LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w16 Sadaasa ful. 19-20
  • “Hojiin Isaa Guddaa Dha”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Hojiin Isaa Guddaa Dha”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Arjummaa Yihowaatiif Dinqisiifannaa Akka Qabdan Argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Wanti Isaanirraa Hafe Qaawwa Dhaba Warra Kaanii Duucha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Namoota Kaan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
w16 Sadaasa ful. 19-20
Daawit Mootichi pilaanii mana qulqullummaa namicha tokkotti argisiisaa jira; obboleessi tokko pilaanii ijaarsaa ilaalaa jira

“Hojiin Isaa Guddaa Dha”

YERUSAALEM keessatti walgaʼiin baayʼee barbaachisaa taʼe tokko godhamuuf jedha. Daawit Mootichi guguddoota sabaa, namoota mana mootummaa irratti aboo qabanii fi jagnoota isaa hunda waamsiseera. Beeksisa adda taʼe tokko dhagaʼuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru. Yihowaan mana baayʼee adda taʼee fi waaqeffannaa Waaqa dhugaatiif tajaajilu akka ijaaru ilma Daawit kan taʼe Solomooniin ajajeera. Mootiin Israaʼel inni maanguddichi geggeessaa hafuuraatiin pilaaniin manichaa kan isatti mulʼifame siʼa taʼu, inni immoo Solomoonitti kenne. Daawit, “Manni guddaan ijaaramuuf jedhu kun Waaqayyo gooftaadhaaf ijaarama malee, namaaf miti; kanaaf hojiin isaa guddaa dha” jedhe.—1 Sen. 28:1, 2, 6, 11, 12; 29:1.

Daawit itti fufee, “Amma egaa eenyutu fedha isaatiin of kennee mana qulqullummaa isa Waaqayyoof ijaaramu kanaaf kennaa dhiʼeessa ree?” jedhee gaafate. (1 Sen. 29:5) Utuu achi jirta taʼee deebii akkamii kennita turte? Hojii guddaa kana deggeruuf ni kakaata turtee? Israaʼelonni saffisaan tarkaanfii fudhatan. ‘Jaalala isaaniitiin waan kennaniif, gammadanii garaa isaanii hundumaan Waaqayyoof jaalalaan dhiheessan.’—1 Sen. 29:9, hiika bara 1899.

Jaarraawwan boodas, Yihowaan wanta mana qulqullummaa sana baayʼee caalu hundeesse. Mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa hundeesse; jechuunis namoonni aarsaa Yesuus irratti hundaaʼanii isa waaqeffachuuf akka isatti dhihaataniif qophii godhe. (Ibr. 9:11, 12) Yeroo harʼaatti Yihowaan namoonni akka isatti araaraman gargaaraa kan jiru akkamitti? Karaa hojii namoota barattoota gochuu ti. (Mat. 28:19, 20) Hojii kanaan kan kaʼe, waggaa waggaatti qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu miliyoonaan lakkaaʼamu ni geggeeffama, barattoonni kumaan lakkaaʼaman ni cuuphamu, akkasumas gumiiwwan haaraan dhibbaan lakkaaʼaman ni hundeeffamu.

Guddinni kun immoo, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan maxxansuun, Galmawwan Mootummaa ijaaruu fi suphuun, akkasumas iddoowwan walgaʼiiwwan guguddaan itti geggeeffaman argachuun caalaatti akka barbaadamu godheera. Hojiin nuti misiraachicha babalʼisuuf hojjechaa jirru, hojii guddaa fi gammachiisaa akka taʼe sitti hin dhagaʼamuu?—Mat. 24:14.

Sabni Waaqayyoo Waaqayyoofis taʼe namootaaf jaalala waan qabaniif, akkasumas Mootummicha lallabuun ariifachiisaa taʼuu isaa waan hubataniif, fedhiidhaan buusii gochuudhaan, ‘Waaqayyoof kennaa dhiheessaa’ jiru. ‘Qabeenya keenyaan Waaqayyoof ulfina kennuun,’ akkasumas qabeenyi kun hojii seenaa ilmaan namootaa keessatti guddaa taʼe hojjechuuf, amanamummaa fi of eeggannoodhaan yommuu hojii irra oolu arguun keenya baayʼee nama gammachiisa!—Fak. 3:9.

Karaawwan Namoonni Tokko Tokko Buusii Itti Godhan

Yeroo harʼaatti obboloonni hedduun qarshii ‘adda baasanii kaaʼan’ ykn ramadan, saanduqa buusii gumii barreeffamni “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusu. (1 Qor. 16:2) Gumiiwwanis jiʼa jiʼaan gara waajjira Dhugaa Baatota Yihowaa hojii biyya isaaniitti hojjetamu toʼatutti buusiiwwan kana ergu. Maqaa waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keetti argamu seera biratti ittiin beekamutti fayyadamuudhaan, kennaa fedhiidhaan kennamu kallattiidhaan erguus ni dandeessa. Maqaa seeraan beekamaa taʼee fi Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya kee keessatti itti fayyadaman beekuuf, waajjira damee gaafachuu dandeessa. Teessoo waajjira damee, www.jw.org irraa argachuun ni dandaʼama. Kennaawwan kallattiidhaan erguu dandeessu kanneen armaan gadiiti:

KENNAA QARSHII FI MIʼAA

  • Buusiiwwan mala elektiroonikiitiin baankiitti qarshii dabarsuudhaan, deebiit kaardii ykn kireediit kaardiitti ykn moobaayiliidhaan qarshii dabarsuudhaan godhaman. Biyyoota tokko tokkotti weebsaayitii jw.org ykn weebsaayitii heyyama qabu kan biraatti fayyadamuudhaan kana gochuun ni dandaʼama.

  • Qarshii, faaya ykn miʼa gatii guddaa qabu kennuu. Xalayaan qarshiin ykn miʼichi kennaa taʼuu isaa ibsu duukaa ergamuu qaba.

QOPHII QARSHIIN DEEBIʼU ITTI KENNAMU

  • Qarshii yommuu barbaadanitti deebisanii fudhachuun dandaʼamu kennuu.

  • Xalayaan qarshiin kun kan deebiʼu taʼuu isaa ibsu duukaa ergamuu qaba.

KENNAA KAROORAAN KENNAMU

Qarshii fi miʼa gati guddaa qabu akka kennaatti gumaachuu malees, karaawwan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu deggeruun itti dandaʼamu kan biroon jiru. Isaanis armaan gaditti ibsamaniiru. Malli itti fayyadamuu barbaadde kam iyyuu yoo taʼe, kan itti hojjetamaa jiru kam akka taʼe odeeffannoo argachuuf waajjira damee biyya keetti argamu utuu gaafattee gaarii dha. Ulaagaan seerri gaafatuu fi seerri gibiraa biyyaa gara biyyaatti garaa gara waan taʼeef, mala itti fayyadamuu barbaaddu filachuu kee dura namoota karaa gibiraa fi seeraa gorsa kennan gaafachuun kee barbaachisaa dha.

Inshuraansii: Namni tokko inshuraansii lubbuu ykn kaffaltii sooramaa isaa jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa akka itti fayyadamuuf maqaa isaaniitti naannessuu dandaʼa.

Herrega Baankii: Seera baankii biyyichaa irratti hundaaʼuudhaan, qarshii baankiidhaa qaban, ragaa baankiidhaa qarshii akka qaban mirkaneessu ykn kaffaltii sooramaa imaanaadhaan ykn yeroo duʼan jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼeef akka kennamu gochuun ni dandaʼama.

Aksiyoonotaa fi Boondota: Aksiyoonotaa fi boondota kallattiidhaan guutummaatti ykn walii galtee barreeffamaan kaaʼamee fi yeroo duʼaatti akka kennamu ibsuun jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼeef kennuun ni dandaʼama.

Qabeenya hin Sochoone: Qabeenya hin sochoonee fi gurguramuu dandaʼu kallattiidhaan guutummaatti kennuu; mana jireenyaa yoo taʼe immoo abbaan qabeenyichaa utuu lubbuudhaan jiruu gara maqaa jaarmiyichaatti naannessee hamma lubbuudhaan jirutti itti fayyadama.

Kaffaltii Kennaa Irraa Argamu: Qarshiin ykn abbaan qabeenyummaa maqaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamutti yoo jijjiirame, namni kennaa kana kenne waggaa waggaatti kaffaltii murtaaʼe akka argatu qophii godhamu dha. Namni kennaa kana kenne, waggaa isa jalqabaatti kaffaltii waggaatti argatu irraa gibirri galii hirʼifamuufii dandaʼa.

Dhaamsa Dhaalaa fi Imaanaa: Qabeenya ykn qarshii karaa seera duratti fudhatama qabuun dhaalaan kennuun ykn imaanaadhaan maqaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼetti jijjiirsisuun ni dandaʼama. Qophiin kun gama gibiraatiin faayidaa tokko tokko argamsiisuu dandaʼa.

Yaanni “Kennaa karooraan godhamu” jedhu, namni kennaa akkasii kennu dursee karoora baafachuu akka qabu kan argisiisu dha. Namoota hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan kennaa karooraan godhamuun deggeruu barbaadaniif ibsa kennuuf, birooshurri Tajaajila Mootummaa Addunyaa Maratti Geggeeffamu Deggeruuf Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu Ingiliffaa fi Afaan Ispeeniin qophaaʼeera. Birooshurri kun, karaa adda addaa namoonni yeroo lubbuudhaan jiranitti kennaa kennuu ykn yeroo duʼaatti dhaamsa dhaalaa gochuu itti dandaʼan ilaalchisee odeeffannoo kennuuf yaadamee kan qophaaʼe dha. Seera gibiraa ykn seera biyya kee keessa jiru kan biraatiin kan kaʼe, odeeffannoon birooshura kana keessa jiru guutummaatti siif hojjechuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni hedduun malawwan kennaa itti kennan kanatti fayyadamuudhaan, hojii amantii fi gargaarsa namummaa jaarmiyaan keenya addunyaa maratti raawwachaa jiru deggeruu fi gibiraa wajjin haala wal qabateen faayidaa argachuu dandaʼaniiru. Birooshurri kun biyya kee keessa kan jiru taanaan barreessaa gumii kee irraa argachuu dandeessa.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, liinkii dhuma fuula jalqabaa jw.org irra jiruu fi “Hojii Keenya Addunyaa Maratti Hojjetamuuf Buusii Qarshii Godhi” jedhu filadhu ykn waajjira damee biyya keetti argamu gaafachuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi