LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/03 ful. 1
  • “Qophaa’oo Ta’aa!”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Qophaa’oo Ta’aa!”
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Isaan Kana Caalaa Na Jaallattaa?”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Yerootti Akkamitti Akka Fayyadamtan Ilaalladhaa
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Dhimmoota Hafuuraa Irratti Xiinxaluu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Yeroo Keessanitti Akka Gaariitti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 11/03 ful. 1

“Qophaa’oo Ta’aa!”

1 Yesus raajiisaa isa guddaa keessatti waa’ee dhuma barichaa yeroo dubbatu yaaddoo jireenyaatiin akka hin dhiphanne akeekkachiiseera. (Mat. 24:36-39; Luq. 21:34, 35) Rakkinni guddaan yoom akka jalqabu waan hin beekamneef gorsa Yesus: “Qophaa’oo ta’aa! Ilmi namaa Yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa” jechuudhaan kenne fudhachuu qabna. (Mat. 24:44) Kana gochuuf maaltu nugargaaruu danda’a?

2 Yaaddoofi Waan Qalbii Fuudhurraa Fagaachuu: Wantoota karaa hafuuraa kiyyoo nutti ta’aniifi irraa of eeguu qabnu keessaa inni tokko ‘yaaddoo jireenyaati.’ (Luq. 21:34) Biyyoota tokko tokkotti, hiyyummaan, hojii dhabuuniifi wanti hundi mi’aa ta’uunsaa wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuun rakkisaa akka ta’u godheera. Biyyoota biraattimmoo waan jireenyaaf barbaachisu argachuun salphaadha. Waa’ee qabeenyaa qofa yaaduun Mootummattirratti akka hin xiyyeeffanne nutaasisuu danda’a. (Mat. 6:19-24, 31-33) Walga’iiwwan gumii, Mootummattiirratti akka xiyyeeffannu nugargaaru. Walga’iiwwan hundaarratti argamuudhaaf karoora baafatteettaa?—Ibr. 10:24, 25.

3 Addunyaan har’aa kun wantoota qalbii keenya hataniifi yeroo keenya salphaatti fudhataniin kan guutamedha. Televijiiniin, fiilmii ilaaluun, bashannanni, kitaabota bu’aa hin qabne dubbisuuniifi ispoortiin yeroofi humna wantoota hafuuraatiif oolchinu nujalaa fudhatu. Bashannanuun yeroodhaaf gammachuu nuukennuyyuu maatiidhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuun garuu faayidaa bara baraa nuu argamsiisa. (1 Xim. 4:7, 8) Guyyaa hunda Sagalee Waaqayyoorratti xiinxaluuf yeroo ni ramaddaa? —Efe. 5:15-17.

4 Jaarmiyaan Yihowaa sagantaa qajeelfama hafuuraa itti argannu nuuqopheessuudhaan, ‘ilma namaa dura dhaabachuudhaaf humna akka argannuu’ waan nugargaartuuf hammam galateeffannaa! (Luq. 21:36) Qophii kanarraa guutummaatti haafayyadamnu; amantiin keenya “guyyaa Yesus Kristos itti mul’achuuf jiru sanatti, jajamee guddinaa fi ulfina akka argatutti” ‘qophaa’oo haa taanu.’—1 Phe. 1:7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi