LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 11/15 ful. 23
  • ‘Iji Hojiisaa Isa Duukaa Buʼeera’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Iji Hojiisaa Isa Duukaa Buʼeera’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walgaʼii Tokkummaafi Karoora Gammachiisaa Taʼeen Beekame
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Gaarummaa Yihowaa Isa Guddaa Irraa Karaa Hedduudhaan Faayidaa Arganneerra
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Jijjiirama Tajaajilli Yeroo Guutuu Jireenya Koorratti Fide
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 11/15 ful. 23

‘Iji Hojiisaa Isa Duukaa Buʼeera’

MISEENSA Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼe Tewoodor Jaaraaz, Roobii, Waxabajjii 9, 2010 jireenyasaa isa lafarraa xumureera. Umriinsaa waggaa 84 yommuu taʼu, haadha manaasaa Meliitaa wajjin waggaa 53f waliin jiraataniiru. Firoottansaa warra isa dhabuusaaniitti gaddan keessaa, obboleettiisaa angafaa, ilmasheefi ijoolleeshee durbaa lamaan ni argamu.

Obboleessi keenya Jaaraaz Fulbaana 28, 1925 Paayiki Kaawuntii, Kentakii Yunaayitid Isteetisitti kan dhalate siʼa taʼu, Yihowaadhaaf kan of murteessee Hagayya 10, 1941 umriisaa waggaa 15⁠tti ture. Waggaa lama booda umriisaa waggaa 17⁠tti qajeelchaa kan taʼe siʼa taʼu, tajaajila yeroo guutuu gara waggaa 67tiif irratti hirmaate kan jalqabe yeroo kanatti ture.

Obboleessi keenya Jaaraaz, bara 1946 Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad kutaa torbaffaarratti yeroo hirmaatu umriinsaa waggaa 20 ture. Erga eebbifamee boodas naannoo Yunaayitid Isteetis Kileevlaandi, Ohaayootti daawwataa olaanaa taʼee akka tajaajilu ramadame. Bara 1951, hojii waajjira damee Awustiraaliyaatti geggeeffamu olaantummaadhaan akka toʼatu ramadame. Kitaabni Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa bara 1983, obboleessi keenya Jaaraaz “hinaaffaa seera tiʼookraasiitiif qabuufi qajeelfama gaarii tajaajilarratti kennuun obboloota guutummaa biyyichaa keessa jiran guddaa jajjabeessee akka ture” gabaaseera.

Obboleessi keenya Jaaraaz gara Yunaayitid Isteetisitti erga deebiʼee booda, Muddee 10, 1956 obboleettii Meliitaa Laaskoo jedhamtu fuudhe. Jireenya gaaʼelasaanii kan jalqaban, aanaafi koonyaa Yunaayitid Isteetis keessa jiran hedduu daawwachuudhaan ture. Dhuma bara 1974⁠tti, Jaaraaz miseensa Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼu afeerame.

Obboleessi keenya Jaaraaz yeroo dheeraadhaaf tajaajilaa amanamaa Yihowaadhaaf of murteesseefi garaa guutuudhaan sochiiwwan tiʼookraasiirratti xiyyeeffatu akka taʼe yaadatama. Abbaa manaa jaalala qabeessaafi akka gaariitti nama qabu, akkasumas nama hafuuraa fedhiisaa caalaa fedhii warra kaaniitiif dursa kennu ture. (1 Qor. 13:4, 5) Garaa qulqulluudhaan warra kaaniif kan yaadu taʼuunsaa, namoonni hundi wal qixxeefi gaarummaadhaan akka qabaman kan barbaadu taʼuusaarratti mulʼateera. Kana malees, dadhabe utuu hin jedhin jaalala kan argisiisuufi namootaaf kan yaadu akka taʼe hinaaffaadhaan kan tajaajilu taʼuusaarratti mulʼateera.

Miseensa maatii Betʼeliifi miseensa waldaa obbolummaa addunyaa maraa jaallatamaa taʼeefi dhimmee hojjetu kana dhabuu keenyatti guddaa kan gaddine taʼus, Obboleessi keenya Jaaraaz waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluusaatti gammachuu guddaan nutti dhagaʼama. ‘Hamma duʼaatti amanamaa taʼuudhaan gonfoo jireenyaa akka argate’ amanannaa guddaa qabna. (Mul. 2:10) ‘Iji hojiisaa isa duukaa akka buʼes’ mirkanaaʼoodha.—Mul. 14:13.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi