Yerootti Akkamitti Akka Fayyadamtan Ilaalladhaa
1 Yeroo har’aa meeshaawwan yeroofi humna qusatan baay’inaan ni argamu. Haata’u malee, namoonni hedduun waan hojjetan baay’ee akka qabaniifi, waan sana hojjechuuf garuu yeroo xiqqoo qofa akka qaban dubbatu. Wantoota hafuuraa amala godhachuun ulfaataa sitti ta’eeraa? Tajaajilaaf yeroo dabalataa argachuu barbaaddaa? Yeroo keenyaan karaa gaarii ta’een fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?—Far. 90:12; Filp. 1:9-11.
2 Wantoota Yeroo Kee Fudhatan Addaan Baasii Beeki: Hundi keenya yeroo keenyatti akkamiin akka fayyadamnu yeroo hunda of qorachuu qabna. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan nu akeekkachiisa: “Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa!” (Efe. 5:15, 16) Odeeffannoowwan teeknoolojiirraa argamaniif dursa kennuun rakkoo maal akka fidu hubadhu. Koompiitarriifi meeshaawwan elektiriikii kaan, faayidaa qabu, yeroo keenyaan sirriitti fayyadamuuf kan hin ilaallanne yoo taane garuu kiyyoo nutti ta’uu danda’u.—1 Qor. 7:29, 31.
3 Tokkoon tokkoon keenya akkas jechuudhaan of gaafachuu qabna: ‘Raadiyoodhaan do’iifi sagantaawwan adda addaa dhageeffachuudhaan yeroo baay’ee nan dabarsaa? Ollaawwan koo warra hin amanne wajjin guyyaa hundumaa buna nandhugaa? Sagantaawwan cidhaa, qayyabannaa dhuunfaa, tajaajila koo ykn walga’iiwwan miidhuu qabuu? (1 Xim. 5:13) Wantoota akkasii kana hordofuun, utuu nutti hin beekamin jabina karaa hafuuraa qabnu nuduraa balleessuu danda’u.—Fak. 12:11.
4 Yeroo Kessanitti Sirritti Fayyadamaa: Meeshaaleen elektiriikii yeroofi xiyyeeffannaa keenya fudhatu. Dargaggeessi tapha koompiitaraa taphachuurratti yeroo baay’ee dabarsaa ture tokko akkas jedheera: “Yeroo tokko tokko, gara tajaajilaa ykn gumii deemuu koo dura, yoon taphadhe, yaada koo sassaabuun baay’ee na rakkisa. Kanin yaadu gara manaa deebi’ee akkamitti dandeetti koo foyyeessu akka danda’u ture. Sagantaan qayyabannaa dhuunfaa koofi dubbisni Macaafa Qulqulluu koo hubamee ture. Waaqayyoon tajaajiluudhaan gammachuun argadhu hir’atee ture.” Jijjiirama gochuu akka qabu hubachuudhaan, taphoota koompiitaraa hundumaa ni balleesse. “Kun baay’ee ulfaataa ture, hamman yaadu caalaa taphni kun araada natti ta’ee ture. Haata’u malee tarkaanfii akkasii fudhachuun koo akka nafayyadu waanan hubadheef miira injifannootu natti dhaga’ame” jechuudhaan ibseera.—Mat. 5:29, 30.
5 Karaan itti sirreeffama gochuu qabdu yoo jiraate, akkuma dargaggeessa kanaa tarkaanfii fudhachuun sibarbaachisa ta’a. Sochiiwwan barbaachisaa hin taanerraa guyaatti daqiiqaa soddoma argachuu dandeessaa? Guyyaa guyyaatti sa’aatiin walakkaa arganaan, waggaa tokkotti guutummaa Macaafa Qulqulluu dubbistee fixuu dandeessa. Kun karaa hafuuraa akkamitti kan nama kiisu ta’aa! (Far. 19:7-11; 119:97-100) Macaafa Qulqulluu dubbisuuf, walga’iidhaaf qophaa’uuf, akkasumas tajaajilarratti hirmaachuuf sa’aatii murtaa’e ramadi. (1 Qor. 15:58) Kana gochuun kee, wantoota yeroo kee fudhatan to’achuufi “jaalalli gooftaa maal akka ta’e” hubachuuf si dandeessisa.—Efe. 5:17.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yeroo har’aa namoota hunda rakkoo akkamiitu mudata?
2, 3. Odeeffannoowwan teeknoolojii ammayyaarraa argaman rakkoo maalii geesiseera? Tokkoon tokkoon keenya of qorachuu kan dandeenyu akkamitti?
4. Dargaggeessi tokko sirreeffama akkamii godheera, maaliif?
5. Wantoota hafuuraa hordofuuf yeroo argachuu kan dandeenyu akkamitti? Akkas gochuu keenyaan faayidaa maalii arganna?