Baafata Mata Duree
MUDDEE 25-31, 2017
Saba Yihowaatiif faarfannaan yeroo hundumaa kutaa waaqeffannaa isaanii keessaa tokko dha. Namoonni tokko tokko garuu bakka namoonni jiranitti faarfachuu ni sodaatu. Sagalee keenya Yihowaadhaaf faarfannaa galataa faarfachuuf akka itti hin fayyadamne sodaa nutti dhagaʼamu moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen kun gammachuudhaan faarfachuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsa, akkasumas akkamitti sagalee keenya fooyyessuu akka dandeenyu gorsa tokko tokko nuu kenna.
AMAJJII 1-7, 2018
8 Yihowaatti Kooluu Galtaniittuu?
AMAJJII 8-14, 2018
13 Haqaa fi Araara Qabaachuu Irratti Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
Israaʼel durii keessatti qophii magaalota kooluu itti galan ilaalchisee godhame irraa barumsawwan faayidaa guddaa qaban arganna. Mata duree jalqabaa irratti yeroo harʼaa karaawwan cubbamaan tokko Yihowaatti kooluu galuu itti dandaʼu hubachuuf yaalaa. Mata duree isa lammaffaa irratti immoo fakkeenyi Yihowaa dhiifama gochuuf, jireenyaaf kabaja qabaachuu fi haqa raawwachuuf akkamitti nu gargaaruu akka dandaʼu ilaalla.
18 ‘Namni Arjaan In Eebbifama’
AMAJJII 15-21, 2018
20 Ilaalcha Addunyaa Of Irraa Fageessaa
AMAJJII 22-28, 2018
25 Wanti Kam Iyyuu Badhaasicha Akka Isin Dhabsiisu hin Heyyaminaa
Mata dureewwan lamaan kun gorsa Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin Kiristiyaanota Qolosaayis keessa jiraniif barreesse irratti kan hundaaʼani dha. Mata dureen inni jalqabaa yaada addunyaa gammachiisaa fi nama amansiisu fakkaatu yommuu dhageenyu maal gochuu akka qabnu ibsa. Mata dureen inni lammaffaan immoo, ilaalchawwan eebba Yihowaan akka nuuf kennu nu dhabsiisuu dandaʼan irraa fagaachuu akkamitti akka dandeenyu nu hubachiisa.
30 Gumii Kee Isa Haaraatti Itti Baruu kan Dandeessu Akkamitti?