Gaaffii Dubbistootaa
Dhugaa dhagaʼuu keenya dura aniifi haati manaakoo mala iin viitroo fartilaayizeeshin jedhamuun mucaa godhachuuf sanyii kormaafi hanqaaquu keenya laaboraatoriitti kennine. Taʼus miciree uumame hundatti kan hin fayyadamne siʼa taʼu, warri hafan meeshaa diilalleessu keessa nuuf kaaʼaman. Warra hafan kana tursuumoo dhiisuu qabna?
▪ Kun hiriyoonni gaaʼelaa mala iin viitroo fartilaayizeeshin (IVF) jedhamuun mucaa godhachuu yommuu barbaadan dhimma ulfaataa isaan irratti yaadanii murteessuu qaban keessaa tokkodha. Hiriyoonni gaaʼelaa hundi wanta gochuuf murteessan maraaf Yihowaa duratti itti gaafatamu. Kanaaf, teknooloojii mucaa godhachuuf gargaaru kanatti fayyadamuun maal akka dabalatu gabaabaatti haa ilaallu.
Bara 1978, dubartiin yeroo jalqabaatiif mala kanaan mucaa godhatte biyya Ingilaanditti kan argamtu turte. Ujummoon oovaariishee cufaa waan taʼeefi sanyiin kormaa hanqaaquushee wajjin akka wal hin arganne waan godheef mucaa godhachuu hin dandeenye. Ogeessonni fayyaa mala baqaqsanii walʼaanuutiin hanqaaquushee fuudhanii qaruuraa keessatti sanyii kormaa abbaa manaashee wajjin akka wal argatu godhan. Micireen mala kanaan uumame nyaata argatee akka guddatu erga godhamee booda gadameessashee keessa kaaʼame. Yeroo boodas mucaa durbaa godhatte. Malli kuniifi wantoonni kanaa wajjin wal qabatan iin viitroo fartilaayizeeshin jedhamu.
Dhimma kana ilaalchisee biyyaa gara biyyaatti wantoonni tokko tokko addadda taʼanis, malli kun wantoota armaan gadii gochuu kan dabalatudha. Qorichi haati manaa hanqaaquu hedduu akka oomishtu godhu torban baayʼeedhaaf isheedhaa kennama. Abbaan manaa qaama saalaasaa susukkuumuudhaan sanyii kormaa akka kennu gaafatamuu dandaʼa. Hanqaaquu suniifi sanyiin kormaa laaboraatorii keessatti akka wal argatan godhamu. Hanqaaquun hedduun kun miciree baayʼee taʼanii guddachuu dandaʼu. Guyyaa tokko ykn isaa ol booda miciree hedduu kana keessaa gadameessa keessa kaaʼamanii guddachuu kan dandaʼan ykn rakkina kan qaban kamfaa akka taʼan beekuuf akka gaariitti qoramu. Gaafa guyyaa sadaffaa, carraa guddachuuf qaban dabaluuf micireewwan filatamoo taʼan lama ykn sadii gadameessa haadha manaa keessa kaaʼamu. Ulfawwan sana keessaa tokko ykn lama yoo guddatan yeroo booda mucaa godhachuu dandeessi.
Haataʼu malee micireewwan rakkina qaban dabalatee warri gadameessa keessa utuu hin kaaʼamin hafan maal godhamuu qabu? Micireewwan kun gadameessa keessa utuu hin kaaʼamin yoo hafan jiraachuu hin dandaʼan. Kanaaf, kanneen hafan kun naayitiroojiinii dhangalaʼaa taʼe keessatti diilallaaʼaanii akka turan godhamu. Maaliif? Warri jalqaba gadameessa keessa kaaʼaman utuu hin guddatin yoo hafan warra hafan qarshii xinnoo kaffaluudhaan itti fayyadamuun waan dandaʼamuufidha. Kun garuu murtoo sirrii taʼe gochuu wajjin haala walqabateen gaaffii guddaa kaasa. Akkuma hiriyoota gaaʼelaa gaaffii armaan olii gaafatanii, hiriyoonni gaaʼelaa hedduun micireewwan meeshaa diilalleessu keessa kaaʼatan maal akka godhan murteessuun isaan rakkisa. Ijoollee dabalataa godhachuu hin barbaadan taʼa. Tarii umriin ykn haalli dinagdee isaan keessa jiran ijoollee dabalataa godhachuuf isaanii hin heyyamu taʼa. Yookiin lakkuu godhanna jedhanii sodaachuu dandaʼu. Hiriyaan gaaʼelaasaanii yoo duʼe ykn nama garabiraa wajjin gaaʼela yoo godhate haalli gadheen uumamuu dandaʼa jedhanii sodaatu taʼa.a Eeyyee wantoonni isaan yaaddessan baayʼeen jiru. Kanaaf hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko micireewwan hafan sun meeshaa diilalleessu keessa kaaʼamanii akka turaniif jecha waggoota hedduuf qarshii kaffalu.
Bara 2008tti, ogeessi qorannoo guddina micireewwaniirratti beekamaa taʼe tokko, barruu Niiwu Yoorki Taayimsi jedhamurratti, namoonni dhibee fayyaa qaban hedduun waaʼeen micireewwan meeshaa diilalleessu keessa kaaʼatan sanaa akka isaan yaaddessu dubbateera. Yaadni mataduree kanaa akkas jedha: “Yoo xinnaate micireewwan 400,000 taʼan, kiliiniikota biyyattii keessatti argamaan keessa meeshaa diilalleessu keessa kan jiran siʼa taʼu, waggaa waggaadhaanis baayʼeetu itti dabalama . . . Micireewwan kun meeshaa kana keessa yoo kaaʼaman waggaa kudhan ykn isaa oliif turuu kan dandaʼan siʼa taʼu, yoo achi keessa kaaʼamuu baatan garuu jiraachuu hin dandaʼan.” (Dalga ciibsee kan barreesse nuyidha.) Haqni kun, Kiristiyaanonni karaa kanaan mucaa godhachuu barbaadan tokko tokko akka irratti yaadan isaan godheera. Maaliif?
Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaana taʼaniifi mala kanatti fayyadamuu barbaadan, yaalii fayyaa garaagaraa gama kanaan godhamurratti yaaduunsaanii gaariidha. Kiristiyaanni tokko lubbuu nama jaallatuufi garmalee dhukkubsatee meeshaa lubbuun akka turu godhu, jechuunis kan akka meeshaa sirna argansuutti fayyadamuu ilaalchisee maal akka godhu murteessuu qaba. Kiristiyaanonni dhugaan, seerawwan akka Baʼuu 20:13fi Faarfannaa 36:9rratti argamaniif ajajamuudhaan jireenyaaf kabaja guddaa waan kennaniif, yaalii fayyaa akka laayyootti hin ilaalan. Dammaqaan! Caamsaa 8, 1974 yaada, ‘Namoonni seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuun jiraachuu barbaadan, akkuma Waaqayyoo lubbuudhaaf kabaja guddaa waan qabaniif, yaada garaasaanii waan dhagaʼaniif, akkasumas seera mootummaa waan kabajaniif, meeshaa lubbuun akka turu godhutti akka hin fayyadamne gochuun, taʼe jedhanii nama dhukkubsate sana ajjeesuu waan taʼeef, matumaa kana hin godhan’ jedhu qabateera. Taʼus, haala tokko tokko keessatti lubbuu nama jaallatanii tursuuf teknooloojii akkasiitti fayyadamuun dirqama taʼuu dandaʼa. Kanaaf, miseensonni maatii, namni kun meeshaa akkasiitti fayyadamuusaa akka itti fufu ykn akka dhiisu gochuuf murteessuu qabu.
Haalli hiriyoota gaaʼelaa iin viitroo fartilaayizeeshiniitti fayyadamanii micireewwan meeshaa diilalleessu keessa kaaʼatanii kanaa wajjin tokko akka hin taane beekamaadha. Haataʼu malee micireewwan naayitiroojiinii diilalleessu keessaa baasuu akka filatan gorsi isaaniif kennama taʼa. Micireewwan kun meeshaa diilalleessu keessaa yoo baʼan yeruma sana duʼuu dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa kana gochuuf ykn dhiisuuf murteessuu qabu.—Luq. 2:36-38; Gal. 6:7.
Hiriyoonni gaaʼelaa mala kanaan mucaa tokko godhachuuf murteessan, qarshii micireewwan meeshaa diilalleessu keessa kaaʼuuf barbaachisu kaffaluu filatu taʼa; ykn gara fuulduraatti mucaa godhachuuf micireewwan kanatti fayyadamu. Hiriyoonni gaaʼelaa kaanimmoo qarshii barbaachisu kaffaluu dhiisuudhaan, micireewwan meeshaa diilalleessu keessa kaaʼaman akka achii baafaman gochuuf murteessu taʼa. Kiristiyaanonni murtoon akkasii isaan mudatu, karaa yaada garaasaanii isa Macaafa Qulqulluutiin leenjiʼe itti fayyadamanitti Waaqayyo duratti itti gaafatamu. Fedhiinsaanii, warra kaan utuu hin gufachiisin yaada garaa isaan hin ceephaane qabaachuu taʼuu qaba.—1 Tim. 1:19.
Namni yaalii qaama hormaataarratti ogeessa taʼe tokko, hiriyoonni gaaʼelaa hedduun, “Micireewwan [meeshaa diilalleessu] keessa kaaʼaman ilaalchisee maal akka godhan murteessuun kan isaan burjaajeessu siʼa taʼu yaaddoo guddaanis isaanitti dhagaʼama” jedheera. Ogeessi kun, “Haala kanaa wajjin wal qabateen hiriyoota gaaʼelaa hedduutiif, murtoon gaarii taʼe waan hin jirre fakkaata” jechuudhaan xumureera.
Kanaaf, Kiristiyaanonni dhugaan mala kanatti fayyadamuu barbaadan, faayidaafi miidhaa teknoolojiin kun qaburratti yaaduu qabu. Macaafni Qulqulluun, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas” jechuudhaan gorsa.—Fak. 22:3.
Dubartiifi dhiirri waliin jiraataniifi Macaafa Qulqulluu qayyabatan tokko cuuphamuu barbaadan. Namichi garuu biyyicha keessa kan jiraatu utuu seerri biyyichaa hin heyyaminiif waan taʼeef gaaʼelasaanii seeraan galmeessisuu hin dandeenye. Mootummaan biyya sanaa namni seerri biyyichaa utuu hin heyyaminiif biyyicha keessa jiraatu gaaʼela akka godhatu hin heyyamu. Maarree jarri kun Waraqaa Waadaa Fuudhaafi Heerumaa mallatteessuudhaan cuuphamuu ni dandaʼuu?
▪ Akkas gochuun furmaata kan argamsiisu fakkaatus, karaa kanaan rakkinasaanii hiikuun gorsa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu miti. Kun maaliif akka taʼe hubachuuf, kaayyoon Waraqaa Waadaa Fuudhaafi Heerumaa maal akka taʼe, sababa itti barbaachise, akkasumas akkamittiifi haala akkamii keessatti hojiirra akka oolu haa ilaallu.
Waraqaan kun, waraqaa namoonni sababii armaan gadiitiin gaaʼela akka hin godhanne dhowwaman namoota duratti mallatteessanidha. Waraqaa kanarratti amanamoo waliif taʼuuf waadaa kan walii galan siʼa taʼu, yeroo dandaʼamuttimmoo gaaʼelasaanii seeraan akka galmeessisan ibsu. Gumichi namoonni kun amanamoo walii taʼuuf Waaqayyoofi namoota duratti gaaʼelasaanii akka galmeessisaniifi gaaʼellisaanii kunis seera duratti fudhatama akka qabutti isaan ilaala.
Waraqaan Waadaa Fuudhaafi Heerumaa kan barbaachisu maaliifi? Kan itti hojjetamuhoo yeroo akkamiitti? Gaaʼela kan hundeesse Yihowaa yommuu taʼu, iddoo guddaas ni kennaaf. Ilmisaa, “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedheera. (Mat. 19:5, 6; Uma. 2:22-24) Yesus itti dabaluudhaanis: “Yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe in ejja” jedhee dubbateera. (Mat. 19:9) Kanaafuu, akka Caaffanni Qulqullaaʼoon ibsanitti gaaʼelli tokko diigamuu kan dandaʼu yoo ‘ejji’ raawwatame qofadha. Fakkeenyaaf, dhiirri tokko gaaʼelasaatiin alatti saalqunnamtii yoo raawwate haati manaasaa balleessaa hin qabne isa hiikuuf ykn isaa wajjin jiraachuuf murteessuu dandeessi. Yoo isa hiiktes, nama garabiraatti heerumuuf mirga qabdi.
