LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 7/1 ful. 3
  • Yesus Kiristos Dhugumaan Eenyu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Kiristos Dhugumaan Eenyu?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Kiristos Eenyu?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yesuus Kiristoos Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Lallaba Gaara Irraa Isa Beekamaa
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yesus Kiristosiin Ilaalchisee Gaaffiiwwan Kaʼaniif Deebii Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 7/1 ful. 3

Yesus Kiristos Dhugumaan Eenyu?

“Yerusaalemitti yommuu inni gale, mandarichi guutummaatti raafame; namoonnis, ‘Inni kun eenyu?’ jedhan. Tuuti isaa wajjin adeemus, ‘Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiilaa ti’ jedhee deebise.”—MAATEWOS 21:10, 11.

YESUS KIRISTOSa birraa bara 33 yeroo gara Yerusaalem dhufe mandarattiin akkas kan raafamte maaliifi? Namoonni hedduun waaʼee Yesusiifi dinqiiwwan gurguddaa inni raawwate dhagaʼanii waan turaniifidha. Isaanis waaʼeesaa warra kaanitti himuusaanii itti fufan. (Yohannis 12:17-19) Taʼus, namni gidduusaanii ture sun hanga harʼaatti addunyaa maratti dhibbaa geessisuusaa akka itti fufu hin hubanne!

Yesus seenaa ilmaan namootaarratti dhiibbaa guddaa akkamii geessisaa akka jiru hubachuuf fakkeenyawwan muraasa haa ilaallu.

▪ Kaalaandariin namoonni addunyaarra jiran hedduun itti fayyadaman, waggaa Yesus itti dhalateera jedhamee yaadamurratti kan hundaaʼedha.

▪ Namoota addunyaa mararra jiran keessaa biliyoona lama, jechuunis harki sadii Kiristiyaanota ofiin jedhu.

▪ Namoonni amantii Islaamaa hordofan, addunyaa maratti biliyoona tokkoo ol siʼa taʼan, Yesus “raajii Abrahaam, Nohiifi Musee caalu” akka taʼe barsiisu.

▪ Namoonni hedduun wantoota Yesus dubbate haasaa guyyaa guyyaadhaan dubbatan keessatti itti fayyadamu. Isaan keessaa tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru:

‘Maddiikee isa gara kaaniis itti qabi!ʼ—MAATEWOS 5:39.

‘Kiilomeetira dabalataa duukaa dhaqi!ʼ—MAATEWOS 5:41.

‘Namni kamiyyuu gooftolii lamaaf hojjechuu hin dandaʼu.ʼ—MAATEWOS 6:24.

‘Callee keessan booyyee dura hin buusinaa!ʼ—MAATEWOS 7:6.

‘Waanuma namoonni akka isiniif godhan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif gochuu qabdu.ʼ—MAATEWOS 7:12.

‘Baasiikee shallaggii.ʼ—LUQAAS 14:28.

Yesus seenaa ilmaan namootaa keessatti dhibbaa guddaa akka geessise hin shakkisiisu. Taʼus, ilaalchiifi amantiin namoonni waaʼee Yesus qaban baayʼee addaddadha. Kanaaf, ‘Yesus Kiristos dhugumaan eenyu?’ jettee gaafatta taʼa. Yesus eessaa akka dhufe, akkamitti akka jiraateefi maaliif akka duʼe nutti himu kan dandaʼu Macaafa Qulqulluu qofadha. Waaʼeesaa dhugaawwan kana beekuun, ammas taʼe gara fuulduraatti jireenya keerratti dhibbaa guddaa geessisuu dandaʼa.

[Miiljalee]

a Maqaan raajii biyya Naazireetii baʼu kanaa, “Yesus” jedhama, hiiknisaas “Yihowaan Fayyisaadha” jechuudha. Maqaan ulfinaa “Kiristos” jedhummoo, “Isa Dibame” jechuudha. Kunis, Yesus kan dibame ykn Waaqayyo aangoo adda taʼe kan isaaf kenne taʼuusaa argisiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi