GAAFFII DUBBISTOOTAA . . .
Waaqayyo namoonni cimoon warra dadhaboo akka hacuucan maaliif heyyame?
Macaafni Qulqulluun, seenaa warri dadhaboon namoota cimoo taʼaniin akka hacuucaman ibsu tokko tokko qabateera. Tarii seenaa Naabot ni yaadatta taʼa. Dh.K.D. jaarraa kurnaffaatti Ahaab mootii Israaʼel kan ture yommuu taʼu, Iizaabel haati manaasaa mootichi lafa qonnaa Naabot akka fudhatu gochuuf Naabotiifi ijoollee dhiiraasaa ajjeesiste. Ahaabis ennaa isheen akkas gootu calluma jedhe. (1 Mootota 21:1-16; 2 Mootota 9:26) Waaqayyo namoonni aangoo qabanitti karaa sirrii hin taaneen akka fayyadaman kan heyyame maaliifi?
Waaqayyo matumaa akka hin sobne yaadachuun keenya barbaachisaadha. (Tiitoos 1:2) ‘Haala kana, gocha gara jabinaa hamoonni raawwatanii wajjin maaltu walitti fida?’ jettee yaadda taʼa. Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaan yoo isarratti kaʼan miidhaa cimaan, jechuunis duuti akka isaanirra gaʼu isaan akeekkachiisee ture. Waaqayyo akkuma dubbate iddoo dhaabaa Eedenitti hammeenyi erga raawwatamee kaasee duuti ilmaan namootaarra gaʼaa jira. Ajjeechaan gara jabinaa inni jalqabaa kan raawwatame Qaayin obboleessasaa Abeeliin yommuu ajjeesettidha.—Uumama 2:16, 17; 4:8.
Seenaa ilmaan namootaa yeroo sanaa kaasee jiru ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, ‘Inni tokko isa kaanirratti moʼee in miidha’ jechuudhaan ibsa. (Lallaba 8:9) Yaanni kun dhugaa taʼuunsaa mirkanaaʼeeraa? Yihowaan Israaʼeloonni sabasaa taʼan, mootonnisaanii waan isaan hacuucaniif akka isaan gara Waaqayyootti iyyan akeekkachiisee ture. (1 Saamuʼel 8:11-18) Solomoon Mootichi inni ogeessa turellee qaraxa humnaa ol taʼe sabicha gaafatee ture. (1 Mootota 11:43; 12:3, 4) Mootonni hamoon kan akka Ahaabimmoo, gocha gara jabinaa kana caalu raawwataniiru. Mee yaadi! Waaqayyo hacuuccaan akkasii hundi namootarra akka hin geenye utuu ittisee, akkas gochuunsaa sobduu isa hin godhuu?
Seexanni, namoonni Waaqayyoon kan tajaajilan isarraa faayidaa waan argataniif akka taʼe dubbachuusaas yaadadhu. (Iyoob 1:9, 10; 2:4) Waaqayyo tajaajiltootasaarra rakkinni tokkoyyuu akka hin geenye utuu godhee, himanni Seexanni kaase kun dhugaa taʼa mitiiree? Waaqayyo namoota hundarra hacuuccaan akkamiiyyuu akka hin geenye utuu godhee, soba yeroo harʼaa babalʼateef kan itti gaafatamu isa akka taʼetti hin yaadduu? Waaqayyo eegumsa akkasii utuu godhee, namoonni hedduun ilmaan namootaa Waaqayyorraa gargaarsa utuu hin argatin ofiin of bulchuu akka dandaʼan itti dhagaʼamuu dandaʼa. Dubbiin Waaqayyoo garuu namoonni matumaa ofiin of bulchuu akka hin dandeenye ibsa. (Ermiyaas 10:23) Kanaaf hacuuccaan hundi akka baduuf, Mootummaan Waaqayyoo dhufuunsaa dirqama barbaachisaadha.
Haataʼu malee, Waaqayyo hacuuccaa ilaalchisee homtuu isatti hin dhagaʼamu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Mee wanta inni godhe lama ilaali: Tokkoffaa, hacuuccaa jechuun maal jechuu akka taʼe ifa godheera. Fakkeenyaaf, wanta Iizaabel Naabotirratti raawwatte tokko tokkon Dubbiisaa keessatti barreeffameera. Kana malees, Macaafni Qulqulluun gochi hamminaa akkasii akka babalʼatu kan godhu bulchaa hamaa eenyummaasaa dhoksu tokko akka taʼe ibsa. (Yohannis 14:30; 2 Qorontos 11:14) Macaafni Qulqulluun qaamni kun Seexana akka taʼe dubbata. Waaqayyo maddi hamminaafi hacuuccaa maal akka taʼe nuuf ibsuudhaan akka irraa fagaannu nu gargaara. Haala kanaan, jireenya barabaraa akka argannuuf eegumsa nuu godha.
Lammaffaa, Waaqayyo hammeenya akka balleessu abdii amansiisaa nuu kenneera. Hacuuccaa Ahaabiifi Iizaabeliin dabalatee namoonni hamoon raawwatan saaxiluunsaa, isaanitti faraduunsaafi isaaniin adabuunsaa, guyyaan inni itti hamoota hunda balleessu akka dhufu abdii inni kennerratti amanannaa akka qabaannu godha. (Faarfannaa 52:1-5) Kana malees, miidhaa hammeenyi namoota isa jaallatanirratti geessise dhiheenyatti akka sirreessu abdii qabatamaa taʼe nuu kenneera.a Yeroo sanatti Naabot inni amanamaa taʼeefi ijoolleensaa, jannata jalʼinarraa walaba taʼe keessa barabaraaf jiraatu.—Faarfannaa 37:34.
a Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 11 ilaali.