LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/04 ful. 3
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2004
km 1/04 ful. 3

Beeksisa

◼ Barreeffamawwan raabsaman Amajjii: Kitaabolee bara 1988 dura maxxansaman keessaa kan gumichi qabu kamiyyuu. Kanneen keessaa tokkoyyuu gumiin keessan hin qabu taanaan, gumiin ollaa keessan ta’e kan irraa hafu yoo qabaate gaafadhu. Gumiiwwan kitaabolee turan kana hin qabaanne, kitaaba Ingiliffaa Maankaayinds Sarchi for Good jedhamu raabsuu danda’u. Guraandhala: Kitaaba Raawwiin Mul’ataa Inni Guddaan Dhihaateera jedhamu. Bitootessa: Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqiin addaa ni godhama. Namoonni barreeffamawan kana kanaan dura qabu taanaan, kitaaba Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu raabsuu dandeessu. Ebla: Qeenxee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Namoota fedhii qaban deddeebitee yeroo gaafattu, warra Ayyaana Yaadannoorratti ykn walga’iiwwan gumii kaanirratti argaman, garuu kan dammaqinaan sochii Ti’ookraasiirratti hin hirmaannes deebi’ii gaafadhu. Kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa jedhamu raabsaa. Keessumaammoo, namoota kanaan dura kitaaba Beekumsaa ykn brooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaada? jedhamu qayyabataniif, kitaaba kanaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqiin ni godhama.

◼ Haasawaan sabaa haaraan Bitootessaa jalqabee ilaaltuu olaanaatiin dhihaatu, matadureensaa “Wantoonni Jireenya Keessan Keessatti Iddoo Guddaa Laattaniif Maalfa’i? ” kan jedhu ta’a.

◼ Gumiiwwan Ayyaana Yaadannoo Dilbata, Ebla 4 erga biiftuun lixxee kabajamuuf qophii mijaa’aa gochuu qabu. Tarii Itoophiyaa giddu galeessaatti haasawichi dursee sa’aatii 12:15⁠tti jalqabamuyyuu, wayiniifi maxinoon utuu biiftuun hin lixin naana’uu hin qabu. Sa’aatii biiftuun itti lixxu beekuuf namoota haala qilleensaa beekan gaafadhaa. Guyyaa sanatti walga’ii tajaajila dirree malee walga’iiwwan biraa waan hin godhamneef, qayyabannaan Masaraa Eegumsaa guyyaa gara biraa akka godhamu haala mijeessuu qabdu. Ilaaltonni olaanaa, haala gumichaa tilmaama keessa galchanii sagantaa walga’iisaanii sirreessuun isaan barbaachisa. Yoo danda’ame, gumiiwwan hundi Ayyaana Yaadannoo kana mataa mataasaaniitti akka kabajan isaan jajjabeessina. Galma Mootummaa tokkotti gumiiwwan hedduun kan fayyadamaa turan yoo ta’e, galgala sanaaf iddoo walga’ii biraa barbaadatu ta’a. Kan ayyaanicharratti argaman hundi saganticharraa guutummaatti fayyadamuu akka danda’an, kan danda’amu yoo ta’e, sagantaawwan gidduutti daqiiqaan 30 utuu dhiifamee gaarii ta’a. Keessummoota fiduufi geessuu dabalatee, iddoon konkolaataan itti dhaabatus xiyyeeffannoo keessa galuu qaba. Qaamni jaarsolii qindaa’inni gumichaaf mijaa’aa ta’u kam akka ta’e ni murteessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi