Baafata Mata Duree
ONKOLOOLESSA 29, 2018–SADAASA 4, 2018
3 “Isin Wantoota Kana yoo Beektanii fi yoo Hojii Irra Oolchitan Gammadoo Dha”
Beekumsi yoo itti fayyadamuu baanne faayidaan isaa xiqqoodha. Taʼus, wanta baranne hojii irra oolchuun gad of qabuu gaafata. Mata dureen kun fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu warra namoota gosa hundumaaf lallabanii, warra kaaniif kadhatanii fi Yihowaan tarkaanfii akka fudhatu obsaan eeggatanii hordofuudhaan gad of qaboo taanee akka jiraannu nu jajjabeessa.
8 Kiristiyaanonni Maanguddoota Taatan—Yihowaan Amanamummaa Keessaniif Iddoo Guddaa Kenna
SADAASA 5-11, 2018
12 Jaalala Nama Ijaaru Argisiisuu Keessan Itti Fufaa
Yeroo rakkisaa taʼe kana keessatti salphaatti abdii kutachuu ykn rakkoowwan jireenyaatiin mooʼamuu dandeenya. Yihowaa fi Yesuus rakkinoota kana dandamachuuf nu gargaaru. Taʼus, hundi keenya wal jajjabeessuuf itti gaafatamummaa qabna. Mata dureen kun jaalalaan wal ijaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa.
SADAASA 12-18, 2018
17 Warri “Waaqa Gammadaa” Tajaajilan Gammadoo Dha
Yihowaan Waaqa gammadaa dha, sabni isaas gammadoo akka taʼan barbaada. Addunyaa Seexanaa keessatti qorumsii fi rakkinni nu mudatus gammadoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus Lallaba Gaaraa irratti gorsa ammas taʼe barabaraaf gammadoo akka taanu nu gargaaru kenneera.
SADAASA 19-25, 2018
23 Hundumaa kan Dandaʼu Taʼus Namaaf Yaada
SADAASA 26, 2018–MUDDEE 2, 2018
28 Namaaf Yaaduu fi Gaarummaa Argisiisuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
Addunyaa namoonni caalaatti ofittoo taʼaa deeman keessatti gumiin Kiristiyaanaa jaalala argisiisuudhaan adda taʼee mulʼata. Karaan jaalalli akkanaa kun itti argisiifamu tokko warra kaaniif yaaduudhaan siʼa taʼu, mata dureen lamaan kun waaʼee kanaa ibsu. Jalqaba irratti warra kaaniif yaaduudhaan Yihowaan fakkeenya gaarii kan taʼe akkamitti akka taʼe ilaalla. Achiis karaawwan qabatamaa fakkeenya isaa hordofuu itti dandeenyu tokko tokko ilaalla.