LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 7/1 ful. 16
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyoon Dhaggeeffachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Kun Hubannoo Dogoggoraa Taʼe Xinnoo Qofa Dhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Waaqayyorraa Kan Barannu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Macaafa Qulqulluu Hubachuun Ni Danda’amaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 7/1 ful. 16

DEEBII GAAFFII MACAAFA QULQULLUU

Macaafa Qulqulluu hubachuun ni dandaʼamaa?

[Fakkii fuula 16⁠rra jiru]

Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyooti. Akkuma xalayaa abbaa jaalala qabeessa taʼe biraa ergameeti. (2 Ximotewos 3:16) Waaqayyo, Macaafa Qulqulluu keessatti, isa gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe, rakkina kan heyyame maaliif akka taʼeefi gara fuulduraatti ilmaan namootaatiif maal akka godhu ibseera. Haataʼu malee, barsiistonni amantii barumsa Macaafa Qulqulluu waan jalʼisaniif, namoonni hedduun Macaafa Qulqulluu hubachuu hin dandeenye.—Hojii Ergamootaa 20:29, 30.

Yihowaan dhugaa waaʼeesaa dubbatu akka beeknu barbaada. Kanaafis kitaaba waaʼeesaa hubachuuf nu dandeessisu nuu kenneera.—1 Ximotewos 2:3, 4 dubbisi.

Macaafa Qulqulluu hubachuu kan dandeessu akkamitti?

Yihowaan Macaafa Qulqulluu nuu kennuu qofa utuu hin taʼin, karaa isa hubachuu itti dandeenyus nuu qopheesseera. Akka nu barsiisu Yesusiin nuu ergeera. (Luqaas 4:16-21) Yesus caqasoota wal bira qabee barsiisuudhaan, dhaggeeffattoonnisaa Caaffata Qulqullaaʼoo akka hubatan gargaareera.—Luqaas 24:27, 32, 45 dubbisi.

Yesus hojiin inni jalqabe akka itti fufu gumii Kiristiyaanaa hundeesseera. (Maatewos 28:19, 20) Yeroo harʼaatti duuka buutonni Yesus warri dhugaan, wanta Macaafni Qulqulluun waaʼee Waaqayyoo dubbatu akka hubatan namoota ni gargaaru. Barumsa Macaafa Qulqulluu hubachuu kan barbaaddu taanaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa si gargaaruun isaan gammachiisa.—Hojii Ergamootaa 8:30, 31 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi