LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/04 ful. 1
  • Yihowaa Isa Namoota Wal Hin Caalchifne Fakkaadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaa Isa Namoota Wal Hin Caalchifne Fakkaadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Daandiiwwan Isaa Hundi Haqa Qabeessa Dha”
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • ‘Haqa Raawwachuudhaan’ Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Yesuus ‘Lafa Irratti Haqa ni Fida’
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Yihowaan ‘Dhugaa Ni Baasa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 7/04 ful. 1

Yihowaa Isa Namoota Wal Hin Caalchifne Fakkaadhaa

1 ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu.’ (HoE. 10:​34, 35) Kanaafuu, biyyi lafaa qajeelaa hin taane kun akka balleeffamu kan murteesse ta’uyyuu, jalqaba akeekkachiisni akka kennamuuf qophii godheera. (Mar. 13:10) Kun namoonni qalbii jijjiirrachuufi badiisarraa ooluu akka danda’an carraa kennaaf. (2 Phe. 3:⁠9) Nuhoo Yihowaa isa namoota wal hin caalchifne fakkaachuuf carraaqaa jirraa? Rakkinniifi dhiphinni dhala namaarra ga’u abdii Mootummattii warra kaaniif hiruuf nu kakaasaa? (Fak. 3:​27) Namoota wal qixxeessinee ilaaluun keenya, hojii lallabaarratti dammaqinaan hirmaachuuf nu kakaasa.

2 Utuu Wal Hin Caalchisin Lallabaa: Wal caalchisa tokko malee namoota hundaaf waa’ee kaayyoo Yihowaa lallabuudhaan, “wanta qajeelaa ta’ee fudhatame hojjechuu” dandeenya. (Mik. 6:⁠8) Gonkummaa dhabuu keenyaan kan ka’e, akkanumatti bifa namootaa ilaaluudhaan dursinee isaanitti faraduurraa of eeguu qabna. (Yaq. 2:​1-4, 9) Yihowaan “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u in fedha.” (1 Xim. 2:⁠4) Dhugaan Sagalee Waaqayyoo, jireenya namootaarratti jijjiirama dinqisiisaa fiduu danda’a. (Ibr. 4:​12) Kana beekuun keenya, namoota hundumaa, warra kanaan dura nu dhaga’uu didanillee dubbisuuf nu kakaasuu danda’a.

3 Obboleettiin suuqii keessa hojjettu tokko, haala maamila yeroo hundumaa dhufu tokkoo ilaaltee isa sodaatti turte. Ta’uyyuu, haala mijaa’aa ennaa argattu, Jannata ilaalchisee abdii Waaqayyo kenne itti himte. Innis seenaa qabatamaa hin taanetti akka hin amanneefi hiippii (nama haala jireenyaa namootaarraa adda ta’e jiraatu) ta’uusaa, akkasumas araada qorichawwan balaa namarraan ga’aniin kan qabame akka ta’e dhugaasaa itti hime. Isheen garuu abdii hin kutanne. Gaaf tokko, waa’ee mataasaa isa dheeraa maal akka itti dhaga’amu yeroo ishee gaafatu, kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu malaan itti himte. (1 Qor. 11:14) Guyyaa itti aanutti, areedasaa haaddatee rifeensa mataasaa gabaabsatee ennaa argitu baay’ee gammadde! Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akka godhamuuf gaafate; obboleessi isa qayyabsiisus qayyabannaa sana geggeessuutti baay’ee gammada ture. Achii, guddina argisiisee of murteessuudhaan cuubame. Akkuma namicha kanaa, namoonni yeroo har’aa Yihowaa tajaajilaa jiran wal caalchisni jiraachuu dhiisuusaatiin, akkasumas namoonni ergaa Mootummattii itti himan carraaqqii walirraa hin cinne gochuusaaniitiin baay’ee galateeffatu.

4 Dhihoo kanatti Yihowaan guutummaa lafaarraa jal’ina hundumaa haxaa’ee balleessa. (2 Phe. 3:​10, 13) Yeroo muraasa hafe kana keessatti, badiisa biyya lafaa hamaa kanarratti dhufu jalaa akka ba’an hamma dandeenye carraa kennuufiidhaan Yihowaa isa nama wal hin caalchifne haa fakkaannu.​​—⁠1 Yoh. 2:​17.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi