LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 12/15 ful. 4-5
  • Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Hojiin Isaa Guddaa Dha”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Arjummaa Yihowaatiif Dinqisiifannaa Akka Qabdan Argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Wanti Isaanirraa Hafe Qaawwa Dhaba Warra Kaanii Duucha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Namoota Kaan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 12/15 ful. 4-5
Nama buusii gochaa jiru tokko

Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa

UUMAAN keenya, ilmaan namootaatiif mirga filannaa kennuudhaan ulfina isaaniif kenneera. Kana malees, namoota waaqeffannaa dhugaatiif dursa kennuudhaan karaa ofittummaarraa walaba taʼeen mirga filannaasaaniitti fayyadaman, akkasumas maqaasaa qulqulleessuufi kaayyoosaa isa guddaa deggeruuf gaʼeesaanii raawwatan ni eebbisa. Yihowaan, sodaannee ykn dirqamnee akka isaaf ajajamnu hin barbaadu. Kanaa mannaa, jaalalaafi dinqisiifannaadhaan kakaanee fedhiidhaan akka isaaf of kenninu barbaada.

Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni lafa onaa Siinaa keessa yeroo turanitti, Yihowaan bakka waaqeffannaa akka ijaaran isaan ajajee ture. Akkas isaaniin jedhe: “Isin waan qabdan keessaa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa! Namni kennuudhaaf garaa isaa guutuu jaallatu hundinuu Waaqayyoof kennaa . . . haa dhiʼeessu!” (Bau. 35:5) Namni Israaʼel tokko wanta humnisaa dandaʼe kennuu ni dandaʼa ture; kennaansaa maaliyyuu ykn hammamiyyuu yoo taʼe, kaayyoo Waaqayyoo galmaan gaʼuuf karaa sirrii taʼeen faayidaarra oola ture. Sabichi deebii akkamii kenneree?

“Garaan isaanii kan isaan dammaqse, hafuurri isaaniis kan isaan abboome,” akkasumas “warri kennuudhaaf garaan isaanii fedha qabu hundinuu” kennaa kennaniiru. Dhiironniifi dubartoonni fedhiidhaan wanta hojii Yihowaatiif barbaachisu fidan: Dirata warqee, amartii gurraa, amartii garaa garaa, warqee, meetii, sibiila boorrajjii, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaa, quncee talbaa, rifeensa reettii, gogaa korbeessa hoolaa isa diimeffame, raroo hoolaa, muka laaftoo, dhagaa gati jabeessa, urgooftuufi cuunfaa ejersaa. ‘Wanti isaan fidan hojii hojjetamu hundumaaf gaʼee irraa in hafa ture.’—Bau. 35:21-24, 27-29; 36:7.

Wanti Yihowaa gammachiise inni guddaan wanta isaan fidan utuu hin taʼin, karaa kanaan waaqeffannaa dhugaa deggeruuf fedhii qabaachuusaaniiti. Yeroofi humnasaanii gumaachuufis kakaʼanii turan. Macaafni Qulqulluun, “Dubartoonni hojii harkaatti ogeessota taʼan hundinuu . . . harka isaaniitiin foʼan” jedha. “Dubartoonni garaan isaanii ogummaatti isaan dammaqse [“ogummaa qabaniifi garaansaanii isaan kakaase,” NW] hundinuu rifeensa reettii in foʼan.” Kana malees Yihowaan, Bazaaliʼeliif “ogummaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa waan garaa garaa miidhagsanii hojjechuu” kenneera. Waaqayyo, Bazaaliʼeliifi Aholiiyabiif ogummaa hojii barbaachisu hunda hojjechuuf gargaaru kenneefii ture.—Bau. 35:25, 26, 30-35.

Yihowaan Israaʼeloonni buusii akka godhan yeroo isaan afeeru, “namni keennuudhaaf garaa isaa guutuu jaallatu hundinuu” waaqeffannaa dhugaa akka deggeru mirkanaaʼaa ture. Innimmoo, namoota fedhiidhaan kakaʼan sanaaf qajeelfamaafi gammachuu guddaa kennuudhaan isaan eebbiseera. Yihowaan wantootaafi ogeessota fedhasaa raawwachuuf barbaachisan dhiheessuudhaan tajaajiltootasaa fedhiidhaan of kennan ni eebbisa. (Far. 34:9) Yihowaan karaa ofittummaarraa walaba taʼeen ennaa isa tajaajiltu akka si eebbisu beekamaadha.

Karaawwan Namoonni Tokko Tokko Buusii Itti Godhan

Akkuma bara Phaawulos ergamaatti godhamaa ture, yeroo harʼaattis obboloonni hedduun saanduqa mallattoon “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusuuf qarshii murtaaʼe ‘walitti ni qabu’ ykn ni ramadu. (1 Qor. 16:2) Gumiiwwanis jiʼa jiʼaan qarshii saanduqa keessaa argame waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyasaaniitti argamutti ergu. Maqaa seera qabeessa waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyakeetti argamuu fayyadamuudhaan, kennaa fedhiidhaan kennamu kallattiidhaan erguus ni dandeessa. Maqaa seeraan beekamaa taʼeefi Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyakee keessatti itti fayyadaman beekuuf, waajjira damee biyyichatti argamu gaafachuu dandeessa. Teessoo waajjira damee, www.jw.org irraa argachuun ni dandaʼama. Kennaawwan kallattiidhaan erguu dandeessu kanneen armaan gaditti ibsamanidha:

KENNAA GUUTUMMAATTI KENNAMU

  • Buusiiwwan mala baankii meeshaa elektirooniksiitiin qarshii dabarsuu, deebiit kaardii ykn kireediit kaardiitti fayyadamuudhaan godhaman. Biyyoota tokko tokkotti Weeb saayitii jw.org ykn Weeb saayitii heyyama qabu kan biraatti fayyadamuudhaan kana gochuun ni dandaʼama.