Haataʼu malee, keessumaa baroota darbanitti biyyoota tokko tokko keessatti, waldaawwan amantii gurguddaan yaada Macaafa Qulqulluu ifa taʼe kana hin fudhatan turan. Kanaa mannaa gaaʼelli sababii kamiiniyyuu diigamuu akka hin dandeenye barsiisu. Kanaafuu, seerri biyyoota waldaawwan kun dhiibbaa guddaa itti geessisan keessa jiru sababii gaʼaan Yesus caqase yeroo jiruttillee matumaa wal hiikuu hin heyyamu. Biyyoota kan biraattimmoo, wal hiikuun kan heyyamamu taʼus, yeroo dheeraa kan fudhatuufi rakkisaadha. Tarii waggoota hedduu fudhachuus ni dandaʼa. Kunimmoo waldaan ykn mootummaan wanta Waaqayyo duratti fudhatama qabu akka ‘dhowwetti’ kan ilaalamudha.—HoE. 11:17.
Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa tokko biyya wal hiikuun hin dandaʼamne ykn baayʼee rakkisaa taʼe, tariimmoo waggoota hedduu fudhatu jiraatu taʼa. Gaaʼelasaanii kanaan duraa diiguuf carraaqqii barbaachisu hunda godhanii yoo isaaniif dandaʼamuu baate, Waraqaa Waadaa Fuudhaafi Heerumaa mallatteessuu dandaʼu. Kun qophii gumii Kiristiyaanaa jaalalarratti hundaaʼeefi biyyoota akkasii keessatti hojiirra ooludha. Haataʼu malee, qophiin kun wal hiikuun kaffaltii hedduu kan gaafatu ykn wal xaxaa taʼullee, biyyoota wal hiikuun itti dandaʼamu hunda keessatti kan hojjetu miti.
Namoonni biyyoota wal hiikuun itti dandaʼamu keessa jiraatan tokko tokko, buʼaa baʼii gama kanaan jiru hambisuuf jecha Waraqaa Waadaa Fuudhaafi Heerumaa mallatteessuu barbaadu. Taʼus haalli kun waraqaa kanatti fayyadamuuf sababii sirrii miti.
Akka gaaffii armaan oliitti dhiirriifi dubartiin karaa sirrii hin taaneen waliin jiraachaa jiran kun gaaʼela dhaabbachuu barbaadan. Lamaansaaniiyyuu haala gaaʼela kanaan duraa wajjin wal qabateen karaa Macaafa Qulqulluu seerri cabsan waan hin jirreef gaaʼela dhaabbachuu ni dandaʼu. Taʼus, namichi biyyicha keessa kan jiraatu utuu seerri biyyichaa hin heyyaminiif waan taʼeef, mootummaan gaaʼelasaanii seeraan galmeessisuuf hin heyyamne. (Biyyoota hedduu keessatti abbootiin taayitaa warra gaaʼela dhaabbachuu barbaadan sana keessaa abbaan tokkollee taanaan ykn lamaansaanii biyyicha keessa kan jiraatan utuu seerri biyyichaa hin heyyamin taanaanillee gaaʼela akka godhatan ni heyyamu.) Seerri biyya olitti caqasamee wal hiikuu ni heyyama. Kanaan kan kaʼes Waraqaa Waadaa Fuudhaafi Heerumaa mallatteessuun barbaachisaa miti. Namoonni kun garuu kan dhorkaman wal hiikuuf utuu hin taʼin, gaaʼela dhaabbachuuf akka taʼe hubadhu. Namoonni kun gaaʼela dhaabbachuuf mirga qabu. Maarree, namichi kun biyyicha keessa kan jiraatu utuu seerri biyyichaa hin heyyaminiif waan taʼeef, gaaʼela dhaabbachuu kan dandaʼan akkamitti? Tarii gara biyya seerrisaa gaaʼela akka hin godhanne isa hin dhorkine dhaquu dandaʼa taʼa. Yookiinimmoo, biyyuma amma keessa jiraatanitti inni dhiiraa haalasaa seeraan galmeessisuuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe yoo fudhate gaaʼela dhaabbachuu ni dandaʼu.
Eeyyee, hiriyoonni gaaʼelaa jireenyasaanii seera Waaqayyoofi seera mootummaa wajjin haala walsimuun geggeessuu ni dandaʼu. (Mar. 12:17; Rom. 13:1) Akkas akka godhanis hin shakkisiisu. Cuuphamuu kan dandaʼanis erga kana godhanii boodadha.—Ibr. 13:4.
[Miiljalee]
a Micireewwan gadameessa keessa kaaʼaman keessaa tokko ykn isaa ol rakkina kan qaban yoo fakkaatan ykn yoo guddatan maal godhamu? Miciree gadameessa keessa jiru akka hin guddanne gochuun ulfa baasisuu wajjin tokkodha. Malli kun, dubartiin tokko mucaa lama ykn isaa ol akka ulfooftu, yeroonshee utuu hin gaʼin akka deessuufi dhiignishee garmalee akka dhangalaʼu gochuudhaan balaadhaaf ishee saaxiluu dandaʼa. Dubartiin mala kanaan ulfoofte tokko ulfa sana keessaa tokko ykn lama akka baastu gorfamti taʼa. Taʼe jedhanii ulfa baasuunis ajjeechaa wajjin tokkodha.—Bau. 21:22, 23; Far. 139:16.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 14rra jiru]
Kiristiyaanonni murtoon akkasii isaan mudatu, karaa yaada garaasaanii isa Macaafa Qulqulluutiin leenjiʼe itti fayyadamanitti Waaqayyo duratti itti gaafatamu
[Saanduqa fuula 15rra jiru]
MALAWWAN IIN BIITROO FARTILAAYIZEESHINII BARABIRAA
Malawwan iin viitroo fartilaayizeeshinii garabiraan, seera Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessa jiruu wajjin guutummaatti walfaallessa. Fakkeenyaaf, hanqaaquun dubartii tokkoo fuudhamee, sanyii kormaa nama abbaa manaashee hin taanee wajjin akka wal argatu godhamuu dandaʼa. Achiis micireewwan uumaman sun gadameessashee keessa akka kaaʼamu gooti. (Dubartoonni akka hiriyaa gaaʼelaatti waliin jiraatan yeroo tokko tokko mala kanatti fayyadamu) Yookiinimmoo sanyiin kormaa abbaa manaa hanqaaquu dubartii garabiraa wajjin akka wal argatu erga godhamee booda, gadameessa haadha manaasaa keessa akka kaaʼamu godhamuu dandaʼa.
Malli garabiraan “miciree guddisuu” jedhamus jira. Dubartiin tokko micireewwan hanqaaquushees taʼe sanyii kormaa abbaa manaasheerraa hin uumamne gadameessashee keessa akka kaaʼamu godhama. Karaa garabiraammoo hiriyoonni gaaʼelaa tokko hanqaaquun haadha manaafi sanyiin kormaa abbaa manaa mala iin viitroo fartilaayizeeshiniitiin akka wal argatu godhama. Achiis micireewwan sun gadameessa dubartii garabiraa keessa kan kaaʼamu siʼa taʼu isheenis ulfooftee isaaniif deessi.b
Tajaajiltoonni Waaqayyoo qajeelfamasaa isa, “Sanyii kormaakee haadha manaa namaa biraatiif hin kennin! Akkas gochuudhaan of hin xureessin!” jedhuuf kabaja waan kennaniif malawwan wal hormaataa kun isaan duratti fudhatama hin qaban. (Lew. 18:20, 29, NW; Fak. 6:29) Hanqaaquu dubartii garabiraa ykn sanyii kormaa dhiira garabiraa (ykn kan lamaanuu) itti fayyadamanii fartilaayizeeshiniin akka uumamu gochuun, akka Macaafni Qulqulluun jedhutti poorniyaa ykn ejja raawwachuu jechuudha. Malawwan kun qaama hormaataa karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuudha.—Mat. 5:32; 1 Qor. 5:11; 6:9, 18; Ibr. 13:4.
[Miiljalee]
b Dammaqaan! Bitootessa 8, 1993, fuula 26-27, (Ingiliffa) dubartoota micireewwan hiriyoota gaaʼelaa garabiraa ulfaaʼanii daʼanii balʼinaan ibsa.