LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w17 Waxabajjii ful. 21
  • “Hubannaa Kee Kana Nan Jajadha”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Hubannaa Kee Kana Nan Jajadha”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Abigaayiliifi Daawit
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
w17 Waxabajjii ful. 21
Abigaayil

“Hubannaa Kee Kana Nan Jajadha”

DAAWIT inni nama Israaʼel durii ture dubartii tokko jajachuuf jechoota olitti argaman kana dubbatee ture. Maqaan ishii Abigaayil jedhama. Daawit ishii jajachuuf wanti isa kakaase maal ture? Nuti hoo fakkeenya ishii irraa barumsa akkamii arganna?

Daawit dubartii gaaʼela qabdu kana kan arge yeroo Saaʼol Mooticha baqatutti ture. Abigaayil, Naabaal isa sooressa horii manaa adda addaa baayʼee qabuu fi naannoo gaarota kibba Yihudaa keessa dheechifatutti heerumtee turte. Daawitii fi namoonni isaa tiksitootaa fi horii manaa Naabaaliif ‘dallaa taʼaniifii turan.’ Daawit yeroo booda namoota gara Naabaalitti erguudhaan waan nyaatamu ‘waanuma argate’ akka isaaniif ergu isa gaafate. (1 Sam. 25:8, 15, 16) Daawitii fi namoonni isaa qabeenya Naabaal eeguudhaan wanta isaan raawwatan yeroo ilaallu, gaaffii kana dhiheessuuf sababii quubsaa qabu turan.

Haa taʼu malee Naabaal, akkuma hiika maqaa isaatii, “hubannaa kan hin qabne” ykn “gowwaa” ture. Gaaffii Daawit dhiheesse fudhachuu diduu isaa irra iyyuu, dubbii hamaa fi arrabsoodhaan deebiseef. Kanaaf Daawit, Naabaal deebii nama aarsuu fi sababii hin qabne waan deebiseef isa adabuuf qophaaʼe. Naabaalii fi maatiin isaa gowwummaa inni raawwateef adabamuuf jiru.—1 Sam. 25:2-13, 21, 22.

Abigaayil garuu balaa murtoon ariitiidhaan godhame kun fiduu dandaʼu hubachuudhaan, ija jabinaan tarkaanfii fudhatteetti. Hariiroo Daawit Yihowaa wajjin qabu irratti hundaaʼuudhaan kabajaan isa kadhatte. Akkasumas nyaata gaʼaa taʼe Daawit isa mootii taʼuuf jiruu fi namoota isaatiif kennite. Daawit gama isaatiin, wanta Waaqa duratti balleessaa taʼe akka hin raawwanne Yihowaan ishiitti akka fayyadame hubateera. Daawitis Abigaayiliin akkana jedhe: “Hubannaa kee kana nan jajadha; har’a dhiiga dhangalaasuu irraa, harka kootiinis ijaa baafachuu irraa waan na oolchiteef sin jajadha.”—1 Sam. 25:18, 19, 23-35.

Hundi keenya akka Naabaal waan gaarii nuu godhameef nama galata hin qabne taʼuu hin barbaannu. Kana malees, wanti gaarii hin taane tokko uumamaa akka jiru yeroo argine, halli sun akka hin uumamne gochuuf tarkaanfii fudhachuu qabna. Eeyyee, nutis akka faarfatichaa Waaqayyoon “hubanna gaarii anaaf kenni, waa beekuus na barsiisi” jennee isa gaafachuu barbaanna.—Far. 119:66.

Namoonni kaan ogummaa, ykn hubannaa gocha keenya keessatti mulʼatu hubachuu dandaʼu. Afaaniin dubbatanis dubbachuu baatanis, akkuma Daawit “hubannaa kee kana nan jajadha” jedhee dubbate isaanittis dhagaʼamuu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi