LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 10/1 ful. 28-29
  • Guyyaa Firdiitti Maaltu Raawwatama?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guyyaa Firdiitti Maaltu Raawwatama?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Guyyaan Firdii Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 10/1 ful. 28-29

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Guyyaa Firdiitti Maaltu Raawwatama?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Guyyaan Firdii maalidha?

Fakkii “Ze Laasti Jajmanti” jedhamuufi Gustaav Dooriitiin

Akkuma fakkii gara mirgaa jirurraa mulʼatutti, namoonni baayʼeen Guyyaa Firdiitti lubbuuwwan biliyoonaan lakkaaʼaman teessoo Waaqayyoo duratti dhihaatanii gocha duraan raawwataniin itti faradamuudhaan tokko tokko jireenya samiirraa argatu, kaanimmoo ibidda barabaraatiin gubatu jedhanii yaadu. Macaafni Qulqulluun garuu, kaayyoon Guyyaa Firdii namoonni murtoo qajeelaa akka argatan gochuu akka taʼe dubbata. (Faarfannaa 96:13) Waaqayyo, ilmaan namootaatiif firdii qajeelaa akka kennu Yesusiin muudeera.​—⁠Isaayaas 11:1-5; Hojii Ergamootaa 17:31 dubbisi.

2. Guyyaan Firdii qajeelina iddootti kan deebisu akkamitti?

Namoonni duʼaa kaafaman Jannata keessatti

Addaam namni jalqabaa taʼe jedhee yommuu Waaqayyorratti kaʼe, sanyiinsaa hundi cubbuu, rakkinaafi duʼaaf akka saaxilaman godheera. (Roomaa 5:12) Yesus jalʼina kana sirreessuuf namoota biliyoonaan lakkaaʼaman gara jireenyaatti deebisa ykn duʼaa kaasa. Macaafni Mulʼataa, kun kan taʼu bulchiinsa waggaa kumaa Kiristos Yesus keessatti akka taʼe ibsa.​—⁠Mulʼata 20:4, 11, 12 dubbisi.

Namoonni duʼaa kaʼan wanta duʼuusaanii dura raawwatanirratti utuu hin taʼin, wanta ‘macaafa’ Mulʼata boqonnaa 20⁠rratti caqasame keessa jirurratti hundaaʼuudhaan wanta yeroo sana raawwataniin itti faradama. (Roomaa 6:7) Phaawulos ergamaan, ‘qajeelonniifi jalʼoonni’ duʼaa kaafamanii waaʼee Waaqayyoo barachuuf carraa akka argatan dubbateera.​—⁠Hojii Ergamootaa 24:15 dubbisi.

3. Guyyaan Firdii maal raawwata?

Namoota gammadoo Jannata keessatti

Namoonni Waaqayyoon utuu hin beekiniifi utuu isa hin tajaajilin duʼan, akka of jijjiiraniifi waan gaarii akka hojjetan carraa argatu. Akkas kan godhan yoo taʼe duʼaa kaʼuunsaanii “jireenya argachuudhaaf ” taʼa. Haataʼu malee, namoota duʼaa kaʼan keessaa tokko tokko karaa Yihowaa barachuu kan hin barbaanne siʼa taʼu, duʼaa kaʼuunsaanii duʼaa kaʼuu “firdiitti dhiʼaachuu” itti taʼa.​—⁠Yohannis 5:28, 29; Isaayaas 26:10; 65:20 dubbisi.

Xumura Guyyaa Firdii waggaa kuma tokkoo booda, Yihowaan ilmaan namootaa ajajamoo taʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan godha. (1 Qorontos 15:24-28) Namoota ajajamoo taʼan hunda yeroo baayʼee gammachiisaa taʼetu isaan eeggata! Waaqayyo qorumsa isa xumuraatiif Seexanni boolla waggaa kuma tokkoof itti hidhamee ture keessaa akka baʼu godha. Yeroo kanatti Seexanni deebiʼee namoota Yihowaarraa fageessuuf yaalii kan godhu taʼus, namoonni Seexanarraa of eegan lafarratti jireenya barabaraa argatu.​—⁠Isaayaas 25:8; Mulʼata 20:7-9 dubbisi.

4. Faayidaa garabiraan guyyaan firdii namootaaf argamsiisu maalidha?

Macaafni Qulqulluun, yaada “guyyaa firdii” jedhu haalawwan sirna yeroo ammaa kana gara dhumaatti geessan argisiisuufis itti fayyadama. Guyyaan firdii kun, akkuma Bishaan Badiisaa bara Nohi dhaloota jalʼaa sana hunda lafarraa balleessee akka tasaa dhufa. Kan nama gammachiisu, badiisni namoota “Waaqayyo malee jiraatan[irra]” gaʼu, saba haaraa lafarra jiraatuufi “qajeelummaan keessa buufatu[uf]” karaa bana.​—⁠2 Phexros 3:6, 7, 13 dubbisi.

Oddeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana fuula 213-215 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi