Baafata Mata Duree
3 Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Maayaanmaar
FULBAANA 3-9, 2018
7 Eenyu Biratti Beekamummaa Argachuu Barbaaddu?
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun addunyaa hamaa kana biratti beekamti argachuu barbaadu. Mata dureen kun beekamummaa hunda irra caalu, jechuunis beekamummaa Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif kennu argachuu irratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsa. Kana malees, Yihowaan yeroo tokko tokko karaa matumaa hin eegamneen akkamitti beekamummaa akka kennu mariʼanna.
FULBAANA 10-16, 2018
12 Iji Keessan Eessa Ilaalaa Jira?
Mata duree kana keessatti, Museen inni nama amanamaa ture mirga Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf qabu kan dhabe maaliif akka taʼe balʼinaan ilaalla. Akkasumas Museen cubbuu akkamii akka hojjetee fi nutis dogoggora wal fakkaatu raawwachuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
FULBAANA 17-23, 2018
17 “Yihowaa Cinaa kan Dhaabbatu Eenyu?”
FULBAANA 24-30, 2018
Ilmaan namootaa hundi kan Yihowaa waan taʼaniif isaaf amanamoo taʼuu qabna. Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko Waaqayyoof amanamoo akka taʼan kan dubbatan taʼus isaaf utuu hin ajajamin hafaniiru. Mata duree isa jalqabaa irratti, seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Qaayin, Solomoon, Musee fi Aaron dubbatan irraa barumsawwan barbaachisoo baranna. Mata duree isa lammaffaa irratti immoo, mirga kan Yihowaa taʼuuf arganneef dinqisiifannaa akka qabnu karaawwan adda addaa kamiin argisiisuu akka dandeenyu baranna.
27 ‘Akaakuu Namootaa Hundatti’ Gara Laafina Argisiisuuf Carraaqqii Cimaa Godhaa