LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • brwp130501
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Masaraa Eegumsaa: Cubbuun keenya nuuf dhiifamuu dandaʼaa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Dhiifama Naa Godhaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Waaqa ‘Dhiifama Gochuuf Qophaaʼaa’ Taʼe
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Waaqayyo Yommuu Dhiifama Godhu, Ni Irraanfataa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Yihowaan Waaqa Dhiifamni Isaa Guddaa Taʼedha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa: Cubbuun keenya nuuf dhiifamuu dandaʼaa?
brwp130501

DEEBII GAAFFII KITAABA QULQULLUU

Cubbuun keenya nuuf dhiifamuu dandaʼaa?

Waaqayyo duratti fudhatama argachuun baayʼee ulfaataa miti

Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa hundi cubbamoota akka taʼan dubbata. Addaam isa nama jalqabaa taʼe irraa fedhii cubbuu raawwachuu dhaalleerra. Kanaaf yeroo wanta gadhee booda itti gaabbinu raawwannu qabna. Ilma Waaqayyoo kan taʼe Yesuus Kiristoos nuuf jedhee duʼuudhaan cubbuu keenyaaf gatii furii kaffaleera. Aarsaan furii isaa immoo dhiifama cubbuu nuuf argamsiisa. Furiin kennaa Waaqayyoo ti.—Roomaa 3:23, 24 dubbisi.

Namoonni tokko tokko cubbuu cimaa hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe Waaqayyo dhiifama akka isaaniif hin goone shakku. Kan na gammachiisu garuu Dubbiin Waaqayyoo, “Dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa” jedha. (1 Yohaannis 1:7) Yihowaan cubbuu cimaa yoo hojjenne illee garaadha yaada yoo jijjiirranne dhiifama nuu gochuuf fedhii qaba.—Isaayyaas 1:18 dubbisi.

Cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuuf maal gochuu qabna?

Yihowaan cubbuu keenya akka nuuf dhiisu yoo barbaanne karaawwan isaa, gorsa isaa fi ulaagaalee isaa beekuuf waaʼee isaa barachuu qabna. (Yohaannis 17:3) Yihowaan gocha hamaa raawwatanii dhiisanii fi jijjiiramuuf carraaqqii godhan gaarummaadhaan dhiifama isaaniif godha.—Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.

Waaqayyo duratti fudhatama argachuun baayʼee ulfaataa miti. Yihowaan dadhabina keenya ni hubata. Inni gara laafessaa fi arjaa dha. Maarree gaarummaa guddaa Waaqayyo qabu akkamitti isa gammachiisuu akka dandeessu beekuuf waaʼee isaa caalaatti barachuuf si hin kakaasnee?—Faarfannaa 103:13, 14 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi