Waan of Murteessineef Wajjin Waltaanee Jiraachuu
1 Kan cuuphamte dhihoottis ta’u turus gochi barbaachisaan jireenya kee keessatti raawwatame kun kan irraanfatamuu miti. Cuuphaan barabaraaf Yihowaa tajaajiluudhaaf qophaahuu keenya kan ittiin argisiisnu tarkaanfi isa duraati malee isa dhumaa miti. (1 Yoh. 2:17) Waadaa gallee wajjiin waltaanee jiraachuun maal maal dabalataa?
2 Fakkeenya Kristos hordofaa: Yesus akkuma cuuphameen waayee ‘misiraachoo mootummaa Waaqayyoo labsuudhaan hojii isaa jalqabe.’ (Luq. 3:23; 4:43) Haaluma walfakkaatuun yeroo Yihowaadhaaf of murteessinee cuuphamnee jalqabee misiraachoo kana labsuudhaaf filatamneerra. Wantoota jireenyaaf nubarbaachisan argachuudhaaf yeroo fi humni dabalataan nu barbaachisus hojiin keenya inni guddaan garuu tajaajila kristiyaanummaa keenyaati. (Mat. 6:33) Namoonni fedha Yihowaa guutuuf of murteessan qabeenyaa fi beekamummaa hordofuu mannaa, akkuma ergamaa Phaawulos tajaajila isaanii kan kabajan ta’uu qabu. (Rom. 11:13) Yihowaa tajaajiluudhaaf mirga addaa siif kenname kana kabajuudhaan isa ol ol gochuuf itti fayyadamtaa?
3 Akkuma Yesus jedhe nutis ‘Seexanaan mormuu’ qabna. (Yaq. 4:7) Yesus akkuma cuuphameen Seexanni isa qoruu jalqabe; akkasumas namoota Yihowaa tajaajiluudhaaf of murteessan irratti akeekkata. (Luq. 4:1-13) Kan jiraannu adduunyaa Seexanaan qabame keessa waan ta’eef wanta sammuu keenyaa fi yaada garaa keenyaa xureessu irraa eegamuudhaaf of adabuu danda’uu qabna. (Fak. 4:23; Mat. 5:29, 30) Kristiyaanonni “maaddii ‘Yihowaa’ fi maaddii hafuurota hamoo irraa” akka hin hirmaanne gorfamaniiru. (1 Qor. 10:21) Kunis bashannana qulqulluu hintaanerraa, hiriyyummaa gadhee irraa fi ergaa gadhee intarneetitti darbu irraa of eeguu akkasumas meeshaalee barumsi gantootaa itti darbu of irraa fageessuu gaafata.Wantoota kanneeni fi mala Seexanni itti fayyadamu kan biraa irraas of eeguun keenya waan of murteessineef sanaa wajjiin waltaanee jiraachuuf nu gargaara.
4 Qophii Waaqayyoo Irraa Fayyadamaa: Waadaa gallee wajjiin waltaanee jiraachuu akka dandeenyu nu gargaaruuf Yihowaan Sagalee isaa fi gumii Kristiyaanaa nuuf qopheesseera. Macaafa qulqulluu dubbisuu fi kadhaadhaan Yihowaatti dhihaachuu qaama jireenya kee yeroo hundaa taasisi. (Iya. 1:8; 1 Tas. 5:17) Wal gahiin gumii kan si gammachiisu haa ta’u. (Far. 122:1) Namoota Yihowaa sodaatanii fi isaaf ajajamanii wajjin walitti dhufeenya qabaadhu. —Far. 119:63
5 Gargaarsa Yihowaatiin waadaa galtee wajjiin waltaatee bara baraaf isa tajaajiluudhaan gammaddee jiraachuu nidandeessa.—Far. 22:26, 27; Filp. 4:13