Ittiin Baafata
AMAJJII 2016
© 2016 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
3 FEDHIIDHAAN OF DHIHEESSANIIRU—Oshiiniyaa
GURAANDHALA 29, 2016-BITOOTESSA 6, 2016
7 ‘Akka Obbolootaatti Wal Jaallachuu Keessan Itti Fufuuf’ Murteessaa!
Caqasni waggaa bara 2016 maali dha? Waggaa kana guutuu caqasicha ennaa ilaallu waaʼee maalii yaaduu qabna? Mata dureen kun, caqasa waggaa kanaa irraa caalaatti faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.
BITOOTESSA 7-13, 2016
12 ‘Kennaan Waaqayyoo Inni Hammas Hin Jedhamne’ Jaalala Isaa Hordofuuf Isin Haa Kakaasu
Yihowaan wanta Phaawulos ergamaan, “Kennaa isaa isa hammas hin jedhamne” jechuudhaan ibse nuu kenneera. (2 Qor. 9:15) Kennaan kun maali dha? Kennaan kun faana Yesus Kiristos duukaa akka buunu, obboloota keenya akka jaallannuu fi namoota kaaniif garaadhaa dhiifama akka goonu kan nu kakaasu akkamitti? Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna; wantoota tibba Ayyaana Yaadannootti gochuu dandeenyus ni ilaalla.
BITOOTESSA 14-20, 2016
17 Hafuurri Waaqayyoo Hafuura Keenyaa Wajjin Walii Galee Dhugaa In Baʼa
BITOOTESSA 21-27, 2016
22 ‘Nuyi Isinii Wajjin In Dhaqna’
Mata dureewwan lamaan kun, namni tokko waamicha samii argachuu isaa kan beeku akkamitti akka taʼee fi namni sun dibamtoota keessaa tokko taʼuun isaa hiika akkamii akka isaaf qabaatu ibsu. Kana malees, dibamtoonni ofii isaaniitiif ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabanii fi lakkoofsi namoota maxinoo fi wayinii Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu irraa hirmaatanii yommuu dabalu ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu ni ilaalla.
BITOOTESSA 28, 2016-EBLA 3, 2016
28 Waaqayyoo Wajjin Hojjechuun Gammachuu Argamsiisa
Yihowaan durii kaasee, kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf warri kaan isaa wajjin akka hojjetan ni afeeraa tureera. Addunyaa maratti dhugaan akka baʼamu kaayyoo kan qabu siʼa taʼu, hojii kana irratti akka hirmaannus nu afeereera. Mata dureen kun, eebbawwan Waaqayyoo wajjin hojjechuudhaan argannu ibsa.
FAKKII QOLA ISAA IRRA JIRU:
MAADAAGAASKAAR
Qajeelchaan tokko Morondovaa Maadaagaaskaar keessatti daandii Aallii ov za Baawubaabs jedhamu irratti nama gaarii qotiyyoodhaan harkifamu oofaa jiru tokkotti ergaa Kitaaba Qulqulluu himaa jira
BABALʼISTOOTA
29,963
QOʼATTOOTA KITAABA QULQULLUU
77,984
NAMOOTA AYYAANA YAADANNOO IRRATTI ARGAMAN