LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w18 Amajjii ful. 32
  • Kana Beektaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kana Beektaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kunoo, Garbichi Yihowaan Jaallatu Isa Kana!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • “Seerri Yihowaa Mudaa hin Qabu”
    Yihowaatti Dhihaadhu
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
w18 Amajjii ful. 32

Kana Beektaa?

Dhugaawwan buʼuuraa Seera Musee falmii guyyaa guyyaadhaan namoota gidduutti uumamu hiikuuf Israaʼel durii keessatti hojii irra ni oolu turanii?

EEYYEE, yeroo tokko tokko ni oolu turan. Fakkeenya tokko ilaali. Keessa Deebiin 24:14, 15, “Ati obboloota kee keessaa yookiis galaa kellaa mandaroota biyya keetii keessa jiraatu keessaa isa hiyyeessaa fi dhabaa qacaramee hojjetu hin cunqursin! . . . Waaqayyotti si iyyatee kun cubbuu akka sitti hin taanetti” jedha.

Suphee caccabaa

Caccabaa suphee, iyyannoon hojjetaan maasii iyyate irratti barreeffame

Barreeffamni iyyannoo dhimma akkanaa ilaalchisee Dh.K.D. jaarraa torbaffaatti barreeffame tokko argameera. Innis kan argame naannoo Ashdooditti ture. Iyyannoon kun nama maasii keessa hojjetuu fi midhaan hamma galchuu qabu utuu hin galchin hafeera jedhamee himatame tokkoof kan qophaaʼe fakkaata. Iyyannoon suphee irratti barreeffame kun akkana jedha: “Erga ani tajaajilaan kee [iyyataan sun] guyyaa muraasa dura midhaan galchuun na irraa eegamu galchee xumuree booda, Hooshaayaahuu ilmi Shoobaayi dhufee uffata ana tajaajilaa keetii fudhate. . . . Hiriyoonni koo warri aduu saafaa keessa na faana hojjechaa oolan hundi . . . wanti ani jedhe dhugaa taʼuu isaa ragaa baʼuu dandaʼu. Ani balleessaa tokko illee hin qabu. . . . Bulchaan uffata tajaajilaa keetii deebisiisuuf dirqamni akka isa irra hin jirre yoo itti dhagaʼame illee, gara laafinaan kakaʼee naaf haa raawwatu! Tajaajilaan kee yommuu qullaa deemu callistee ilaaluu hin qabdu.”

Barreessaan seenaa Simoon Shaama jedhamu, Iyyannoon kun, ‘rakkina hojjetaan tokko uffata isaa deebifachuu irratti isa mudate caalaa waan nutti himu akka qabu’ dubbateera. Akkasumas, “Iyyannoon kun iyyataan sun seera Kitaaba Qulqulluu, keessattuu qajeelfama kitaaba Lewwootaa fi Keessa Deebii keessatti hiyyeessota gara jabinaan qabuu ilaalchisee kenname akka beeku ibsa” jedheera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi