“Suuraa Isin Kaafachuu Dandeenyaa?”
Walgaʼii koonyaa isa guyyaa lammaffaa booda, Jooziwee inni Meeksikootti miseensa maatii Betʼel taʼe magaalaa Kuweretaaroo daawwachaa ture. Yeroo kanatti hiriyoonni gaaʼelaa tuuristoota Kolombiyaa taʼan Kaaviyeeriifi Maaruun, suuraa Jooziweefi hiriyaasaa kaafachuuf isaan gaafatan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun, Jooziweefi hiriyaansaa akka gaariitti kan uffataniifi kaardii walgaʼii koonyaa qomarratti kan godhatan waan turaniif, sirna eebbaa ykn sirna addaa tokkorratti hirmaachaa kan jiran taʼuusaanii isaan gaafatan. Jooziween walgaʼii koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaarratti hirmaachaa akka jiran isaanitti himuudhaan, sagantaa Dilbataarratti akka argaman isaan afeere.
Hiriyoonni gaaʼelaa kun uffata haala kanaaf taʼu akka hin qabne waan isaanitti dhagaʼameef walgaʼicharratti argamuun baayʼee akka isaan qaanessu isaanitti dhagaʼame. Taʼus, Jooziween maqaasaafi bilbila waajjira damee keessaa hojjetuu isaanii kenne.
Kaaviyeer jiʼa afur booda bilbilee, walgaʼiirratti akka argamaniifi Meeksikoo Siitii bakka jiraatanitti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arguu akka barbaadan yommuu isatti himu Jooziween baayʼee dinqisiifame. Kaaviyeeriifi Maaruun utuu baayʼee hin turin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan eegalan siʼa taʼu, yeruma sana walgaʼiirratti argamuu jalqaban. Jiʼa kudhan boodas babalʼistoota taʼan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun Toorontoo Kaanaadaatti kan galan taʼus, karaa hafuuraa guddina gochuusaanii itti fufuudhaan cuuphamaniiru.
Yeroo boodas Kaaviyeer dhugaa fudhachuuf maaltu akka isa kakaase Joseedhaaf xalayaa barreesseera. “Walgaʼicharratti hirmaachuu keenya dura karaa hafuuraa qajeelfama argachuun akka nu barbaachisu haadha manaakoo wajjin mariʼachaa turre. Akka gaariitti uffachuu keessan yommuu argine, walgaʼii adda taʼe tokkorratti hirmaachaa akka jirtan yaanne. Bakka walgaʼichaatti taaʼumsa akka argannuufi Macaafa Qulqulluu baasnee akka hordofnu gargaarsi nuu godhame, akkasumas amalli namoonni achitti argaman argisiisan baayʼee nu dinqisiisee ture. Akka tuuristiitti uffachuun keenya jijjiirama waan fidu hin fakkaatu ture.”
Jooziween yaanni Solomoon Mootichi inni ogeessi dubbate dhugaa taʼuusaa hubateera. Solomoon, “Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganama facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin! Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu taʼa” jedheera. (Lal. 11:6) Walgaʼii koonyaa ykn haasaa sabaa yeroo ittaanu godhamurratti akka argaman namootatti himuudhaan carraa argatte hundatti sanyii facaasuu dandeessaa? Yihowaan namoota akka Kaaviyeeriifi Maaruu karaa hafuuraa beelaʼaniifi dheebotan harkisuuf sitti fayyadamuu dandaʼa.—Isa. 55:1.
[Fakkii fuula 32rra jiru]
Bitaadhaa gara mirgaatti: Alehaandiroo Foojeliin, Maaruu Pineedaa, Alehaandiroo Pineedaa, Kaaviyeer Pineedaafi Jooziwee Raamireez waajjira damee Meeksikootti