Baafata Mata Duree
3 Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru —Maadaagaaskaar
GURAANDHALA 26, 2018– BITOOTESSA 4, 2018
7 “Inni Warra Dadhabaniif Humna in Kenna”
Dhiibbaan jireenyaa yoo nutti ulfaate maal gochuu dandeenya? Mata dureen kun, caqasa waggaa bara 2018 irratti ibsa kenna; akkasumas Yihowaan akka nu jabeessu carraa isaaf kennuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi innis kan nu jabeessu akkamitti akka taʼe ibsa.
BITOOTESSA 5-11, 2018
12 Tokkummaa Nama Gammachiisuu fi Ayyaana Yaadannoo
Ayyaanni Yaadannoo duʼa Kiristoos Sanbadduraa, Bitootessa 31, 2018 kabajama. Ayyaana kanaaf ammumaa qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti? Ayyaana kana irratti argamuun keenya akkamitti nu fayyada? Ayyaanni waggaa kun tokkummaa tajaajiltoonni Waaqayyoo bakka hunda jiran qaban irratti dhiibbaa akkamii geessisa? Mata dureen kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.
BITOOTESSA 12-18, 2018
17 Waaqa Waan Hundumaa Qabuuf Kennaa kan Kenninu Maaliifi?
Wanti qabnu hundi Yihowaa irraa kan argame dha. Taʼu iyyuu, Yihowaan qabeenya keenyatti fayyadamnee hojii jaarmiyaan isaa hojjetu akka deggerru nu irraa eega. Mata dureen kun, wanta qabnuun Yihowaa kabajuu keenyaan kan fayyadamnu maaliif akka taʼee fi akkamitti akka taʼe ibsa.
BITOOTESSA 19-25, 2018
22 Jaalala Akkamiitu Gammachuu Dhugaa Argamsiisa?
BITOOTESSA 26, 2018–EBLA 1, 2018
27 Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru Argaa
Mata dureen jalqabaa, gammachuu dhugaan kan argamu jaalala sobaa “guyyoota dhumaa” keessatti mulʼatuun utuu hin taʼin Waaqayyoon jaallachuudhaan kan taʼe akkamitti akka taʼe ibsa. (2 Xim. 3:1) Mata duree lammaffaan, amalawwan namoonni guyyoota dhumaa argisiisan, amalawwan tajaajiltoota Waaqayyoo irraa faallaa kan taʼan akkamitti akka taʼe ibsa.