  • Qarshii, faaya ykn miʼa gati jabeessa kennuu. Xalayaan qarshiin ykn miʼichi kennaa taʼuusaa ibsu duukaa ergamuu qaba.

QOPHII QARSHIIN DEEBIʼU ITTI KENNAMU

  • Qarshii yommuu barbaadanitti deebisanii fudhachuun dandaʼamu kennuu.

  • Xalayaan qarshiin kun kan deebiʼu taʼuusaa ibsu duukaa ergamuu qaba.

KENNAA KAROORAAN KENNAMU

Qarshiifi miʼa gati jabeessa akka kennaatti gumaachuu malees, karaawwan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu deggeruun itti dandaʼamu kan biraan jiru. Isaanis armaan gaditti ibsamaniiru. Malli itti fayyadamuu barbaadde kamiyyuu yoo taʼe, biyyichatti kan itti hojjetamaa jiru kam akka taʼe odeeffannoo argachuuf waajjira damee biyyakeetti argamu utuu gaafattee gaariidha. Ulaagaan seerri gaafatuufi seerri gibiraa, biyyaa gara biyyaatti garaagara waan taʼeef, mala itti fayyadamuu barbaaddu filachuukee dura namoota karaa gibiraafi seeraa gorsa kennan gaafachuunkee barbaachisaadha.

Inshuraansii: Namni tokko inshuraansii lubbuu ykn kaffaltii sooramaasaa jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa akka itti fayyadamuuf maqaasaaniitti naannessuu dandaʼa.

Herrega Baankii: Seera baankii biyyichaarratti hundaaʼuudhaan, qarshii baankiidhaa qaban, ragaa baankiidhaa qarshii akka qaban mirkaneessu ykn kaffaltii sooramaa adaraadhaan ykn yeroo duʼan jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼeef akka kennamu gochuun ni dandaʼama.

Aksiyoonotaafi Boondota: Aksiyoonotaafi boondota kallattiidhaan guutummaatti ykn walii galtee barreeffamaan kaaʼameefi yeroo duʼaatti akka kennamu ibsuun jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼeef kennuun ni dandaʼama.

Qabeenya Hin Sochoone: Qabeenya hin sochooneefi gurguramuu dandaʼu kallattiidhaan guutummaatti kennuu; mana jireenyaa yoo taʼemmoo abbaan qabeenyichaa utuu lubbuudhaan jiruu gara maqaa jaarmiyichaatti naannessee hamma lubbuudhaan jirutti itti fayyadama.

Kaffaltii Kennaarraa Argamu: Qarshiin ykn abbaan qabeenyummaa maqaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamutti yoo jijjiirame, namni kennaa kana kenne waggaa waggaatti kaffaltii murtaaʼe akka argatu qophii godhamudha. Namni kennaa kana kenne, waggaa isa jalqabaatti kaffaltii waggaatti argaturraa gibirri galii hirʼifamuufii dandaʼa.

Dhaamsa Dhaalaafi Adaraa: Qabeenya ykn qarshii karaa seera duratti fudhatama qabuun dhaalaan kennuun ykn adaraadhaan maqaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼetti jijjiirsisuun ni dandaʼama. Qophiin kun gama gibiraatiin faayidaa tokko tokko argamsiisuu dandaʼa.

Yaadni “kennaa karooraan godhamu” jedhu, namni kennaa akkasii kennu dursee karoora baafachuu akka qabu kan argisiisudha. Namoota hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan kennaa karooraan godhamuun deggeruu barbaadaniif ibsa kennuuf, birooshurri Tajaajila Mootummaa Addunyaa Maratti Geggeeffamu Deggeruuf Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu Ingiliffaafi afaan Ispeeniin qophaaʼeera. Birooshurri kun, karaa addaddaa namoonni yeroo lubbuudhaan jiranitti kennaa kennuu ykn yeroo duʼaatti dhaamsa dhaalaa gochuu itti dandaʼan ilaalchisee ragaa kennuuf yaadamee kan qophaaʼedha. Seera gibiraa ykn seera biyyakee keessa jiruu kan biraatiin kan kaʼe, odeeffannoon birooshura kana keessa jiru guutummaatti siif hojjechuu dhiisuu dandaʼa. Kanaafuu, birooshura kana erga dubbistee booda, gorsitoota seeraa ykn gibiraa mariisisuu qabda. Namoonni hedduun malawwan kennaa itti kennan kanatti fayyadamuudhaan, hojii amantiifi gargaarsa namummaa jaarmiyaan keenya addunyaa maratti raawwachaa jiru deggeruufi gibiraa wajjin haala wal qabateen faayidaa argachuu dandaʼaniiru. Birooshurri kun biyyakee keessa kan jiru taanaan barreessaa gumii keerraa argachuu dandeessa.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, waajjira damee biyyakeetti argamu gaafachuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi