Baafata Mata Duree
AMAJJII 29, 2018–GURAANDHALA 4, 2018
GURAANDHALA 5-11, 2018
Seenaawwan darban kamfaatu Kiristiyaanonni duʼaa kaʼuutti akka amanan buʼuura taʼa? Seenaawwan kunii fi amantiin namoonni durii amanamoo taʼan qaban abdii kee irratti dhiibbaa akkamii godhu? Mata dureewwan kun amantii duʼaa kaʼuu irratti qabdu siif cimsu.
GURAANDHALA 12-18, 2018
18 Warra kan Taatan, Ijoolleen Keessan ‘Fayyina Argachuuf Ogeessota Akka Taʼan’ Isaan Gargaaraa
GURAANDHALA 19-25, 2018
23 Dargaggootaa, “Fayyina Keessan Mirkaneessuuf Carraaqqii Cimaa Gochuu Keessan Itti Fufaa”
Waggaa waggaadhaan barattoonni Kitaaba Qulqulluu kumaan lakkaaʼaman ni cuuphamu. Isaan keessaa baayʼeen, umurii waggoota kurnanii irratti kan argamanii fi isaa gadi kan taʼani dha. Cuuphamuun eebba hedduu argachuuf carraa kan banu siʼa taʼu, itti gaafatamummaas qaba. Warra kan taatan, ijoolleen keessan cuuphamuu akka dandaʼan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Dargaggoota cuuphamtanis taatan cuuphamuuf yaaddan, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdan cimsuu kan dandeessan akkamitti?
28 Seenaa Jireenyaa—Gooftaa Duukaa Buʼuuf Jecha Wantoota Kaan Dhiisuu