jechuu miti. Tajaajiltoonni Waaqayyoo baay’een hiyyeeyyii turan. Fakkeenyaaf, Amos raajichi hiyyeessa hoolaa horsiisuufi ija harbuu funaanuudhaan jiraatu ture. (Amos 1:1; 7:14) Bara Eliyaas raajichaatti yommuu beelli Israa’el keessatti uumamee ture, Eliyaas harka dubartii haadha hiyyeessaa tokko eeggatee jiraachaa ture; yeroo sanatti daakuufi dhadhaan ejersaa xinnoon haati hiyyeessaa kun qabdu dinqiidhaan hanga yeroon beelaa sun darbuutti turuu danda’eera. Eliyaasiifi haati hiyyeessaa kun sooressa ta’uu baatanis, Yihowaan waan isaan barbaachisu kenneeraaf.—1 Mootota 17:8-16.

Sababa yeroofi walitti dhufuun geessisuun, namoonni hiyyoomuu danda’u. Balaafi dhukkubnis namni tokko yeroo muraasaaf ykn yeroo dheeraadhaaf akka hojii hin hojjenne isa gochuu danda’u. Duunis, ijoolleen abbaa akka hin qabaanne, dubartoonnimmoo haadhotii hiyyeessaa akka ta’an gochuu danda’a. Haata’u malee namni tokko rakkoowwan gurguddaan akkasii isarra ga’uunsaa, Waaqayyo duratti fudhatama akka hin qabne hin argisiisu. Seenaan Naa’omiifi Ruut, Yihowaan jaalalaan kaka’ee hiyyeessota akka kunuunsu argisiisa. Naa’omiifi Ruut abbootiin manaasaanii waan irraa du’aniif yoo deeganiyyuu, Yihowaan isaan eebbiseera, wanta isaan barbaachisus isaanii kenneera.—Ruut 1:1-6; 2:2-12; 4:13-17.

Namni tokko hiyyeessa ta’uunsaa, eebba Waaqayyoo dhabuusaa akka hin argisiisne seenaa kanarraa hubachuun ni danda’ama. Namoonni Yihowaadhaaf amanamoo ta’an, jecha Daawiti Mootichi, “Dargaggummaa argeera, dulluma biras ga’eera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku” jechuudhaan dubbatetti amanamuu danda’u.—Faarfannaa 37:25.

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Naa’omiifi Ruut yoo deeganiyyuu, Waaqayyo isaan eebbiseera; jaalalaan kaka’ees wanta isaan barbaachisu isaanii kenneera

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi