Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Hagayya 30, 2004, jalqabutti kan afaaniin irratti mar’iatamu dha. Daawwataan ol aanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan gaaffiiwwan irra deebii torban Adooleessa 5 hanga Hagayya 30, 2004, irratti hundaa’udhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhunfaatti qorannaa godhi.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula. 36-7 ilaali.]
AMALAWWAN HAASAWAA
1. Abdii keenya ilaalchisee yommuu ibsa laannu, “arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis” gochuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Phe. 3:15) [be ful. 192 key. 2-4]
2. Shakkii malee dubbachuun kan barbaachisu maaliifi? (Rom. 8:38, 39; 1 Tas. 1:5; 1 Phe. 5:12) [be ful. 194]
3. Waan dubbannurratti shakkii akka hin qabaanne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 195 key. 3–ful. 196 key. 4]
4. Malaan dubbachuu jechuun maal jechuudha? Barbaachisaa kan ta’ehoo maaliifi? (Rom. 12:18) [be ful. 197]
5. Namni mala qabeessa ta’e, dubbachuusaa dura maal yaada? (Fak. 25:11; Yoh. 16:12) [be ful. 199]
HAASAWAA LAK. 1
6. Haasawaan keenyaafi qayyabannaan Macaafa Qulqulluu dhuunfaa keenyatti goonu karaa hafuuraa hangam akka guddanne kan argisiisu akkamitti? [be ful. 74 key. 3–ful. 75 key. 2]
7. Yaadni “baricha bitaa” jedhu maal kan argisiisudha? Kana gochuuhoo kan dandeenyu akkamitti? (Efe. 5:16 [1899]) [w02 11/15 ful. 23]
8. Caqasiwwan Macaafa Qulqulluu, namoonni hundinuu Waaqayyo duratti wal qixxee ta’uusaanii kan mirkaneessan akkamitti? Kunoo tajaajila keenya kan tuquu qabu akkamitti? [w02 1/1 ful. 5, 7]
9. Maqaan Uumaa keenyaa inni Yihowaa jedhu hiika maalii qaba? [w02 1/15 ful. 5]
10. Aarsaan Abeel dhiheesse akka “kan Qaayin irra caalu” kan godhe maalidha? “Aarsaa galataa” dhiheessinu ilaalchisee kanarraa barumsa akkamii arganna? (Ibr. 11:4; 13:15) [w02 1/15 ful. 21-22 key. 6-8]
DUBBISA MACAAFA QULQULLUU KAN TORBANII
11. Lewwoonni 18:3 waan sirriifi dogoggora ta’e ilaalchisee, ilaalcha dogoggoraa akka hin qabaanne nu gargaaruu kan danda’u akkamitti? (Efe. 4:17-19) (w02 2/1 ful. 29)
12. Ayyaana guyyaa shantamaffaa (Phenxeqosteetti) ‘buddeen lamaan’ “aarsaa sochoofamuuf’ hangafa lubootaatiin dhihaatu, maal kan argisiisudha? (Lew. 23:15-17) [w98 3/1 ful. 13 key. 21]
13. Halalummaan akka Lakkoobsa boqonnaa 5rratti ibsamee jiruu yoo raawwatame, dubartiin tokko ‘gudeednishee kan raamma’u’ akkamitti? (Lak. 5:27) [w84 4/15 ful. 29]
14. Miiryaamiifi Aaron, Museen intala warra Kuush fuudhuusaatiin kan isarratti ka’an maaliifi? (Lak. 12:1)
15. “Macaafa lolaa isa kan Waaqayyoo” kan jedhame maalidha? (Lak. 21:14)