LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 7/1 ful. 16
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Barsiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 7/1 ful. 16

DEEBII GAAFFII MACAAFA QULQULLUU

Abbaa fi Haadha gaarii taʼuun kan dandaʼamu akkamitti?

Abbaa fi ilma soonsa bishaanii ilaalaa jiran

Ijoolleen keessan waaqayyoon akka jaallatan ni barsiistuu?

Abbaa fi Haati kan wal jaallatanii fi kan wal kabajan taanaan, mucaan tokko haala gaariidhaan akka guddatu gargaara. (Qolosaayis 3:14, 19) Abbaa fi haati gaariin ijoollee isaanii ni jaallatu, akkasumas akkuma Yihowaan ilma isaa jajate, isaanis isaan jajatu.—Maatewos 3:17 dubbisi.

Abbaan keenya inni samii tajaajiltoota isaa ni dhaggeeffata, miira isaaniitiifis xiyyeeffannaa ni kenna. Warris fakkeenya isaa hordofuudhaan wanta ijoolleen isaanii jedhan dhaggeeffachuun isaanii gaarii dha. (Yaaqoob 1:19) Wanti tokko sirrii akka hin taane yeroo dubbatan dabalatee, miira ijoollee isaanii hunda hubachuu qabu.—Lakkoobsa 11:11, 15 dubbisi.

Itti gaafatamummaan akka itti dhagaʼamu gootanii guddisuu kan dandeessan akkamitti?

Warra waan taataniif, seera baasuuf aangoo qabdu. (Efesoon 6:1) Fakkeenya waaqayyoo hordofaa. Waaqayyo Ijoollee isaatiif seera ifa taʼe baasuu fi seera sana cabsuun miidhaa akkamii akka qabu isaaniif ibsuudhaan akka isaan jaallatu argisiiseera. (Uumama 3:3) Haa taʼu malee, namoonni akka isaaf abboomaman dirqisiisuu mannaa, wanta sirrii taʼe raawwachuudhaan faayidaa argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisa.—Isaayaas 48:18, 19 dubbisi.

Ijoolleen keessan Waaqayyoon akka jaallatan gargaaruuf galma baafadhaa. Akkas taanaan yeroo isinii wajjin hin jirretti illee ogummaadhaan deddeebiʼu. Akkuma Waaqayyo fakkeenya taʼuudhaan barsiisu, isinis ijoollee keessaniif fakkeenya taʼuudhaan isaan barsiisaa.—Keessa Deebii 6:5-7; Efesoon 4:32; 5:1 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 14⁠ffaa ilaali

www.jw.org

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi